Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Wal’aansoo Isa Guddaa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Dursituu

    Dubbistootaa, kitaabni kun cubbuu, wowwaannaa fi dhiphinni addunyaa kana keessa jiraachuusaa nutti himuuf hin maxxanfamne. Isa kana hundi keenya gaarii goonee beekna. Kitaabni kun dukkanaa fi ifa gidduutti, cubbuu fi qajeelummaa gidduutti, dogoggoraa fi sirrii gidduutti, du’aa fi jireenya gidduutti wal’aansoon araaramuu hin dandeenye akka jiru nutti himuudhaaf hin maxxanfamne. Onnee keenya keessatti gadi fageessinee beekna. Waldhabdee kana keessattis hirmaattootaa fi taatota ta’uu keenyas ni beekna.WG 5.1

    akkasuma ta’ee utuu jiruu garuu waa’ee wal’aansoo guddaa kanaa beekuudhaaf hunduma keenya keessa hawwii guddaatu dhufa. Wal’aansoon kun akkamitti eegale? Ykn wal’aansoon kun itti fufeema jiraataa? Haala gaddisiisaa fi wal xaxaa isaa kana keessatti maalfaatu qooda fudhata. Achi keessatti ga’een koo maali? Ani gara biyya lafaa kanaa filannaa koo maleen dhufe. Sana jechuun anaaf hamaadha moo gaariidha jechuudha?WG 5.2

    Akkuma saayintistootni tokko tokko jedhan, lafti kun iddoo aduu hin beekne, cabbaa’aa, fi dukkana bara baraatti gadi liqimfamtii? Moo egeree wayyaa’utu jira?WG 5.3

    gaaffiin asuma dhiyaachaa adeema: lolli ofittuummaa keessakootti dhangala’uu fi jaalala warra kaaniif kennuu gidduutti onnee koo keessatti geggeeffamu akkamitti bara baraan hiikama? Kitaabni qulqulluun maal jedha? Waa’ee gaaffii bara baraa kana waaqayyo waan nu barsiisu maal qaba?WG 5.4

    dubbistootaa, kaayyoon kitaaba kanaa lubbuu gaaffii kanaan dhiphatte hundumaaf furmaata sirrii ta’e akka argattuuf gargaaruudha. Kan barreeffames, isa dhandhamee waaqayyo gaarii akka ta’e arge, kan waaqayyoo wajjin hariiroo qabaachuu shaakalee fi kan dubbii waaqayyoo qorachuudhaan iccita waaqayyo wajjin jiraachuu isaa baree fi waaqayyoon sodaatu, kan waaqayyo kakuu isaa itti mul’isuunidha.WG 5.5

    nuti qajeelfamoota wal’aansoo guddichaa barbaachisoo ta’an hunda, kan keessatti jireenyi hawwaa kanaa qooda fudhatu caalaatti akka hubannutti, barreessaan kitaaba kanaa barnoota jajjaboo jaarraa diddamman darbanii nu dura kaa’eera.WG 6.1

    kitaabni kun cufiinsa gaddisiisaa seenaa yerusaalemiin eegala, magaalaan waaqayyoon filatamte erga isheen nama qaraaniyoo isa ishee fayyisuudhaaf dhufe fudhachuu diddeen booda jechuudha. Yeroo sana irraa eegalee daandii sabootaa hundumaa keessatti, ari’atamuu ijoollee waaqayyoo jaarraa jalqabaa keessa raawwate; barsiisa sobaa guddicha sanaan booda waldaasaa keessatti ta’e; haara’umsa addunyaa dammaqse kana keessatti qajeelfamootni gurguddoon wal’aansoo guddichaa keessatti mul’ata; muuxannoo gaddisiisaa isa faransaay qajeelfamoota sirrii ta’an fudhachuu diduudhaan raawwatte; haara’umsaa fi ol kaafamuu kitaaba qulqulluu fi bu’aa isaa isa dhiibbaa jireenya fayyisuu argamsiise; dammaqina amantaa bara dhumaa; banamuu cufaa burqaa ifa dubbii waaqayyoo isa mul’ata ifaa fi beekumsaatiin dukkana barsiisa dogoggoraa hundumaa irratti gad-dhiifame.WG 6.2

    lolli amma nutti dhiyaatee jiru, qajeelfama barbaachisoo ta’an fayyadamuudhaan, karaa namni kam iyyuu kun na hin ilaallatu jechuu hin dandeenyeen, karaa salphaa fi ifa ta’een jabinaan kitaaba kana keessatti nuuf dhiyaatee jira.WG 6.3

    dhuma irrattis, mo’ichi ulfina qabeessaa fi bara baraa, kan gaariin hamaa irratti, qajeelaan dogoggora irratti, ifi dukkana irratti, gammachuun gadda irratti, abdiin harka kennuu irratti, ulfinni salpina irratti, jireenyi (bara baraa) du’a irratti, jaalalli hundumaa hammatu jibba hamaa irratti argatu nutti himameera.WG 6.4

    maxxansi jalqabaa isaa (1888), maxxansi lammaffaan (1911), kan ta’e maxxansi beekamaan kun afaan adda addaatti hiikamuu fi irra deddeebi’amee maxxanfamuudhaan guutummaa addunyaa keessa faca’eera. Namni kitaaba kana dubbisu akka barreessaan waan hundumaa sagalee waaqayyoo isa hin dabarre irratti hundaa’uudhaan dogoggora jiran hunda iftoominaa fi jabinaan dubbatee fi furmaata isaas kaa’e ni arga. Waggoota kurnan muraasa darban keessatti addunyaa hawwaas-amantaa keessatti jijjiiramni tokko tokko yoo mul’atan iyyuu caasaalee fi fuula duratti ni raawwatu jedhamanii kan kitaaba kana keessatti himaman warri ijoon gabatee yeroo bara kanaa kan hammatee jiruu fi fedhii namoota baayyee kan hawwatudha.WG 7.1

    maxxansi kitaaba kanaa inni jalqabaa lubbuu hedduu gara tiksee hoolotaa isa dhugaatti fideera; maxxansi inni kunis firii gaarii kan bara baraa akka argamsiisuuf kadhannaa maxxansiisotaati.WG 7.2

    maxxansisoota

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents