Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 13ffaa—Bilisummaa

    Boqonna kanaa fi warra itti aanan keessatti, barreessichi waan fuula duratti ta'u. garuu akka waan darbeetti hennaa darbeen ibsa, akka ragaatti waan arge dubbata.SA 211.1

    Yeroon araaraa cufamuu Isaa:-Ergaan ergamaa sadaffaa yeroo cufamaa jiru, humni Waaqayyoo ijoollee isaa irra in qubate. Hojii isaanii raawwatanii yeroo dhiphina isaaniin dura jiruuf qophaa’an. Bokkaa boodaa fudhatanii yookiin immoo argamuu Waaqayyootiin haara'anii dhuga-ba’umsi jiraataan haara’e. Inni guddaan ergaan akeekkachiisaa dhuma iddoo hundumaatti dhaga'amee jiraattota lafaa warra ergicha hin fudhatin, hundumaa raasee.SA 211.2

    Samii keessatti ergamoonni olliif gadi ariifatanii in deddeebi’u turan. Ergamaan qalama ittiin barreessan of biraa qabu tokko lafaa deebi’ee Yesusitti hojjiin isaa akka xumurame gabaase. Warri fayyan lakkobsi itti godhamee mallatteeffamaniiru jedhe. Kana booddee Yesus, inni saanduqa kakuu, isa abboommii kurnan baatu duratti tajaajilu, qodaa ixaanichaa lafa buuse. Harka isaa ol kaasee sagalee guddaadhaan “in raawwatame!” jedhe. Ergamoonni hundinuu yommuu Yesus labsii kabajamaa kana dubbatu gonfoo isaanii of irraa fuudhanii “Inni waan jal’aa hojjetu, jal'aadhuma isaa haa hojjetu, inni xuraa’aan ittuma fufee of haa xureessu; inni waan qajeelaa hojjetu, qajeelaadhuma isaa haa hojjetu, inni Waaqayyoof qulqullaa’e isumaaf haa qulqullaa’u” Mul 22:11.SA 211.3

    Jireenyas ta’e du’a, wanti hundinuu murtaa’aadha. Yesus mana qulqullummaa keessatti tajaajilaa yommuu ture, firdiin toloota du’aniif, akkasumas toloota jiraniif ta'aa ture. Kristos mootummaa isaa in fudhate, saba isaaf araara gochuudhaan cubbuu isaanii irraa haxaa'e. Kaayyoon mootummaa sanaa in xumurame. Cidhi Gaa’ela Hoolichaa in raawwa-tame. Akkasumas mootummichi fi guddinni mootummichaa guutummaa samii jalatti Yesusi fi dhaalatota fayyinaatti kennamee Yesus akka Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaatti in mo’a.SA 212.1

    Yesus akkuma iddoo qulqulluu qolqullootaatiii ba’een, qaacilli wayyaa isaarra jiru in qaacile; akkuma inni ba’een dukkanni duumessaa jiraatota lafaa hundumaa in aguuge. Nama isa cubbuu godhee fi isa yakkame Waaqa gidduu dhaabattuun hin jiru. Yesus Waaqayyoo fi nama isa yakka hojjete gidduu yommuu dhaabate namoota gubbaa of qusannaatu ture. Waaqa abbaa fi sanyii namaa gidduudhaa yommuu ba’e garuu, of qabuun sun ka'ee, warra qalbii jijjiirrachuu didan guutummaatti jiruu irra oolche.SA 213.1

    Yesus mana qulqullummaa keessatti tajaajilaa utuu jiru dha’ich ga’uun waan hin danda’amne ture, garuu akkuma hojiin isaa inni iddoo sanaa xumurameen, araarsuun isaas dhaabateen. dheekkamasa Waaqayyoo dhaabuu kan danda’u hin jiru dheekkamsaan cabee waan jala dhokatan kan hin qabne mataa cubbamoota yakkamoo, warra ifa fayyinaa ifata jibbamaa godhan irratti dhangala’a, yeroo sodaachisaa akkasii. Yesus hojii namaaf kadhachuu yommuu raawwatu, sabni Waaqayyoo, warri Macaafni qulqulluun toloota jeddhee waamu, ija Waaqayyo qulqulluu dura gidduu-dhaabattuu malee jiraatu. Wanti hundumtuu raawwatamee calleen hundinuu lakkaa’ameera.SA 213.2

    Yeroon kan Baay’ee itti Darbe:-Sana booda Yesus wayyaa lubummaa isaa ofitti baasee, wayyaa mooyummaa isaa, isa caalu in uffata. Mataa isaatti gonfoo baay'eetu ture; gonfoon tokko isaa kaan keessa galfamee ture. Dha'ichi jiraattota lafaa gubbaatti bu’aa ture. Kaan kaan isaanii Waaqayyoon arrabsanii Isas in abaaru. Kaan immoo gara saba Waaqayyootti fiiganii, akkamittiin firdii isaan duraa akka jalaa ba’an akka barsiisan in gaafatan. Garuu toloonni isaaniif homaa hin qaban. Imimmaanni cubbamootaa inni dhumaa bu’ee, kadhannaa dhiphisaa inni dhuma dhi'aateen ,ba'aan dhumaa baatamee, akeekkachiis dhumaas kenname. Sagaleeen araaraa inni bareedaan lammata isaa hin afeeru. Toloonnii fi guutummaan samii, fayyina fedhiin yommuu eegan, isaan ofiif fedhii hin qabaanne. Jirrenyi fi Duutii isaaniin dura kaa'ameetu ture. Baay’een jireenya filatanii garuu immoo isa argachuuf yaalii hin goone. Jireenya hin filanne, yommus garuu dhiigni yakka qulleessu hin turre. “Yeroo muraasaaf cubbamoota dhiisi, dhiisi” jedhee kan isaaniif dhimmee iyyee isaaniif kadhatu hin jiru. Samiin hundumtuu dubbii sodaachisaa, “ta’eera! raawwatameera! Jedhu yommuu dhaga’an sana, Yesus wajjin walitti dabalamaniiru. Karoorri fayyinaa raawwatamee, garuu namoota muraasa qofatu fudhachuu filate. Kan araaraa sagaleen gariin yommuu du’aa adeeme, sodaa fi yaaddoon cubbamoota qabate. Sodaachisaa kan ta’e sagalee hubatamaadhaan “Yeroon baay’ee darbe! Yeroon baay’ee darbe!” kan jedhan jechoota dhaga’an.SA 214.1

    Baay”een cubbamoonni isa sodaachisa dhiphina dha’icha sanaan yommuu dhiphifaman guddaa aaranii gubatan. Maatiin baay’ee hadhaa’ummaadhaan ijoollee isaanii in komatu, ijoolleenis maatii isaanii, obboloonni obboleettota isaanii, obboleettonnis oboboloota isaanii komatu. Sagaaleen iyya boo’ichaa kallatti hundumaan in dhag’ama. “Si’iim dhugaa isa silaa yeroo dhiphisaa kana ana oolchu kana, akkan hin fudhanneef kan na taasise.” Namoonni tajaajiltoota isaaniitti garagalanii. “ati nu hin akeekkachiifnneem, biyya lafaa guutummaatti jijjiiramti jettan; warra nu akeekkachiisan keessabaatotaa fi warra nu balleessuuf ka’an namoota hamoodha jettan” jechuudhaan jibba cimaadhaan isaaniin in komatu. Garuu tajaajiltoonni sun iyyuu dheekkamsa Waaqaa jalaa hin baane. Dhiphinn kan isaanii kan saba warra kaanii irra dacha kudhan guddata.SA 215.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents