Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 14ffaa—Firdii

    Miliini’eem/Waggoota kuma tokko/ sana:-Lafa kana irratti, cubbamoonni balleeffamaniiru, reeffi isaaniis irra lafaatti kufee jira. Dha’icha torbaffaa keesatti, dheekkamsi Waaqayyoo, warra lafa irra jiraatanitti dhufeera dhukkubbii isaanii irraan kan ka’e Waaqayyoon abaaruudhaaf kan arraba isaanii ciniinan turan. Sagalee Waaqayyootiin toloonni erga bilisoomanii booda, baay’ee kan ta’an cubbamoonni dheekkamsaan walitti deebi’an. Lafti lolaa dhiigaatiin kan guutte fakkaattee, reeffi namaa gama tokkoo hamma gama isa kaaniitti jira ture.SA 228.1

    Lafti akka lafa onaa, duwwaa ta’eera. Magaalonni fi mandaroonni kirkira lafaan raafamanii, tuulamanii ciisaa turan. Gaaronni bakka isaaniitii, holqa gurguddaa hanbisanii buqqifamaniiru. Dhagoonni caccaban galaanaan darbatamanii, kanaachi lafuma irra gara gaggalanii lafa gubbaa tattamsa’aniiru. Mukeetiin buqqifamanii galaana irra faca’aniiru. Kun bakka jireenyaa, Seexanaa fi ergamoota isaa waarra hamoo waggoota kumaaf keessa jiraataanii dha. Qaama lafaa manca’e kana keessa olii fi gadi jooree waan fincilli isaa seera Waaqa irratti godhe ilaaluuf in dirqama. Waggoota kumaa tokkoof firii abaarsa uumeetti gammaduuf in danda’a.SA 228.2

    Qofaa isaa lafatti hidhamuudhaan carraa addunyaa biraa dhaquu filachuu fi warra hin kufin wallaalchise gaddisiisuu hin argane. Yeroo kana, Seexanni baay’ee qorama cimaatiin qorama. Yeroo kufaatii isaatii eegalee, amalli isaa inni gadheen itti fufiinsaan kan dhimma itti ba’amaa tureedha. Garuu waggoota kuma kana keessatti humni isaa irraa fudhatamee, yeroo kufaatii isaatii jalqabee waan hojjechaa ture akka argisiisuuf dhiifamee, fuula isaa duratti immoo raafamaa fi naasuudhaan waan gadhee hojjete hundumaaf yeroo dhiphifamu in eeggata, cubbuu cubbamoota hojjechiise hundaafis in adabama.SA 229.1

    Eragmootaa fi toloota fayyan biraa akka meeshaalee muuziqaa kumaatamaa kan ta’e sagaleen mo’ichaa in dhaga’ama; sababiin isaas, Seexanni lammaffaa isaan dhiphisee isaan hin qoru waan ta’ee fi gara jiraattota addunyaa biraattis argamuu fi qoruun isaaf hin kennamne waan ta’eef gammadu.SA 229.2

    Yesusii fi toloonni fayyan, teessota irra taa’anii, toloonni Waaqayyoof akka moototaa fi lubootaatti mo’an. Kristos, Saba isaatii wajjin, hojii isaniif galmaa’ee jiru, dubbii Waaqayyoon wal bira qabanii ilaaluudhaan, warra cubbamootaatti in faradu. (Mul.20:4-6 ilaalaa). Cubbamoota gahee isaan dhiphachuu qaban irratti, akka hojii isaanii isa galmee du’aa keessatti maqaa isaanii duratti barreeffamee jiruutti, walii galan.SA 230.1

    Yesusii fi Toloonni seexanaa fi ergamooota isaatti in faradu. Adabbiin kan Seexanaa kan warra ofii wallaalchisee irra dachaa kudhan cimaa in ta’a. Dhiphinni kan isaa kan warra kaniin madaaluun kan hin danda’amne baay'ee guddaadha. Warri inni wallaalchise erga adabamanii booda Seexanni jiraatee kan warra Sanaa irraa calaa yeroo dheeraaf in dhiphata.SA 230.2

    Firdiin cubbamoota du’anii erga raawwatee booda, dhuma waggaa kuma tokkootti, Yesus magaalichaa ba’ee, toloonniif ergamoonni isa marsanii jiran isa faana in bu’uu. Yesus gaara guddaa tokko irratti gadi in bu’a, akkuma miilli isaa gaaricha xuqeenis, caccabee bakkee diriiraa ni ta'a. Kana booddee isheen guddoonii fi bareedduun magaalattiin, kutaa ishee kudha lamaa fi balabaloota ishee kudha lamaanii wajjin, karaa tokkoon balbaloota sadii fi ergamaa tokko kan qabdu, ol samiidhaa in mul”atu. Warri fayyifaman “Magaalattii! Magaalaa ishee guddittii! Samii Waaqayyo biraa dhufaa jirti!” jechuun in iyyu turan. Surraa fi ulfna isheetiin dhuftee iddoo guddaa Yesus isheef qopheesse irra in qubatti.SA 231.1

    Du’ aa Ka’uu Lammaffaa:-Kana booddee Yesusii fi kan isa marsan ergamoonni qulqulluun, akkasumas toloonni fayyan, magaalicha gadi dhiisan. Ergamoonni ajajaa isaanii nanna’anii karaa isaatti, isa faana bu’anii, toloonni fayyan hiriiraan isaaniin hordofan. Achii booda Yesus surraa isaa isa sodaachisaadhaan cubbamoota du'an waame, jireenyatti deebise. Haala ajaa'ibaa akkamii ti! Warri du’aa ka’uu jalqabaatti kaafaman qaama hin duuneen kaafaman; garuu du’aa ka’uu lammaffaatti warra kaafaman mallattoo abaarsaatu isaan irraa mul”ata ture. Mootonnii fi Sooreyyiin biyya lafaa, hiyyeeyyii fi gad-deebi’oon, kan baratanii fi kan hin baratin walii wajjin owwaalcha keessaa kaafaman. Namootumti isa tuffatanii isatti qoosan, warri gonfoo qoraattii adda isaa, isa qulqulluu sanatti kaa’anii uleen isa rukutan, amma ulfina mootummaa isaatiin isa argan.SA 231.2

    Yeroo qorama isaa sana kan isatti tufan, amma kan nama uru mil”anaa fi ulfina fuula Isaa duraa fuula deeffatan. Warri harkaa fi miilla isaa keessa mismaara fullaasan amma mallattoo fannifamuu Isaa in argan. Warri cinaacha Isaatti eeboo galchan, mallattoo gocha hamminaa qaama isaa irratti raawwatan in argan. Inni Isuma isaan fannisanii, utuu inni immoo dhiphina du’aa keessa jiru itti ga’isan ta’uu Isaas in beekan. Kana boodas, fuula Mootii moototaa fi Gooftaa gooftotaa duraa dhokachuuf utuu yaalanii iyyi dheeraan tokko dhaga’ame.SA 232.1

    Hundumtuu isa sodaachisaa ulfina isaa isuma sanaan dura tuffatan jalaa miliquudhaaf, dhagoota keessa dhokachuu barbaadu. Akkasumas, isa guddaa ulfinaa fi surraa Isaatiin na’anii isa dhukkubsaa sagalee isaanii wal faana ol-fudhatanii baay’ee hubatamaa akkaataa ta’een “maqaa Waaqayyootiin kan dhufu eebbifamaadha! “jedhan.SA 232.2

    Kana booddee Yesusii fi ergamoonni qulqulloon ammas toloota fayyan hundumaa wajjin gara magaalichaa dhaqan: iyyii fi boo’ichi hadhaa’aan cubbamoota badanii qilleensa keessa guute. Ammas Seexanni hojii isaa eegale. Warra booji’amtoota isaa kana gidduu adeemee, dadhaboota humna hin qabne jaboo isaaniin taasisee, anii fi ergamoonni koo jaboodha isaaniin jedha. Lakkoobsi isaanii mili’oona baay’ee kan ta’an warra du’aa kaafaman walii isaaniitti in argisiisa. Ogummaa ga’u kan qaban jajjabdoota loltootaa fi moototata warra mootummoota mo’atan turan. Namoota jajabootaa fi jannoota takkaa lola irratti mo’atamanii hin beekinetu jira ture. Dhi’aachuun isaa kan mootota hollachiisu, gara kuteessaa fi of tuulaa isa ture Naapooli'oon achi keessa jira. Namoota dhedheeroo fi kabajamtoota mo’icha utuu dheebotani dirree waraanaatti kufantu ture. Seexanni ergamoota isaa wajjin, akkasumas mootota kana wajjin maree godhe. Isaanis nannoo isaanii kan jiran jajjabootaa fi baayyina lakkoobsa isaanii yommuu ilaalan warri magaalattii keessa jiran waan lakkoobsaan muraasa itti fakataaniif mo'achuu hin dadhabnu jedhanii itti himan.SA 233.1

    Gowwoomsaan Seexanaa fiixaan ba’eefii battalumatti lolichaaf of qopheessuu jalqaban. Namoota baay'ee sana keessa namoota ogummaa qaban baay'eetu jira; akkaataa lolaa hundumaa qopheessaniiru. Seexanni dura-bu'aa isaanii ta’ee, sabni sun fuula duratti in adeeme. Mootonnii fi loltoonni Seexanatti siqanii in adeeman, hordoftoonni kutaa kutaadhaan isaaniin faana bifan. Kutaan hundinuu. geggeessaa mataa isaa qaba, tooraan fuula lafa caccabe sana irratti Magaalaa qullooftuu sana loluuf hiriiran. Yesus balbala magaalaa Sanaa cufe, loltoonni hoomaa waraanaa kanaa marsanii, toora lolaatiin rukuttaa guddaa ofi irratti eegaa, of qopheessan.SA 234.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents