Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Wal’aansoo Isa Guddaa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 37—Macaafa Qulqulluu Eegduu Nageenyaa

    “Warra akka abboommii kanaa fi akka dhugaa kanaatti hin dubbanneef lafti hin bari'u;” Isa 8:20. Sabni Waaqayyo dhiibbaa barsiisota sobaa fi gowwamsaa humna hafuuroota dukkanaatiin mormuu akka danda’anitti Macaafa Qulqulluu eegduu nageenyaa akka godhataniif qajeelfamaniiru. Namoonni beekumsa Macaafa Qulqulluu akka hin arganne gochuudhaaf seexanni meeshaa isaaf dandaa’ame mara hojii irra oolcha. Sababiin isaa, dubbiin Macaafa Qulqulluu inni ifaan gowwomsaa isaa waan saaxiluufi. Bakka haara’umsi hojiin Waaqayyoo itti geggeeffamu hundumaatti gooftichi hamminaa immoo humna guddaatiin sochii isaa adeemsisa. Inni yeroo ammaa kana Kiristoosii fi duuka buutota Isaa irratti lola isa xumuraa adeemsisuudhaaf dhama’insa isaaf dandaa’ame mara gochaa jira. Gowwomsaa inni guddaa fi inni xumuraa yeroo dhihoo keessatti fuula keenya duratti banamuuf jira. Mormituun Kiristoos hojii isaa isa dinqisiisaa ija keenya duratti hojjechuuf jira. Gowwomsaan hojjetamuu fi dhugaan bifa walitti siqeenya qabuun waan wal-fakkatuuf Macaafa Qulqulluutiin malee gargar baasuun hin dandaa’amu. Wanti isaan dubbatanii fi dinqiin isaan hojjetan hundinuu dhuga ba’umsa isaaniitiin qoramee ilaalamuu qaba.WG 434.1

    Warra abboommii Waaqayyoo hunda isaa eeguuf dhamaa’an ni mormamu, isaanittis ni ga’ifama. Isaan Waaqayyoo wajjin qofa dhaabbatu. Qoramsa fuula isaanii dura jiru dandamatanii darbuudhaaf, fedha Waaqayyoo isa sagalee isaa keessatti mul’ifame hubachuu qabu; Isaaf ulfina kennuu kan isaan danda’an yeroo waa’ee amala isaa, mootummaa fi kaayyoo isaa hubannaa sirrii qabaatanii fi akkaataa sanatti yoo hojjetan qofa. Warra sammuu isaanii dhugaa Macaafa Qulqulluutiin cimsan malee Wallansoo guddicha isa xumuraa keessa dhaabbachuu kan danda’an hin jiran. Lubbuu hundumatti iyyuu qormaatni sakkata’uu ni dhufa: Namaaf abboomamuu irra caalaa Waaqayyoof abboomamuun qabaa? Yerichi inni murteessan ammuma iyyuu nutti dhi’aateera. Miilli keenya kattaa sagalee Waaqayyoo isa hin jijjiiramne irra dhaabbateeraa? Utuu hin socho’in dhaabannee abboommii Waaqayyoo fi amantii Yesuusiif loluuf qophoofneerraa?WG 434.2

    Fayisaan utuu hin fannifamin fuul-dura akka ajjeefamuu fi awwalcha keessaa akka ka’u bartoota Isaaf ibsee ture, dubbiin isaa onnee fi sammuu isaanii keessatti akka qabamuuf ergamoonni achitti argamanii turan. Bartootni garuu waanjoo Roomaa jalaa hurrii ba’uudhaan bilisummaa yeroo isa argatanii ilaalaa waan turaniif, yaada isa Inni walakkeessa abdii isaanii ta’e du’a leyyaasisaatti dabarfamee kennamee du’a jedhu fudhachuu hin dandeenye. Sagaleen isaan yaadachuu qaban sammuu isaanii keessaa bade; Yeroon Qoramsaa yeroo dhufetti utuu isaan hin qophaa’in isaan argate. Akka wanta Inni dursee isaan hin akeekkachiifnetti du’i Yesuus guutummaa guututti abdii isaanii balleesse. Akkuma karaa barsiisa Yesuusiin bartootaaf ibsamee ture, nuufis wanti gara fuul- duratti ta’uuf jiru Macaafa raajii keessatti bifa ifaa ta’een ibsameera. Taatewwan cufamuu yeroo araaraa wajjin hidhata qabanii fi waa’een hojii yeroo dhiphinaaf qophaa’uu haala ifaa ta’en ibsameera. Baay’oonni garuu akka waan isaanitti hin mul’ifamneetti dhugaa barbaachisaa kana baay’ee isaa hin hubanne. Seexanni yaada fayyinaaf ogeessa isaan godhu hunda isaan jalaa fuudhuuf dammaqee eega, guyyaa dhiphinaas utuu isaan hin qophaa’in isaan irra ba’a.WG 434.3

    Waaqayyo ergamoota qulqulloota walakkeessa samii balali’aniin waan labsamee fakkeessee akeekkachiisa barbaachisaa gara namootaatti yeroo erge, namni dandeettii sammuu ittiin xiinxalu qabu hundinuu ergicha akka dhaga’u barbaada. Firdiin inni sodaachisaan waaqeffannaa bineensichaa fi bifa fakkeenya isaa irratti labsame (Mul 14:9-11), mallattoon bineensichaa maal akka ta’ee baruuf, akkasumas akkamitti mallattoo isaa fudhachuu jalaa akka olaan hubachuuf dammaqinaan Raajii qayabachuutti namoota geggeessuu qaba. Garuu sabni bal’aan gurra isaanii dhugaa dhaga’uu irraa gara mammaaksaatti deebisaniiru. Ergamaan Phaawulos gara guyyoota xumuraa ilaaluudhaan akkana jedhe: “Barri itti namoonni barsiisa sirrii fudhachuu jibban dhufuuf jira.” 2Xim 4:3. Yerichi guutummaa guutuutti dhufeera. Baay’oonni dhugaa Macaafa Qulqulluu hin barbaada, sababni isaa inni kajeellaa cubbuu, onnee jaalala biyya lafaatiin qabame gidduu seena; Seexanni immoo gowwomsaa isa isaan jaallatan sana isaaniif dhi’eessa.WG 435.1

    Waaqayyo garuu namoota safartuu barsiisa amantii hundumaa fi bu’ura hara’umsa hundumaa godhanii Macaafaa Qulqulluu fi Macaafa Qulqulluu qofa iddootti eegan lafa kana irraa qaba. Yaadni namoota baratanii, goolabbiin bu’a qorannoo saayinsii, seerri yookaan murtiin yaa’ii lubootaa, inni akkuma waldoota isaan bakka bu’anii jiran baay’atanii fi walii galtee hin qabnee, sagaleen caalmaa, — isaan kana keessaa wanti tokko illee yookaan hundi isaa illee tuqaa amantii deggeruufis ta’e mormuudhaaf akka ragaatti fudhatamuu hin qabu. Barsiisa fi seera amantii kami illee utuu hin fudhatin fuul-dura, deggersa isaatiif “Waaqayyo Gooftaan akkana jedheeraa?” jennee gaafachuu qabna.WG 435.2

    Seexanni yaada namootaa Waaqayyo irraa kaasee gara namaatti harkisuudhaaf walitti fufinsaan dhama’aa jira. Namoonni dirqama isaan irra barbaadamu baruudhaaf qooda Macaafa Qulqulluu ofii isaaniitiin qorachuu akka isaan gara lubootaa, gara paasterootaa, piroofeesaroota qu’annoo amantii (Theology) akka geggeessaa isaaniitti akka ilaalan godha. Sanaan booda, sammuu geggeessitoota kana to’achuudhaan akka fedha isaatti saba baay’ee irraan dhiibbaa ga’uu dandaa’a.WG 435.3

    Yeroo Yesuus sagalee jireenyaa barsiisuuf dhufe, namoonni sadarkaa gad-aanaa irra turan gammachuudhaan isa dhagaa’an; akkasumas lubootaa fi geggeesitootaa keessaa baay’een isaanii illee Isatti amanan. Garuu angafoonni lubootaa fi geggeessitootni sabaa warri olaanoon barsiisa Isaa fudhachuu diduudhaaf, akkasumas balaaleffachuudhaaf murteessan. Yakka Isatti muruuf jecha waan ittiin isa himatan Isa irra barbaadutti guddaa yoo dhama’an illee, dubbiin Isaa humnaa fi ogummaa Waaqayyootiin kan guutame ta’uun isaa yoo isaanitti dhagaa’ame illee, hafuura Yesuusiin jibbu ofitti uwwisan. Bartoota Isaa ta’uudhaaf akka hin dirqisiifamnetti, ragaa Masiihii ta’uu isaatii ragaa ifaa kenname morman. Mormiitootni Kiristoos kun namoota sabni mucummaa isaaniitii kaasanii kabaja isaaniif kennuu fi gad-isaaniif jechuu barsiifaman turan. Namoonni akkana jedhanii gaafatanii turan: “Geggeessitootni fi barsiisonni seeraa keenya warri baratan akkamitti Yesuusitti hin amanani? Utuu Inni dhuguma Kiristoos ta’ee silaa namoonni beektotni kun Isa hin fudhatan turanii?” Saba Yihuudotaa gara fayisaa isaanii tuffachutti kan geggeesse dhiibbaa barsiisota kana ture.WG 435.4

    Hafuurri bara sana keessa lubootaa fi geggeessitoota sana kakaase har’uma illee kanneen namoota Waaqayyoon sodaatan ta’uu isaanii dubbatan baay’ee isaaniitin calaqisiifamaa jira. Dhugaa addaa yeroo kanaaf kenname ilaalchisee dhuga ba’umsa Macaafni Qulqulluun qabu qorachuu in mormu. Baay’ina lakkoofsa miseensota isaanii, qabeenya fi beekamtii isaanii ibsanii, warra dhugaadhaaf falmanin immoo “Isaan lakkofsaan xiqqoodha, hiyyeessota fi beekamtii kan hin qabne qofas osoo hin taane, amantii biyya lafaa irraa gargar isaan baasu qabu” jechuudhaan ija jibbaatiin ilaalu.WG 436.1

    Dhiibbaan taayitaa barsiisota seeraa fi fariisotaa gargar tamsa’uu saba Yihuudotaatiin qofa akka inni hin dhaabbannee Yesuus dursee arge. Sammuu namootaa to’achuuf jecha waa’ee isa taayitaa namaa ol qabanii, isa baroota hundumaa keessatti waldaadhaaf abaarsa sodaachisaa ture Yesuus dursee raajiidhaan argeera. Ifatni sodaachisaan Inni fariisotaa fi barsiisota seeraa ifatee fi akeekkachiisni Inni geggeesitoota jaamaa kana duukaa akka isaan hin buneef namootaaf kenne, dhaloota gara fuul-duraatiif barumsa akka ta’uuf galmee irratti galmaa’ee jira.WG 436.2

    Waldaan Roomaa mirga Macaafa Qulqulluu hiikuu lubootaaf kennite. Sagalee Waaqayyoo ibsuuf luboota qofaatu ga’umsa qaba kan jedhu bu’uura godhachuudhaan saboota sadarkaa gadii harkaa fuudhamee ture. Haara’umsi namoota hundumaaf Macaafa Qulqulluu kan kenne yoo ta’e illee, qajeelfamni wal-fakkaataan Roomaan qabattee jirtu namoota waldoota Pirootestaantii keessa jiran baay’ee isaanii akka isaan ofii isaaniitiin Macaafa Qulqulluu hin qayabannee godheera. Isaan akka waldaan hiiktee barsiistutti barsiisa isaa akka fudhataniif barsiifaman; Sababa kanaaf, wanta bifa ifaa ta’een Macaafa Qulqulluu keessatti mul’ifamee jiru, garuu immoo faallaa seera yookaan bu’uura barsiisa waldaa isaanii isa hundeefamee kan hin fudhanne namoota kumaatamatti lakka’amantu jiru.WG 436.3

    Waa’ee barsiisota sobduu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun akeekkachisa guutuu qabatee kan jiru yoo ta’e illee, wabii lubbuu isaanii lubootatti kennuudhaaf qophaa’an kan ta’an hedduu dha. Har’a waa’ee bu’uura amantii isaanii ilaalchisee isa geggeessitoonni amantii isaanii barsiisan irraa kan hafe waa’ee wanta itti amanan sana sababa kan biraa tokko illee kennuu kan hin dandeenye amantoota kan ofiin jedhan kumatti kan lakkaa’amantu jira. Utuu quba hin qabaatin barsiisa Fayisaan kenne bira darbanii sagalee tajaajiltootaa irra amanannaa gaaffii hin qabne kaa’atu. Haa ta’u iyyuu malee luboonni kan hin dogoggorre dhaa? Baattuu ibsaa ta’uu isaanii sagalee Waaqayyoo keessa utuu hin mirkaneeffatin akkamitti amannee lubbuu keenya geggeessaa isaaniitti dabarsinee kennina? Karaa biyya lafaa isa manca’aa irraa deebi’uudhaaf jabina sammuu dhabuun, akka namoonni baay’ee daandii namoota baratanii faana bu’an godhe. Dhuunfaa isaaniitiin dhugaa qayyabachuuf fedha dhabuun isaanii irraan kan ka’e bifa abdi kutachiisaa ta’een fuuncaa dogoggoraa keessatti hidhamu. Dhugaan yeroo kanaa Macaafa Qulqulluu keessatti mul’ifamuu isaa ni argu, dhugichis geggeessa humna Hafuura Qulqulluutiin hordofamee lallabamaa kan jiru ta’uun isaa isaanitti dhagaa’ama. Haa ta’u iyyuu malee, mormiin lubootaa ifa dhugaa irraa akka isaan achi gargalaniif akka inni godhu eeyyamu. Yaadni sammuu isaanii dhugichi sirrii ta’uu isaa yoo amane illee, lubbuwwan gowwomfaman kun akkaataa lubootni isaanii yaadanin ala karaa adda ta’ee yaaduuf ija hin jaabatan. Sababa kanaaf, murtiin dhuunfaa isaanii, fedhiin isaanii inni barabaraa, amanti dhabina, of tuulummaa fi jibba nama biraatiin aarsaa ta’e.WG 436.4

    Baay’oonni karaa ittiin Seexanni booji’amtoota isaa ofitti hidhu ta’anii hojjetu. Warroota diina fannoo Kiristosiin ta’anii wajjin hidhaa jaalala lafaa isa lallaafaatiin walitti isaan hidhee baay’ota harka isaa keessa galfata. Walitti hidhachuun kun kan barbaade illee yoo ta’e - karaa maatii, karaa dhaalaa, karaa fuudhaa fi heerumaa, yookiis karaa hawasummaa, bu’aan isaa tokkuma; Mormiitootni dhugaa sammuu namootaa to’achuuf humna isaanii dirirsu, lubbuun dhiibbaa isaanii jalatti qabamanii jiran hundinuus wanta itti amanan hojii irra oolchuudhaaf jabinaa fi birmadummaa ga’aa ta’e hin qaban.WG 436.5

    Dhugaa fi ulfinni Waaqayyoo kan gargar hin baanedha. Macaafni Qulqulluun utuu harka keenya keessa jiruu yaada dogoggoraatiin Waaqayyoof ulfina kennuu hin dandeenyu. Namoonni baay’een “Yoo jireenyi namaa sirrii ta’e, wanti namni sun itti amane rakkina tokko hin qabu” jedhu. Garuu jireenyi kan inni ittiin boca sirrii qabatu amantiidhaan. Ifnii fi dhugaan utuu nutti dhihoo jiruu carraa isa dhaga’uu fi arguudhaaf qabnu yoo foyyessuudhaaf dhimma dhabne, isa tuffachuu wajjin wal-qixa waan ta’eef ifa caalaa dukkana fo’achaa jirra.WG 437.1

    “Karaan qajeelaa namatti fakkaatu jira, dhumni isaa garuu karaa du’aati.” Fakk.16:25. Fedha Waaqayyoo beekuuf carraan utuu jiruu, dogoggora nuti hojjennuuf Wallaalummaan sababa hin ta’u. Namtichi tokko adeemsa irra osoo jiruu bakka daandiin hedduun itti wal-qaxxaamuru fi taappellaan (Mallattoon) kallattii daandiin tokkoon tokkoo isaa itti adeemu agarsiisu ka’amee jiru bira ga’e. Namtichi kun mallattoo kallattii agarsiisuuf ka’amee jiru sana tuffatee karaa sirrii isatti fakkate qabatee yoo adeeme, hammam illee daandii inni irra bu’ee adeeme sun sirrii yoo isatti fakkate illee, daandii dogoggoraa irratti ofii isaa arguuf carraa inni qabu bal’aadha.WG 437.2

    Barsiisa Isaa wajjin akka nuti wal-barruu fi wanta Inni nurra barbaadu ofii keenyaa akka beeknuuf Waaqayyo sagalee Isaa nuuf kenneera. Abbaan seeraa sun yeroo gara Yesuusiin dhufee, “Jireenya barabaraatti galuudhaaf maal godhu” jedhee gaafate, fayisaan immoo “Seera keessatti maaltu caafamee? Akkamittis isa dubbiftaa?” jedhee gara Macaafa Qulqulluutti kallattii agarsiise. Wallaalummaan warra umurii dargaggummaa keessa jiraniifis ta’e warra umurii dullumaa keessa jiraniif sababa hin ta’u, yookiis adaba sababii seera Waaqayyoo irra daddarbuutiif dhufu jalaas nama hin oolchu. Sababiin isaa seerri, qajeelfamni seeraa fi wanti inni nama irra barbaadu hundinuu bifa ifaa ta’een dhi’aatee harka isaanii keessa jira waan ta’ef. Yaada gaarii qabaachuun ga’aa miti, wanta namoonni sirrii ta’uu isaa itti amanan yookiis wanta luboonni sirriidha jedhanii itti himan gochuun ga’aa miti. Namni hundinuu ofii isaatii Macaafa Qulqulluu qayyabachuu qaba. Yoo akkana ta’uudhaa baate fayyinni nama akkasii balaa guddaa keessa jira jechuudha. Amantii inni qabu hammam illee jabaa yoo ta’e, hammam illee tajaajilaan waan dhugaa ta’e akka beeku amantii yoo qabaate illee, kun bu’uuraisaaf ta’uu hin danda’u. Imala gara samiitti godhamu keessatti caatoo (Kaartaa) milikkita daandii argisiisu of harkaa waan qabuuf, waan tokko illee tilmaaman gochuu hin qabu.WG 437.3

    Dhugaan maal akka ta’e Macaafa Qulqulluu keessaa barachuun, sanaan booda immoo ifa keessa adeemuu fi warri kaanis fakkenya isaa akka hordofaniif jajjabeessuun uumama waa xinxalee walii madaaluu danda’u hundumaaf hojii isa jalqabaa fi hunda irraa caaludh. Yaada hundumaa madaalaa, Macaafa Qulqulluu wal-bira qabnee waliin madaalchisuudhaan guyyaadhaa gara guyyaatti dhimmamnee dammaqinaan Macaafa Qulqulluu qayabachuu qabna. Waaqa fuul-duratti waa’ee mataa keenyaaf deebii kennuuf waan jirruuf, gargaarsa Waaqayyootiin yaada mataa keenyaa ofiidhuma keenyaa tolfachuu qabna.WG 438.1

    Dhugaan Macaafa Qulqulluu keessatti bifa baay’isee ifaa ta’ee mul’ifame, namoota hayyoota, warra ogumma qabna jedhanii of-waamaa, “Macaafni Qulqulluun iccita dhokataa fi hiikkaa hafuuraa afaan nuti yeroo ammaa kana ittiin fayyadamaa jirrun mul’ifamuu hin dandeenye of keessaa qaba” jedhanii barsiisaniin mamii fi dukkanaan akka uffatu taasifame. Namoonni kun barsiisota sobduudha. Garee warra akkasiitiini inni Yesuus “akkas dubbachuu keessaniin irraa kaattaniittuu; kunis caaffata Qulqullaa’aa yookiis humna Waaqayyo isa isin hin beekne kanaaf, mitii ree?” jedhee dubbate (Maar 12:24). Yoo milikkitaan yookiin fakkeenyaan hin barreeffamne ta’e, afaanni Macaafa Qulqulluu akkaataa hiikkaa isaa isa ifaa ta’een (isa beekamaa) ibsamuu qaba. Kiristoos akkana jedhee abdii kenneera: “Namni fedha Waaqayyoo raawwachuu barbaade, barsiisfni kun Waaqayyo biraa ta’uu isaa in hubata.” (Yoh 7:17). Utuu namoonni Macaafa Qulqulluu akka inni dubbifamutti qofa fudhatanii, utuu barsiisonni sobaa warri sammuu isaanii burjaajessanii fi dogoggorsan hin jiran ta’ee, silaa hojiin ergamoota samii gammachisuu fi lubbuu dogoggora keessa jooraa jiran kumaatama irratti kumaatama gara karra Kiristoositti deebisu ni hojjetama ture.WG 438.2

    Humna sammuu hunda isaa Macaafa Qulqulluu qorachuuf hojii irra oolchuu qabna. Akkasumas, waa’ee dhoksaa Waaqayyoo isa gad-fagoos hanga namni foonii hubachuu danda’u hubachuudhaaf dhama’uu qabna. Haa ta’u iyyuu malee, garaa mucoolii xixinnoo isa abbomamuu fi of-kennuun dhi’achuun hafuura barataa dhugaa ta’uu isaa dagachuu hin qabnu. Tooftaalee rakkoo falaasamaa ittiin hiikuuf faayida irra oolchinutti fayyadamnee heertulee Macaafa Qulqulluu ulfaatoo ta’an hubachuu hin dandeenyu. Macaafa Qulqulluu yeroo qayyabannu karaa kadhannaa Waaqayyotti hirkachuudhaan, akkasumas, onnee fedha Waaqayyoo baruuf dhimmameen dhi’aachuu qabna malee, akka baay’ota warra hubanna saayinsii argachuuf adeemanii ofitti hirkattummaadhaan dhi’aachuu hin qabnu. Isa jiraataa irraa beekumsa argachuuf hafuura gad-of-deebisee fi barsiifamuuf qophaa’een dhi’aachuu qabna. Yoo kana ta’uudhaa baate, akka nuti dhugaadhaan hin tuqamnetti ergamoonni hamoonni sammuu keenya jaamsanii onnee keenya jabeessu.WG 438.3

    Kutaaleen Macaafa Qulqulluu baay’een kan beektotni dhoksaadha jedhanii dubbatan yookaan hin barbaachisu jedhanii bira darban, nama mana barumsaa Kiristoositti barateef immoo jajjabina fi qajeelfamaan guutuudha. Qorattootni Macaafa Qulqulluu baay’een kan isaan hubannaa Macaafa Qulqulluu isa sirri hin qabaannef, sababa dhugaa isa ofi isaaniitii shaakaluuf fedha hin qabnetti ija isaanii jaamsaniif. Dhugaa Macaafa Qulqulluu hubachuun dhimmamanii garaa ofii guutuu qajeelummaa barbaaduudhaaf kaayyefatanii dhi’aachuu irratti hundaa’a malee, humna dandeettii sammuu irratti miti.WG 438.4

    Macaafni Qulqulluu kadhannaa malee tasa qayyabatamuu hin qabu. Barbaachisummaa wantoota salphaatti hubatamuu danda’anii illee kan nutti dhageessisu, yookaan dhugaalee hubachuun isaanii ulfaatoo ta’an dogoggora hubachuu irraa kan nu eegu Hafuura Qulqullu qofa. Sagalee Waaqayyoo hubannee miidhagina isaatiin akka booji’amnuuf, akeekkachisaa isaatiin akka gorfamnuuf, waadaa isaatiin akka jajjabeeffamnuu fi jireenya akka qabaanuuf onnee keenya qopheessuun hojii ergamoota samiidha. Kadhannaa Daawit abbaan Faarsaa “Wanta dinqisiisaa seera kee keessaa akkan argutti, ati ija koo anaaf bani!” jedhee kadhate kan keenya godhachuu qabna. (Faar 119:18). Qorumsi si’a baay’ee kan ittiin hin mormamne fakkaatee dhi’aata, kunis immoo sababii namni qoramu sun kadhannaa fi qayabannaa Macaafa Qulqulluu dhiisuu isaa irraan kan ka’e waadaa Macaafa Qulqulluu yaadachuu dadhabuu fi Macaafa Qulqulluu akka meeshaa lolaatti qabatee seexanaan mormuuf dhi’aachuu dadhabuufi. Ergamoonni Waaqayyoo garuu naannoo warra waa’ee Waaqayyoo baruu barbaadanii marsanii jiru. Dhugaa barbaachisaa ta’e yeroo baay’ee barbaachisaa ta’ettis gara yaadannoo sammuu isaaniitti ni fidu. Haala Kanaan “Warri isa jibban akka bishaan dafee fiiguutti yommuu dhufan, hafuurri Waaqayyoo isaanitti dhufee isaan in oofa.” (Isa 59:19).WG 438.5

    Yesuus bartoota Isaaf akkana jedhee waadaa seeneera: “Inni isiniif dubbatu Hafuurri Qulqulluun, Inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa.” (Yoh 14:26). Hafuurri Waaqayyoo guyyaa rakkinaatti wanta Yesuus nu barsiise nu yaadachisuu isaan fuul-dura, barsiisni Yesuus duraan dursee sammuu keenya keessatti kuufamuu qaba. “Akkan si hin yakkineef waan ati jette garaa koo keessa ka’adheera” jedhe Daawit. (Faar 119:11).WG 439.1

    Namoonni jireenya isaanii isa barabaratiif gatii kennan hundinuu shakkiidhaan akka hin weraramneef jabeessanii eeggachuu qabu. Utuboota dhugaa irraa haleellaan ni ga’a. Bakka qoosaa fi falmiin sobaa, barsiisni gaarii fakkaatee nama miidhuu fi kan akka dhukkuba daddarbaa salphaatti tatamsa’ee miidhaa gessisuu danda’u, akkasumas bakka gantummaan ammayyaa hin qaqqabne irraa fageessinee kaa’uu hin dandeenyu. Seexanni namoota gita hundumaa keessa jiraniif qormaata mijataa qopheessa. Warra wallaalota qoosaadhaan, warra beektota immoo dandeetti sababeessu falaasamaa fi mormii saayinsiitiin isaan haleela. Garuu kaayyoon lachan isaayyuu akka namoonni Macaafa Qulqulluu jibban yookaan amanannaa isa irratti dhaban gochuudha. Dargaggoonni muuxannoo muraasa qaban illee waa’ee qajeelfama bu’ura Kiristiyaanummaa ilaalchisee bifa agibootiin shakkii mul’isuuf sochoofamu. Yoo gad-fageenya hin qabu ta’e illee, amanti dhabiisi bara dargaggummaa kun dhiibbaa mataa isaa dandee’e qaba. Baay’oonni amantii abboota isaaniitti ga’isuutti, hafuura ayyaanaas tuffachuutti oofamu. (Ibr 10:29). Lubbuun ulfina Waaqayyoo fi eebba addunyaa ta’’uuf waadaa seenanii turan baay’een isaanii hafuura amantii dhabiinaa isa xuraa’aatiin badaniiru. Dandeetti sababeessuu namaa isa koormaadhaan guutame irratti hundaa’ee murtii kennamutti warri amanan, akkasumas, ogummaa Waaqayyootiin utuu hin deggeramin dhoksaa Waaqayyoo ibsuu fi dhugaa bira ga’uu ni dandeenya jedhanii warri yaadan hundinuu kiyyoo seexanaa keessatti xaxamaniiru.WG 439.2

    Seenaa biyya lafaa keessatti yeroon nuti amma keessa jiraachaa jirru yeroo baay’ee murteessaadha. Yeroo hireen saba bal’aa lafa kana irra jiruu murtii itti argatu ga’eera. Nageenyi keenya gara fuul-duraas ta’e fayyinni lubbuu kan biroo adeemsa ammaa adeemaa jirru irratti hundaa’a. Hafuura dhugaatiin geggeeffamuu nu barbaachisa. Namni duuka buutuu Kiristoos ta’e hundinuu “Yaa Gooftaa, maal akkan hojjedhu barbaaddaa” jedhee garaa guutuu gaafachuu qaba. Soomaa fi kadhannaadhaan, akkasumas sagalee irratti, keessumaa immoo waa’ee taateewwan yeroo firdi irratti yeroo keenya harka caalaa fudhannee qayyabachuudhaan fuula Waaqayyoo duratti gad-of deebisuu qaban. Waa’ee dhimma Waaqayyoo irratti muuxannoo jiraataa fi gadi fagoo ta’e kan nuti barbaaduu qabnu amma. Yeroo balleessinu tokko illee hin qabnu. Taatewwan fayidaa olaanaa qaban naannoo keenyatti ta’aa jiru. Nuti dachee seexanni booji’e irra jirra. Loltoota Waaqayyo, hin rafinaa; hamajaajiin dhi’aachaa jira, laaftanii yookiis mugdanii yoo isin argate qama boojuu isaa isin godhachuuf yeroo kamitti iyyuu dammaqaa dha.WG 439.3

    Namoonni baay’een waa’ee haala isaanii isa sirriin, isa Waaqa fuul-duratti qabanii ilaalchisee gowwomfamaniiru. Gochaalee dogoggoora isa ofii isaaniitii hin hojjenne irratti of- gammachiisu, garuu, gochaa gaarii fi ulfina qabeessa isa Waaqayyo akka isaan hojjetaniif isaan irra barbaaduu fi hojjechuu dadhaban lakkaa’uu dagatu. Muka iddoo dhaabaa Waaqayyoo keessa jiru ta’uun isaanii qofti ga’aa miti. Ija naqatanii agarsiisuudhaan wanta Inni isaan irraa eeguuf deebii kennuu qabu. Ayyana Isaa isa jabina isaaniif kennun hojjechuu utuu dandaa’anii, garuu hojii garii hin hojjetin hafan hundumaaf Waaqayyo itti gaafatamtoota isaan taasisa. Isaan galmee samii irratti akka warra lafa balleessaniitti galmaa’aniiru. Haa ta’u iyyuu malee dhimmi namoota akkanaa abdii kan hin qabne miti. Garaan Waaqayyoo inni jaalalaa fi obsan guutamee jiru amma illee namoota araara Isaa salphisanii fi ayyaana isaa rakasiisan hunda “Wanti bakkeetti baafamuu hundinuu ifaa dha. Kanaaf “Ati yaa isa raftuu, dammaqi! warra du'aan keessaa ka'i. Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaalladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa! Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!” jedhee kadhataa jira. (Efe 5:14-16).WG 440.1

    Yeroon qormaataa yeroo dhufu, namoonni warri sagalee Waaqayyoo qajeelfama jireenya isaanii godhatan ni mul’atu. Yeroo ganni dhufu muka warra gaafa hundumaa magariisa ta’anii fi warra kaan gidduu garaagarummaan adda ba’ee mul’atu hin jiru; garuu yeroo qilleensi bonaa dhufu warri gaafa hundumaa magariisa ta’an utuu hin jijjiramin hafu, warra kaan irraa garuu baala isaanii harcaasa. Akkuma kana amma warri onnee sobaa baatanii Kistiyaana ta’uu isaanii odeessaa deddebi’an Kiristiyaana warra dhugaa irraa adda baafamuu dhiisuu danda’u. Haa ta’u iyyuu malee yeroo garaagarummaan kun itti beekamu nurra ga’eera. Mee mormiin haa ka’u, mee mankaraarsummaa (Rincicummaa) fi obsa waliif dhabuun ammas irra deebi’ee haa babal’atu, mee ibiddi ari’atamuu haa qabsiifamu, sanaan booda warri kooranii fi garaa walakkaadhaan deddeebi’an hundi raafamanii amantii dhiisu. Kiristiyaani dhugaa garuu bara milkaainaa caalaa amanitin isaa jabaatee, abdiin isaas ifee akka dhagaa jabaatee dhaabbata.WG 440.2

    Daawit abbaan faarsaa akkana jedha: “Ajaja kee keessaa hubannaa nan argadha; kanaafis karaa sobaa hundumaa nan jibba.” Faar 119: 99, 104.WG 440.3

    “Namni ogummaa argatu, namni hubataanis haa gammadu!” “Namni akkasii akka muka yaa'aa bishaanii qarqara dhaabamee, hidda isaa gara bishaaniitti yaafatuu ti; mukichi ho'i yommuu dhufu hin sodaatu, yeroo hundaa in lalisa, caamsaan isa hin yaaddessu, yeroo yeroottis ija in godhata. Fakk 3:13; Erm. 17: 8.WG 440.4

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents