Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 4ffaa—Furmaata

    Hundumaattuu, dhalli namaa baduun, biyya lafaa kan Waaqayyo uume, rakkinni, dhukkubnii fi duuti kan itti dhufe isa balleesseef karaan ba’umsaa akka hin jirre waan hubataniif, Samiin gaddaan guute. Maatiin Addaamiin hundumaa du’uutu eeggate.SA 45.1

    Yeroo kana Yesus karaan ba’umsaa kan badiisi itti dhufe dhala namaatiif akka qophaa’e macca ergamootaa sanatti beeksise. Abbaa isaa kadhachaa akka turee fi ofii isaa furii taasisee akka of kenne isaanitti hime. Murtii du’aa sana ofirratti akka fudhatu karaa isaa sanyiin namaa dhiifama akka argatu isaanitti dubbate. Karaa dhiiga ofii isaa fi seera Waaqaaf abboomamaa ta’uu isaatiin ayyaana Waaqayyoo argachuudhaan ishee bareedduu Jannata sanatti deebi’anii, muka jireenyaa sanattii nyaachuu danda’u.SA 45.2

    Yesus isaan duratti karoora fayyinaa sana bane. Dheekkamsa abbaa isaa fi yakka namootaa gidduu dhaabachuuf akka jiruu cubbuudhaa fi tuffii baachuuf akka jiru, haa ta’u immoo malee muraasni qofti akka Ilma Waaqayyootti akka isa fudhachuuf jiran isaanitti hime. Guutummaan namootaa isa in jibbani, isa didanis. Ulfina isaa hundumaa Samiitti dhiisee, akka nama tokkootti lafa gubbaatti in mul’ata, akka nama tokkoottis gadi of qaba; shaakala mataa isaatiin qoramsa baay'ee argee in qorama.SA 46.1

    Dhuma irratti, akka barsiisaatti tajaajila isaa erga raawwatee booda harka warra hamootaatti kennamuudhaan hammina Seexannii fi duuka-buutonni isaa nama irraan ga’uu danda’an hundinuu isa gub-baatti ni raawwatama. Akka yakkamaa isa hun-dumaa irraa hammaatuutti waaqaa fi lafa gidduuutti fannifamuudhaan, yeroo dhiphinaa keessa darbuudhaa fi ergamoonni illee ilaaluu waan hin dandeenyeef ija isaanii kan aguuggatan du’a dhukubsaa hundumaa irra hammaatu in ajeefama. Dhiphina qaamaa qofa utuu hin taane dhiphinni qaamaa kan ittiin hin qixxaanne dhiphina sammuu dhiphateera.SA 46.2

    Ulfaatinni cubbuu guutummaa lafa irraa hundinuu isa irra in ta'a. Du’ees guyyaa sadaffaatti akka ka'uu fi samii gara abbaa isaattis akka ol ba’uu akkasumas cubbuu kan hojjetan Ilmaan namaaf akka araarsu isaanitti himee ture.SA 47.1

    Tokkicha Karaa Fayyinaa :-Ergamoonni isa duratti gugguufanii sagadaniiruuf. Jireenya isaaniis aarsaa godhaniiru. Du'a isaatiin, jireenyi ergamootaa oolchuu kan hin dandeenye namoota hedduu akka oolchu Yesus dubbateera. Jireenya isaa qofatu abbaan akka furii Ilmaan namootaatti fudhatama. Isa booddee warri inni oolche isaa wajjiniin ta’u, du'uu isaatiin namoota baay'ee furee, humna du’aa isa qabu Seexana immoo baleessa. Abbaan Isaa mootummaa fi guddina mootummaa waaqaa jala jiran hundumaa isaaf in kenna, inni bara baraan isaan qabaata. Samiis, ishee qulloofte lafa haaraas lammata akka hin jeeqneef Seexannii fi cubbamoonni in badu.SA 47.2

    Garuu ergamootaaf immoo dhiphina isaa keessati Ilma Waaqayyoo kan boqochiisu gargaarsa jajjabinaa akka kennaniif ol ba’uudhaa fi gadi bu’uudhaan akka isas tajaajilaniif gahee hojii isaaniif kenneera. Akkasumas immoo, dukkana Seexannii fi ergamoonni hamoon naannoo isaaniitti darbatan irraa ayyaanicha in eegu. Warra badan oolchuuf jecha seera isaa jijjiiruun Waaqayyoof hin danda’amu. Kanaaf kan jaallatu tokkicha Ilma isaa daddarbaa isaaniif dabarsee kenneef.SA 47.3

    Nama cubbuutti kuffisuu isaatiin, Ilmi Waaqayyoo Samii teessoo ulfnaa isaa akka dhiisee dhufu waan taasisef Seexanni ammas ergamoota isaatii wajjin in gammadan. Yommuu Yesus bifa namaa isa kufaa uffatu immoo isa in moona waan ta'eef, karoora fayyinaa irraa in ittifna jedhee ergamoota isaatti dubbata.SA 48.1

    Addaamii fi Hewwaan hamma guyyaa seera Waaqaa cabsanii cubbuu hojjetanii keessaa ba’aniitti kan itti gammadan dhaabaa Eden sana keessaa Salphinaa fi gadda hamma kana hin jedhamneen ba’an. Haalli qilleensaa in jijjiirame. Akka yeroo cubbuun hin turinii kan hin jijjiiramne ta'uun hin jiru. Dhaamocha fi ho’ina isaa itti ba'an isaan irraa ittisuuf Waaqayyo wayyaa gogaa irraa tolfame itti uwwise.SA 48.2

    Kan hin Jijjiiramne Seera Waaqaa:-Sababii abboomamuu dhiisuu fi Kufaatii Addaamii fi Hewwaaniif isa dheekamsi Waaqayyoo nama hundumaa irratti dhufe guutummaa Samiitu boo’e. Waaqaa wajjin adeemuu irraa citani jeequmsa abdii hin qabne keessa galan.SA 49.1

    Seerri Waaqayyoo, bu’uurri mootummaa isaa waaqaa fi lafa gubbaatti akkuma Waaqayyoo kan qulqulla’e waan ta’eef Waaqayyo daddarbamuu seera isaatiif jireenya ergamootaa iyyuu fudhachuu hin daneenye. Ilaalcha isaa duratti seerri isaa ergamoota naannoo teessoo isaa jiran caala baay'ee barbaachisaadha. Abbaan, nama bakka kufaatii isaatti qaqqabuuf jecha seera isaa dhabamsiisuus ta'e, irraa hirrisuu hin danda'u. Garuu llmi Waaqayyoo warri abbaan wajjin isaaniin uume, Waaqayyoon biratti fudhatamaa kan ta’e, lubbuu isaa aarsaa kennee dheekkamsa abbaa isaa baachuudhaan gatii baasuu in danda’a. Ergamoonni Addaamiif akkuma cubbuun isaa du’aa fi badiisa fide Yesus Kristos immoo jireenya hin duune akkanni fidu odeeffannoo kennaniiruuf.SA 49.2

    Mil”uu Fuula Durattii:-Waaqayyo wantoota barbaachisoo gara fuula duraatti yeroo inni Edenii ba’ee jalqabee hamma bishaan badiisaatti, itti fufee isa duraatti dhufa Kristos, gara biyya lafaa, Addaamitti mul’iseera. Jaalalli inni Addaamii fi sanyii isaatiif qabu Ilma Waaqayyoo gadi butee akkanni bifa namummaa uffatu, gadi of qabuu isaa kanaan immoo kan isatti amanu hundumaa akkanni ol qabu taasise.SA 50.1

    Aarsaan akkasii guutummaa biyya lafaa fayyisuu danda’eera. Karaa aarsaa dinqisiisaa isaanii kanaa fayyina isaniif kenname kan fudhatan namoota muraasa qofaa dha. Garri caalaan namootaa waamicha waan isaan irraa eegamu guutanii fayyina guddaa kana fudhachuu hin barbaadan. Qalbii jijjiirrannaa fi abboomamuu amantiidhaan aarsaa Waaqayyoo isa isaaniif dhi’aate irratti irkachuu irra seera Waaqaa irra daddarbuu fi cubbuu filatan. Aarsaan kun kan isa fudhate warqee qulqulluurra caalaatti gati jabeessa gochuu kan danda’u gatii dhuma hin qabne akkasii qaba.SA 50.2

    Kennaa Aarsaa:-Akka ajaja addaa isa Waaqayyo biraatti, yeroo Addaam cubbuu isaaf aarsaa dhi’eessetti, isaaf sirna baay’ee dhukkubsaa ture. Harki isaa Waaqayyo qofti kan kennuu danda’u lubbuu baasee aarsa dhi'eessuutu irra ture. Miidhamaa dhiigaa jiru sana yommuu kasu, du’aaf dhidhiitachaa isa jiru sana, inni amantiidhaan Ilma Waaqayyoo achi ilaallachaa ture; innis isa horiin qalame sun itti fakkeeffame, akka aarsaa sanyii namaatti isa du'u sana ture.SA 51.1

    Kennaan sirna waaqeffannaa kun, kan Waaqayyo bu’uuresse itti fufiinsaan Addaamiif yaadachiiftuu yakka fi cubbuu ofii isaaf qalbii akkanni jijjiirratu kan argisiisu ture. Gochi lubbuu baasuu kun dhimma daddarbaa isaa keessatti miira gadi fagoo ta’e kenneef, innis du’a Ilma namaa gaditti kan isa dhiqu akka hin jirre kan argisiisuudha. Gaarummaa dhuma hin qabnee fi jaalala dorgomaa hin qabne isa nama yakkamaa fayyisuuf furii kenname kana dinqisiifate. Addaam Hoolaa mudaa hin qabne sana ajjeesaa yommuu jiru dhiiga Ilma Waaqayyoo harka isaatiin dhangalaasaa waan jiru itti fakkaata ture. Dhugummaatti Waaqayyoof jiraatee seera Isaa isa qullaa’aaf abboomameera utuu ta’ee duuti namaas kan bineeldaas hin jiraatu ture. Garuu kennaa aarsaa, isa guddaa fi guutuu, aarfamuu Ilma Waaqayyoo sana keessa, guutummaatti abdii dhabuu irraa isa na boqochiisu urjii abdii jireenya dukkanaa isa fuula duraa ibsuu danda’utu jira.SA 51.2

    Jalqabuma irraa mataan maatii hundumtuu akka geggeessaa fi luba mana ofii isaatti ilaalama ture. Booda keessa immoo, akka qomoon namaa lafa ir-ratti baay’achaa adeemeen, namoonni addumaan Waaqayyo kaa’e sirna waaqeffannaa kana namootaaf raawachaa turan. Sammuun cubbamootaa dhiiga horii qalamuu kanaa, dhiiga Ilma Waaqayyoo wajjin wal bira qaban. Duuti horii qalamuu, gatiin cubbuu du’a akka ta’e namni hundinuu akka beekuuf ture. Gocha aarsaatiin cubbamoonni cubbuu isaanii beeksifatanii aarsaa isa guddaadhaa fi guutuu, aarsaa Yesus Kristos ta’e isa horiin qalamu sunuu itti fakkeeffame sana eeggachuuf amantii isaanii argisuuf ta’a. Aarsaa Ilma Waaqayyoo sana malee, eebbi yookiin fayyinni Waaqayyoon biraa cubbamaatti darbus hin jiraatu. Ulfina seera isaa ol qabuu irratti dhimmamaa dha. Seera Waaqayyoo irra daddarbuun sodaachisaa kan ta’e gargar ba'uu Waaqaa fi cubbamaa gidduutti uuma. Waaqayyo yeroo Addaam hin yakkin sana kallattiidhumaan bilisa ta’ee uumaa isaa wajjin akka haasa'u godhee ture. Erga inni cubbuu hojjetee garuu. Gooftaan dhala namaa wajjin kan walquunnamu karaa Kristosii fi ergamoota isaa ta’e. SA 52.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents