Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Wal’aansoo Isa Guddaa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 9—Haaressaa Biyya Siwiizi

    Filannoon meeshaa Waldaa haaressuu keessatti dhimma itti ba’ame, karoora waaqaa isa ijaarsa waldaa keessatti bu’uurefametu mul’ate. Barsiisaan samii (Yesuus) gurguddoota lafaa warra aankii fi qabeenya qaban, warra akka geggeesitootaatti ulfinaa fi galata namootaa fudhachuu amaleeffatan bira darbe. Isaan namoota akka isaaniif garaa laafuu Akkasumasnama Naazireeti isa gara laafessa Sanaa wajjin hojjettoota ta’uu akka hin dandeenye mul’isuudhaaf warra olaantummaa isaaniitiin boonanii fi ofitti hirkatan turan. Qurxummii qabduu warra Galiilaa, warra hin baratin sana waamicha akkas jedhutu isaan qaqabe: “Na duukaa bu'aa! Anis nama kan. walitti qabdan isin nan godhadha!” Maat.4:19. Bartoonni kun kan gad of deebisanii fi barachuu kan danda’an turan. Hammuma dhiibbaan karaa barsiisa sobaa yeroo sana isaan irra ga’e xiqqoo ture, Kiristos immoo hojii isaaf isaan barsiisuu fi leenjisuudhaan caalmaatti milkaa’aa. Guyyoota haara’umsaa isa guddaa sana keessas akkuma kana ture. Geggeesitoonni haareffamaa namoota jireenyi isaanii gad deebi’aa — namoota oftuulummaa gulantaan namatti fiduu fi dhiibbaa rincicummaa fi haxxummaa lubootaa irraa biliisa ba’an turan. Bu’aa guddaa argamsiisuuf meeshaalee gad deebi’ootti dhimma ba’uun karoora Waaqayyooti. Yeroo sana akka fedha isaa fi akka jaalala isaatti, karaa isaanii isa hojjeteef, ulfinni ta’a malee namaaf ulfinni hin kennamu.WG 152.3

    Biyya Saaksonii godoo warra albuuda baasanii keessatti dhalachuu Luuter torban tokko booda, Uliriki Ziwingil tulluu Alpis keessatti godoo horsiisee bulaa keessatti dhalate. Ziwingil naannoon yeroo mucummaa isaa fi barnooti isaa inni gara jalqabaa, ergama isaa isa fuula duraaf kan isa qopheessu ture. Naannoo miidhagina uumamaa dinqisiisaa, fi bareedina onnee namaa hawwatutti kan guddate ijoolummaadhuma isaatii jalqabee guddummaan, humnii fi jabinni Waaqayyoo sammuu isaatti bocamuu danda’ee ture. Seenaan gochaa gootummaa tulluu inni keessatti dhalate irratti raawwatame bara dargaggummaa isaa keessa fedhii isatti qabsiisee ture. Inni akkoo isaa cina taa’ee seenaa Macaafa Qulqulluu isa gati jabeessa isheen himtee fi aadaa waldaa irraa walitti qabde dhaggeeffata ture. Hojii guddaa raajonnii fi abboonni amantii hojjetan, akkasumas isa tiksoonni warri tulloota palaastinaa irratti horii isaanii eegan waa’ee mucaa isa Baataliheemii fi nama Qaraaniyoo dubbatan fedhii guddaadhaan dhageeffataa ture.WG 153.1

    Akkuma Joon Luuter, abbaan Ziwingili mucaa isaatiif barumsa hawwaa ture, kanaaf mucaan kun dachaa keessatti dhalate keessaa fuudhamee xinnummaatti barnootaaf ergame. Sammuun isaa saffisaan guddate, kanaaf barsiisonni isa barsiisuuf ga’umsa qaban eessatti akka argaman gaaffiin battalumatti dhufe. Waggaa kudha sadiitti gara mana barumsaa biyya Siwiizerlaanditti beekamaa ta’etti gara magaalaa Berni dhaqe. Haa ta’u malee, achitti abdii jireenya isaa balaa irra kan buusutu isa mudate. Gara gadaamii isa hawwachuuf moloksoonni kutannoodhaan yaalii godhan. Moloksoonni Domenikanii fi Firansiskaan saba duratti jaallatamuuf wal dorgomu turan. Fudhatama barbaadan argachuuf jecha uffata waldaa isaanii isa callaqisee miidhaguun, sirna waaqefannaa isa ulfina qabeessaan, akkasumas siidaa qulqullootaa isa beekamaa fi hawwataa fi bifa fakkeenyaa isa dinqii hojjetuun dhama’u turan.WG 153.2

    Domenikaaniin biyya Berni barataa dargaggeessa dandeetti qabu kana harka isaanii keessa galfachuu yoo danda’an bu’aa buufachuu fi kabaja argachuu akka danda’an hubataniiru. Dargaggummaan isaa, kennaan dubbannaa fi barreessuu uumamaan inni qabu, dandeettiin muuziqaa fi walaloo isaa namoota gara tajaajila isaaniitti harkisuu fi galii isaanii dabaluuf of tuulummaa fi of argisiisuu isaanii irra kan caalu ture. Gowwomsaa fi haxxummaadhaan akka Ziwingili Gadaamii isaanii galuu guddaa dadhaban. Luuter yeroo mana barumsaa ture gadaamii keessatti mataa isaa awwaalee ture, utuu Waaqayyo gaarummaa isaatiin achi keessaa isa hin baafne ta’ee biyyi lafaa isa dhabdee hafti turte. Balaan akkasii Ziwingiliin akka mudatuuf hin heyyamamneef ture. Gaarummaa Waaqayyootiin abbaan isaa odeefannoo karoora moloksootaa argate. Inni akka mucaan isaa jireenya moloksootaa isa dhibaa’ummaa fi waan gatii hin qabneen guutame akka hordofuuf kaayyoo hin qabu ture. Inni bu’a qabeessummaan fuula isaa dura jiru balaaf saaxilamuu isaa argee utuu hin turin gara manaatti akka deebi’uuf isa abboome.WG 153.3

    Innis in abboomame; haa ta’u malee dargaggeessi kun dachaa itti dhalate keessa turuutti quufuu waan hin dandeenyeef utuu hin turin gara Basel adeemee barumsa isaa itti fufe. Ziwingil wangeela ayyaana Waaqayyoo isa tolaa yeroo jalqabaaf kan inni dhaga’e achitti ture. Barsiisaa afaanota durii kan ta’e, namni Witembaki jedhamu afaan Giriikii fi Ibraa’isxii utuu qorachiisuu gara Macaafa Qulqulluutti isa geesse, barsiisa isaatiinis carallaan ifa waaqaa sammuu barataa kanaa keessatti faca’e. Innis tiyooriibarsiisotaa fi falaasfotaan barsiifamu caalaa dhugaa durii fi kan gatii guddaa qabu akka jiru in dubbata ture. Dhugaan durii kunis duuti Kiristos qofti furii cubbamaa ta’uu isaati. Sagaleen kun Ziwingiliif akka carallaa ifaa yeroo lafti bari’u jalqaba gara lafaa dhufuu itti ta’e.WG 154.1

    Ziwingil utuu hin turin hojii keessa akka seenuuf gara Baselii waamame. Dirreen hojii isaa inni jalqabaa iddoo dhaloota isaa irraa baay’ee fagoo kan hin taane mana qulqulummaa Alpaa’initti ture. Dibamee lubummaa fudhachuudhaan “sirriitti waan isa beekuuf dhugaa qorachuuf lubbuu isaa guutummaatti of kenne,” haaressaan isaa wajjinii tokko akkas jedha, “namni hoolonni Kiristos itti kennaman kun hammam beekuu qaba.”—Wylie, b. 8, ch. 5. Macaafa Qulqulluu caalchisee akkuma qorateen dhugaan isa keessa jiruu fi gantummaa Roomaa gidduu jiru fallaa ta’uu isaa ifatti isatti mul’ate. Macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo geggeessaa hin dogoggorree, qofaa isaa ga’umsa kan qabu ta’uu isaa hubatee mataa isaa isaaf bitamsiise. Inni ofii isaatiin ofii isaa hiikuu akka qabu arge. Inni tiyooriin yookiin barumsa amantii duraan isa keessa ture turfachuuf jecha Macaafa Qulqulluu akka sanatti hiikkachuuf ija hin jabaanne, garuu barsiisa isa qajeelaa fi ifaa ta’e fudhachuun hojii isaa akka ta’etti qabate. Hiikkaa isaa isa guutuu fi isa sirrii hubachuuf gargaarsa isa barbaachisu hundumaa argachuuf of qopheesse, akkasumas warra dhugaa fi kadhannaadhaan isa barbaadan hundumaaf akka ibsu amanuudhaan gargaarsa Hafuura Qulqulluu kadhate.WG 154.2

    “Macaafni Qulqulluun,” jedhe Ziwingil, “Waaqayyoon biraa dhufe, nama biraa miti, Waaqayyo inni ifa kennu immoo dubbii isa biraa dhufe hubachuu akka danda’an in godha. Sagaleen Waaqayyoo … kufuu hin danda’u; inni ifa, inni ofii isaa in barsiisa, inni ofii isaa in mul’isa, lubbuun ofii ishee gattee fi dhiiftee Waaqayyoon akka fudhattuuf ayyaanaa fi fayyina hundumaan lubbuu in ibsa, Waaqayyottis in jabeessa, gara laafessaas in godha.” Dhugummaa sagalee kanaa Ziwingil mataan isaa mirkaneefateera. Muuxannoo isaa yeroo Sanaa dubbachuudhaan akkas jedhee barreesse: “Yeroo … ani guutummaatti Macaafa Qulqulluuf mataa koo kennuu jalqabe falaasamnii fi qu’annoon amantii yeroo hunda lola anatti kaasu turan. Xumuratti ‘soba sana hundumaa dhiisi, hiikkaa Waaqayyoo sagalee isaa isa salphaa qofaa irraa baradhu’ yaada jedhutu naaf dhufe. Kana booda ifa akka naaf kennuufan Waaqayyoon gaafachuu jalqabe, Macaafni Qulqulluunis hubannaa koof salphaa ta’uu jalqabe.” —Ibid., b. 8, ch. 6.WG 154.3

    Barsiisi amantii Ziwingil barsiise Luuter irraa kan fudhatame hin turre. Inni barsiisa Kiristos ture. “Luuter Kiristosiin lallabe yoo ta’e” jedhe haaressaan Siwiiz, “waan ani gochaa jiru godhe jechuudha. Warri inni gara Kiristositti fide warra ani gara Kiristositti geesse irra guddaa caalu. Kun garuu homaa miti. Isa ani loltuu isaaf ta’ee fi inni qofaan gaggeessaakoo erga ta’ee, ani maqaa Kiristositti malee kan biraatti hin waamamu. Ani Luuteriif kanan caafe yookiin Luuter anaaf kan caafe sagaleen tokko hin jiru. Kun maaliif? … Erga lamaan keenya iyyuu walitti dhufeenya tokko malee barumsa Kiristosiin bifa wal fakkaatuun barsiifne, kun hafuurri Waaqayyoo ofii isaa wajjin hammam akka tokkummaa qabu argisiisa.” —D’Aubigne, b. 8, ch. 9.WG 154.4

    Bara 1516 keessa Ziwingil gadaamii Ha’inzedelitti lallabaa ta’uuf waamame. Manca’insa Roomaa itti siqeenyaan kan inni hubatee fi akka geggeessaa haara’umsaatti dhibbaan inni geggeessu fudhatama kan argate Alpis iddoo itti dhalate irraa fagaatee yeroo inni bakka kana adeeme ture. Ha’inzedelitti wanti guddaan qalbii namaa hawwatu bifa fakkeenyaa Maariyaam Durbaa yeroo ta’u, innis humna dinqii hojjetu of keessaa qaba jedhamee dubbatama. Balbala Gadaamii /convent sana irratti barreeffama akkas jedhutu jira, “asitti dhiifamni cubbuu guutummaatti argama.” -- Ibid., b. 8, ch. 5. Yeroo hundumaa keessummoonni qoolloo Maariyaam duratti walitti qabamu; garuu yeroo ayyaana waggaa isa guddaatti biyya Siwiizerlaandi, Faransaayii fi Jarmanii namoonni hedduun in dhufu turan. Ziwingili inni waan arge kanatti dhiphate carraa argatetti fayyadamee warra hidhaa tolchatti amanuu jalatti gabromfaman kanaaf karaa wangeelaa, biliisummaa isaaniif labsuuf qophaa’e.WG 155.1

    Innis akkas jedhe “kutaa kan biraa irra caalaa Waaqayyo akka waan mana kana keessa jiruutti hin yaadinaa. Biyya kamiin keessa illee yoo jiraattan, Waaqayyo naannoo keessan jira, isin in dhaga’as … hojiin bu’aa hin qabne, imala dheeraa gochuun, kennaan, bifti fakkeenyaa, Maariyaamiin yookiin qulqulloota kadhachuun ayyaana Waaqayyoo isin argachiisuu in danda’aa?…Jechoonni hedduun kadhata keenya keessatti hammataman bu’aan isaanii maal? Uffanni calaqqisaan, mataan mucucaatee muramuun, uffannii dheeraan laga ga’u, yookiin kopheen warqeen itti maxxanfame bu’aa maalii qaba? … Waaqayyo garaa ilaala, garaan keenya immoo isa irraa fagoodha.” Akkas jedhe “Kiristos inni al tokko fannoo irratti kennaa ta’ee dhi’aate, inni barabaraan aarsaa cubbuu amantootaaf ga’umsa kan qabuudha.” —Ibid., b. 8, ch. 5.WG 155.2

    Barsiisni kun namoota baay’ee hin gammachiifne. Adeemsi dadhabsiisaan isaan godhan kan akkasumaanii akka ta’e isaanitti himamuun isaa, abdii kutannaa hadha’aa isaanitti ta’e. Araara karaa Kiristosiin tola isaaniif kenname hubachuu hin dandeenye. Karaa durii isa gara samii ittiin dhaquuf Roomaan baafte sana irra adeemuutti quufanii turan. Wanta wayyu barbaaduutti dhiphachuu irraa baqachaa turan. Qullaa’ummaa garaa barbaaduu irra caalaa fayyina isaaniif lubootatti amanuun isaaniif salphaa ture.WG 155.3

    Haa ta’u malee, oduu gammachiisaa waa’ee fayyina karaa Kiristos kennamuu, gareen biraan fudhataniiru. Sirni ayyaanaa Roomaadhaan ajajame lubbuudhaaf nagaa kennuu waan dadhabeef, isaan dhiiga fayyisaa akka beenyaa lubbuu isaaniitti amantiidhaan fudhataniiru. Isaan kun ifa kabajamaa fudhatan warra kan biraatti mul’isuuf jecha gara mana isaaniitti deebi’an. Akkasitti dhugaan mandaraa gara mandaraatti, magaalaa gara magaalaatti geeffame, lakkoobsi warra gara mana qulqullummaa Maariyaam Durbaatti imala dheeraa godhan xiqqachaa adeeme. Aarsaan kennaas gadi bu’e, kana irraa kan ka’es miindaan Ziwingil inni isa irraa argamus rakkina ta’e. Garuu humni warra makaraarsitootaa fi warra tolchatti amananii cabuu isaa yeroo arge, inni in gammade malee hin gaddine.WG 155.4

    Aangawwoonni waldaa waan Ziwingil hojjechaa jiru arguu hin dhabne; haa ta’u malee yeroof gidduu seenuu irraa of qusatan. Hojii isaanii keessatti isa hambisuuf abdii utuu hin kutatin haxxummaadhaan isa mo’uuf dhama’an; kun akkasitti utuu jiruu dhugaan onnee namootaa irratti hundee jabeeffatee ture.WG 156.1

    Hojiin Ziwingil Ha’inzedelitti raawwate dirree bal’aaf waan isa qopheesseef, utuu hin turiin gara hojii isaatti seene. Asitti waggaa sadii erga hojjetee booda, gara mana qulqullummaa Zuurikitti lallabaa ta’ee waamame. Kun immoo gamtaa Siwiizi keessaa magaalaa baay’ee barbaachisaa ture, dhiibbaan bakka kanatti geggeefame fagootti dhaga’amee ture. Luboonni hafeerraa isaaniitiin gara Zuurikitti isawaaman, tooftaa hojii haaraa kamiin iyyuu dhowwuuf fedha waan qabaniif, qajeelfama hojii isaaf kennan.WG 156.2

    Akkas ittiin jedhan, “xiqqaa guddaa utuu hin jedhin galii mana qulqulummaa walitti qabuuf waan kamiin illee gochuu qabda. Iddoo aarsaa fi bakka qalbii itti jijjiirratan irra dhaabbattee warri amanamoon kurnaffaa fi buusii miseensummaa isaanii akka kaffalan, kennaa isaaniitinis jaalala waldaadhaaf qaban akka argisiisan jabeesitee isaan yaadachiifta. Dhukkubsatoota irraa, saba bal’aa irraa fi akka walii galaatti sirna lubummaa keessa kan jiran hundumaa irraa galii jiru ol kaasuuf jabaattee hojjetta.” “Sirna irbaata qulqulluu geggeessuun, lallabuu fi hoolota kunuunsuun hundumtuu hojii lubaati.” “Haa ta’u malee isaan kanaaf, addumaan immoo lallabaaf nama bakka buusuu in dandeessa. Irbaata qulqulluu namoota beekamaniif malee nama kamiif kennuu hin qabdu, inni iyyuu yeroo waamamtu qofaadha; utuu nama adda hin baafatin kana gochuu dhorkamteetta.” —Ibid., b. 8, ch. 6.WG 156.3

    Ziwingili itti gaafatamummaa isatti kenname kana callisee dhageeffatee hojii kanaaf ulfinaan waamamuu isaatiif galata erga dhi’eessee booda, hojii hojjechuuf filate ibsuu itti fufe. Akkas jedhe, “jireenyi Kiristos yeroo dheeraaf namoota duraa dhokatee ture. Wangeela Qulqulluu Maatewosiin guutummaa isaa madda Macaafa Qulqulluu keessaa qofa fudhachuudhaan, gadi fageenya isaa madaaluudhaan, heertuu tokko isa kaanii wajjin wal bira qabuudhaan, kadhannaa murannoo fi walirraa hin cinneen hubannaa barbaaduudhaan nan lallaba. Tajaajila koo kanan irra oolchu ulfina Waaqayyoof, galata ilma isaa tokkichaaf, fayyina lubbuu isa dhuga qabeessaa fi amantii dhugaatti akka isaan qulqulla’aniifi.” —Ibid., b. 8, ch. 6. Luboonni tokko tokko karoora isaa mirkaneesuufi yoo dhiisanii fi akka inni dhiisuuf yoo dhama’an illee Ziwingili jabaatee dhaabbate. Tooftaa waldaan durii fi isheen bara qulqulummaa keessa turte itti dhimmi baate malee, tooftaa haaraa fiduuf hojjechaa akka hin jirre dubbate.WG 156.4

    Dhugaan inni barsiise fedhii namoota baay’ee daddamaqsee ture; namoonni lakkoobsaan hedduunis lallaba isaa dhageefachuuf gara isaatti ya’anii turan. Dhageeffattoota isaa keessaa harki caalaan isaanii tajaajilatti hirmaachuu erga dhiisanii turaniiru. Wangeelota banee seenaa jireenyaa, barsiisaa fi du’a Kiristosiin dhageefatootaaf ibsuudhaan tajaajila isaa jalqabe. Asittis akkuma isa Ha’inzedelitti godhe, sagaleen Waaqayyoo aangoo hin dogoggorre ta’uu isaa fi duuti Kiristos qofaan immoo aarsaa guutuu ta’uu isaa dubbate. “Kanan itti isin geessuu gara Kiristos isa madda fayyina dhugaa ta’etti” jedhee dubbata ture. —Ibid., b. 8, ch. 6. Namoonni gita hundumaa irraa dhufantu namoota siyaasaa fi hayyootaa jalqabee hamma ogeesotaa fi qotee bulaatti naannoo lallabaa kanaa nannaa’ee jira ture. Isaanis fedhii gadi fagootiin sagalee isaa dhageefatu turan. Inni cubbuu fi manca’iinsa yeroo Sanaa soda malee ifate malee, kennaa fayyina tolaa qofa hin lallabne. Baay’een Waaqayyoon galateeffachaa mana qulqullummaatii deebi’an. Isaanis akkas jedhan, “namni kun lallabaa dhugaadha. Dukkanaa’ummaa Gibxi kana keessaa nu baasee kan nu geggeessu inni Musee keenya ta’uu qaba” jedhan. —Ibid., b. 8, ch. 6.WG 156.5

    Hojiin isaa yeroo jalqabaaf hinnaaffaa guddaatiin yoo fudhatame illee, yeroo booda mormiitu ka’e. Moloksoonni hojii isaa gufachiisuu fi barsiisa isaas balaaleffachuuf walii isaanii ijaaran. Baay’een qoosaa fi ga’isuudhaan isa tuffatan, isaan kaan immoo gara addaggummaa fi doorsisaatti deebi’an. Ziwingili garuu waan hundumaa obsaan baachuudhaan akkas jedhe: “hamoonni gara Yesus akka dhufaniif hawwina utuu ta’ee, waan baay’ee akka hin argineef ija keenya cufachuu qabna turre.” —Ibid., b. 8, ch. 6.WG 157.1

    Naannoo yeroo kanaa keessa hojii haara’umsaa jabeessuuf tooftaa haaraatu dhufe. Lucian tokko karaa fira amantii haaraa’umsaa biyya Basel keessa jiruu, barreefama Luuter muraasaa wajjin gara Zuurikitti ergamee ture. Namni erge kunis gurgurtaan kitaabota kanaa karaa humna qabeessaa ifni ittiin tamsa’u ta’uu isaa amanee ture. Ziwingiliif yeroo barreesse akkas jedhe, “namni kun of eeggannoo fi dandeettii ga’aa qabaachuu isaa mirkaneefadhu; Yoo akkana ta’e barreefama Luuteriin, keesumatti immoo kadhannaa Gooftaa isa amantootaaf barreefame fuudhee biyya Siwiiz keessaa magaalaadhaa gara magaalaatti, mandaraa gara mandaraatti, manaa gara manaatti haa adeemu. Hammuma beekaman hammuma sana nama bitu argachuu danda’u.” —Ibid., b. 8, ch. 6. Akkasitti ifni karaa seenu argate.WG 157.2

    Yeroo Waaqayyo fuuncaa doofummaa fi tolchatti amanuu caccabsuuf qophaa’u, namoota dukkanaan haguuguu fi hidhaa isaanii jabeessuuf humna guddaatiin kan hojjetu Seexana. Karaa dhiiga Kiristosiin dhiifamnii fi qajeelummaan akka argamu saba barsiisuuf biyya garagaraa keessaa namoonni yeroo ka’an, Roomaan immoo gama isheetiin dhiifama cubbuu horiidhaan gurguruuf addunyaa kiristiyaanaaf gabaa banuu humna haara’een itti fufte.WG 157.3

    Cubbuun hundinuu tilmaama gatii mataa isaa qaba ture, qabeenyi waldaa yoo guutuu ta’e immoo namoonni yakka akka dalaganiif heyyamni tolaa isaaniif kennamee ture. Akkasitti sochiin lamaanuu gara fuula duraatti adeemaa turan, - inni tokko dhiifama cubbuu horiidhaan kan gurguru yeroo ta’u, inni kaan immoo dhiifamni cubbuu karaa Kiristos akka ta’u barsiisa. Roomaan cubbuuf heyyama kennuu madda galii godhatte; haaresitoonni immoo cubbuu balaalefachuudhaan Kiristos fayyisaa fi araarsaa cubbuu ta’uu isaa namootatti argisiisan.WG 157.4

    Biyya Jaarmaan keessatti waraqaan gurgurtaan dhiifama cubbuu moloksoota Doomenikaanitti kennamee, tetzeel isa maqaa gdhee qabu sanaan geggeefama ture. Biyya Siwiizerlaandi keessatti daldalli kanaa harka warra Firansiskaanii keessa kan ture yeroo ta’u moloksee warra Xaaliyaanii isa Saamson jedhamuun geggeefama ture. Saamson namni jedhamu kun horii guddaa biyya Jaarmaanii fi Siwiizerlaandii guuree gombisaa Phaaphaasotaa keessa guutuudhaan duruma iyyuu waldaaf tajaajila gaarii nama godhe ture. Ammas Siwiizerlaandi keessa naanna’ee saboota danuu ofitti qabuudhaan qotee bulaa hiyyeeyyi galii xiqqoo qaban gowwomsee horii irraa funaanee, warri sooreyyiin immoo kennaa gati jabeessa akka kennaniif dirqisiisaa ture. Garuu dhiibbaan haara’umsaa daldala kana dhaabuu hin dandeenye yoo ta’e illee hir’isuu danda’eera. Yeroo Saamson Siwiizerlaandiin erga seenee booda battalumatti wanta daldaluu wajjin magaalaa ollaa ga’e, Ziwiingili amma illee Ha’inzedeelniin jira ture. Haaressaan kun ergaa isaa namootaaf qooduudhaan battalumatti isaan mormuu jalqabe. Lamaan isaanii wal hin quunnamne turan, garuu yeroo Ziwingil itti fakkeessaa moloksootaa saaxiluutti milkaa’e iddoo sana akka gad dhiisuuf dirqisiifame.WG 157.5

    Ziwingili magaalaa Zuuriki keessatti warra waraqaa araaraa dalsalaniin mormuudhaan hinnaaffaa guddaadhaan lallabe; Saamsonis iddoo sanatti yeroo dhi’aate achiin darba jedhee kan yaade ergamaa mana murtii tokkoon simatame. Xumuratti tooftaadhaan seenee ture, garuu waraqaa dhiifama cubbuu tokko utuu hin gurgurin ari’amee Siwiizerlaandiin dhiisee ba’e.WG 158.1

    Haara’umsi dha’icha yookiin Du’a Guddaa bara 1519 keessa Siwiizerlaandiin duguugeen humna guddaa argatee ture. Namoonni dhukkuba balleessaa Sanaa wajjin fulaa fuulaan yeroo wal quunnaman dhiifamni isaan bitatan kan akkasumaanii fi kan gatii hin qabne ta’uu isaa hubachuu danda’anii turan; kana irraa kan ka’e bu’uura amantii isaanii isa dhugaa barbaaduu jalqaban. Ziwingili Zuuriki keessatti dhukkuba sanaan qabamee ture; baay’ee sababa dhukkubsateef abdiin fayyuu isaatii cite ture, du’eera jedhames bal’inaan odeefameera. Yeroo qormaataa sana keessaa abdii fi jabinni isaa hin raafamne. Dhiifama cubbuu hundumaaf ga’aadha jedhee isa itti amane fannoo Qaraaniyyoo amantiidhaan ilaale. Yeroo balbala du’aa irraa deebi’e isa durii irra caalaa hinnaaffaa guddaadhaan wangeela lallabe; sagaleen isaas humna hin yaadamne argate. Sabnis paasterii isaanii isa jaallatamaa qarqara du’aatii isaaniif deebi’e gammachuudhaan simatan. Isaan mataan isaanii gara lallaba dhageefachuu kan isaan dhufan warra dhukkubsatanii fi warra du’aa jiran dhukkubsachiisuu addaan kutaniiti, bu’aan wangeelaas isa yeroo kami irra caalaa isaanitti dhaga’amee ture.WG 158.2

    Yeroo kana Ziwingili hubannaa dhugaa ifaa ta’e bira ga’ee ture, humna isaa isa nama haaressus guutummaatti shaakaleera. Kufaatiin namaa fi karoorri fayyinaa mata duree inni irratti xiyyeefate ture. Innis akkas jedhe “karaa Addaamiin hundumti keenya duunee turre, xura’ummaa fi firdii keessattis liqimfamnee turre.” —Wylie, b. 8, ch. 9. “Kiristos immoo fayyina dhuma hin qabne nuuf kenneera… Jaalalli isaa nu fayyisuuf aarsaa barabaraa fi bu’aa dhuma hin qabneedha; inni warra amantii hin sochooneen isatti hirkatan hundumaaf bakka isaanii bu’ee barabaraan qajeelummaa waaqaa garaa hin ciibsa.” Haa ta’u malee sababa ayyaana Kiristosiif namoonni cubbuu itti fufanii hojjechuuf biliisummaa akka hin qabne ifa godhee barsiise. “Bakka Waaqayyootti amanuun jiru hundumaa Waaqayyo jira; bakka Waaqayyo jiru immoo namoonni gaarii akka godhaniif hinnaaffaan isaan dhiibu jira.” —D’Aubigne, b. 8, ch. 9.WG 158.3

    Lallabni Ziwingili kun barumsa isaa dhageefachuuf namoota danuu dhufaniin manni qulqullummaa sun akka guutu taasise. Inni akka dhageefatoonni isaa hubachuu danda’aniif xiqqoo xiqqoodhaan dhugaa isaaniif saaqaa ture. Inni qabxii isaan naasisuu fi garaagarummaa uumu jalqabatti akka hin dubbanneef of eeggannoo gochaa ture. Hojiin isaa onnee isaanii gara barsiisa Kiristositti deebisuu, onneen isaanii jaalala isaatiin akka bullaa’u gochuu fi fakkeenyummaa isaa isaan dura kaa’uu, yeroo qajeelfama wangeelaa fudhatanis amantii fi hojiin isaanii inni hundee hin qabne raawwatee akka mo’amuuf ture.WG 158.4

    Akkaataa kanaan biyya Zuuriki keessatti haarefamni fuula duratti tarkaanfate. Diinonni warri haalli kun isaan naasise mormiidhaaf dammaqanii ka’an. Molokseen Witenbaargi phaaphaasii fi mootii wormisiin erga didee waggaa tokkoon dura, ammas gaaffii phaaphaasii Zuurikiif ejjennoon wal fakkaataan waan jiru fakkaata. Ziwingili irratti haleellaa walirraa hin citnetu geggeefame. Kutaa phaaphaasonni keessa jiran keessatti yeroo gara yerootti bartoonni wangeelaa balaaf saaxilamaa turan, haa ta’u malee kun qofaan ga’aa hin turre; barsiisaan gantummaa kun callisu qaba jedhan. Haaluma kanaan phaaphaasiin Konstansi bakka buutota sadii gara mana maree Zuurikitti erge. Isaanis Ziwingili seera waldaa cabsuu saba barsiisuudhaan nageenyaa fi sabirii hawaasaa balaa keessa galchaa jira jedhanii himatan. Aangoon waldaan qabdu yoo dhiifame bu’aan isaa goolii addunyawwaa ta’etu ka’a jedhee isaan kakaase. Jecha kanaaf Ziwingili akkana jechuudhaan deebii kenne, “Zuuriki keessatti waggoota afuriif wangeela barsiiseera. Isheenis kutaa biyyichaa hundumaa keessaa magaalaa kamiin irra caalaa tasgabbii fi nagaa qabdi.” “Kanaaf kiristiyaanummaan nageenya walii galaaf eegduu amansiisaa miti? —Wylie, b. 8, ch. 11.WG 158.5

    Bakka buutonni sun akka manni maree waldaa tajaajiluu isaanii itti fufaniif jajjabeessanii kanaan ala fayyinni akka hin jirre isaan hubachiisan. Ziwingili immoo akkas jechuun deebise: “himati kun isin hin sochoosin. Hundeen waldaa kattaadhuma duraan tureedha, innis Kiristos isa sababi inni amantiidhaan isaaf dhugaa ba’eef Pheexrosiif maqaa kenneedha. Biyya hundumaa keessaa namni garaa guutuudhaan Yesus Gooftaatti amanu Waaqayyoon biratti fudhatamaadha. Waldaan dhugaan namni kam illee isaan ala fayyuu hin dandeenye isa kana.” —D’Aubigne, London ed., b. 8, ch. 11. Bu’aa walga’ii kanaatiin bakka buutota phaaphaasii keessaa namni tokko amantii haara’umsaa fudhate.WG 159.1

    Manni maree kun Ziwingili irratti tarkaanfii fudhachuu waan dhiiseef Roomaan haleellaa haaraaf qophoofte. Haaressaan kun isa irratti gamtachuu diinota isaatii yeroo bare akkas jedhe: “Haa dhufan; ani hamma boombiin dhagaa keessaa wajabii isa akka bakkakkaa miilla isaa jalaa sodaatu, isaan hin sodaadhu.”—Wylie, b. 8, ch. 11. Yaaliin lubootaa kun bu’aan isaa kaayyoo isa dhabamsiisuuf barbaadan caalmaatti akka inni jabaatu taasise. Dhugaan babal’’achuu isaa ittuma fufe. Dhibamuu Luuteriin gaddanii kan turan deggertoonni haarefamaa warri biyya Jaarmaan guddina wangeelaa biyya Siwiizerlaanditti ta’e yeroo argan hafuurri isaanii in haara’e.WG 159.2

    Biyya Zuuriki keessatti haara’umsi akka bu’uurefameen hojii hamminaa dhabamsiisuu fi walii galtee fi sirnaan jiraachuu jajjabeessuudhaan firiin isaa guutummaatti mul’ate. Kana ilaalchisee Ziwingili akkas jedhee barreesse: “magaalaa keenya keessatti jiraatonni nagaa qabu, lolli, oftuulummaan, hinnaaffaan, jeequmsi hin jiru. Tokkummaan kun dhufuu kan danda’e Gooftaa keenyaa fi barsiisa keenya isa ija nagaa fi qulqullummaa nu sooru biraa mitii?” —Ibid., b. 8, ch. 15.WG 159.3

    Mo’ichi sochii haara’umsaatiin argame akka warri roomaa hojicha gatii dhabsiisuuf kutannoodhaan hojjetaniif isaan kakaase. Biyya Jaarmaan keessatti hojii Luuteriin ukkaamsuu fi isa ari’achuudhaan hojiin raawwatame hammam xiqqoo akka ta’e arguudhaan meeshadhuma ofii isaatiin haarefama quunnamuuf murteefatan. Haaluma kanaan Ziwingilii wajjin falmiitti galuuf, haala iddoo falmii mijeessuu qofa utuu hin taane warra wal falman gidduutti nama murtii kennu ofii isaaniitii filachuudhaan akka mo’an mirkaneefatanii turan. Si’a tokko Ziwingiliin harka isaanii keessa galfachuu dandeenyaan akka inni isaan harkaa hin bane of eeggachuuf itti waliigalan. Yoo geggeessaan callise sochiin kun dafee kufuu danda’a. Haa ta’u malee kaayyoon kun of eeggannoodhaan saaxilame.WG 159.4

    Falmiin kun magaalaa Baaden keessatti akka geggeefamuuf beelamame; Ziwingil garuu irratti hin argamne. Karoora phaaphaasotaa inni shakkee fi ibidda boba’aa kutaa phaaphaasotaa keessatti warra wangeelatti amananiif qophaa’e ilaalchisee akeekkachiisi kan isa qaqqabe manni maree Zuuriki paastriin isaanii balaa kanaaf mataa isaa saaxileef akka hin adeemne dhorkanii turan. Roomaan hordoftoota hundumaa ergitee Zuurikitti isaaniin quunnamuuf inni qopha’aa ture; gara Baaden bakka dhiigni kitimamtootaa dhugaaf itti dhangalaafamaa ture dhaquun garuu qabatamaadhaan gara du’aa adeemuudha. Kanaaf haaresitoota bakka bu’anii Okolampadiyuusii fi haleeriin kan filaman yeroo ta’u, dokteerota baratanii fi lubootaan deggeramee falmaa Roomaa ta’ee kan dhi’aate Dr. Ekki isa beekamaa ture.WG 159.5

    Ziwingili wal ga’ii sana irratti hin hirmaanne yoo ta’e illee dhiibbaan inni godhe bakka sanatti dhaga’ameera. Barreesitoonni hundumtuu phaaphaasotaan kan filataman yeroo ta’an namni biraan yaadannoo yoo qabate du’aan adabama jedhamee dhorkame. Kun akkuma jirutti ta’ee garuu Ziwingili waan Baadenitti dubbatamu guyyaa guyyaatti odeefannoo amanamaa argata ture. Barataan akka daawwanaatti bakka falmii Sanaa seenee ture tokko waan guyyaa falmii irratti dhi’aate hundumaa galgala barreefamaan qopheessa ture. Waaraqaa kana xalayyaa guyyaa guyyaatti Okolampadiyuus Ziwiingiliif erguu wajjin baratoonni lama ganama gara Zuurikitti geessu turan. Geggeessaan haarefamaa kun deebii deebisaa, gorsaa fi yaada kennaa ture. Xalayyaan isaa halkaniin barreefamee, baratoonni kun ganama fuudhanii gara Baadenitti deebi’u. Warri ergaa kana baatan akka eegdonni (waardiyyoon) magaalaa isaan irratti hin dammaqneef gutoo (gitashii) hindaanqoo mataa isaanii irra ka’atanii dhufanii dhorkaa tokko malee isaanii heyyamama ture.WG 160.1

    Ziwingili akkasitti diinota isaa warra haxxootaa wajjin wallaansoo qabaa ture. Akka Maayikunes barreessetti isa inni diinota isaa gidduu taa’ee qaamaan falmii geggeessu irra caalaa isa inni dhimmi kana irratti jabbeessee itti yaadu, isa inni halkan irriba dhabuu fi gara Baadenitti gorsa barbaachisaa erguudhaan caalaatti hojjete.” —D’Aubigne, b. 11, ch. 13.WG 160.2

    Warri Roomaa abdii mo’ichaatiin uffata gati — jabeessaa uffachuu fi faayaa callaqisaa gonfachuudhaan dhufan. Maaddiin isaa nyaata gammachiisaa fi dhugaatii filatamaadhaan kan guutee fi baasii guddaa kan baasisu ture. Ba’aan hojii lubummaa isaanii qannoo fi gammachuudhaan kan isaaniif salphate ture. Haaresitoonni warri saba biratti kadhatoota irra xiqqoo wayyaa’anii argaman haala fallaa ta’een dhi’aatan, isaanis warraa maaddiin isaanii qusiidhaan qixatti ta’u turan. Abbaan lafaa inni Okolampadiyuusiin fudhate kutaa isaa keessatti yeroo hunda utuu qayabatuu fi kadhatuu isa arga ture, guddaas dinqifachuudhaan inni gantuu jedhame sun yoo xiqqate “baay’ee nama amantii” ta’uu isaa gabaase.WG 160.3

    Walga’ii Baadenitti ta’e irratti “yeroo Okolampadiyuus inni gadeebi’aan uffata salphaa uffatee diina isaa fuula dura teesumma akka isaatti hojjetame irra ta’uuf dirqisiifamu, Ekki immoo iddo aarsaa gara malee faayaame irratti oftuulummaadhaan ol ba’ee ture.” —Ibid., b. 11, ch. 13. Sagaleen Ekki inni humna qabeessii fi abdiin isaa inni dhuma hin qabne tasa dadhabee hin beeku. Loltuun amantii badhaasa miidhagaa waan argatuuf hinnaaffaan isaa abdii warqee fi maqaa guddaa argachuutiin kakaafamee ture. Yeroo falmiin inni caaluu kufe gara arrabsoo fi kakaatti deebi’e.WG 160.4

    Okolampadiyuus inni mataa isaa hin amanannee fi inni gad of deebisaan lola irraa fagaachuudhaan “ani sagalee Waaqayyoo malee ulaagaa madaallii murtii kan biraa hin fudhadhu” jechaa tasgabbiidhaan kakatee gara falmiitti seene. —Ibid., b. 11, ch. 13. Inni dhi’aannaa isaatti kan tasgabaa’ee fi kan gad of deebise yoo ta’e illee dandeettii fi ejjennoo hin mitiqne qabaachuu isaa mirkaneessee ture. Warri Roomaa akka amala isaaniitti aangoon waldaadhaaf kenname eegamuu akka qabu kan gaafatan yeroo ta’an, haaressaan kun garuu waan Macaafni Qulqulluun jedhu deggeerutti kan jabaate ture. Innis akkas jedhe, “akka heeraatti yoo ta’e malee aadaan biyya Siwiizerlaandi keessatti humna hin qabu; amma garuu dhimma amantii keessatti heerri keenya Macaafa Qulqulluudha.” —Ibid., b. 11, ch. 13.WG 160.5

    Mormiin falmitoota kana lamaan gidduutti ta’e bu’aa malee hin hafne. Yaadni geggeessaan haara’umsaa hafuura tasgabbii fi gad of deebisuudhaan dhi’eesse sammuu namootaa qabatee, yaada Ekki isa oftuulummaa fi sagalee jabaan dhi’aate irratti balaalefannaa fide.WG 161.1

    Falmiin kun guyyoota kudha saddeetiif itti fufee ture. Xumura isaa irratti phaaphaasonni mo’icha akka argatan amantii guddaadhaan dubbatanii turan. Bakka buutonni baay’een isaanii gara Roomaa goran, manni marees akka haaresitoonni mo’aman labse, yeroo kana ta’u immoo geggeessaa isaanii Ziwiingiliin dabalatee hariiroo waldaa wajjin qaban akka kutan labse. Garuu bu’aan walga’ii Sanaa gareen kam akka fayyadame argisiiseera. Falmichi kaayyoo protestaantiif humna kenne, kana irraa kan ka’e utuu hin turin magaalonni gurguddoon kan akka Baarnii fi Basel deggersa haara’umsaaf yaada qaban ifa baasanii dubbatan.WG 161.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents