Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 12ffaa—Mana Qulqullummaa

    Haara’umsi warra Protestaantii baay’ee kan ta’e dogoggora Roomaa beeksisuuf dhaabbate. Warri Protestaantiis waan biroo fudhatanii waan Macaafa Qulqulluu irratti argamu didan. Jaarraa 19ffaa keessa, dhufaatii Kristos isa lammaffaatti fedhii barattoota kitaaba qulqulluu dhaabbata amantii garaagaraa fi biyyoota garaagaraa hedduun keessatti guddate. Baay’een namootaa jaarraadhuma sana gara jalqabaa keessa ta’a jedhanii eeggatan.SA 204.1

    Yeroon sun keessumaa Ameriikaa, bakka hordoftoonni isaa “Adventistoota” jedhamanii beekamanitti, jabaa ture. Yeroo raajii isa Dan.8:14 irratti hundaa’uudhaan, innis waa’ee qulleeffamuu mana qulqulluummaa, Yesus 1844 dhufee biyya lafaaqulleessa jedhanii eeggatan. Kun hin ta’in yommuu hafe kaan kaan isaanii sun maaliif akka ta’e beekuuf Macaafa Qulqulluu qaorachuu jalqaban.SA 204.2

    Mana Qulqullummaa Lafaa fi isa Samii:-Qorannaa kana keessatti, barattoonni Kitaaba Qul-qulluu fedhiin qoratan kun, manni qulqullummaa lafaa akka abboommii Waaqayyootti Museen kan ijaare “inni fakkeenya bara si’anaati, kennaa fi aarsaa kan dhi’eessinu” Ibr.9:9. ta’uu isaa barataniiiru. Kutaan isaa warri qulqulluun lamaan, “wanti akka isa Waaqa irraatti gargalfaman” ta’uu isaa baran; innis Kristos hangafni lubaa keenya “inni godoo qulqullaa’aa sana keesssatti, godoo namni dhaabes miti, godicha isa dhugaa, Waaqayyo Gooftaan dhaabe sana keessatti angafa lubootaa ta’ee in hojjeta.”Ibr. 9:23, 8:2SA 205.1

    Manni Qulqullummaa Samii keessaa, inni Yesus keessatti bakka keenya tajaajilu, isa guddichaa fi isa inni Museen ijaare irraa garagalfamee dha. Akkuma manni qulqullummaa inni lafa gubbaa kutaa lama qabu, iddoo qulqulluu fi iddoo hundumaa caalaa qulqulluu, akkasuma egaa mana qulqullummaa isa samii keessas kutaa qulqulluu lamatu jira. Akkasumas sanduqi kakuu Seera Waaqayyoo baatu, iddoon aarsaa Ixaanaa, akkasuma meeshaaleen tajaajilaaf oolan mana qulqullummaa lafaa keessa jiran, fakkaattii isaa, isa olii keessas jiru sanaati. Mul’ata qulqulluutti Yohaannis mana qulqulluu samii akka lixuuf dhiifamee ture. Kanaafuu inni achitti, ibsaadhaa fi baattuu ibsaa, iddoo aarsaa ixaanaa argee ture. ” Manni qulqullummaa Waaqayyoo banamanii,” akkasumas immoo, “saanduqa kakuu isaas argee ture.” Mul.4:5, 8:3, 11:19.SA 205.2

    Namoonni warri dhugaa barbaadan, dhimma manni qulqullummaa samii keessa jiraachuu irratti mirkaneeffannoo shakkii hin qabne argatan. Museen aman qulqullummaa lafaa akka fakkeenya Waaqayyo isatti argisiiseetti hojjete. Phaawulos immoo fakkeenyich mana qulqullummaa isa dhugaa, kan waaqa keessa jiru ta’uu isaa dubbate. Ibr. 8:2, 5. Yohaannisis sana samii keessatti akka arge dhugaa ba’eera.SA 206.1

    Dhuma guyyaa 2300 sanatti, bara 1844, jaarraa hedduudhaaf manni qulqullummaa lafa gubbaa hin turre. Kanaaf iyyuu manni qulqullummaa qul'aa’uuf dubbatame “hamma ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadiitti in tura; kana booddee iddoon qulqullaa’aan sun qajeeltootti in deebifama” Dan 8:14. Manni Qulqullummaa samii akkamittiin qulleeffamuu barbaade? Ammas gara sagalee Macaafa qulqulluutti deebi'uudhaan, barattoonni sagalee raajii xuraa’ummaa qaamaa baasuu akka hin taane beekan; dhiigaan qulqulleeffama waan ta'eef cubbuu ittii qulleessuu ilaallata jechuun hubatan. Ergamichi “egaa wanti akka isa waaqa irraatti garagalfaman kun isaan kanaan qulleeffamuun in ta'aaf; warri waan dhugaa ta'anii Waaqa irra jiran garuu ofii isaaniitii aarsa isaa kana irra caalanuun qulleeffamuu isaan barbaachisa.” Ibr.9:23.SA 206.2

    Raajiin waa’ee isaa kan dubbatu qulqullinaa caalaatti beekuuf, tajaajila Mana qulqullummaa Samii beekuu isaaniin barbaachise. Kanas kan isaan baruu danda’an tajaajiloota mana qulqullummaa lafaa irraa ti; sababiin isaas Phaawulos luboonni warri mana qulqullummaa lafaa kana keessatti hojjetan “garagalchaa fi gaaddidduu wantoota waaqaa turan” jedhee dubbata Ibr. 8:5.SA 207.1

    Mana Qulqullummaa Qulqulleessuu:-Bara durii, dhiiga horii aarsaa cubbuu dhi’aatuun, cubbuun namootaa akka fakkkeenyaatti, mana qulqullummaatti darbaa ture, akkasuma, dhuguma cubbuun keenya gara mana qulqullummaa waaqaatti dhiiga Kristosiin in darba. Akkuma manni qulqullummaa durii cubbuun isa faale, isa keessaa baafamuudhaan raawwatu, akkasuma egaa inni dhugaan qulleeffamuu samii kan raawwatamu cuubbuun keenya inni achitti galmaa’ee baafamuu yookiin haqamuudhaan ta’a. Kun immoo, eenyu karaa qalbii jijjiirrannaa fi amantii bu’aa gati cuubbuu issaniif baafame fayyadamaa akka ta’e beekuuf galmeen sakatta’amuu barbaada. Kanaaf iyyuu qulleeffamuun mana qulqullummaa kan inni of keessaa qabaatu hojii sakatta’iinsa firdii ti. Kanaafuu hojiin kun dhufaatii Kristosiin dura inni saba isaa fayyisuu dhufuu Isaan dura raawwatamuutu barbaachisa. (Mul 22:12)SA 207.2

    Kanaaf iyyuu, warri ifa sagalee raajii dursa isaaniif kenname faana bu’an, dhuma guyyoota 2300, 1844 gara biyya lafaa dhufuu utuu hin taane, Kristos iddoo teessoo Waaqayyoo mana qulqullummaa samaattii iddoo hundumaa irra qulqulluu sana seenee, hojii araarsuu isa dhumaa itti raawwatu godhee dhufa isaaf kan itti qophaa’uu dha.SA 208.1

    Ergaa kabajamaa:-Kristos iddoo hundumaa irraa qullaa’aa , mana qulqullummaa waaqaa sana yommuu seene, hojii dhiifama cubbuu raawwachuuf tajaajiltoota isaatti ergaa araaraa tokko biyya lafaaf akka kennamuuf kennateetu seena. Kanaadha ergaan akeekkachiisaa kan ergamaa sadaffaa Mul, 14 kees-saa. Raajichi labsii isaatti aansee battalumatti kan arge isa Ilmi namaa minaan lafaa makaruuf ulfina isaan dhufaa jiruudha.SA 209.1

    Wanti guddaan sodaachisaan namoota du’a jala jiraniif himamu ergaa ergamaa sadaffaa keessa kaa’ameetu jira. (Mul 14:9-12). Dheekkamsa Waaqayyoo isa araarri itti hin makamin wanti gadi buusu cubbuu cimaa ta’uu qaba. Dhimma cimaa kana ilaalchisee namoonni dukkana keessatti hin hafan. Akeekkachiisi cubbuu kana irratti utuu firdiin Waaqayyoo hin dhufin in kennama, namoonni firdiin kun maaliif akka barbaachise beekuudhaan jalaa ba’uuf carraa akka argataniif.SA 209.2

    Wallaansoo guddicha keessatti, gareen hubatamoon waliin faallaa ta'an in argamu. Gama tokkoon bineensichaa fi fakkeenya isaatiif kan sagadani mallattoo isaa adda isaaniitti, yookiin harka isaaniitti kan fudhatan, akkasumas, erga ergamaa sadaffaatiin waan akkeekkachiifame firdii sodaachisaa sana mataa isaaniitti kan fidan in dhaabatu. Gareen warri kaan immoo, hubatamaa kan ta’e warra biyya lafaa wajjin kan gargar ta’an “abboommii Waaqayyoo warra eegan, amantii Yesusis warra qabanii”dha. Mul. 14:9, 12. SA 209.3

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents