Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Wal’aansoo Isa Guddaa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 35—Balaadhaaf Saaxilamuu Walabummaa Sammuu

    Sirni amantii Roomaa yeroo isa kam irrayyuu caalaa yeroo ammaa kanaa Pirootestaantota biratti fudhatama argatee jira. Biyyoota sirni amantii Kaatolikii olaantummaa keessatti argatee hin jirree fi biyyoota Phaaphaasonni fudhatama argachuuf jecha sochii araaraa adeemsisaa jiran keessatti, waa’ee barsiisa amantii isa caasaa Phaaphaasii fi waldaatti haarofte garaagara taasisu irratti dhimma dhabdummaa guddaatu mul’ata. Tuqaalee ijoo ta’an irratti garaagarummaan nuti waldaa Kaatolikii wajjin qabnu akka yaadamee ture bal’aa miti waan ta’eef, yoo nuti gama keenyaan wantoota muraasa dhiifne Roomaa wajjiin walii galtee gaarii irra ga’uu ni dandeenya yaadni jedhuu Pirootestaantota biratti bu’uura jabaa argachaa jira. Yeroo Pirootestaantonni walabummaa sammuu isa wareegama guddaadhaan bitameef gatii olaanaa kennaan tureera. Roomaa wajjin tokkummaa uumuun Waaqayyoof amanamuu dhiisuu akka ta’ee fi phaaphaasii balaaleffachuu ijoollee isaanii barsiisanii turan. Amma garuu yaadni isaan qaban isa duraa caalaa hammam bal’inaan jijjiirameera!WG 412.1

    DeggertoonniPhaaphaasiiwaldaanarrabsamteetti (ceepha’amteetti) jedhanii dubbatu, Pirootestaantonni addunyaas dubbii isaanii kana fudhachutti luuca’aniiru. Baay’onni immoo, gochaa gara-jabinaa fi ciiggaasisaa isa ishee bara moo’icha ishee -jaarraa dukkanaa fi doofummaa- sana keessa hojjette ilaalanii waldaa ishee bara har’aa kanatti murteessuun haqa miti jedhanii dubbatu. Gochaan ishee inni suukanneessan sun sababa doofummaa fi gara-jabina bara sanaa ta’uu isaa sababeessanii, qaroomminni bara har’aa yaada ishee jijjiiruu isaa dubbatu.WG 412.2

    Namoonni kun, isa humni of-tuulaan kun waggoota dhibba saddeetiif kan hin dogoggorree fi mudaa kan hin qabne ta’uu isaa dhaadachaa ture ni irraanfatanii? Ilaalchi kun qooda iddoodhaa baduun isa irra ture, yeroo isa kam irra iyyuu caalaa jaarraa kudha salgaffaa keessa akka wanta sirrii ta’etti raggaasifamaa jira. Waldaan Roomaa akkana jettee dubbatti: “Waldaan tasa dogoggortee hin beektu; gara fuul-duraattis hin dogoggortu, akka Macaafni Qulqulluuttis tasa hin dogoggortu.” (John L. von Mosheim, Institutes of Ecclesiastical History, book 3, century II, part 2, chapter 2, section 9, note 17), Qajeelfama baroota darban keessa ittiin bulaa turte akkamitti ganuu fi dhiisuu dandeessi?WG 412.3

    Waldaan Phaaphaasii yoom iyyuu kan hin dogoggorre ta’uu ishee isa falmattu sana tasa hin dhiiftu. Warra sirna amantii ishee fudhachuu didan irratti ari’annaa geggeesite sana amma illee sirriidha jettee fudhatti. Utuu carraa argattee hojii akkasii irra deebitee hin hojjettuu? Mee dhorkaan (ittisni) mootummoota biyya lafaatiin godhamee jiru kaafamee Roomaan gara aangoo isheetti haa deebitu. Silaa ari’annaa fi gochaan gara-jabina ishee saffisa olaanaadhaan deebi’ee haara’a.WG 412.4

    Waa’ee bilisummaa sammuu ilaalchisee ilaalcha caasaan Phaaphaasii calaqqisiisuu fi milkaa’insa immaamata ishee irraa ka’ee balaa Ameriikaa eeggatu irratti barreessan beekamaan tokko akkana jedhee dubbate:WG 413.1

    “Sirna amantii Kaatolikii Roomaa biyya Ameerikaa keessa jiru sodaadhaan ilaaluudhaan, mankaraarsummaa (ricicummaa) fi bilchina dhabuu akka ta’etti kan lakka’an namoota danuutu jiru. Namoonni akkasii kun amalaa fi ilaalcha sirna Roomaa keessatti wantoota dhaabbatoota keenya warra bilisa ta’an irratti dinaa ta’an (miidhaa qaqqabsiisan) hin argan, yookiis babal’achuu ishee keessatti balaa tokko illee hin argan. Kanaaf iyyuu, mee sadarkaa jalqaa irratti imaammata mootummaa keenyaa warra bu’uraa fi imaammata sirna waldaa kaatolikii wal-bira qabnee haa madaallu.WG 413.2

    Seerri mootummaa Ameerikaa walabummaa sammuu raggaasisa. Wanti kana irra caalaa jaallatamaa fi bu’uura ta’es hin jiru. Phaaphaasii Piiyuus 9 ffaan, xalayaa Hagayyaa 15, bara 1854 barreesse irratti akkana jedhe: ‘Birmaddummaa sammuutiif ittisa gochuuf jecha barsiisni sobaa dhi’aatan hundinuu dogoggora badiisa olaanaa qaqqabsiisani dha — Ilbiisoota keessaa iyyuu isa badiisaa guddaa qaqqabsiisuu fi mootummaa birattis baay’isee sodaatamuu kan qabu dha.’ Phaaphaasiin kun, xalaayaa isaa Mudde 8, bara 1864 barreesse keessatti, ‘namoota walabummaa sammuu raggasisaanii fi mirga waaqeffannaa kabajan, akkasumas, waldaan walumaa galattii humna fayyadamuu hin qabdu’ warra jedhan hunda abaare.WG 413.3

    Sagaleen araaraa fi nagaa buusuu, inni karaa waldaa Roomaa biyya Ameerikaa keessatti dubbatamaa jiru jijjiirama onnee (yaada garaa) hin argisiisu. Waldaattiin ilaalcha wal-danda’uu kan isheen calaqisiiftu bakka aangoo (humna) hin qabne qofatti. Abuuniin O’Konnoor akkana jedhee dubbate: Bilisummaan amantii kan inni keesumsiifamu hanga gartuun faallaa kaatolikii addunyaa irratti bifa miidhaa hin qaqqabsiifneen socho’e qofaatti.’... Angafni Abuunii immoo si’a tokko waldaa Lowiis qulqulluu keessatti akkana jedhee dubbate: ‘Gantummaa fi amantii dhabuun yakka; fakkeenyaaf, biyyoota kiristiyaanummaa kanneen akka Xaaliyaanii fi Ispeen, bakka namoonni hundinuu hordoftoota amantii Kaatolikii ta’anii fi bakka amanitin Kaatolikii qaama seera biyyaa isa barbaachisaa ta’e jiru hunda keessatti akkuma yakka warra kaanii nama adabsiisa’….WG 413.4

    “Tokkoon tokkoo qeesii, dureen Phaaphaasii fi abuunii waldaa kaatolikii keesaatti argaman hundinuu amanamummaadhaan Phaaphaasiidhaaf kan bitaman (abbomaman) ta’uu isaanii agarsiisuudhaaf kakaa kakatan qabu. Kakaan kunis jecha akkana jedhu of-keessaa qaba: ‘Namoota gooftaa keenya (Phaaphaasii) fi warra fuul-duraatti bakka isaa bu’an kan ganan, gargar hiramuu kan fidanii fi isaan irratti fincila kan geggeessan hundumaa humnaan qabu maratti fayyadamee nan arii’adha, akkasumas isaaniin nan morma.” —Josiah Strong, Our Country, ch. 5, pars. 2-4.WG 413.5

    Hordoftoota amantii Kaatolikii Roomaa Keessa Kiristiyaanonni dhugaan jiraachuun isaanii dubbii dhugaadha. Namoonni waldaa sana keessaatti argaman kumaatamni isaanii amanamummaadhaan ifa isaaniif ifetti fayyadamanii Waaqayyoon tajaajilaa jiru. Sagalee Waaqayyoo dubbisuun isaaniif hin heyyamamu sababa ta’eef dhugaa adda baafatanii beekuu hin danda’an. Garaagarummaa tajaajila onnee jiraataa keessaa maddee fi waaqeffanna sirna amantii marsaa marsaadhaan deddeebi’ee dhufu gidduu jiru hin hubanne. Waaqayyo lubbuwwaan amantii gowwomsaa fi quubsaa hin taane kana keessatti barsiifamanii guddatan kana, akkauma isaan jiranitti o’aa fi gara-laafina guddaatiin isaan ilaala. Xiyyi ifa dhugaas dukkana gobbuu jireenya isaanii marsee jiru huree akka seenu ni taasisa. Dhugaa isa Kiristoos keessa jiru hundumaas akkuma inni Kiristoos keessa jirutti isaaniif ni ibsa. Baay’onni isaaniis dhaabbaanna isaanii saba Waaqayyoo wajjin godhachuuf jiru.WG 413.6

    Haa ta’u iyyuu malee, Roomaan akka sirnaatti yeroo ilaalamtu seenaa ishee kan baroota darbanii caalaa yeroo ammaa kana wangeela Kiristoosii wajjin tokkummaa hin qabdu. Waldoonni Pirootestaantii dukkanaa’ummaa guddaa keessa jiru, utuu akkas ta’uu baatee silaa milikkitoota yerichaa ni hubatu turan. Waldaan Roomaa kaayyoo fi tooftaa hacuuccaa isheetiin fagaattee adeemaa jirti. Isheen dhiibbaa fi humna ishee jabeessitee diriirsitee wallaansoo hamaa fi kutannoo jabaadhaan guutameetti seentee aangoo isa dur biyyaa lafaa irratti qabaachaa turte deebiifachuudhaaf, hojii ari’annaa ishee isa durii irra deebitee hundeessuu fi hojii haara’umsaa Pirootestaantonnii hojjetan mara duubatti deebisuuf jecha meeshaa isheedhaaf dandaa’ame mara hojii irra oolchaa jirti. Sirni Kaatoliikii kallattii hundumaan iyyuu hundee isaa jabeeffachaa jira. Biyyoota Pirootestaantii keessatti baay’inni waldaa fi manneetii sagada isheetii hammam dabalaa akka jiru ilaalaa. Kolleejjonni fi giddu galli barnoota (Seminaries) isheetii biyya Ameerikaa keessatti beekamtiin isaan qaban, bal’inaanis Pirootestaantotaan leelifaman (deggeraman) akka jiran ilaalaa. Biyya Ingilizii keessatti sirni amantii Yookaan ayyaneffannaa (Ritualisim) dabalaa adeemuu isaa fi baay’inni namoota waldaa biraa keessaa ba’anii Kaatolikummaatti dabalamaa jiraanii daran guddachuu isaa ilaalaa. Wantootni kun hundinuu garaa namoota warra qajeelfama wangeelaa isa qulqulluudhaaf iddoo olaanaa kennanii keessatti hinaaffaa dammaqsuu qaba.WG 414.1

    Pirootestaantonni eenyummaa sirna Phaaphaasii laafisanii ilaaluudhaan deggersa isheedhaaf kennaniiru; Isaan hanga Phaaphaasonni mataan isaanii hubachuu dadhabanii raajeffannoo olaanaadhaan ilaalanitti ejjennaa isaanii gadi dhiisanii harka kennanii araaramaniiru. Namoonni amala waldaa kaatolikii Roomaa isa dhugaa hubachuu fi balaa olaantummaan ishee hordofsiisuu danda’u ilaaluu irraa ija isaanii cufachaa jiru. Qaamni bilisummaa amantii fi mootummaadhaaf diina olaanaa ta’e kun galma isaa akka hin geenyeef namoonnii ittiin mormuudhaaf ka’uu qabu.WG 414.2

    Pirootestaantonni baay’een isaanii akka wanta amanitin Kaatolikii ofitti nama hin harkifneetti ilaalu. Akkasumas akka wanta sirni waaqeffannaa isaanii lubbuu of-keessaa hin qabnee fi calliseedhuma sirna hiikkaa hin qabneetti ilaalu. Isaan tuqaa kana irratti dogoggoraniiru. Sirni amantii Roomaa gowwomsaa irratti kan bu’ureeffame yoo ta’ellee, gowwomsaa dadhabaa fi humna of-keessaa hin qabne miti. Tajaajilli sirna amantii waldaa Roomaa baay’ee hawwisiisaa dha. Sirni amantii isaanii inni bifa ulfina qabeessa fi miidhagaa ta’een shoogamee dhi’aatu; miira namoota kan booji’uu, sagalee yaada sammuu namaa fi dandeetti sababeessuu sammuu namootaa kan callisisudha. Ijaarsi waldoota warri dinqisiisoo fi gurguddoo ta’an, akkaataan sochii yookaan adeemsa isaanii inni malaalchisaan, iddoowwan aarsaa warqee irraa hojjetaman, callee gati-jabeeyyiin calaqqissan, fakkiiwwan mimmidhagoo fi suuraawwan hawwisisoon dhagaa fi wantoota garaagaraa irraa bocamanii jiran hundinuu jaalala miidhaginaa nama keessatti dadammaqsu. Iji namootaas wantoota kan hundumaa ni raajeffata. Gurri namootas akkuma kana ni booji’ama. Sagaleen muuziqaa isaanii dorgomaa hin qabu. Rukkuttaa Orgaanii akka gaariitti qaanya’ameen sirreeffame irraa sagaleen dhagaa’amu, inni sagalee namoota hedduu wajjin wal-makee Kaateediraalota ishee warra gurguddoo keessaa dhagaa’amu sammuun namootaa ulfinaa fi kabaja akka kennu gochuuf isaaf hin dadhabamu. Agarsiisni fi sirni waaqeffannaa mimmiidhagaan bakkeedhaan mul’atu fi inni gammachuu sobaa namaaf kennee dharraa lubbuu cubbuudhaan dhukkubsattee qubsu kun xuraa’ummaa (manca’insa) keessoo agarsiisa. Amantiin Kiristoos garuu fudhatama argachuuf jecha miidhagina hawwisisoo akkasii hin gaafatu. Gatiin Kiristiyaanummaa dhugaa inni miidhagina bakkeetiin argisiifamuu hin dandeenye, ifa fannoo irraa ifu keessatti qulqulla’aa fi jaallatamaa ta’ee argisiifama. Waaqayyo biratti gatii kan qabu miidhagina qulqullummaa keessaa jiru, hafuura gad-of-deebisaa fi tasgabba’aadha.WG 414.3

    Sharbeen qareessummaa (siyaa’inaan dhi’aachuun) agarsiistuu yaada gaarii fi qulqullaa’aa miti. Yaadi aartii guddaa, qullaa’ummaan irra keessaa inni namatti tolu sammuu biyya lafummaa fi miiraan to’atame keessatti daran argamu. Wantootni kun, si’a baay’ee, akka namoonni wantoota lubbuu isaaniif barbaachisaa ta’e irraanfatan gochuuf, akka namoonni waa’ee gara fuul-duraa fi jireenya barabaraa ilaalcha sirrii dhaban gochuuf, akkasumas akka namoonni gargaaraa isaanii Isa barabaraa irraa fagaatanii fi biyya lafaa kanaaf qofaaf jiraatan gochuuf seexanaan hojii irra oolfamu.WG 415.1

    Gochaa bakkeedhaan mul’atun raawwachu irratti amanitin bu’ureffame onnee hin haara’in ofitti harkisa. Agarsiisni mimmidhagaa fi sirna waaqeffannaa amantii kaatolikii uwwisee jiru humna nama hawwachuu fi gowwomsuu danda’u of-keessaa qaba. Namoonni baay’eenis kanaan gowwomfamanii akka wanta waldaan Roomaa balbala mootummaa samiitti ittiin ol galan taateetti ilaalaniiru. Namoota hundee dhugaa irratti miilla isaanii jabeeffatanii dhaabbatanii fi kanneen onneen isaanii Hafuura Waaqayyootiin haara’e irraan kan hafe eenyu illee dhiibbaa ishee dandamatee dhaabbachuu hin danda’u. Namoonni muuxannoo jireenya isaanii keessatti beekumsa Kiristoosiin hin qabne hundinuu bifa Waaqeessuu isa humna Waaqayyoo of-keessaa hin qabne fudhachuutti geggeeffamu. Amantii akkanaa immoo wanta namoonni baay’een hawwaniidha.WG 415.2

    Waldattiin akka wanta cubbuu dhiisuudhaaf mirga qabduutti dubbachuun ishee akka amantoonni ishee cubbuu hojjechuudhaaf walaba ta’anitti akka isaan of- lakkaa’an taasiseera; Itti dabalees, sirni cubbuu himachuu inni karaa sirna waldichaa malee araarri akka namaaf hin kennamne taasisu cubbuudhaaf heyyama kenneera. Nama cubbamaa akka isaatii fuul-duratti jilbeenfatee dhoksaa yaadaa sammuu isaa fi hawwii garaa isaa qalbii jijjiirrannaadhaaf kan himatu, namummaa isaa fi eenyummaa lubbuu isaa isa ulfina qabeessa salphisaa jira. Luba akkuma isaa dogoggoru, kan du’uu fi cubbamaa kan ta’e, yeroo baay’ee dhugaatii wayinii fi fedha fooniitiin kan xuraa’u fuul-duratti cubbuu jireenya isaa keessa jiru banee yeroo agarsiisuu, sadarkaa amala isaatii gad-buusee of-salphisa. Lubni sun akka bakka bu’aa Waaqayyootti dhaabbatee jira waan ta’eef, waa’ee Waaqayyoo ilaalchisee yaadni namni sun qabu gita nama kufaatti gadi bu’a. Sirni cubbuu ofii nama fooniitti himachuu -inni jireenya namaa mancaasu kun madda dhoksaan hammenya biyya lafaa kana xureessaa jiruu fi badiisa xumuraaf addunyaa qopheessaa jiru keessaa maddedha. Haa ta’u iyyuu malee, namoonni fedha mataa isaanii gammachiisuutti qabamanii jiraachuu barbaadan hundinuu, onnee isaanii banaanii Waaqa fuul-duratti dhangalaasuu caalaa nama akkuma isaanii du’uu fuul- duratti cubbuu isaanii himachuutuu isaan gammachiisa. Uumama nama foonii kanaaf, cubbuu dhiisuu caalaa of-adabuutu irra mijata; kajeellaa foonii fannisuu caalaa, maaqii uffachuu, gurgubbee fi fuuncaadhaan reebanii qaama madeesuutu salphata. Garaan foonii waanjoo Kiristoosiin baachuuf gad-jechuu caalaa waanjoo ulfaataa kan biraa baachuu fedha.WG 415.3

    Waldaa Yihuudotaa ishee yeroo dhufaatii Kiristoos isa jalqabaa lafaa kana irra turtee fi waldaa Roomaa gidduu wal-fakkii guddaatu jira. Yihudoonni qajeelfama seera Waaqayyoo tokkoo tokkoo isa bifa dhokataa ta’een cabsaa, bakkee isaaniitiin immoo seericha eeguu irraa kan hin mixxiqne fakkatanii deddeebi’aa, aadaa fi waanjoo ulfaataa seericha irratti fe’anii abboomamuu ba’aa ulfaataa fi hojii dadhabsiisaa taasisanii turan. Akkuma Yihuudonni seera ni kabajna jedhanii dhaadatan, hordoftoonni waldaa Roomaas Fannoo kan kabajan ta’uu isaanii dhaadatu. Fakkenya dhiphina Kiristoosiin ol ol ni qabu, jireenya isaaniitiin garuu Kiristoos isa fakkenyicha bakka bu’u ni ganu.WG 416.1

    Phaaphaasonni waldaa isaanii keessatti, iddoo aarsaa isaanii irratti, akkasumas uffannaa isaanii irratti fannoo kaawwatu. Fakkiin fannoo iddoo hundumaatti argama. Fannoon, bakka hundumaatti kabajaa fi ulfina alaan mul’atu argateera. Haa ta’u iyyuu malee, barsiisni Kiristoos duudhaalee hiikkaa hin qabne danuu jalatti, akkasumas hiikkaa sobaa fi qajeelfamoota waanjoo dadhabsiisoo ta’an hedduu jalatti awwalamee jira. Waa’ee Yihuudota warra koortuu fi rincicoo ilaalchisee dubbiin fayisaa keenyaan dubbatame, humna olaanaa ta’een geggeesitoota waldaa Kaatolikii Roomaa ilaallata: “Isaan ba’aa ulfaataa hidhanii gatiittii namootaa irra ni kaa’u; ofii isaaniitii garuu qubuma isaanii iyyuu itti hin buusan.” Maat 23:4. Yeroo geggessitoonnii waldaa hedduun isaanii qannoo fi fedha foon isaanii guuttachuudhaan gammadanii jiraatan, lubbuuwwan ofii isaanii beekan sodaa dheekkamsa Waaqayyoo jalatti dorsifamaa jiraatu.WG 416.2

    Bifa fakkeenyaa fi hambaaleef sagaduun, maqaa qulqullootaatiin kadhachuu fi Phaaphaasii ol ol qabuun, meeshaa seexanni sammuu namootaa Waaqayyoo fi Ilma Isaa irraa kaachisuuf itti fayyadamudha. Badiisa isaanii galmaan ga’uuf jecha, akka isaan Waaqa tokkicha Isa fayyina isaaniif kennuu irraa yaada isaanii deebisan gochuuf dhamaa’a. Sammuu isaaniis Waaqa isa “Isin warri itti dhamaatanii dadhabdanii, ba’aanis kan isinitti ulfaatu hundinuu gara koo kottaa; ani boqonnaa isiniifan kenna” (Maat 11:28) jedhe irraa kaachisee gara wantoota Waaqayyoo bakka bu’uu dandaa’aniitti qajeelcha.WG 416.3

    Amala Waaqayyoo, maalummaa cubbuu fi mata duree ijoo wallaansoo guddichaa jal’isee dhi’eessuun dhama’insa seexanaa isa walirraa hin cinneedha. Gowwomsaan isaa barbaachisummaa seera Waaqayyoo gadi buusee agarsiisuudhaan heyyama cubbuu hojjechuu namootaaf kenna. kana qofas osoo hin taane, akka namoonni qooda jaalalaa ija jibbaa fi miira sodaadhaan Waaqayyoon ilaalan gochuuf jecha, waa’ee Waaqayyoo ilaalchisee yaadni dogoggoraa sammuu namootaa keessatti akka uumamu gochuudha. Gara-jabinni inni amala isaa ta’e akka wanta amala Waaqayyoo ta’eetti agarsiifama; innis immoo qaama sirna amantiitti makamee bifa Waaqeffannaatiin dhi’aata. Haalli kun sammuu namootaa jaamseera, seexannis bakka buutota isaa isaan godhatee akka isaan Waaqayyo irratti lola geggeessan isaan taasiseera. Sababa amalli Waaqayyoo jallifamee hubatameef, biyyoonni Waaqayyoon hin beekne Waaqa biratti fudhatama argachuuf jecha ilmaan namootaa aarsaa godhaanii Waaqayoof dhi’eessuun barbaachisaa akka waan ta’eetti hubataniiru. Sirna waaqeffannaa waaqayyolii tolfamoo hedduu keessatti gara jabinni suukanneessaa hedduun raawwatamaniiru.WG 416.4

    Waldaan Kaatolikii Roomaa amala Waaqa maleyyummaa (Paganism) fi Kiristiyaanummaa waliin makuudhaan, akkuma warra waaqa hinbeeknee amala Waaqayyoo haala dogoggora ta’een jal’iftee dhi’eessuudhaan, gara jabinaa fi fonqolcha salphaatti hin ilaalamne raawwatteetti. Roomaan bara adduunya irratti mootee turte keessa barsiisa ishee dirqisiiftee namoota fudhachiisuuf jecha meeshaalee ittiin namoota gidirsitu qabdi turte. Namoota barsiisa ishee fudhachuu didan hundumaaf iddoon itti fannifamanii fi ibiddaan gubamaan qophaa’ee ture. Ergaan takkaa namoota baay’ee ajjeesuu- isa baay’inni lakkoofsa isaatii hanga guyyaa firdiitti tasa beekamuu hin dandeenyetu raawatame. Geggeesitoonni waldaa tooftaa ittiin nama harka isaanii keessatti kufe utuu hin ajjeesin yeroo dheeraadhaaf dhiphisan (gidirsan) kalaquu gooftaa isaanii seexana jalatti leenji’an. si’a baay’ee gochaan sukanneessaa fi gara jabinaa kun, hanga namummaan baachuu dadhabee uumamni wallansoo ishee dhaabdu fi hanga namni dhiphina irra jiru sun akka bilisummaa mi’ooftuutti du’aan baga nagaan dhufte jedhee simamtuutti irra deddeebi’amee geggeeffama ture.WG 416.5

    Carraan mormitota Roomaa kana ture. Isheen hordoftoota ishee adabuuf illee adaba garaagaraa isaan madeessuu danda’u, kan akka alangaadhaan reebuu, nyaata dhowwatanii beelessuu fi, karaa garaagaraa miidhama qaamaa isaan irraan ga’uu- qabdi turte. Waaqa biratti fudhatama argachuuf jecha namoonni gaabbanii cubbuu isaanii himatan seera uumamaa cabsuudhaan abboommii Waaqayyoo irra daddarban. Namoonni deemsa dadhabsiisaa dhalli namaa dachee kana irratti adeemu eebbaa fi gammachuudhaan guutuuf jecha hariiroo (walitti dhufeenya) Waaqayyoon uumame irraa gargar cituu barsiifaman. Mooraan mana sagadaa miidhamtoota warra kajjeelaa uumamaa isaanii mo’achuuf, yaadaa fi miira uumama akka isaaniif garaa laafu hundumaa ukkaamsuuf dhamaasuu waa’ee hin baafneen jireenya isaanii dadhabsiisaaniin qabame.WG 417.1

    Gara jabina seexanaa isa waggoota dhibbaan lakkaa’amaniif kutannoo guddaadhaan warra tasa waa’ee Waaqayyoo dhagaa’anii hin beekne gidduutti osoo hin taane hordoftoota amantii Kiristiyana addunyaa gidduutti mul’ate hubachuu yoo hawwine, wanti nuti gochuu qabnu tokko gara seenaa sirna Roomaa ilaaluu qofa. Kaayyoon gooftichi hamminaa Waaqayyoon ulfina dhowwachuu fi ilmaan namootaatti wawwaannaa fi badiisa fiduudha; kaayyoo isaa kanas karaa sirna gowwomsituu isa guddaa kanaa galmaan ga’ata. Akkataa seexanni ofii isaa dhoksee geggeesitoota waldaatti maayii ba’uudhaan hojii isaa galmaan ga’achuu irratti milkaa’ee jiru yeroo ilaallu, maaliif akka inni Macaafa Qulqulluu baay’isee jibbu sirritti hubachuu dandeenya. Macaafichi yoo dubbifame, araarrii fi jaalalli Waaqayyoo bakkeetti ba’ee mul’ata; ba’aa ulfaatoo kana hundumaa keessaa tokkollee namoota irra akka Inni hin keenyetu mul’ata. Wanti Waaqayyo nama irra barbaadu tokkichi garaa cabaa fi gaabbiidhaan guutame, hafuura gad-of-deebisuu fi abboomamu qofa.WG 417.2

    Dhiironnii fi durboonni mootummaa Waaqayyoof guutuu ta’uuf jecha gadaamii keessatti ofii isaanii ittisuu akka isaan qaban agarsiisuuf Yesuus jireenya Isaa keessatti fakkenya tokko illee hin kennine. Jaalallii fi gara laafinni dhokfamuu akka qabu tasa hin barsiifne. Jaalalli onnee Fayisaa keenyaa keessa jiru guutee kan irra dhangala’e dha. Namni hammuma gara guutummaa safuutti (moral perfection) dhi’aachaa adeemu, miirri isaa dubbii hafuuraa hubachuutti jabaachaa adeema, ilaalchi inni cubbuu irratti qabus dammaqaa ta’a, gara laafinni inni namoota miidhamoo ta’aniif qabus gad-fagoo ta’a. Phaaphaasiin bakka bu’aa Kiristoos ta’uu isaa falmata; haa ta’u iyyuu malee akkamitti amalli isaa amala fayisaa keenyaa wajjin waliin madaalamuu danda’aa? Yesuus sababii namoonni akka mootii samiitti Isa ilaaluu didaniif jecha mana hidhaatti namoota galchisiiseeraa? Yookiis immoo gara gidirfamuutti isaan darbateeraa? Namoota warra Isa fudhachuu didan irratti labsii du’aa utuu inni dabarsu sagaleen Isaa dhagaa’ameeraa? Yeroo namoonni Samaariyaa Yesuusiin fudhachuu didan, Yohaannis aaree: “Yaa Gooftaa, [akka Eliyaas godhe] ibiddi waaqa irraa gadi bu’ee isaan haa fixu, jennee akka jarreen kanatti waamnu ni barbaaddaa?” jedhee gaafatee ture. Yesuus garuu ija gara-laafinaatiin gara bartuu isaa ilaalee “Ilmi namaa jireenya namaa balleessuuf hin dhufne’o, oolchuudhaaf malee” jechaa hafuura dheekkamsaa isa bartuu isaa keessa ture sana ifate. Luq 9:54, 56. Hafuurri Kiristoos iddoo kana irratti calaqqisiise hafuura qaamni bakka bu’aa Kiristoosin ta’uu isaa falmatu kun calaqqisiisu irraa hammam garaagara!WG 417.3

    Yeroo ammaa kana, waldaan Roomaa galmee gara-jabina ishee isa jibbisiisaa bifa dhiifamaatiin haguugdee eenyummaa ishee isa gaarii biyya lafaatiif dhi’eessaa jirti. Isheen uffannaa kafana Kiristoosiin fakkaatu ofitti uwwiisteetti. Haa ta’u iyyuu malee hin jijjiramne. Qajeelfamni Phaaphaasii inni jarrawwan darban keessa ture har’as jira. Barsiisni ishee hanga ammatti qabattee jirtu barsiisa isuma jaarraa dukkanaa keessa qophaa’edha. Eenyu illee ofii isaa hin gowwomsin. Phaaphaasii inni Pirootestaantonni yeroo ammaa kana ulfina kennuufiif qophaa’aanii jiran kun, isuma jaarraa haara’umsaa, yeroo namoonni Waaqayyoo haala jireenya isaaniif sodaachisaa ta’e keessa jallina ishee saaxiluudhaaf dhaabbatan biyya lafaa bulchaa ture dha. Isheen har’uma illee hafuura koormaa fi of-tuulummaa isheetiin guutamtee, moototaa fi gooftota seerrachuudhaaf aboon Waaqa biraa akka isheedhaaf kennameetti dhaadatti. Hafuurri gara-jabinaa fi abbaa hirrummaa inni yeroo ammaa kana ishee keessa jiru, isa isheen bara mirga dhala namaa cabsitee qulqulloota Isa hundumaa gararraa jiru billaadhaan qaltee gadi miti.WG 418.1

    Phaaphaasiin akkuma raajiin waa’ee isaa dubbatee ture sirna gantummaa bara booddee kanatti. 2Tas 2:3, 4. Kaayyoo ishee fiixaan baafachuuf kan ishee gargaaru amala uffachuun qaama himaamata isheeti; haa ta’u iyyuu malee eenyummaa ishee isa akka gaararraa jijjiiramu jala summii maarrataa hin jijjiiramne dhoksitee jirti. Isheen “Amantiin gantootaa wajjin yookiin namoota amantii gananiiru jedhamanii shakkamanii wajjin eegamuu hin qabu” jettee dubbatti. (Lenfant Volume 1, page 516). Humni galmeen ishee waggoota kumaatamaaf dhiiga qulqullootaatiin bareeffame kun akka qaama waldaa Kiristoositti beekamtii argachuun ni malaafii?WG 418.2

    Biyyoota Pirotestaantii keessatti, garaagarummaan sirna Kaatolikii fi amantii Pirotestaantii gidduu jiru isa durii caalaa dhiphaadha jedhamee dubbiin dubbatamaa jiru sababa malee miti. Jijjiramni ta’e jira, haa ta’u iyyuu malee jijjiramni geggeeffame sun sirna Phaaphaasii keessatti miti. Pirotestaantummaan jaarraa hareessitootaa booda sadarkaa guddaadhaan gad-bu’aa waan adeemeef jecha, sirni Kaatolikii amantii Pirotestaantii isa yeroo kana jiruu wajjin baay’ee wal-fakkaata.WG 418.3

    Waldooleen Pirotestaantii deggersa biyya lafaa barbaadaa waan turaniif tola ooltummaan sobaa ija isaanii jaamseera. Isaan wanta hamaa akka gaariitti amanuu irraan kan hafe wanti biraan isaanitti hin argamu, xumura irratti wanta gaarii ta’e hunda akka hamaatti amanuun isaanii kan oolu miti. Qooda amantii isa takkaa qulqullootatti dabarfamee kennameef faccisuu, ammas akkuma kanaan dura gochaa turan, yaada gara-laafina of -keessaa hin qabneen isa ishee ilaalaa turaniif gaabbanii waldaa Roomaa dhiifama gaafatu.WG 418.4

    Namootuma sirna Roomaa ija gaariitiin hin ilaalle keessaa illee, harki caalaan isaanii waa’ee balaa karaa dhiibbaa fi humna ishee uumamuu danda’uu hubannoo muraasa qofa qabu. Namoonni baay’een, baballina seera amantii, tolchatti amanuu (Superstitions) fi hacuuccaa sirna waldaa Roomaatiif gumaacha olaanaa kan kenne dukkanaa’ummaan safuu fi beekumsa dhabuu jaarraa giddu — galeessaa keessa mo’ee ture ta’uu isaa heeranii, qaroominni hammayyaa, beekumsi akkuma walii galaatti babal’achuun isaa fi waa’ee dhimma amantii irratti bilisummaan jiru guddachaa adeemuun isaa wal-dhabdee fi hacuuccaan akka deebi’ee hin kaane taasisa jedhanii dubbatu. Bara hammayyummaa akkasii kana keessa haalli akkanaa kun jira jedhanii yaaduun akka qoosaatti ilaalama. Dhugaa dha! Gita beekumsaa irratti, akkasumas dhimma safuu fi dhimma amantii irratti ifni guddaan dhaloota kana irratti ifaa jira. Fuula sagale Waaqayyoo isa qulqullaa’aa fi banaa irraa ifni biyya lafaa irratti ifeera. Garuu hanguma ifni baay’inaan kenname, dukkanaa’ummaan warra ifaan mormanii fi ifa jal’isanii guddachaa adeemuun isaa waan yaadatamuu qabuudha.WG 418.5

    Pirotestaantotatti amala Phaaphaasii isa sirrii kan argisiisuu fi akka isaan isa jibbanii fi baqatan gochuu kan danda’u qayabanna (qorannaa) Macaafa Qulqulluu kadhannaa onnee irraa madden geggeefamu dha; garuu baay’een isaanii hubannaa mataa isaaniitti quufoo sababa ta’aniif, gara dhugaa hubachuutti geggeeffamuuf jecha mataa isaanii gad-of- deebisanii geggeessaa Waaqayyoo barbaaddachuun kan isaan irraa eegamu ta’uun isaa isaanitti hin dhagaa’amu. Hammam illee beekumsa isaaniitiin kan kooraan yoo ta’an illee, waa’ee Macaafa Qulqulluu fi humna Waaqayyoo garuu hin beekan. Isaan tooftaa ittiin wanta sammuun isaanii isaanitti dubbatu cal-jechisiisan qabaachuu qabu; sababa kanaaf jecha wantoota fayidaa hafuuraa muraasa of-keessaa qabanii fi gad-of-deebisuu xiqqoo gaafatan barbaadu. Isaan tooftaa Waaqayyoo yaadachuu fakkaatee bira darbamuu, tooftaa ittiin Waaqayyoon irraanfatan hawwu. Sirni Phaaphaasii fedhii namoota akkasii hunda guutuudhaaf kan mijate dha. Sirnichi addunyaa mara to’annaa isaa jala oolchuudhaaf akka isaaf mijatutti gartuu lamaaf kan mijatedha — namoota hojii mataa isaanitiin fayyuu barbaadanii fi namoota cubbuu isaanii keessatti fayyuu barbaadan. Icciti humna isheetiis as keessa jira.WG 419.1

    Barri dukkanaa’ummaa beekumsa sammuu isa guddaa milkaa’ina sirna Phaaphaasiitiif mijataa akka ture mul’ifameera. Haaluma kanaan, barri ifni beekumsaa sadarkaa olaanaatti itti ifes milkaa’ina isaaf mijataa akka ta’e raggaasifameera. Jaarrawwaan darban keessa, yeroo namoonni sagalee Waaqayyoo fi beekumsa dhugaa malee jirachaa turan, iji namootaa jaamee ture sababa ta’eef, namoonni kumaatamatti lakkaa’aman kiiyyoo miilla isaanii jalatti diriirfamee ture illee bifa (haala) arganii hubachuu hin dandeenyeen kiyyeeffamanii turan. Dhaloota bara har’aa kana keessas, ifa (beekumsa) tilmaama yaada namaa “isa saayinsii sobaa jedhamee waamamun” iji isaanii kan jaame danuu dha; isaan kiyyoo diriirfamee jiru utuu hin argin jamummaadhaan itti seenu. Waaqayyo, humni (dandeettiin) beekumsa sammuu namaa akka kennaa Uumaa biraa isaaf kennametti ilaalamee akka kunuunfamuf (eegamuf), akkasumas tajaajila dhugaa fi qajeelummaaf hojii irra akka oolfamuuf karoorse. Garuu yeroo koormaa fi hawwii hamaan onnee keessatti mararsiifatamu fi yeroo namoonni tiyoorii mataa isaanii sagalee Waaqayyoo gararraatti ol-ol qaban, beekumsa qabaachuun beekumsa dhabuu caalaa (wallaalummaa) caalaa balaa guddaa qaqqabsiisuu dandaa’a. Kanaafuu, akkuma dhugaa ukkaamsanii nama jalaa dhoksuun jaarraa dukkanaa keessa fudhatama argachuu sirna Phaaphaasiitiif haala mijeesse, sayinsiin sobaa bara har’aa inni amantii Macaafa Qulqulluu tuffatu (salphisee ilaalu) kun, sirni Phaaphaasii sirna amantii ishee isa bifa hawwataa qabuu wajjin fudhatama akka isheen argattuuf haala mijataa kan mijeessu ta’uu isaa raggaasisa.WG 419.2

    Sochiin yeroo ammaa kana nageenya dhaabbilee fi deggersa mootummaa waldaan biyya Ameerikaa keessatti gochaa jirtu dabalaa adeemuun keessatti waldooleen Pirootestaatii faana Phaaphasii hordofaa jiru. Caalaatti immoo, akka sirni Phaaphaasii olaantummaa isa addunyaa durii keessatti dhabdee turte sana Pirootestaantii Ameerikaa keessatti deebitee argattuuf balbala isheedhaaf banaa jiru. Sochiin kun hiikkaa olaanaa akka inni qabaatu kan taasisu immoo, xiyyeefannoon kaayyoo isaanii inni ijoon kabaja guyyaa Dilbataa (Jalqaba Torbanii) — duudha (aadaa) Roomaa biraa maddee fi isa isheen akka mallattoo olaantummaa isheetti ittiin falmattu - dirqamsiisuu dha (humnaan hojii irra oolchuu) dha. Hafuurrii waldooleen Piroteestaantii keessa tatamsa’ee akka isaan akkuma Phaaphaasii kabaja guyyaa Dilbataa (Jalqaba Torbanii) hojii irra oolchaniif isaan geggeessaa jiru hafuura Phaaphaasii dha — hafuurichis, hafuura duudha biyya lafaa wajjiin walii galuu fi aadaa namaa seera Waaqayyoo caalchisee ulfeessuu (kabajuu) dha.WG 419.3

    Namni kana dubbisu kam iyyuu, wallansoo yeroo dhihootti ta’uuf jiru keessatti bakka buutotni hirmaatan eenyufaa akka isaan ta’an hubachuu yoo barbaade, bakka buutota Roomaan jaarrawwaan darban keessa kaayyoo wal-fakkaataadhaaf itti fayyadamte galmee seenaa irraa dubbisuu yookaan qayabachuu qaba. Akkaataa Phaaphaasonnii fi tokkummaan amantii Pirotestaantotaa namoota barsiisa isaaniitiin morman ittin keessumsiisuuf jiran baruu yoo fedhe, hafuura Roomaan Sanbata fi namoota Sanbata eegan yookaan guyyaa Sanbataaf faccisan (falman) irratti calaqisiifte haa ilaalu.WG 420.1

    Labsiwwan moototaa, manni maree walii galaa fi seeronni waldaa aangoowwan biyya lafaatiin deggeramani ayyaanonni Paagaanii (warra Waaqayyoon hin beeknee) akka isaan addunyaa Kiristiyaanaa keessatti iddoo olaanaa (ulfina qabeessa) argatan taasisaniiru. Tarkaanfiin mootummaa kabaja Guyyaa Dilbataa (Jalqaba Torbanii) dirqisiisu yeroo jalqabaatiif kan inni fudhatama argate yeroo Qoosxaanxinoos DH. K.B bara 321tti labsii baase ture. Seerri kun, namoonni magaalaa keessa jiraatan hundinuu “Ulfina qabeessa yookaan kabajamaa isa ta’e guyyaa aduu (The venerable day of the sun)” irra akka isaan boqotan kan dirqisiisu yeroo ta’u, namoonni baadiyyaa garuu hojii qonnaa isaanii akka itti fufaniif eeyyama kan kenne ture. Seerichi seera warra Waaqa hin beeknee yoo ta’ellee, garuu erga mootichi maqaadhumaaf Kiristiyaanummaa fudhate booda kan labsame ture.WG 420.2

    Aangoon mootummaa aboo Waaqayyootiin bakka bu’uuf ga’aa ta’uu isaa kan argisiisu ragaan tokko illee hin jiru, Phaaphaasii maqaan isaa Iyusiibiyas jedhamu, inni gargaarsa moototaa dharra’aa ture, inni Qoosxaanxinoosiif michuu addaa ture fi inni mooticha saadaa ture, Kiristoos guyyaa Sanbataa gara Dilbataatti (Jalqaba Torbaniitti) jijjireera jedhee dubbachuudhaan dubbicha hammataa taasise. Dooktiriinii (barsiisa) haaraa kana raggasisuudhaaf dhuga ba’umsi heertuu Macaafa Qulqulluu tokko illee hin caqafamne. Iyusiibiyas, ofiidhuma isaatiiyyuu, utuu hin beekin, barsiisni kun soba ta’u isaa amaneera, itti dabalees, qaama jijjirama kana taasise saaxileera. “Wanti hundinuu, wanti guyyaa Sanbataatti godhamuu qabu martinuu gara guyyaa gooftaatti akka inni jijjiramu gooneerra” jedhee dubbate. — Robert Cox, Sabbath laws and Sabbath Duties, page 538. Garuu, falmiin guyaa Dilbata (Jalqaba Torbanii) ilaalchisee godhamu hundee kan hin qabne ta’ee utuma jiruu, akka namoonni ija jabinaan sanbata Waaqayyoo cabsaniif sababa ta’eera. Namoonni ulfina biyya lafaa kanaa hawwan hundinuu ayyana beekamaa kana fudhataniiru.WG 420.3

    Erga sirni Phaaphaasii jabaatee hundeeffamee booda hojii guyyaa Dilbataa (Jalqaba Torbanii) kabajuu itti fufaa adeeme. Yeroo murtaa’eef namoonni gaafa mana sagadaa hin dhaqne hojii qonnaa irratti bobba’aa turan, guyyaa torbaffaaniis akka guyyaa Sanbataatti ilaalamaa ture. Haa ta’u iyyuu malee jijjiramni suuta suuta bakka qabate. Namoonni wajjira haqaa keessa hojjetan dhimma ummataa gosa kam irratti illee gaafa guyyaa Dilbataa murtii akka hin kennine dhorkaman. Yeroo muraasa booda immoo namoonni sadarkaa kam irrayyuu jiran hundinuu hojii akka hin hojjenne ajajaman. Namni seera kana cabsee argame; yoo nama walaba (bilisa) ta’e adaba maallaqaa, garboota yoo ta’an immoo reebichaan akka adabamantu murtaa’e. Booda immoo, warri sooressonni walakkaa qabeenya isaanii dhabuudhaan kan adabamanii fi yoo adaba kanaan sirrachuu didan immoo garba akka isaan ta’antu labsame. Namoonni hawaasa keessatti haala jireenyaatiin sadarkaa gad-aanaa irra turan hanga dhumaatti biyya keessaa ari’atamaa turan.WG 420.4

    Dinqiwwaan garaagaraas ni odeeffamu turan. Dinqiwwan gabaafaman kana keessaa inni tokko, abbaa warraa tokko guyyaa Dilbataa (Jalqaba Torbanii) irra hojii qonnaatti bobba’uuf jedhee utuu inni maarashaa isaa sibilaan qulqulleessuu sibiilli sun wagga lamaaf harka isaatti maxxanee hafuudhaan “qaanii fi dhukkubbii guddaadhaaf” isa saaxile kan jedhu dha. — Francis West, Historical and Practical Discourse on the Lord’s Day, page 174.WG 421.1

    Booda, luboonni buufataa buufata irra jiran namoota seera guyyaa Dilbataa (Jalqaba Torbanii) cabsan akka isaan ifataniif, akkasumas, ofii isaanii fi olloota isaanii irratti dha’icha akka hin fidnetti gaafa guyyaa Dilbataa gara mana sagadaa dhaqanii akka isaan kadhata dhi’eessaniif Phaaphaasiin ajaja dabarse. Manni maree lubootaas, erga guyyaan Dilbataa Pirootestaantota dabalatee hawwasa bal’aa biratti fudhatamaadha ta’ee, namoonni guyyaa kana irra hojii hojjetaniis bakakkaadhaan rukutamaa jiru erga ta’ee, guyyichi dhuguma iyyuu guyyaa sanbataa ta’uu qaba jedhanii yaada deggeersaa dhi’eessan. Luboonni hundinuus “Guyyaa kana tuffachuun dheekamsa Waaqayyoo kan hordofsiisuu ta’uun isaa ifaa dha” jedhanii dubbatan. Sanaan booda, akka luboonnii fi aangawonni mootummaa olaanoon, moototnii fi ilmaan moototaa, akkasumas namoonni amanamoon hundinuu “guyyaa kana gara kabaja isaa isa duriitti deebisuuf jecha dhama’insa guutuu taasisaani fi guyyaan kun gara fuul-duraattis kabaja amantii Kiristiyaanummaaf jecha of-eeggannoo guddaadhaan akka eegamuuf waamicha godhan.” — Thomas Morer, Discourse in Six Dialogues on the Name, Nation, and Observation of the Lord’s Day, page 271.WG 421.2

    Labsiin mana maree kanaa ba’an quubsaa ta’anii argamuu dadhabanii, aangawwonni mootummaa labsii onnee namootaatti doorsisa galchee akka isaan guyyaa Dilbataa irra hojii hin hojjenne taasisu bakka isaa akka baasan gaafataman. Wal-ga’ii Roomaa keessatti geggeeffame irratti murtiwwan kanaan dura fudhataman hundinuu humna guddaa fi ejjeennaa cimaatiin irra deebi’anii mirkaneeffaman. Murtowwan kun hundinuu seera waldaa keessatti haammatamanii addunyaa Kiristiyaanaa keessatti aangoo mootummaatiin hojii irra oolfaman. (See Heylyn, History of the Sabbath, pt. 2, ch. 5, see. 7.)WG 421.3

    Amma illee taanaan guyyaa Dilbataa kabajuu kan nama dandeesisu aangoo Macaafa Qulqulluu tokko illee argamuu dhiisuun isaa leeyyoo xiqqoo ishee illee isaaniitti hin dhageesifne. Guyyaa aduu kabajuuf jecha labsii Waaqayyoo isa “Guyyaan torbaffaa guyyaa Sanbata Waaqayyo Gooftaa keetiidha” jedhu dhiisuu isaaniitiif mirgi isaan qaban maal akka ta’e baruuf jecha namoonni barsiisota isaanii gaafachaa turaniiru. Ragaa Macaafa Qulqulluu keessaa dhabame bakka buusuuf tarkaanfiin kan biraa barbaachisaa ta’ee argame. Xumura jaarraa 12ffaa keessa, namichi kabaja guyyaa Dilbataaf hinaaffaa olaanaa qabu tokko waldoolee biyya Ingilizii keessa jiran keessatti daawwannaa taasise irratti mormii cimaan dhuga baatota dhugaa warra amanamoo irraa isa mudatee ture. Dhama’insi isaa ija hin godhatin waan hafeef yeroo murtaa’eef biyya sana gad-dhiisee adeemee tooftaa ittiin barsiisa isaa galmaan ga’u qayabachaa ture. Yeroo inni deebi’ee dhufetti hanqinni isaa ni guutame, dhama’insi inni sanaan booda geggeesses milka’ina olaanaa argate. Inni, waraqaa maramaa Waaqa biraa kan caafamee ergame ta’uu isaa of-ibsu, barbaachisummaa seera kabaja guyyaa Dilbataa kan dubbatuu fi namoota seericha cabsan sodaachisuuf jecha jechoonnii doorsisaa jaboon kan keessatti caafaman qabatee dhufe. Waraqaan maraa gati jabeessi kun — akkuma dhaabbata isa deggere sanaa hundeen isaa gowwomsituu kan ta’e — akka wanta samii irraa gad-bu’ee Yerusalem keessatti, iddoo Golgootaa iddoo aarsaa qulqullicha Simi’on irratti argameetti odeeffame. Haa ta’u iyyuu malee, bakki madda isaatii inni dhugaan mana mootummaa Roomaa, iddoo Phaaphaasiin jiraatudha. Baroota hundumaa keessatti aangoo fi badhaadhina waldaa babalisuuf jecha gowwomsaan waliin dha’amaa ta’ee fi yakki gurguddaan akka wanta seeran fudhatama qabuutti ilaalamee caasaa Phaaphaasiitiin hojjetamee tureera.WG 421.4

    Waraqaan maramaan sun guyyaa Sanbataa (Qidaamee) galgala sa’atii sagalii kaasee, sa’aatii sadiif, hanga gaafa Dafinoo (Wiixata) ganama yeroo aduun baatuutti hojiin akka hin hojjetamne dhorka; Aboon caafatichaas dinqiwwan hedduutin mirkaneeffamuu isaa labsa. Namoonni yeroo daanga’ee kenname cabsuudhaan darbanii hojjechaa turan dhukkuba dhagna namaa laashessuun rukkutamuu isaaniitu gabaafame. Namni boqqolloo Baaburatti daakkachuuf ture tokko qooda daakuu dhiigni baabura keessaa lola’ee utuu gad-ba’uu arge; kana qofas osoo hin taane, humni bishaanii baaburicha sochoosu jabaa ta’ee utuma jiruu dhagaan baaburichaa sochii gochuu dhiisee dhaabbate. Yoo mashiiniin daabboo (Midijjaan daabboo itti tolchan) ishee baay’ee ho’a ta’e illee, dubartiin maashinii daabboo itti tolchan /Midijjaa/ keessa bukoo galchite tokko bukoo dheedhii (hin bilchannee) mashiinii daabboo ishee keessaa baasuu isheetu gaabafame. Dubartiin sa’atii salgaffaa irratti bukoo tolchamuuf qopheeffame qabdu tokko immoo, sababa hanga gaafa Daafinootti (Wiixataatti) bukoo sana tolchuu dhiisuuf murteessiteef, bukoon ishee guyyaa itti aanu humna Waaqayyootiin tolchamee (bilcheeffamee) gara daabbootti jijjiramee argatteetti. Namtichi guyyaa Sanbataa (Qidaamee) sa’atii sagal booda daabboo tolche tokko, guyyaa itti aanuu yeroo inni daabboo sana cabsu dhiigni daabboo sana keessaa gad-lola’e. Warri guyyaa jalqaba torbaniif (Dilbtaaf) falman, hojii tolchaa fi oduuwwan bita namatti galan akkanaa uumuudhaan qulqullummaa guyyaa Jalqaba Torbanii (Dilbataa) hundeessuuf dhama’insa geggeessan. (See Roger de Hoveden, Anaals, Vol. 2, pp. 528-530).WG 422.1

    Akkuma biyya Ingilaandi keessatti godhamee ture kabajni guyyaa Jalqaba Torbanii (Dilbataa) biyya Iskootlaand keessattis ni bu’ureffame. Kunis immoo kutaan qaama guyyaa Sanbata isa durii keessatti hammachiifamuudhaan taasifame. Haa ta’u iyyuu malee daangaan yeroo qulqullinatti akka eegamuuf ka’amee garaagara ture. Labsiin mootiin biyya Iskootiland biraa ba’ee labsame akkana jedha: “Sanbata (Qidaamee) guyyaa sa’atii ja’aa kaasee yeroo qulqulla’aa ta’uu qaba. Kanaaf iyyuu, hanga gaafa Dafinoo (Wiixata) ganamaatti namni kam iyyuu hojii biyya lafaa irratti bobba’uu hin qabu.” — Morer, pages 290, 291.WG 422.2

    Yaaliin qulqullummaa guyyaa Jalqaba Torbanii (Dilbataa) bu’ureessuu walitti fufinsaan haa geggeeffamu iyyuu malee, Sanbanni (Qidameen) aboo Waqaayyootiin bu’ureffamuu isaa fi guyyaa inni bakka Sanbataa buufame immoo namaan kan jalqabame ta’uu isaa Phaaphasonni mataan isaanii iyyuu mul’inatti dhugaa ba’aniiru. Jaarraa 16ffaa keessa manni maree Phaaphaasii mul’inatti akkana jedhee labse: “guyyaa Sanbata isaanii gara guyyaa gooftaatti kan jijjiire nu warra Kiristiyaanota yoo ta’e illee, guyyaan torbaffaa guyyaa Waaqayyoon qulqullaa’ee ta’uu isaa, Yihuudota qofaanis osoo hin taane namoota Waaqayyoon waaqessina jedhan kan biroo hundumaan amanamee fudhatamee eegamaa kan ture ta’uu isaa Kiristiyaanonni hundinuu haa yaadatan.” — Ibid., pages 281-282. Namoonni seera Waaqayyoo jal’isaa turan kun maalummaa hojii isaanii kan wallaalan hin turre. Isaan beekaa itti yaadanii Waaqa gararraa ofii isaanii ka’aa turan.WG 422.3

    Imaammatni sirni Roomaa namoota ishee wajjin walii hin galle irratti qabdu haala ajaa’ibsiisaa ta’een kan inni ibsamu, ari’annaa sirnichi yeroo dheeraa fi dhiigaa Waldaansota muraasa warra sanbata eegaa turan lolaasuudhaan geggesse keessaatti fakkeenyi sirriin kennameera. Kaan isaanii amanamummaa abboommii afuraffaatiif qaban irraan kan ka’e haala wal-fakkaataa ta’een dhiphataniiru. Keessumatti immoo seenaan waldoolee biyya Itiiyoopiyaa fi Abiisiniyaa barbaachisaadha. Haala gaddisiisaa Jaarraa Dukkanaa sana keessa, Kiristiyaanonni walakkeessa Afiiriikaa keessa turan ilaalcha addunyaa keessaa ba’aanii dagatamanii waan turaniif waggoota dhibba hedduutiif bilisummaa amantii isaanii dhandhamachaa turan. Xumura irratti garuu Roomaan jiraachuu isaanii hubatte; mootiin Abiisiniyaas yeroo gabaabaa keessatti Phaaphaasii akka bakka bu’aa Kiristoositti amanee fudhachuudhaaf gowwomfame. Walii galtee kan biroonis itti fufanii ni taasifaman. Labsiin eegamuu guyyaa Sanbataa dhorkus adaba cimaa wajjin ni labsame. (See Michael Geddes, Church History of Ethiopia, Pages 311, 312). Haa ta’u iyyuu malee, sirni abbaa hirrummaa Phaaphaasii waanjoo ulfaataa waan isaanitti ta’eef warri Abiisiniyaa waanjoo sana of-irraa cabsuuf murteessan. Wallansoo hadhaa’aa booda sirni bittaa Roomaa daangaa isaanii keessaa ni balleeffame, amantii inni duriis bakka isaatti deebifame. Waldoonni bilisummaa argatanitti ni gammadan, itti dabalees waa’ee gowwomsaa, abbaa hirrummaa fi mankaraarsummaa sirna Roomaa ilaalchisee barnoota argatan hin irraanfanne. Kiristiyaanota addunyaa kan biroo biratti beekamtii qabaachuu dhiisanii daangaa dhuunfaa isaanii keessa qofaa isaanii jiraachuun gammachuu isaanii ture.WG 423.1

    Waldoonni Kiristiyaanaa Afiirikaas akkuma waldaan Phaaphaasii gara gantummaa ishee isa guutuutti utuu hin dhufin dura Sanbata eegaa turte, isaanis Sanbata eegaa turan. Akkuma abboommiin Waaqayyoo jedhutti Guyyaa Torbaffaa kabajanii eegaa utuma jiranii, gaafa guyyaa Jalqaba Torbanii (Dilbataa) immoo aadaa waldattii eeguuf jecha hojii hojjechuu irraa of-daangessaa turan. Roomaan yeroo aangoo olaanaa gonfatte keessa sanbata ofii isheetii ol qabuuf jecha Sanbata Waaqayyo irra ejjette; Haa ta’u iyyuu malee, waldoonni biyya Afiirikaa naannoo waggoota kumaaf dhokatanii sababa turaniif gantummaa ishee keessaa hin hirmaanne. Garuu yeroo hacuuccaa Roomaa jalatti kufan, Sanbata isa dhugaa dhiisanii sanbata sobaa kabajuuf dirqisiifaman. Garuu, yeroo deebi’anii bilisummaa isaanii argatan utuu hin turin gara abboommii afuraffaa eeguutti deebi’an.WG 423.2

    Galmeen seenaa baroota darbanii kun hundinuu diinummaa Roomaan Sanbata isa dhugaa fi namoota Sanbata isa dhugaa eega irratti qabdu, akkasumas, dhaabbata ofii isheetii uumte kabachiisuuf jecha tooftaa isheen itti fayyadamtu mul’inatti ibsu. Yeroo Kaatolikii Roomaa fi Pirootestaantonni guyyaa Jalqaba Torbanii (Dilbataa) kabachiisuuf jecha tokkummaa uumaan, taateen kun kan irra deebi’amu ta’uu sagaleen Waaqayyoo ni barsiisa.WG 423.3

    Raajiin Mul’ataa 13 keessaa humni inni bineensa gaanfa hoolaa fakkaatu qabuutti fakkeeffame “biyyi lafaa fi warri isa keessa jiraatan” hundinuu Phaaphaasii isa boqonnaadhuma sana keessatti bineensa akka “Qeerransaatti” fakkeeffameef akka sagadan kan godhu ta’uu isaatu caqafame. Itti dabalees, bineensi gaanfa lama qabu kun, “warri lafa irra jiraatan akka isaan bifa fakkeenya bineensichaa tolfatan;” akkasumas, “Xinnaa fi guddaan, sooressii fi hiyyeessi, birmadduu fi garbi hundinuu” mallattoo bineensichaa akka isaan fudhatanii kan ajaju ta’uu isaa dubbata. Mul 13:11-16. Humni bineensa akka hoolaa gaanfa qabuutti fakkeeffame kun mootummaa Ameerikaa akka ta’e ibsameera; raajiin kun immoo kan inni raawwatamu, yeroo mootummaan Ameerikaa kabaja guyyaa Jalqaba Torbanii (Dilbata), isa Roomaan akka mallattoo olaantummaa isheetti falmattu seeraan dirqisiiftee hojii irra oolchitu dha. Haa ta’u iyyuu malee, kabaja Phaaphaasiidhaaf kennamu kana keessatti Ameerikaan qofaa ishee hin taatu. Dhiibbaa Roomaan biyyoota kanaan duraa olaantumaa ishee fudhatanii turan keessatti qabdu amma illee duguugamee hin badne. Raajiiniis akka humni sirna Roomaa iddootti deebi’uu dursee dubbateera. “Mataa isaa torban keessaa inni tokko hamma du’aatti waan madaa’e in fakkaata; rukkuttaan du’aan ga’u suniis deebi’ee fayyee ture.” Lakk 3. Madaan du’aan ga’uu kun kufaatii Phaaphaasii isa bara 1798 raawwatame agarsiisa. Raajichi akkana jedhee dubbate, Kanaan booda, “madaan isaa inni du’aan ga’uu in fayye, namoonni guutummaa biyya lafaa dinqisiifatanii yaadaan bineensicha duukaa bu’an.” 2Tas 2:3-8 keessatti, “Ilmi badiisaa” hanga dhufaatii Yesuus isa lammaffaatti itti fufee kan jiraatu ta’uu isaa Phaawuloos mul’inatti ibseera. Inni hanga xumura baraatti hojii gowwomsaa isaa itti fufee hojjeta. Kana qofas osoo hin taane, waa’ee Phaaphaasii ilaalchisee abbaan mul’ataa akkana jedhee dubbateera: “warra lafa irra jiraatan keessaa…warri maqaan isaanii macaafa jireenyaa keessatti hin caafamne hundinuu bineensichaas sagaduuf jiru.” Mul 13:8. Karaa kabaja dhabbata guyyaa Jalqaba Torbanii (Dilbataa) isa aboo waldaa Roomaatiin hundeeffamee, addunyaa moofaa fi haaraa keessatti ulfina kan argatu Phaaphaasiidha.WG 423.4

    Bartootni macaafa Raajii biyya Ameeriikaa keessatti argama, walakkeessa jaarraa kudha salgaffaatii kaasee hanga ammaatti dhuga ba’umsa kana biyya lafaatiif dhiheessa jiru. Taatewwaan yeroo ammaa kana ta’aa jiran keessatti fiixan ba’umsi raajii kanaa saffisa olaanaatiin raawwatamaa kan jiru ta’uun isaa mul’ateera. Akkuma geggeesitoonni sirna Phaaphaasii dinqiwwaan garaagaraa uumanii bakka abboommii Waaqayyoo buusan, barsiisonni waldaa Pirootestaantiis ragaa Macaafa Qulqulluutiin deggerame tokko illee utuu of-harkaa hin qabaatin, kabaji guyyaa Jalqaba Torbanii (Dilbataa) akka wanta aboo Waaqayyootiin deggerameetti falmu. Yaadni inni namoota sabata jalqaba torbanii (Dilbataa) cabsan irratti firdiin Waaqayyoo in dhufa jedhu irra deddeebi’amee himama; ammuma iyyuu dhiibbaa guddaatu godhamaa jira. Kana qofas osoo hin taane, sochiin kabaja guyyaa Jalqaba Torbanii (Dilbataa) dirqisiisuu hundee jabaa godhachaa jira.WG 424.1

    Abshaalummaa fi haxxummaan waldaa Roomaa dinqisiisaadha. Isheen wanta ta’uuf jiru dursitee dubbisuu ni dandeessi. Isheen, waldoonni Pirostestaantii sanbata sobaa fudhachuu isaaniitiin ulfina akka isheedhaaf kennaa jiranii fi tooftaa isheen baroota darban keessa hojii irra oolchitetti fayyadamanii kabaja guyyichaa dirqisiisuuf qophaa’aa kan jiran ta’uu isaanii ilaaltee obsaan yeroo ishee dabarsaa jirti. Warri ifa dhugaatiin morman hundinuu dhabbata karaa ishee jalqabame kan ol-ol qabuuf jecha deggersa humna jabaatiin ofii isaa hundeesse kana fedhu. Isheenis hojii kana irratti Pirootestaantota deggeruuf hammam qophooftee akka jirtu tilmamuun namatti hin cimu. Namoota waldaadhaaf abboomamuu didan keessumsiisuuf jecha tarkaanfin fudhatamuu qabu maal akka ta’e geggeesitoota sirna Phaaphaasii caalaa eenyuutu sirriitti hubachuu danda’a?WG 424.2

    Waldaan Kaatolikii Roomaa, damewwan ishee guutummaa addunyaa irratti argaman hundumaa wajjin, dhaabbata guddaa to’annaa Phaaphaasii jalatti hogganamuu fi faayidaa sirna Phaaphaasii kabachiisuuf hojjetu tokko uumu. Ergamtoonni sirnichaa warri biyyoota guutumaa addunyaa keessatti argaman hundinuu mataa isaanii Phaaphaasiidhaaf amanamoo godhanii akka bulaniif barsiifaman. Lammummaan yookaan mootummaan isaan kamiin illee yoo ta’e, aboo waldaa aboo hundumaa gararratti ilaalutu isaan irraa eegama. Tarii kakuu amanamummaa mootummaa biyya isaaniif yoo galan illee, dhimma bu’aa ishee faallessu irratti, kakuu dhiifama hin argachiifne, kakuu isaan Roomaa wajjin seenantu dugda duubaa isaa jira.WG 424.3

    Dhimmoota biyyaa keessa seenuuf jecha tooftaa fi dhama’insi jabaa isheen hojii irra oolchaa turte, akkasumas moototaa fi saba kan balleessu yoo ta’e illee kaayyoo ishee baballisuuf jecha booddeetti kan hin deebine ta’uu ishee seenaan dhugaa ba’a. Bara 1204tti, Phaaphaasiin Innoosant 3ffaa jedhamuu, mootii biyya Araagoon kan ta’e Pheexiroos 2ffaa irraa kakuu ajaa’ibsiisaa takkaa ta’ee hin beekne fudhate ture. Kakuun sunis akkana jedha: “Ani, Pheexiros, mootiin biyya Araagoonotaa, gooftaa koo Phaaphaasii Innoosantiif, bakka buutota waldaa Kaatolikii fi Roomaadhaaf bara baraan amanamaa fi abbomamaa ta’ee buluuf, akkasumas, biyya koos abboommii isaa jalatti amanamummaadhaan buluu akka isheen itti fuftu gochuudhaaf, amantii Kaatolikiidhaaf ittisa gochuu fi warra gantoota immoo ari’achuuf waadaa seenuu koo afaan kootiin dhugaa nan ba’a.” (John Dowling, The History of Romanism, b. 5, Ch.6, sec. 55.). Wanti kun, waa’ee aangoo abuunii Roomaa ilaalchisee dubbii dhi’aate, isa “inni mootota aangoo irraa buusuu” fi “lammiwwaan mootonni isaanii qajeeloo hin taane dirqama lammummaa isaan qabaniittii bilisomsuuf aboo qaba” jedhuu wajjin wal-sima. — Mosheim, b.3, cent. 11, pt. 2, ch. 2, sec. 9, note 17.WG 425.1

    Of tuulummaan Roomaa tasa kan hin jijjiramne ta’uun ishee kan argisiisu akka ta’e yaadatamuu qaba. Har’uma illee qajeelfamni Giriigoorii 7 ffaa fi Qulqulluu 3 ffaa qajeelfama waldaa Kaatolikii Roomaati. Utuu aangoo qabaatteetti ta’ee, silaa har’uma illee isa jaarrawwan darban keessa gootee caalaa aangoo ishee bifa jabaataa ta’een hojii irra oolchiti turte. Pirootestaantonni hojii guyyaa Jalqaba Torbanii (Dilbataa) kabachiisuuf hojjetamu keessatti deggersa Roomaa argachuf jecha yeroo yaada dhi’eessan, maal gochaa akka jiran guutummaa guutuutti hin beekan. Isaan kaayyoo isaanii fiixaan baafachuu qofa irratti xiyyeeffatanii socho’u, Roomaan garuu humna ishee deebiftee ijaaruu fi olaantummaa isa dhabdee turte iddootti deebisuuf kaayyeeffattee jirti. Mee si’a tokkicha waldaan dhimma mootummaa keessa seentee aangoo mootummaa akka to’attuu fi sirni amantii (waaqeffannaan) seera mootummaatiin akka dirqamsiisfamuuf qajeelfamni biyya Ameerikaa keessatti haa diriirfamu; silaa yeroo gabaabaa keessatti aangoon waldaa fi mootumma wal- ta’anii birmaddummaa sammuu to’achuu eegalu, mo’ichi (olaantummaan) Roomaas biyyichi keessatti ni mirkanaa’a.WG 425.2

    Waa’ee balaa dhufaa jiru ilaalchisee sagaleen Waaqayyoo akeekkachiisa kenneera; Akeekachiisni kun yoo dagatame, Pirootestaantonni addunya erga kiyyoo ishee keessaa ba’uudhaaf yeroon barfatee (guyya’ee) booda maalummaa kaayyoo Roomaa isa sirrii hubatu. Roomaan hafuura ishee dhokfattee gara aangootti guddaachaa jirti. Barsiisni amantii ishee galma warra seera tumaanii, waldoolee fi onnee namootaa keessatti dhiibbaa geessisaa jira. Gochaa ari’annaa isa dur geggeessite sana irra deebitee hojjechuuf jecha kaayyoo ishee isa jabaa fi bal’aa bifa dhokataa ta’ee fi harka lafa jalaan adeemsisaa jirti. Yeroo guyyaan haleellaa ishee ga’uu kaayyoo ishee galmaan ga’achuuf akka isheedhaaf mijatutti sagalee ishee dhokfattee bifa hin yaadamneen humna ishee jabeeffachaa jirti. Wanti isheen barbaaddu tokkichi haala mijata qofa. Innis immoo isheedhaaf kennameera. Nutis yeroo dhihootti maalummaa kaayyoo Roomaa ni argina, ni hubannas. Nama sagalee Waaqayyootti amanuu fi isaafis abbomamu hundumaa irra ceephoo fi ari’atamuutu ga’a.WG 425.3

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents