Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Wal’aansoo Isa Guddaa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 7—Luuter Roomaa Irraa Adda Ba’uu Isaa

    Waldaa dukkannaa’ummaa phaaphaasii jalaa gara ifa amantii qulqulluutti geggeessuuf warra waamaman keessaa Luuter bakka olaanaa qabatee jira. Jabina, hinnaaffaa kan qabuu fi mataa isaa dabrsee kan kenne, sodaa Waaqayyoo malee sodaa kan biraa kan hin beekne, Macaafa Qulqulluu malee bu’uura amantii biraa kan hin fudhanne Luuter nama yeroo isaatii ture. Karaa isaa Waaqayyo haara’umsa waldaa fi dhugaa addunyaaf ibsuuf hojii guddaa hojjete.WG 121.1

    Akkuma labsitoota wangeelaa warra jalqabaa, Luuteris hiyyuma keessaatti dhalate. Umurii isaa gara jalqabaa gad-deebi’aa kan ta’e mana qotee bulaa biyya Jarman tokko keessa ture. Abbaan isaa albuuda baasuudhaan qarshii guyyaatti argatu barnoota mucaa isaa irra oolche. Inni akka inni abbaa seeraa ta’uuf yaade; Waaqayyo garuu mana qulqullummaa guddaa isa baroota keessatti suuta suuta ol jedhuuf ijaartuu akka ta’uuf karoorse. Hiyyumni, dhabiisi fi tarkaanfiin cimaan mana barumsaa ogummaan barabaraa (Waaqayyo) Luuteriin ergama barbaachisaaf keessatti qopheesse ture.WG 121.2

    Abbaan Luuter nama sammuu cimaa fi dammaqaa qabuu fi humna amalaa guddaa kan qabu, amanamaa, kutataa fi nama iftoominaa ture. Bu’aa inni argamsiisu maal illee yoo ta’e waan hojjetu irratti amantii inni qabu dhugaadha. Yaadni isaa inni sirriin akka inni sirna moloksee ija shakkiitiin ilaalu godheera. Yeroo Luuter fedha isaa malee gadaamii seene inni guddaa gaddee ture. Mucaa isaatti utuu hin araaramin waggoota lama isa fudhate, Sana boodas ilaalchi isaa akkuma turetti jabaatee hafe.WG 121.3

    Maatiin Luuter barumsaa fi leenjii ijoollee isaanii irratti of eeggannoo guddaa godhu. Isaan akka beekumsa Waaqayyoo baratanii fi amala kiristiyaanummaa shaakalaniif dhama’u. Mucichi maqaa Gooftaa akka yaadatuu fi guyyaa tokko dhugaa babal’isuu keessatti deggersa akka godhuuf kadhannaa abbaan isaa kadhatu gurra ilma isaa keessa bu’ee ture. Maatiin kun guddina amilee fi sammuu jireenyi isaanii isaaniif heyyamu hundumaa bira ga’uuf carraa jiru foyyeessuuf fedha qabu. Ijoollee isaanii jireenya bu’a qabeessaa fi soda Waaqaatti qopheessuuf obsaa fi murannoodhaan dhama’u. Jabina hafuuraa fi cimina amalaatti dabaluudhaan yeroo tokko tokko amala rakkisaa ta’e (ijoolleetti seera cimsuu) shaakalu. Haa ta’u malee haaressaan kun dhimma tokko tokko irratti maatiin isaa dogoggora qabaachuu isaanii yoo beeke illee, ijoollee isaanii seerrachuu keessatti kan inni isaan ceepha’u irra caalaa kan inni isaaniif mirkaneesutu caala.WG 121.4

    Luuter mana barumsaa umurii mucummaatti seene keessatti miidhaa fi gar jabinaan guuteen keessummeefame. Hiyyumni maatii isaatii guddaa ta’uu irraa kan ka’e manaa ba’ee gara magaalaa biraa dhaqee barachuu keessatti nyaata argachuuf jecha manaa gara manaatti adeemee faarfachuudhaan kadhataa ture. Yeroo baay’ees beelaan dhiphateera. Dukkanaa’ummaan, tolchatti amanuun inni bara sana keessaa jabaa ture akka inni sodaan guutamu godhee ture. Waaqayyoon akka abbaa gaarii isa waaqa irraatti qooda ilaalu akka waaqa jabaa araara hin gooneetti, akka abbaa firdiitti, akka abbaa irree gar jabeessaatti ilaaluudhaan, dukkana fuula isaa duras yaadee dhiphachuudhaan halkan guutuu garaa gaddeen ciisa.WG 121.5

    Haa ta’u malee Luuter abdii kutannaa guddaa fi baay’ee kana keessaa gara ulaagaa ga’umsa sammuu fi haamilee lubbuu isaa booji’e bira ga’uuf murannoodhaan fuula duratti adeeme. Inni beekumsa dheebote; amalli sammuu isaa inni qajeelaan waa hojii irra oolchuu danda’u of argisiisaa fi fakkeessuu irra caalaa waan hundee jabaa qabuu fi bu’a qabeessa hawwuuti isa geesse.WG 121.6

    Waggaa kudha saddeetitti Yunivarsitii Erfarti yeroo seene haalli isaa isa durii caalaa kan mijatee fi abdiin isaas kan ife ta’aa adeeme. Maatiin isaa horii qusachuu fi jabaatanii hojjechuuf dandeettii waan qabaniif deggersa barbaachisaa hundumaa isaaf godhaniiru. Dhiibbaan michoota isaa warra afchaalaa abdii kutannaa leenjii isaa isa jalqabaa keessatti isa mudatee ture hamma tokko hir’isuufii danda’eera. Yaalii isaa hundumaa qorannaa barreesitoota gaggaarii irra oolchuudhaan yaada isaanii isa kabajamaa akka qabeenyaatti lakkaawate, ogummaa ogeessotaas kan ofii isaatii godhate. Qajeelfama cimaa barsiisaa isa jalqabaa jala yeroo ture illee adda ta’uun isaa dursee abdachiifamee ture, sammuun isaas dhiibbaa gaariitiin dafee guddate. Dandeettiin yaadachuu isaatii, bal’inni yaada isaatii, humni yaaduu isaatii inni cimaa fi dhamaasuu isaa michoota isaa hundumaa irra caalaa iddoo guddaa isa dhaabe. Sammuu isaa leenjisuun isaa hubannaa isaa bilcheesse, sochii sammuu isaatis in kakaase, mormii jireenya isaafis yaada qajeelaa qabaachuuf isa qopheesse.WG 122.1

    Sodaan Waaqayyoo onnee Luuter keessa buufachuudhaan kaayyoo hin sochoone qabaachuuf isa dandeessise, akkasumas fuula Waaqayyoo duratti akka inni gad of deebisu isa godhe. Inni gargaarsa Waaqayyoo irratti hirkachuutti jabaa ture, guyyaa hundumaa kadhataan jalqabuu irraa kufee hin beeku. Onneen isaa utuu walirraa hin kutin qajeelfamaa fi deggersa gaafatti. Innis yeroo baay’ee akkas jedhe, “akka gaariitti kadhachuun walakkaa qorannaa irra in wayya.” —D’Aubigne, b. 2, ch. 2.WG 122.2

    Luuter guyyaa tokko mana kitaabaatii utuu macaafa sakkata’uu Macaafa Qulqulluu afaan Laatiniin barreeffame argate. Kitaaba akkasii takkaa argee hin beeku ture. Jiraachuu isaa illee hin beeku ture. Inni wangeellii fi xalayyaan ergamootaa gar tokkeen isaanii sirna waaqefannaa sabaa irratti utuu dubbifamanii dhaga’ee ture, kun immoo guutummaa Macaafa Qulqulluu akka ta’etti yaade. Amma yeroo jalqabaaf sagalee Waaqayyoo guutummaatti arge. Dinqifannaadhaan fuula macaafichaa isa qulqulluu garagalchee dubbise; yeroo sagalee jireenyaa ofii isaatii dubbifachuu jalqabe rukkuttaan onnee isaatii in dabalee. Sana booda akkas jedhe: “utuu Waaqayyo Macaafa akkasii naaf kenne!” —Ibid., b. 2, ch. 2. Ergamoonni Waaqayyoo cina isaa turan, carrallaan ifaa teessoo Waaqayyoo irraa dhufe qabeenya dhugaa onnee isaaf ibse. Akka Waaqayyoon hin gaddisiifneef yeroo hunda sodaachuu jalqabe. Garuu cubbamaa ta’uun isaa yeroo kam irra caalaa isatti dhaga’ame.WG 122.3

    Cubbuu irraa biliisa ba’uu fi Waaqayyo biratti nagaa argachuuf fedhiin inni qabu xumuratti gara gadaamii (bakka moloksoonni jiraatan) akka seenuu fi jireenya gadaamiif of kennuutti isa geesse. Achittis hojii ulfaataa nuffisiisaa akka hojjetuu fi manaa gara manaatti adeemee akka kadhatuuf dirqame. Inni yeroo sana umurii kabajii fi dinqifatamuun bara nama hawwisiisu keessa ture, hojiin gadaantummaa inni hojjechaa ture haamilee isaa cabsee ture; garuu sababa cubbuu isaaf barbaachisaa akka ta’e waan amaneef leeyyoo kana obsaan danda’e.WG 122.4

    Hojii guyyaa irraa kan hafu yeroo kamiin illee, mataa isaas irriba dhowwachuudhaan, akkasumas yeroo xiqqoo nyaataaf balleessuuf illee utuu itti hin gammadin qorannaa irra oolcha ture. Waan hundumaa irra caalaa qorannaa sagalee Waaqayyootti gammada ture. Macaafa Qulqulluu keenyan gadaamitti hidhamee jiru argatee yeroo hunda achi adeemaa ture. Hubannaan inni cubbuu irratti qabu akkuma gadi fagaateen hojii mataa isaatiin nagaa fi araara argachuuf dhama’e. Cubbuu uumama isaa keessa jiru isa jireenyi moloksummaa ittii hiikuu hin dandeenye mo’achuuf jecha tsoomiidhaan, halkan guutuu kadhannaatti dammaquudhaan, akkasumas mataa isaa dhiphisuudhaan guddaa dadhabe. Garaa qulqulluu Waaqayyoon dura isa dhaabbachiisu argachuuf aarsaa kam irraa duubatti hin deebine. Booda turee akkas jedhe: “dhugaadhumatti ani moloksee cimaan ture, qajeelfama warra na abboomanii hamman ibsuu danda’u gararaattan cimsee eegan ture. Molokseen hojii moloksummaatiin samii dhaaluu danda’u jira yoo ta’e dhugaadhumatti ani mirga isa argachuu nan qaba… wanti kun yeroo dheeraaf utuu itti fufee gadeebi’uun koo du’aan na ga’a ture.” —Ibid., b. 2, ch. 3. Naamusa cimaa kan irraa kan ka’e humna dhabee qaamni isaa walitti kottaa’ee dhibee irraa fayyuu hin dandeenye irra ga’e. Haa ta’u malee ba’aa kana hundumaan utuu dhama’uu lubbuun isaa boqonnaa hin arganne. Xumuratti qarqara abdii kutannaatti dhi’aate.WG 122.5

    Waan hundumaa kan dhabe yeroo isatti fakkaatetti Waaqayyo Luuteriif michuu fi gargaaraa kaase. Sita’upitizi namni amantii onnee Luuteriif sagalee Waaqayyoo bane. Gara mataa isaatii ilaaluu akka dhiisu, seera Waaqayyoo cabsuudhaan adaba daangaa hin qabnetu jira jedhee yaaduu akka dhiisuu fi gara Yesus isa fayyisaa isaa akka ilaalu itti hime. “Qooda cubbuu keetiif of dhiphisuu harka fayyisaa kee keessatti mataa kee gati. Qajeelummaa jireenya isaatti, araara du’a isaatiin argamettis Amani…. Ilma Waaqayyoo dhaga’i. Inni jaalala Waaqayyoo siif mirkaneessuuf jecha nama ta’e.” —Ibid., b. 2, ch. 4. Ergamaan araaraa kun kana dubbate. Jechi isaas gadi fageenyaan sammuu Luuter qabate. Dogoggora baroota dheeraa wajjin wallaansoo erga qabee booda dhugaa fudhachuu danda’e, lubbuun isaa isheen dhiphattes nagaa argatte.WG 123.1

    Luuter dibata lubummaa kan qabu ture, kanaaf Yunivarsitii Wittenbargi keessatti profeeserii ta’uuf gadaamii keessaa waamame. Achitti Macaafa Qulqulluu afaan jalqaba inni ittiin barreeffameen qorate. Macaafa Qulqulluu barsiisuu jalqabe; macaafni Faarfannaa, wangeelli arfanii fi xalayyoonni hubannaa saba dhaggeefachuu jaallataniif baname. Sita’upitizi michuu fi oggannaan isaa akka inni iddoo aarsaatti ol ba’ee sagalee Waaqayyoo lallabuuf jajjabeesse. Luuter garuu bakka Kiristosiin bu’ee namootatti dubbachuuf ga’umsa akka hin qabne waan isatti dhaga’ameef in shakke. Gaaffii michuu isaa kanatti kan inni waliigale wallaansoo dheeraa booda ture. Dura iyyuu Macaafa Qulqulluutti cimaa waan tureef ayyaanni Waaqayyoo isa irra ture. Akkaataan dubbannaa isaa dhageeffattoota harkise, humnii fi iftoominni inni ittiin dhugaa dhi’eesse hubannaa isaanii amansiise, miirri jabaan inni qabu onnee isaanii rukute.WG 123.2

    Luuter amma illee waldaa phaaphaasiif mucaa dhugaadha, kan biraa ta’uufis yaada hin qabu ture. Gaarummaa Waaqayyoo irraa kan ka’e Roomaa daawwachuuf adeeme. Imala isaa miillaan jalqabee gadaamii keessa bulaa adeeme. Adeemsa isaa keessa qabeenya, ijaarsa dinqisiisaa fi meeshaa gati jabeessa gadaamii Ixaaliyaa keessa jiru tokko argee guddaa dinqifate. Moloksoonni galii guddaa argatan uffata gati jabeessa uffachaa, maaddii gatiin isaa mi’aa ta’e nyaachaa gamoo guddaa keessa jiraatu. Luuter haala kana miira komeetiin ilaalee of ganuu fi rakkoo ittiin mataa isaa miidhee turee wajjin wal bira qabee ilaale. Samuun isaas bita galee ture.WG 123.3

    Gara dhumaatti magaalaa tulloota torba qabdu fageenyatti arge. Miira gadi fagootiin lafatti gugguufee “Qulqulluu Roomaa, Nagaan si gaafadha” jedhee sagade. —Ibid., b. 2, ch. 6. Inni magaalattii seenee waldoota daawwate, seenaa dinqisiisoo lubootaa fi moloksootaan irra deddeebi’amee dubbatamus in dhageefate, sirna barbaachisaa ta’es in raawwate. Wantoonni inni bakka hundatti arge dinqifannaa fi naasuudhaan isa guutan. Sadarkaa lubootaa hunda keessatti cubbuu arge. Inni qoosaa addaggee luboota irraa dhaga’e, yeroo sagadaa illee xura’ummaa ciiggasiisaa isaan rawwatan ilaalee naasuudhaan guutame. Yeroo moloksootaa fi lammiilee biyyichaatti makames manca’insaa fi horii gar malee qisaasessuu arge. Iddoo hunda keessa naanna’ee bakka qulquluutti xuraa’ummaa arge. Kana ilaalchisee akkas jedhee barreesse, “cubbuu fi gochaa salphinaa Raamaa keessatti raawwatamu eenyu illee yaaduu hin danda’u; kana amanuuf arguu fi dhaga’uun dirqama. Si’ool jira taanaan Roomaan kan ijaaramte isa irrattiidha; isheen bowwaa gosi cubbuu hundi keessaa madduudha.” —Ibid., b. 2, ch. 6.WG 123.4

    Yeroo sana “gulantaa Pilaaxos” isa fayyisaan keenya dhaaddacha Roomaa duraa yeroo ba’e irra adeemee gadi bu’e, isa dinqiidhaan Yerusaalemii gara Roomaatti darbe irra jilbeenfiidhaan kan ol ba’an hundinuu dhiifama cubbuu akka argatan phaaphaasotaan abdachiifamaa ture. Guyyaa tokko Luuter of kennuudhaan gulantaa kana irra ol ba’aa utuu jiruu akka tasaa sagaleen akka kakkawwee akkas ittiin jedhe: “Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in jiraata.” Roomaa 1:17. Innis miilla isaatiin ka’ee dhaabbatee leeyyoo fi naasuudhaan ariifatee achii adeeme. Ergasii sagaleen Sun lubbuu isaa irratti humna dhabee hin beeku. Yeroo Sanaa jalqabee fayyinaaf hojii namaa amanachuun gowwummaa ta’uu isaa fi ayyaana Kiristositti utuu walirraa hin kutin amanuun barbaachisaa ta’uu isaa isa duraa caalaa hubate. Iji isaas in baname, deebi’ees gowwomsaa phaaphaasotaan hin cufamne. Fuula isaa Roomaa irraa yeroo deebise onnee isaas irraa deeffate, yeroo Sanaa qabee hidhata waldaa phaaphaasii wajjin qabu hundumaa hamma kututti garaagarummaan guddataa adeeme.WG 124.1

    Luuter Roomaadhaa erga deebi’ee booda Yunivarsiitii Wittenbaargitti qo’annoo amantiitiin digirii dokteerummaa fudhate. Amma isa yeroo kami irra caalaa Macaafa Qulqulluu isa jaallatu qorachuuf biliisummaa argate. Jechootaa fi barsiisa phaaphaasotaa utuu hin taane bara jireenya isaa guutuu sagalee Waaqayyoo of eeggannoodhaan qorachuu fi amanamummaadhaan lallabuuf kakuu gale. Kana booda inni moloksee yookiin profeesera qofa utuu hin taane labsituu Macaafa Qulqulluu heyyama qabuudha. Inni hoolota Waaqayyoo warra dhugaa beela’anii fi dheebotan eeguu fi sooruuf nama waamame ture. Inni kiristiyaanonni aangoo Macaafa Qulqulluu irra waan jiru malee barsiisa kan biraa akka hin fudhanne cimsee dubbate. Jechoonni kun immoo aangoo phaaphaasii hundeedhaan rukute. Isaanis qajeelfama haara’umsaa of keessatti kan qabataniidha.WG 124.2

    Luuter tiyooriin namaa sagalee Waaqayyoo irra caalee argamuun isaa balaa inni qabu argera. Inni yaada barsiisota mana barumsaa isa gantummaa qabu soda malee balaaleffate, falaasamaa fi qo’annoo amantii yeroo dheeraaf namoota irratti dagaagee tures in morme. Qo’annoon akkasii gatii kan hin qabne qofa utuu hin taane miidhaa kan qabu ta’uu isaa balaaleffatee dubbachuudhaan sammuu dhageeffattoota isaa falaasama falaasfotaa fi hayyuu qo’annoo amantii irraa gara dhugaa barabaraa raajotaa fi ergamootaan kennameetti deebisuu barbaade.WG 124.3

    Ergaan inni saba danuu isa dhageeffachuu dharra’anitti dubbate baay’ee gati jabeessa ture. Barsiisi akkasii kanaan dura gurra namoota kanaatti dhaga’amee hin beeku ture. Oduun gammachiisaan waa’een jaalala fayyisaa, waa’een wabii dhiifama cubbuu fi nagaan karaa dhiiga araarsuu isaa kennamu onnee isaanii gammachiisuudhaan abdii hin duune isaan keessatti haaresse. Wittenbaargitti daarii gar tokkoo hamma isa kaaniitti ifa isaa hamma xumura baraatti dabalaa kan adeemu ifti in qabsiifame.WG 124.4

    Garuu iftii fi dukkanni walii hin galan. Dhugaa fi dogoggora gidduu wal dhabdee araara hin qabnetu jira. Isa tokko ol qabuu fi deggeruu jechuun isa kaan haleeluu fi garagalchuu jechuudha. Fayyisaan keenya akkas jedhee ture: “Ani billaa fiduufan dhufe malee, nagaa fiduudhaaf hin dhufne.” Maat.10:34. Jalqabbii haareffamaa waggoota muraasa booda Luuter akkas jedhe: “Waaqayyo na hin geggeessu, fuula duratti na dhiiba malee. Inni na baata. Ani gooftaa mataa kootii miti. Ani boqonnaatti jiraachuun barbaada; garuu jeequmsaa fi fincila gidduuttan darbatame.” -- D’Aubigne, b. 5, ch. 2. Amma gara qarqara falmiitti dhiibamaa jira.WG 125.1

    Waldaan Roomaa ayyaana Waaqayyoo daldala godhanii turan. Taa'umsi warra horii callaa gegeddaranii iddoo aarsaa ishee cina ka’amee ture, sagaleen warra bitanii fi gurguranii qilleensa keessa naanna’ee dhaga’ama ture. Mana sagadaa Qulqulluu Pheexrosiin Roomaa keessatti ijaaruuf buusii horii gaafatamaa jiruu horiin akka argamuuf dhiifamni cubbuu mul’inatti akka gurguramuuf Phaaphaasiidhaan ajajamee ture. Iddoon Waaqayyoon itti waaqessan, manni qulqulummaa horii yakkaatiin ijaarame — hundeen isaas gatii jal’inaatiin kaa’ame. Garuu tooftaan ulfina Roomaatiif qopheeffame aangoo fi guddina ishee kan raasu ta’e. Diinota phaaphaasii kutatanii fi milkaa’an kan kaasee fi teessoo phaaphaasii kan raasee, akkasumas gonfoo sadan mataa phaaphaasii irraa dhiibuutti lolli geesse kana ture. Gurgurtaa dhiifama cubbuu biyya Jarman keessatti geggeessuuf kan kaa’ame namni Tetzel jedhamu hawaasaa fi seera Waaqayyoo irratti yakka hojjeteen itti murta’ee ture; haa ta’u malee yakka isaaf adabamuu jalaa ba’uudhaan projektii phaaphaasii isa ofittummaadhaan guute adeemsisuuf akka loltuu horiidhaan bitameetti qacarame. Innis saba doofaa, warra dafanii waa amananii fi tolchatti amanan gowwomsuuf soba adii fi himtee durii wal fakkaatu addaggummaa guddaadhaan irra deebi’ee dubbate. Utuu sagalee Waaqayyoo keessa isaaniitii qabu ta’ee akkana hin gowwomfaman turan. Hawwii aangoo fi qabeenyaa geggeesitoota ishee isa Macaafni qulqulluun isaan dura daangesse isaaniif deebisuudhaan to’annaa phaaphaasii jalatti isaan eeguuf jecha godhame.” (See John C. L. Gieseler, A Compendium of Ecclesiastical History, per. 4, sec. 1, par. 5.)WG 125.2

    Yeroo Tetzel magaalaa tokko seenu ergamaan tokko isa dura adeemee “ayyaanni Waaqayyoo fi kan abbaa isa qulqulluu balbala keessan dura jira” jedhee labsa. —D’Aubigne, b. 3, ch. 1. Yeroo kana akka waan Waaqayyo waaqa irraa gara isaaniitti gadi bu’eetti fakkeesituu maqaa Waaqayyoo arrabsu kana gammachuudhaan simatu. Akkasitti daldalli jibbisiisaan waldaa keessa dhaabbatee ture, Tetzelis iddoo aarsaatti ol ba’uudhaan gurgurtaan dhiifama cubbuu kennaa Waaqayyoo isa gati jabeessa akka ta’e ol kaasee dubbata. Namni horii isaatiin araara bitate kun ragaa dhiifama argachuu isaatii harkatti qabachuudhaan cubbuu fuula duratti hojjechuuf hawwuuf utuu qalbii jijjiirannaan isa hin barbaachisin dhiifamni ta’uufii in danda’a jedhee dubbate.” —Ibid., b. 3, ch. 1. Kanati dabaluudhaan gurgurtaan dhiifama cubbuu warra jiran qofa utuu hin taane warra du’anis fayyisuuf akka humna qabu dhaggeeffattoota isaaf mirkaneesse; yeroo horiin sun qodaa itti horii funaanan keessa buutu lubbuun bakka ishee horiin kaffalame sun bakka du’a booda qalbii itti jijjiirratanii (purgatory) baatee gara samii adeemti.” (See K. R. Hagenbach, History of the Reformation, vol. 1, p. 96.)WG 125.3

    Yeroo Simoon Maagus horii kennee humna ergamoonni ittiin dinqii hojjetan bituu barbaade, Pheexros akkas jedhe: “Kennaan Waaqayyoo horiidhaan in bitama jettee waan yaaddeef, horiin kee sii wajjin haa badu!” H/Erg.8:20. Haa ta’u malee waamichi Tetzel kumaatama fedhii qaban biratti fudhatama argatee ture. Warqee fi meetiin gara gombisaatti yaa’e. Fayyinni horiidhaan bitamu, isa cubbuu mormuu fi mo’uuf qalbii jijjiirannaa, amantii fi dammaqanii dhama’uu gaafatu irra caalaa salphaatti fudhatama argateera.WG 125.4

    Barumsi gurgurtaa dhiifama cubbuu namoota baratanii fi namoota amantii waldaa Roomaa keessa jiraniin mormamee ture, waan fakkeessaa yaada sammuu fi mul’ataan faallaa ta’e kanatti amantii kan hin qabne hedduu turan. Haa ta’u malee daldala hamminaa kana irratti sagalee isaa ol fuudhee dubbachuuf ija kan jabaate phaaphaasiin tokko hin turre; sammuun namootaa garuu gara jeeqamuu fi tasgabbii dhabuutti dhufe. Fedhii kan qaban baay’oonni Waaqayyo karaa meeshaa harka isaa keessaa qulqulummaa waldaa isaaf hin hojjetuu? jedhanii gaafatu turan.WG 126.1

    Luuter amma illee phaaphaasota jala yoo jiraate illee nama qajeelaa waan tureef Waaqayyoon arrabsuu hojii warra dhiifama cubbuu daldalan kanaa sodaatee ture. Miseensi mana sagadaa isaa waraqaa ragaa dhiifama cubbuu bitatanii turan, isaan utuu hin turin gara paasterii isaanii dhufanii cubbuu isaanii hedduu himatan, hiikamuus kan isaan abdatan dhiifama cubbuu waan bitataniif malee sababa cubbuu isaaniitti gaabbanii fi haareffamuu hawwaniif miti.WG 126.2

    Luuter hiikama isaaniif hin laatne, qalbii jijjiirratanii jireenyi isaanii hin haara’u yoo ta’e cubbuu isaaniitiin akka du’an isaan akeekkachiise. Isaanis bita galummaa guddaadhaan gara Tetzelitti deebi’anii lubni isaan cubbuu isaanii itti himatan waraqaa ragaa isaanii harkaa fuudhuu akka dide komee dhi’eessan; muraasi isaanis ija jabinaan akka horiin isaanii isaaniif deebi’uuf gaafatan. Tetzelis aariidhaan guutame. Abaarsa sodaachisaa abaare. Bakka walitti qabama namootaatti ibiddi akka boba’u godhee “gantoota gurgurtaa dhifama cubbuu isa qulqulluu kan isaatii morman hundumaa gubuuf phaaphaasii biraa ajaja fudhachuu isaa dubbate.” D’Aubigne, b. 3, ch. 4.WG 126.3

    Amma Luuter falmituu dhugaa ta’ee ija jabinaan hojii isaatti seene. Akeekkachiisa kabajamaa fi murannoo qabuun iddoo aarsaa irraa sagalee isaa dhageesise. Inni amala cubbuu isa jibbisiisaa saba fuula dura kaa’e, namnis hojii mataa isaatiin yakka isaa hir’isuu yookiin adaba jalaa ba’uu akka hin dandeenye isaan barsiise. Cubbamaa fayyisuu kan danda’u Waaqayyoon duratti qalbii jijjiirrachuu fi kiristoositti amantii qabaachuu malee wanti biraan akka hin jirre isaanitti dubbate. Ayyanni Kiristoos hin bitamu; inni kennaa tolaati. Amantiidhaan gara fayyisaa fannifamee ilaaluu malee dhiifama cubbuu bituu akka isaan hin qabne saba gorse. Fayyina argachuuf jecha gadi of deebisuu fi mataa isaa dhiphisuudhaan akkasumaan dhama’aa isa ture muuxannoo ofii isaatii isa dhukkubsaa wajjin wal bira qabuudhaan nagaa fi gammachuu kan inni argate gara ofii isaatii ilaaluu dhiisee Kiristoositti amanuudhaan akka ta’e dhageeffattoota isaaf mirkaneesse.WG 126.4

    Yeroo Tetzel daldalaa fi fakkeessuu isaa isa hamaa itti fufe Luuter immoo haala bu’a qabeessa ta’een miidhaa kana mormuuf murteeffate. Kanaafis utuu hin turin haalli mijataan argame. Manni sagadaa Wittenbergi fakkii qulqullootaa guyyoota ayyaana waggaa amantootatti mul’ifaman hedduu qaba ture, warra guyyaa sana gara mana sagadaa sana dhaqanii cubbuu isaanii himatan hundumaaf immoo dhiifamni cubbuu guutummaatti kennama. Haaluma kanaan guyyoota akkasii namoota hedduutu bakka sanatti argama. Guyyoota sana hundumaa irra kan caalu Ayyaanni Qulqulloota hundumaa dhi’aachaa jira ture. Guyyaa jal bultii ayyaanichaatti Luuter namoota hedduu waldaa dhaquutti jiranitti makamee barsiisa dhiifama cubbuu bitachuu kan mormu waraqaa qabxii sagaltamii shan of keessaa qabu balbala mana sagadaa sanatti maxxanse. Qabxii kana irratti isaa wajjin falmuu kan barbaadan yoo jiraatan guyyaa itti aanutti Yunivarsiitiitti argamee waliin dudubbachuuf fedha akka qabu labse.WG 126.5

    Yaadni isaa xiyyeeffannoo nama hundumaa harkise. Barreeffamni isaa kallattii hundumaan irra deddeebi’amanii dubbifaman. Yuunivarsiitii fi magaalaa guutummaa keessatti naasuu guddaatu uumame. Waraqaa qorannoo (Thesis) isaa kanaan aangoo dhiifama cubbuu kennuu fi adaba isaa hambisuu phaaphaasii kamiif yookiin nama kamitti akka hin kennamin mul’ifamee ture. Tooftichi guutummaan diraamaa nama hin amansiifne, tolchatti amanuu namootaatti taphachuudhaan horii ittiin sassaabbanii dha, innis meeshaa seexanaa isa lubbuu warra fakkeessuu sabaatti amanan ittiin balleessaniidha. Akksaumas wangeelli Kiristoos waldaadhaaf qabeenya gati jabeessa akka ta’ee fi ayyanni Waaqayyoo inni isa keessatti mul’ate immoo warra qalbii jijjiirannaa fi amantiidhaan isa barbaadaniif tola akka kenname mul’ifamee ture.WG 127.1

    Waraqaan qorannoo (Thesis) Luuter maree kakaase; haa ta’u malee akka hin fudhanneef namni ija jabaate hin turre. Gaaffiin inni kaase guyyoota muraasa keessatti Jarman guutummaatti tamsa’e, torban yartuu keessattis kiristiyaanota guutuummaa biratti dhaga’ame. Cubbuu jibbisiisaa waldaa keessatti dagaage arganii kan boo’an, guddina isaa daangessuuf garuu fala kan wallaalan hordoftoonni waldaa Roomaa warri amanamoon yaada Luuter dhi’eesse dubbisanii isa keessatti sagalee Waaqayyoo hubachuudhaan guddaa gammadan. Danbalii xuraa’ummaa Roomaa keessaa ba’ee ariitiidhaan guddachaa jiru daangessuuf Gooftaan araara isaatiin harka isaa akka ol fuudhe isaanitti dhaga’ame. Aangoon oftuulaan inni murtii kennamu irratti mirga ol iyyannoo dhowwatu irratti daangaan waan godhameef mootonnii fi abboonni seeraa dhoksaatti gammachuu isaanii dhageesisan.WG 127.2

    Garuu cubbuu kan jaallatanii fi tolchatti kan hidhaman baay’een isaanii gowwomsaan sodaa isaanii tasgabbeessu duguugamee baduu isaa yeroo argan in na’an. Luboonni warri yakka hojjechuuf heyyama kennuun hojii isaanii ture galiin isaanii balaa irra bu’uu isaa arganii aaran, gochaa fakkeessuu isaanii akkuma jirutti turfachuuf walitti qabama godhatan. Haaressaa kana hammeessitoota hadhaa’ootu quunname. Muraasi isaanii gochaa ariitii fi kaka’umsa miiraatiin isa himatan. Warri kaan immoo inni Waaqayyoon utuu hin qajeelfamin oftuulummaa fi ija jabinaan godhe jedhanii isa himatan. Innis akkas jedhee deebise, yaada oftuulummaa utuu hin qabaatinii fi lola kakaasuudhaan utuu hin himatamin yaada haaraa namni dhi’eessu darbee darbee qofa akka jiru eenyutu beeka? … Kiristoosii fi kitimamtoonni (wareegamtoonni) hundinuu kan isaan ajjeefamaniif maaliif? Sababii isaan, hojii boonsaa ogummaa bara Sanaa kan mormu fakkaatu hojjetaniif, akkasumas sababii isaan yaada durii fudhachuuf gad of deebisanii gorsa utuu hin gaafatin waan haaraa hojjetaniifi.WG 127.3

    Ammas akkas jedhee dubbate: “wanti ani godhu hundumtuu kan godhamu yaada namaatiin utuu hin taane gorsa Waaqayyootiini. Hojichi kan Waaqayyoo yoo ta’e eenyutu isa dhaabuu danda’a? Yoo kan isaa miti ta’e immoo eennutu isa adeemsisa? Fedha kan koos, kan isaaniis, kan keenyas miti; garuu yaa qulqulluu Abbaa, fedhiin kee inni waaqa irraa haa ta’u.” Ibid., b. 3, ch. 6WG 127.4

    Luuter hojii isaa kana jalqabuuf hafuura Waaqayyootiin yoo kakaafame illee hojii kana mormii malee hin geggeessine. Ceephoon diinota isaatii, kaayyoo isaa micciiranii dhi’eessuun isaanii fi amalaa fi ka’umsa yaada garaa isaa karaa qajeelaa hin taanee fi haxxummaadhaan mul’isuun isaanii akka lolaa isa irra yaa’ee ture. Garuu isaan bu’aa malee hin hafne. Gaggeessitoonni sabaa warri kan waldaa fi warri mana barumsaa keessa jiran haareffama deggeruuf gammachuudhaan tokkummaa uumu jedhee amanatee ture. Sagaleen jajjabinaa warra sadarkaa olaanaa irra jiran biraa isaaf ergamee ture abdii fi gammachuudhaan isa guutee ture. Bari’uun guyyaa ifaa waldaadhaaf dhufuu isaa akka argu abdatee ture. Garuu jajjabinni gara ceephoo fi balaaleffannaatti jijjiirame. Gurguddoonni waldaa fi mootummaa baay’een isaanii waraqaa qorannoo Luuter dhugaa ta’uu isaa amananiiru. Haa ta’u malee dhugaa kana fudhachuun jijjiirama guddaa akka fidu dafanii hubatan. Saba barsiisuu fi haaressuu jechuun aangoo Roomaa gadi qabuu, horii kumaatamaan gara gombisaatti ya’aa jiru dhaabuu fi gar malee horii bittimsuu fi qananiidhaan jiraachuu phaaphaasotaa daangessuu jechuudha. Itti dabales, sabni akka uumama itti gaafatamummaa qabutti yaaduu fi gochuu akka danda’uuf, fayyina isaafis gara Kiristoos qofaa akka ilaaluuf barsiisuu jechuun teessoo phaaphaasotaa garagalchuu fi aangoo isaanii balleessuu jechuudha. Sababa kanaaf ogummaa waaqa biraa isaaniif kenname fudhachuu didan, nama inni dhugaa isaan barsiisuuf erge mormuudhaanis Kiristosiin mormuuf wal ijaaran.WG 127.5

    Luuter namni tokkichi qofaa isaa aangawoota lafaa warra humna qabootaan mormuu isaa yeroo ofii isaa ilaale in na’e. Yeroo tokko tokko fallaa aangoo waldaa dhaabbachuu isaa yeroo of ilaalu Waaqayyoon geggeeffamaa jiraachuu isa in shakka. Akkas jedhee barreessa, “guddummaa phaaphaasii isa guutummaan mootota lafaa fuula isaa duratti rom’aniin mormuuf ani eenyuudha? … waggoota lamaan kana onneen koo hammam akka dhiphate, abdi kutannaa attamii keessattis liqimfamee akkan ture namni tokko beekuu hin danda’u.” —Ibid., b. 3, ch. 6. Garuu akka abdii kutatetti raawwatee hin dhiifamne. Deeggarsi namaa yeroo dhabame gara Waaqayyoo qofa ilaale, irree isa humna qabeessaatti nagaa guutuudhaan hirkachuu akka danda’us in bare.WG 128.1

    Michuu haara’umsaa kan ta’e tokkoof wanti Luuter barreesse akkas jedha: “Qorannaa keenyaan yookiin dandeettii keenyaan hubannaa Macaafa Qulqulluu argachuu hin dandeenyu. Hojiin kee inni jalqabaa kadhannaadhaan eegaluudha. Araara isaa isa guddaa, hubannaa sagalee isaatii isa dhugaa akka siif kennuuf Gooftaa gaafadhu. “Hundumti isaanii Waaqayyo irraa kan baran in ta’u” jedhee akkuma ofii isaatii dubbatee ture, barreessaa sagalee kanaa malee sagalee Waaqayyoo kan hiiku kan biraan hin jiru. Dhamaasuu ofii keetii, hubannaa ofii keetis in abdatin: Waaqayyoo fi dhiibbaa hafuura isaa qofaa amanadhu, sagalee nama muuxannoo qabuun siif barreeffame kana amani.” --- Ibid., b. 3, ch. 7. Dhugaa yeroo kanaa isa kabajamaa nama kan biraan ga’uuf Waaqayyo akka isaan waame kan isaanitti dhaga’amuuf as keessa barumsa barbaachisaatu jira. Dhugaan kun diinummaa Seexanaa fi kan warra mammaaksa inni qopheesse jaallatanii sochoosa. Humnoota hammeenyaa wajjin wallaansoo qabuun jabina sammuu fi ogummaa namaa caalaa waan barbaadu kan biraa qaba.WG 128.2

    Yeroo diinonni aadaa fi duudhaa fudhatanii ka’an yookiin yeroo isaan waa’ee aangoo phaaphaasii dubbatan Luuter Macaafa Qulqulluu fi Macaafa Qulqulluu qofaadhaan isaan quunname. Achi keessa falmii isaan deebii itti kennuu hin dandeenyetu jira; kana booda akkuma Yihudoonni dhiiga Kiristoosiin dhangalaasuuf wacan, warri bifa waaqessuu fi tolchatti amanuudhaaf garboofamanis dhiiga isaa dhangalaasuuf wacan. Warra Roomaaf hinnaaffaa kan qabu tokko “inni gantuudha” jedhee iyye. “Gantuun hamaan akkasii yeroo tokkoof illee akka jiraatu heyyamuun waldaa ganuudha. Bakki inni itti aarfamu dafee haa ijaaramuufi!” —Ibid., b. 3, ch. 9. Luuter garuu kiyyoo aarii isaanii keessatti hin kufne. Waaqayyo hojii isatti kenne qaba, ergamoonni Samii isa eeguuf in dhufan. Haa ta’u malee ifa gati jabeessa Luuter harkaa kan fudhatan baay’een dheekkamsa seexanaa jalatti kufan, dhugaadhaafis sodaa malee dhiphifamaanii ajjeefaman.WG 128.3

    Barsiisni Luuter guutummaa Jarman keessatti qalbii namoota hubatoo hawwate. Lalabbaa fi barreeffama isaa irraa ifti maddu kumaatamaaf hubannaa kennee dadammaqse. Amantiin jiraataan bakka bifa waaqefannaa isa du’aa yeroo dheeraaf waldaa qabatee turee fudhate. Sabnis amantii tolchaa isa kan Roomaa irraa guyyaa gara guyyaatti amantii dhabaa dhufan. Keenyanni garaagarummaa iddoo gad dhiise. Sagaleen Waaqayyoo inni Luuter barumsa hundumaa ittiin qoru akka billaa qara lama qabuutti baqaqsee gara onnee namootaatti seene. Bakka hundumaatti fedhii guddina hafuuratu dadammaqe. Bakka hundumaatti qajeelummaa beela’uu fi dheebochuu barootaaf argamee hin beeknetu mul’ate. Baroota dheeraaf gara sirna namaa fi araarsaa lafa irraatti qajeelfamanii kan turan iji namootaa amma gaabbiidhaan gara amantii Kiristoos isa fannifameetti deebi’e.WG 129.1

    Fedhiin bal’aan dadammaqfame kun sodaa aangawoota phaaphaasitti dabale. Luuter himata gantummaa isa irratti dhi’ateef deebii akka kennuuf Roomaatti waamame. Ajaji kun michoota isaa keessatti naasuu uume. Magaalaa xurooftuu dhiiga kitimamtoota (wareegamtoota) Yesusiin machooftee turte keessatti balaan attamii akka isatti dhufu gaarii godhanii beeku. Isaanis Roomaa dhaquu isaa mormuudhaan qorannaan kun Jarman keessatti akka ta’uuf gaafatan.WG 129.2

    Haala kana mijeessuun xumuratti bu’a qabeessa ta’e, bakka buutonni phaaphaasis dhimma kana akka dhaggeeffataniif ni kaa’aman. Ajaja phaaphaasii biraa qondaala kanaaf kenname keessatti Luuter dursee gantuu jedhamee akka waamame dubbatameera. Kanaaf bakka bu’aan kun “utuu hin turin himata akka itti dhi’eessuu fi akka isa ari’atu” ajajameera. Yoo inni ejjennoo isaatti jabaatee fi bakka bu’aa kanatti harka kennuu dide “biyya Jarman guutummaa keessatti akka balaaleffatamu, mana hidhaatti galchuuf, isa abaaruu fi warra isaa wajjin hidhata qaban hunda immoo miseensummaa mana sagadaa irraa haquuf” bakka bu’aa kanaaf aangoon kennamee ture. —Ibid., b. 4, ch. 2. Itti dabalees gantummaa summaa’aa kana guutummaatti hundeedhaan buqqisuuf, hunda isaanis miseensummaa irraa haquuf, mootii irraa kan hafe aanga’oonni waldaa fi mootummaa xinnaa fi guddaan Luuterii fi deggertoota isaa qabee ijaa baafannaa Roomaaf dabarsee kennuu kan didu akka balaaleffataman phaaphaasiin bakka bu’aa kanaaf qajeelfama kenne.WG 129.3

    Hafuurri phaaphaasii inni dhugaan yeroo kana bakkeetti mul’ate. Dokimantii kana keessa qajeelfamni kiristiyaanaa tokko yookiin qajeelummaan argamu tokko hin jiru. Luuter Roomaa irraa fagoo jira; ejjennoo isaa ibsuuf yookiin ofi irraa faccisuuf carraa hin arganne. Haa ta’u malee utuu dhimmi isaa kun hin ilaalamin dura gantuu jedhamee waamame, guyyuma sana immoo in himatame, in daangeffame, itti murtaa’e. kun hundinuu immoo kan ta’e isa waldaa yookiin mootummaa keessatti aangoo hin dogoggorre qabu, isa mataa isaa abbaa qulqulluu jedhee ofii isaa waamuuni.WG 129.4

    Yeroo Luuter jajjabinaa fi gorsa michuu dhugaa barbaadu kanatti Waaqayyo gaarummaa isaatiin Melaankitoniin gara Wittenbargitti erge. Umuriidhaan dargaggeessa, gara laafessaa fi dhi’aannaa isaatti nama ija laafessa ture; fageessee yaaduun, beekumsi isaa inni bal’aanii fi dandeettiin dubbannaa isaa qulqullummaa fi qajeelummaa amalaa wajjin walitti dabalamee nama hunda biratti dinqifatamuu fi kabajamuu isaaf argamsiisee ture. Gaarummaan amala isaa dandeetti cimaa inni qabuu gad hin turre. Innis utuu hin turin bartuu wangeelaa isa dhugaa fi michuu Luuter isa amanamaa fi deggeraa isaa isa bu’a qabeessa ta’e. tasgabbiin isaa, of eeggannaa fi nama sirrii ta’uun isaa jabinaa fi gootummaa Luuterii wajjin walitti dabalamuudhaan guutummaatti dhufe. Hojicha keessatti waliin ta’uun isaanii haara’umsaaf humna dabale, luuterifis madda jajjabinaa guddaa ta’e.WG 129.5

    Himati kun bakki inni itti ilaalamu Awugasbargi akka ta’u murtaa’e ture, geggeessaan haareffamas adeemsa isaa gara sanatti qajeelfatee ture. Sodaa guddaa isaaf kan sodaatan turaniiru. Karaa irratti qabamee akka ajjeefamuuf ifatti doorsifamee waan tureef michuun isaa akka inni hin dhaqneef kadhate. Kana malees Wittenbargiin dhiisee yeroodhaaf warra eegumsa isaaf godhan biratti akka baqatuuf isa kadhatanii turan. Inni garuu bakka Waaqayyo isa kaa’ee hin sochoone. Bubbeen isa irratti yoo wal ga’e illee dhugaa qabatee amanamummaadhaan itti fufuu qaba. Jechi isaa akkas ture: “Ani akka Ermiyaasiin, nama morkii fi wal dhabdeeti; garuu akkuma doorsisi isaanii hammaataa adeemu gammachuun koos dabalaa adeeme…. Isaan dura iyyuu kabajaa fi maqaa koo balleessaniiru. Waan tokko qofaatu hafe, isheenis dhagna koo ishee gadadamtuudha. Isas haa fudhatan. Akkasitti yeroo xiqqoo keessatti umurii koo gabaabsu. Garuu lubbuu koo fudhachuu hin danda’an. Sagalee Kiristosiin biyya lafaatti lallabuu kan hawwu, yeroo kamiin illee du’a eeggachuu qaba.” —Ibid., b. 4, ch. 4.WG 130.1

    Luuter Awugasbaargi akka ga’e oduun yeroo dhaga’ame bakka bu’aa phaaphaasii guddaa gammachiise. Gantuun rakkisaan xiyyeefannoo guutummaa addunyaa harkise amma aangoo Roomaa keessa waan gale fakkaate, bakka bu’aan phaaphaasis akka inni miliquu hin qabne murteesse. Haaressaan kun waraqaa nageenyaa ittiin darban harkatti qabachuu hin dandeenye ture. Michoonni isaa utuu kana harkatti hin qabatiin fuula bakka bu’aa phaaphaasii duratti akka hin argamne isa gorsanii turan, isaan mataa isaaniitu mootii harkaa isaaf fuudhe. Bakka bu’aan phaaphaasii yoo danda’ame Luuter akka inni amantii isaa ganuuf (waakkatuuf) dirqisiisuu yoo inni kana gochuu dide immoo Roomaatti dabarsee kennee carraa Haasii fi Jeeromiin akka hirmaatu gochuuf karoorse. Kanaaf Luuter araara isaa amanatee waraqaa nageenyaan ittiin darban utuu hin fudhatin fuula isaatti akka inni dhi’aatuuf bakka buutonni isaa akka isa gowwomsaniif dhama’e. Geggeessaan haara’umsaa garuu kana gochuu hin barbaanne. Eegumsa mootii kan argisiisu waraqaa wabii isaaf ta’u kana utuu hin fudhatin bakka bu’aa phaaphaasii duratti hin dhi’aanne ture.WG 130.2

    Warri Roomaa akka immaammataatti gaarummaadhaan itti dhi’aatanii isa mo’achuuf murteessan. Bakka bu’aan sun gaaffii afaanii Luuterii wajjin godhe keessatti michummaa guddaa argisiise. Garuu Luuter aangoo waldaatiif akka bitamuu fi qabxii hundumaa irratti falmii yookiin gaaffii tokko malee harka kennuu isaa akka mirkaneessu gaafate. Bakka bu’aan kun amala nama wajjin dubbachaa jiruu sirriitti waan tilmaame miti. Luuter deebii isaa keessatti waldaaf kabaja guddaa akka qabu, dhugaa hordofuuf fedhii akka qabuu, mormii barsiisa isaa irratti ka’e hundumaaf deebii kennuuf qophii akka qabuu fi barsiisa isaa ilaalchisee murtii gaggeessitoota yunivarsiitiif akka dhi’eessu dubbate. Haa ta’u malee dogoggorri isaa utuu hin mirkanaa’in amantii isaa akka ganu (waakkatu) gaafatamuu isaa ni morme.WG 130.3

    Sagalee kanaaf deebiin tokkichi inni argate: “gani (waakkadhu), gani (waakkadhu)”!”kan jedhu ture. Haaressaan kun ejjennoon isaa Macaafa Qulqulluutiin kan deggerame ta’uu isaa argisiisee, dhugaa dhiisuu akka hin dandeenye dubbate. Bakka bu’aan falmii Luuteriif deebii kennuu dadhabe kun bubbee ceephoo, ga’isuu fi arrabsoo, jechoota aadaa fi mammaaksa abbootii wajjin waliin make irratti dhangalaasuudhaan haaressaa kana carraa dubbannaa dhowwate. Walga’iin kun akkasitti itti fufa yoo ta’e kan waa’ee hin baafne ta’uu isaa arguudhaan Luuter xumuratti deebii isaa barraafamaan kennuuf geebii argate.WG 130.4

    Xalayyaa michuu isaaf barreesse tokko keessatti akkas jedhe, “kana gochuudhaan inni miidhamaan dachaa fayyadama; tokkoffaa, wanti barreeffame murtii warra kaaniitti dhi’aata; lammaffaa, inni oftuulaa fi abbaan irree qooqa (sagalee) oftuulummaatiin mo’uu danda’u sammuudhaan yoo ta’uu baate illee sodaatee akka muddamuuf irratti hojjechuuf carraa gaarii ta’a.” -- Martyn, The Life and Times of Luther, pages 271, 272.WG 131.1

    Gaaffii afaanii itti aanu keessatti Luuter Macaafa Qulqulluun deggeree ibsa yaada isaatii ifaa, gabaabaa fi qulqulinaan dhi’eessee ture. Waraqaa kana sagalee ol fuudhee erga dubbisee booda bakka bu’aa phaaphaasiitti kenne. Haa ta’u malee innis jechoota gatii hin qabnee fi heertuu haala kanaa wajjin wal hin simneedha jedhee tuffiidhaan waraqaa sana darbate. Luuter ka’ee phaaphaasii oftuulaa kana bakka inni irra dhaabatee jiru — aadaa fi barsiisa waldaa irratti isa argate, yaada inni kana irratti qabu hundas in kuffise.WG 131.2

    Yaadni Luuter dhi’eesse deebii akka hin qabne phaaphaasiin kun yeroo arge to’annaan ala ta’uudhaan aariidhaan “yaada kee kaasi! Yookiin gara Roomaa bakka dhimmi kee itti ilaalamuuf abboonni firdii ka’aamanittan si erga. Sii fi warra garee kee ta’an hundumaa, warra yeroo kamiin illee sidhaggeeffatan miseensummaa irraa nan haqa, waldaadhaas nan baasa.” Xumuratti sagalee aarii fi oftuulummaadhaan “yaada kee kaasi, kanaa achi as hin deebi’in” jedhee dubbate. —D’Aubigne, London ed., b. 4, ch. 8.WG 131.3

    Haaressaan kun michoota isaa wajjin achii adeeme, yaada isaa kaasuunis isa irraa akka hin eegamne ifatti dubbate. Bakka bu’aan phaaphaasii kaayyeffatee kan ture kana hin turre. Luuteriin doorsisee harka jala isa galfachuu akka danda’utti of gowwomsee ture. Amma deggertoota isaa qofaa wajjin hafuudhaan mala isaa isa hin kufa jedhamee hin yaadamnetti qaana’uudhaan isa tokko irraa gara isa kaanii ilaale.WG 131.4

    Haala kana irratti dhamaasuun Luuter ija gaarii malee hin hafne. Walga’iin guddaan yaa’e kun namoota lamaanuu madaaluuf, hafuura karaa isaanii mul’atetti murtii kennuu fi ejjennoo isaanii dhugoomfachuuf carraa argatanii turan. Garaagarummaan isaan gidduu jiru maal ture! Haaressaan kun qajeelaa, kan gad of deebise, kan hin sochoone, dhugaa qabatee jabina Waaqayyootiin kan dhaabate ture; bakka bu’aan phaaphaasii inni ana malee namni hin jiru jedhu, kan hacuucu, oftuulaa fi inni yaadni isaa sababa irratti hin hundoofne, kan ittiin falmu heertuu Macaafa Qulqulluu tokko utuu hin qabaatin “yaada kee kaasi, yookiin adabaafan Roomaatti si erga” jedhee iyya.WG 131.5

    Utuma Luuter waraqaa nageenyaa ittiin darban qabuu warri Roomaa qabanii mana hidhaa keessa isa buusuuf adamsaa turan. Michoonni isaa yeroo dheeraa achi turuun bu’aa akka hin qabne, utuu hin turinis gara Wittenbaargitti akka deebi’uu fi karoora isaa kana immoo iccitaan fiixaan baasuu akka qabu jabeessanii isa gorsan. Akkasitti isa geggeessuuf ogannaan magaalaa nama inni kenneef qofaa wajjin farda irra taa’ee utuu lfti hin bari’in Awugasbargiin gadi lakkise. Innis of eeggannaa guddaadhaan dhoksaatti daandii magaalaa Sanaa isa callisaa qaxaamuree adeeme. Diinonni isaa warri dammaqoo fi gara jabeeyyiin isa balleessuuf gamatataa turan. Kiyyoo kana jalaa ni ba’a ta’aa? Yeroo kun yeroo dhiphinaa fi yeroo kadhannaa ture. Innis kellaa xiqqoo masaraa magaalatti bira ga’e. Innis banaa waan tureef danqaa tokko malee geggeessaa isaa wajjin darban. Nageenyaan erga ala ba’anii baqattoonni kun adeemsa isaanii saffisiisan, Luuter sokkuu isaa bakka bu’aan utuu hin bariin bakka ari’attoonni isaa isa qaqabuu hin dandeenye ga’e. Seexannii fi ergamoonni isaa ni injifataman. Namni isaan humna keenya jala galfatneerra jedhanii yaadan akka simbira kiyoo adamsaa jalaa baatee barrisee sokke.WG 131.6

    Bakka bu’aan kun oduu miliquu Luuteriin yeroo dhaga’e aarii fi dinqifannaadhaan guutame. Dhimma nama waldaa jeequ kanaa irratti ogummaa fi jabinaan hojjechuu isaatiif kabaja guddaa akka fudhatutti yaadee ture; garuu abdiin isaa in bittimaa’e. Aarii isaa irra kan ka’e Firederiki, isa qondaala Saaksonii ta’eef xalayyaa yeroo barreesse, Luuteriin balaaleffachuudhaan haaressaa kana gara Roomaatti akka ergu yookiin Saaksonii keessaa akka baasuuf Firedirikiin gaafate.WG 132.1

    Luuter faccisa isaa keessatti bakka bu’aan yookiin phaaphaasiin dogoggora isaa Macaafa Qulqulluu keessaa akka isatti argisiisuuf gaafate, yoo Macaafa Qulqulluun fallaa ta’uun isaanii mul’ate, barsiisa isaa akka dhiisuuf kakuu gale. Kaayyoo qulqulla’aa kanaaf dhiphachuu danda’uu isaatiif Waaqayyoof galata dhi’eessa.WG 132.2

    Qondaaltichi waa’ee barsiisa haara’umsaa muraasa qofa beeka ture; haa ta’u malee qajeelummaa, humnaa fi iftoomina dubbii Luuteriin tuqamee ture. Hamma dogoggora keessa jiraachuun haaressaa kanaa mirkana’uutti Firederiki eegumsa isaaf akka dhaabbatu murteesse. Gaaffii bakka bu’aa kanaaf deebii yeroo kenne akkas jedhee barreesse: “Dr. Maartiin Awugasbargitti fuula keetti dhi’aatera erga ta’ee, kanatti quufuutu si irra ture. Utuu dogoggora isaa hin amansiisin yaada isaa akka sirreeffatuuf dhiibbaa gootu jennee hin eegne. Beektota mootummaa keenya keessa jiran keessaa barsiifni Maartiin Waaqayyoon kan arrabsu, diina kiristiyaanummaa yookiin kan gantummaa ta’uu isaa kan natti dubbate hin jiru. Itti dabales mootichi Luuteriin gara Roomaatti erguu yookiin mootummaa isaa keessaa ari’ee baasuu in dide.” —D’Aubigne, b. 4, ch. 10.WG 132.3

    Qondaaltichi ittisi sona hamilee hawaasaa akka walii galaatti cabaa akka jiru argee ture. Hojii haara’umsaa guddaatu barbaachisa. Utuu namoonni seera Waaqayyoo beekanii isaafis abboomamanii, akkasumas yaada samuu qulqulluutiin utuu geggeefamanii yakka daangessuu fi adabuuf wanti wal xaxaan godhamuu fi horii gar malee baasisu hin barbaachisu ture. Luuteris kaayyoo kanaaf dhama’aa akka ture hubateera. Waldaa keessattis wanti fooya’aan argamaa dhufuu isaatti dhoksaatti gammadeera.WG 132.4

    Luuter akka barsiisaa Yunivarsitiitti guddaa kan milka’e ta’uu isaa inni argera. Haaressaan kun waraqaa qorannoo (theses) isaa balbala waldaatti erga maxxansee waggaan tokko reefuu darba, haa ta’u malee guyyaa ayyaana Qulqulloota hundumaatti imaltoonni waldaa daawwachuuf dhufan lakkoobsaan baay’ee gadi xinnaataa adeeme. Roomaan waaqeffattootaa fi kennaa horii dhabaa adeemte, garuu bakki isaanii namoota biraa imaltoota waaqessuu qulqullootaaf gara Wittenbaargi dhufaniin utuu hin taane garee barattoota kan birootiin galmi ishee qabame. Barreeffamni Luuter bakka hundumaatti Macaafa Qulqulluuf fedhii haaraa kakaase, Jarman guutummaa keessatti qofa utuu hin taane, biyyoota kan biraa keessas barattoonni gara Yunivarsiitiitti ya’aan. Dargaggoonni yeroo jalqabaaf Wittenbargiin argan “akkuma Tsiyoon bara durii keessaa ifni gara biyya fagootti tamsa’ee ture, magaalaa kana keessaas akka ifni dhugaan ba’u heyyamuu isaatiif harka isaanii ol fuudhanii Waaqayyoon galateeffatan.” —Ibid., b. 4, ch. 10.WG 132.5

    Luuter yeroo kana dogoggora Roomaa irraa kan inni jijjiirame gar tokkeedhaan ture. Yeroo Caaffata Qulqullaa’aa labsii yookiin heera phaaphaasii wajjin wal bira qabee ilaale, dinqifannaadhaan guutame. Akkas jedhee barreesses: “labsii phaaphaasii dubbisaan jira, phaaphaasiin farra Kiristoos (antichrist) yookiis kan ergamoota isaatii ta’uu isaa hin beekun ture, Kiristoos isaan keessatti dogoggoraan bakka buufameera, akkasumas isaan gidduutti fannifameera.” —Ibid., b. 5, ch. 1.Amma illee yeroo kana Luuter deggeraa Waldaa Roomaati, ishee irraa adda ba’uufis yaada hin qabu ture.WG 133.1

    Barreeffamnii fi barsiisni haaressaa kanaa biyyoota kiristiyaanaa hunda keessatti babal’ate. Hojichi gara biyyoota Siwizerlaandii fi Hoolanditti bal’ate. Garagalchi barreeffama isaa gara biyya Faransaayii fi Ispee’initti daandii qajeelfate. Biyya Ingilizii keessatti barsiisni isaa akka sagalee jireenyaatti fudhatame. Dhugaan gara Beljiyeemii fi Ixaaliyaattis in bal’ate. Kumaatamatti kan lakka’aman irriba du’aa keessaa gara abdii fi gammachuu jireenya amantiitti dammaqan.WG 133.2

    Cephoo Luuteritti Roomaan guddaa aarte. Diinonni isaa warri leellistoonni, yunivarsitii kaatolikii keessa kan jiran Dokteerota dabalatee moloksee fincile kana namni ajjeese cubbuu hin qabu jedhanii labsanii turan. Guyyaa tokko namni keessummaan tokko shigguxii kootii isaa jala dhoksee, gara haaressaa kanaatti dhi’aachuudhaan maaliif akkasitti qofaa akka inni adeemu gaafate. “Ani haarka Waaqayyoo keessan jira” jedhee deebise Luuter. “Inni jabina koo fi gaachana kooti. Namnis maal na godha?” —Ibid., b. 6, ch. 2. Namni keessummaan kun yeroo jecha kana dhaga’e bifti isaa gedderamee akka waan ergamaa waaqaa duraa baqatuutti fiige.WG 133.3

    Roomaan Luuteriin balleessuuf waan danda’amu hundumaa gooteetti, Waaqayyo garuu eegduu isaa ture. Barsiisni isaa “godoo fi gadaamii keessatti … masaraa moototaa keessatti, yunivarsiitii fi galma moototaa keessatti bakka hundatti dhaga’ameera, namoonni angafonnis bakka hundumaatti dhamaasuu isaa deggeruuf harka ol kaasaniiru. —Ibid., b. 6, ch. 2.WG 133.4

    Luuter, barreeffamoota Haasiin dubbisee haaressaa Bohemiyaatiin deggeramee isa ture dhugaa guddaa waa’ee tola amantii, isa ofii isaatii deggeruu fi barsiisuu barbaadu, kan inni argate yeroo kana ture. Kana ilaalchisee Luuter “nuyi hundumti keenya Phaawulos, Awugastinii fi ana mataa koo dabalatee utuu hin beekin hordoftoota Haasiin (Hussites) turre!” “Dhugaan jaarraa tokko fuula dura lallabamaa ture, gubateeras, kana immoo dhugaadhumatti Waaqayyo argeera!” jedhe. —Wylie, b. 6, ch. 1WG 133.5

    Luuter maqaa amantii kiristiyaanaa haara’umsaatiin phaaphaasii ilaalchisee moototaa fi angafoota Jaarmaaniif kan inni barreesse akkas jedha: “Ulfina mootiin kam illee ittiin qixxaachuu hin dandeenye mul’isuudhaan ani bakka bu’aa Kiristos jedhee nama of waamu ilaaluun waan jibbisiisaadha. Namni kun Yesus isa hiyyeessa yookiin Pheexros isa gad-deebi’aa in fakkaata? Namoonni inni gooftaa biyya lafaati ittiin jedhu! Garuu Kiristos, inni namni of tuulaan kun ani isa bakka bu’eera jedhu, “mootummaan koo kan lafa irraa miti” jedhe. Kanaaf, aangoon bakka bu’aa kan hoganaa isaa irra in caalaa?” —D’Aubigne, b. 6, ch. 3.WG 133.6

    Inni waa’ee Yunivarsiitii akkas jedhee barreesse: “Yunivarsiitonni Macaafa Qulqulluu ibsuudhaan jabaatanii hojjetanii onnee dargaggootaa keessatti akka inni bocamu yoo gochuu baatan, balbaloota Gahannamiin ta’uu isaanii mirkaneessu jedhee baay’een sodaadha. Bakka Macaafni Qulqulluun olaantummaa itti hin qabaanetti, akka namni mucaa isaa kaa’uuf ani nama tokko illee hin gorsu. Dhaabbanni hundumtuu kan utuu walirraa hin kutin namoonni keessatti sagalee Waaqayyootti hin qabamne kan manca’e ta’a.” -- Ibid., b. 6, ch. 3.WG 133.7

    Barreeffamni kun atattamaan guutuummaa biyya Jarmanitti tamsa’ee saba irrattis dhiibbaa guddaa geggeesse. Guutuummaan sabaas dammaqee namoonni hedduunis haareffama deggeruuf ka’anii dhaabbatan. Diinonni Luuter warri fedhii ijaa baafannaatiin gubatan, phaaphaasiin tarkaanfii murteessaa isa irratti akka fudhatuuf jabeessanii hubachiisan. Barsiifni Luuter atattamaan akka mormamuuf labsiin ba’e. Haaressaa kanaa fi deggertoota isaatiif Guyyaan jaatamni kennamee yoo isaan guyyoota kana keessatti yaada isaanii hin gedderatan ta’e, waldaadhaa akka baafamantu murtaa’e.WG 134.1

    Kun sochii haara’umsaaf rakkina guddaa ture. Labsiin waldaa keessaa nama baasuun Roomaa, barootaaf mootota gurguddoo goolaa, mootummoota gurguddoos boo’ichaa fi badiisaan guutaa kan turedha. Namoonni waldaa keessaa baafamuun isaan mudates, sodaa fi dhiphinaan jiraataa turan; hariiroon isaan michoota isaanii wajjin qaban gargar citeera, akka seera maleeyyiitti ilaalamuudhaan lafa irraa akka badanitti adamsamaniiru. Luuter bubbee isatti dhufuuf jiru arguu nama dadhabe hin turre; garuu Kiristoos deggeraa fi gaachana isaa akka isaaf ta’e amanuudhaan cimee dhaabbate. Amantii fi jagnummaa kitimamtootaatiin (wareegamtootaatiin) akkas jedhee barreesse: “waa’ee wanta ta’uuf jedhuu ani hin beeku, beekuufis hin dhiphadhu … balaan bakka fedhetti yoo ta’e ani sodaa hin qabu. Jaalala Abbaa malee baalli tokko illee citee lafa hin bu’u. Nuyiif immoo hammam kana caalaa eeggannaa nuuf godha! Sagaleen inni foon ta’e erga nuuf du’ee, sagalichaaf du’uun salphaadha. Isaa wajjin yoo duune, isaa wajjin in kaana, wanta inni nu dura keessa darbe keessa darbuudhaan bakka inni jiru in jiraanna, isaa wajjinis barabaraan in jiraanna.” —Ibid., 3d London ed., Walther, 1840, b. 6, ch. 9.WG 134.2

    Ajaji phaaphaasii Luuter bira yeroo ga’e inni akkas jedhe: “inni soba amantii of keessaa hin qabnedha, kanaaf ani isa nan tuffadha, nan mormas … Isa keessatti Kiristoostu balaaleffatame … kaayyoo guddaa hunda irra caalu kanaaf dhiphachuu kootti nan gammada. Phaaphaasiin farra Kiristos ta’uu isaa fi teessoon isaas kan Seexanaa ta’uu isaa waanan beekuuf, biliisummaa guddaatu onnee kootti dhaga’ama.”-D’Aubigne, b. 6, ch. 9.WG 134.3

    Haa ta’u malee, aangoon Roomaa miidhama utuu hin geessisiin hin hafne. Hidhuun, dhiphisuu fi billaan meeshaa ittiin dirqisiisanii abbooman ta’e. Dadhaboonnii fi hordoftoonni amantii tolchaa labsii phaaphaasiif in raafaman. Luuter akka walii galaatti deggersa yoo qabaate illee dhimmi haara’umsaaf jedhee aarsaa lubbuu inni kaffalu gati jabeessa akka ta’e namoota baay’eetti dhaga’ame. Wanti hundinuu hojiin haaressaa kanaa cufamuuf waan jedhu fakkeessee argisiise.WG 134.4

    Haa ta’u malee, Luuter amma illee sodaa hin qabu ture. Roomaan abaarsa ishee isa irratti yoo dhangalaafte iyyuu akka inni du’u yookiin akka inni harka kennu kan shake hin turre. Inni garuu humna cimaadhaan jecha murtii isa irratti darbe deebisee gara isheetti darbate, hamma barabaraatti ishee dhiisuuf murtoo qabu nama duratti ibse. Luuter ajaja phaaphaasii, seeraa fi labsii waldaa, akkasumas barreeffamoota aangoo phaaphaasii of keessaa qabu; ija barattootaa, Dokterootaa fi lammiilee sadarkaa hunda irra jiran duratti gube. Innis akkas jedhe “diinonni koo sammuu namootaa keessatti dhugaa miidhuu fi lubbuu isaaniis balleessuuf jecha, macaafota koo gubuu danda’aniiru. Sababa kanaaf anis macaafota isaanii gubeera. Lolli jabaan kan jalqabame amma. Hamma ammaatti phaaphaasii waliin taphachaan ture. Hojii kana maqaa Waaqayyootiinan jalqabe; ammas ana utuu hin barbaachisiin humna isaatiin xumurama.” —Ibid., b. 6, ch. 10.WG 134.5

    Ceephoo diinota isaatii warra kaayyoon isaa dadhabaadha jedhanii itti qoosaniin Luuter akkas jedhe: “Waaqayyo akka na hin fo’annee fi akka na hin waamne eenyutu beeka, anaan tuffachuun isaanii Waaqayyoon tufachuu isaanii akka ta’e kan hin sodaanne eenyu? Gibxi keessaa ba’uu keessatti Museen qofaa isaa ture; bittaa mootummaa Ahaab jalatti Eliyaas qofaa isaa ture; Isaayaas Yerusaalem keessatti qofaa isaa ture; Hisqi’eel Baabiloniin keessa qofaa ture … Waaqayyo angafa lubaa yookiin nama guddaa kan biraa fo’ee raajii godhee hin beeku. Amoos isa tiksituu dabalatee inni namoota gad-deebi’oo fi tuffatamoo fo’ate. Baroota hunda keessatti qulqulloonni lubbuu isaanii balaaf saaxiluudhaan gurguddoota, mootota, angafootaa fi ogeessota ifataa turan. … Ani raajiidha ofiin hin jedhu. Ani qofaadha, isaan immoo baay’ee waan ta’aniif sodaachuutu isaan irra ture jechuu kooti malee. Sagaleen Waaqayyoo anaa wajjin malee isaanii wajjin akka hin jirre mirkana’aadha.” —Ibid., b. 6, ch. 10.WG 135.1

    Haa ta’u malee, Luuter yeroo xumuraaf waldaa irraa adda ba’uu kan inni murteeffate wallaansoon jabaan utuu isa irratti hin ta’in miti. Waa’ee yeroo kanaa akkas jedhee barreesse: “waan mucummaatti sammuu namaa qabate, shakkii sammuu namaa keessaa maddu of duubatti gatuun hammam akka nama rakkisu guyyaa guyyaatti anatti dhaga’ame. Macaafa Qulqulluu of biraa yoon qabaadhe illee, qofaa koo dhaabbadhee phaaphaasiidhaan mormuu fi inni farra Kiristos ta’uu isaas ija jabaadhee dubbachuun koo sirrii ta’uu isaa mirkaneeffachuuf hammaman dhiphadhe! Dhiphinni onnee kootti hin dhaga’amin maaltu jira! Gaaffii isa phaaphaasonni “si qofaatu ogeessaa? Kan biraan hundumtuu dogoggoroodhaa? Xumuratti kan dogoggore si ta’ee lubbuu baay’ee immoo gara dogoggoraatti geggeessuudhaan barabaraan yoo isaanitti fardame maaltu ta’a? Jedhanii irra deedeebi’anii na gaafatan yeroo meeqan mataa koo gaafadhe? Shakkii kana akkan dhabamsiisuuf hamma Kiristos sagalee isaa isa hin dogoggorreen onnee koo jabeessutti, mataa koo fi Seexanaa wajjin wallaansoo akkasii keessan ture.” —Martyn, pages 372, 373.WG 135.2

    Yoo luuter yaada gedderachuu baate, waldaa keessaa akka isa baasu phaaphaasiin isa sodaachise, sodaachisi kunis amma fiixaan ba’e. Labsiin haaraan haaressaan kun yeroo xumuraaf waldaa Roomaa irraa adda ba’uu isaa fi samiidhaa kan abaarame ta’uu isaa himu in ba’e, barsiisa isaa kan fudhatan hundinus murtii kana keessatti hammataman. Amma guutummaatti lola guddaatti seename.WG 135.3

    Dhugaa akka lallabaniif Waaqayyo kan isaan fo’atu hundumtuu carraan isaan mudatu mormiidha. Bara Luuter keessa dhugaa yeroo — dhugaa yeroo sanaaf barbaachisummaa addaa qabutu ture. Har’as waldaadhaaf dhugaan yeroo jira.WG 135.4

    Inni waan hundumaa akka jaalala isaatti godhu namoota haala garagaraa keessa kaa’uu fi hojii addaa yeroo isaan keessa jiraatanii fi haala isaan keessa ka’amaniif ta’u isaaniif kennuutti in gammada. Ifa isaaniif kennameef gatii guddaa yoo isaan kennan dhugaa bal’isanii akka ilaalaniif balballi isaaniif in banama. Dhugaan garuu phaaphaasota Luuteriin morman irra caalaa har’a baay’otaan in jaallatamne. Akkuma bara durii qooda sagalee Waaqayyoo, tiyoorii fi aadaa namaa fudhachuun har’as jira. Dhugaa yeroo kanaa warri lallaban haaressitoota durii irra caalaa fudhatama arganna jedhanii yaaduu in qaban. Wallaansoon guddaan dhugaa fi soba, Kiristosii fi Seexana gidduu jiru xumura seenaa addunyaa keessatti itti caalaa adeema.WG 135.5

    Yesus bartoota isaatiin akkas jedhe: “Kan biyya lafaa utuu taatanii, biyyi lafaa akka kan isaatiitti isin in jaallata ture; amma garuu anatu biyya lafaa keessaa isin fo'ate malee, isin kan biyya lafaa waan hin ta'iniif, biyyi lafaa isin in jibba. Dubbii ani, ‘Hojjetaan isa hojjechiifatu irra hin caalu jedhee, isinitti hime yaadadhaa! Kanaaf na ari'atanii yoo jiraatan isinis in ari'atu; dubbii koo eeganii yoo jiraatan, dubbii keessanis in eegu.” Yoh.15:19, 20. Karaa biraa immoo Gooftaan keenya ifatti kan dubbate jira: “Wayyoo isiniif namni hundinuu yoo isin jajate, abaabiliin isaaniis raajota sobduu akkasuma gochaa turan jedhe.” Luq.6:26. Har’a hafuurri biyya lafaa isa bara durii irra caalaa hafuura Kiristosii wajjin walii hin galu, akkasumas warri sagalee Waaqayyoo qulqulummaa isaatiin lallaban isa yeroo Sanaa irra caalaa fudhatama hin argatan. Bifti mormii dhugaa jijjiiramuu danda’a; haxxummaan isaa guddachaa sababa adeemeef diinummaan isaa ifaa ta’uu dhiisuu danda’a; haa ta’u malee diinummaan sun amma illee jira, hamma dhuma baraattis in mul’ata.WG 136.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents