Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Wal’aansoo Isa Guddaa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 36—Wallansoo Isa Dhihootti Dhufuuf Jedhu

    Yeroo wallaansoon inni guddichi samii keessatti jalqabee kaasee kayyoon seexanaa seera Waaqayyoo dhabamsiisuu ture. Hojii Uumaa irratti fincila geggeessuu keessa kan inni seene kayyoo kana fiixaan baasuuf ture. Seexanni samii irraa yoo gad-darbatame illee, biyya lafaa kana irratti lola wal-fakkataa geggeessuu itti fufe. Kayyoo inni dammaqina olaanaatiin walitti fufee geggeessaa ture, namoota gowwomsee akka isaan seera Waaqayyoo irra daddarban gochuu irratti kan xiyyeeffate ture. Seera hunduma isaa ergaan takkaa dhabamsiisuudhaanis ta’e yookiis seera keessaa abboommii tokko qofa cabsuudhaan kayyoo kana fiixaan baasuun yoo dandaa’ame, firiin isaa inni xumuraa tokkichuma. Namni seera keessaa “tokko” cabse hundumaatti yakkamaa ta’uu isaa mul’isa; dhiibbaa inni qaqqabsiisuu fi fakkeenyi inni argisiisu abbommii irra daddarbuu jalatti ramadama; namni akkanaa “akka waan seera hunduma isaa cabseetti yakki itti murama.” Yaq 2:10.WG 426.1

    Seexanni akka namoonni abboommii Waaqayyoo tuffatan waan barbaaduuf, barsiisa Macaafa qulqulluu jallisee (haqaaqee) dhi’eesse, akkasitti amantii namoota kumaatamaa warra Macaafa Qulqullutti in amanna jedhanii dubbatan keessa dogoggorri seene. Haa ta’u iyyuu malee, wallansoon guddichi dhugaa fi soba gidduutti geggeeffamu inni xumuraa, xumura wallansoo isa durii kaasee seera Waaqayyoo irratti geggeeffamaa tureeti. Amma hundumti keenya iyyuu wallansoo kanatti seenaa jirra - innis immoo wallansoo seera namaa fi seera Waaqayyoo, amantii Macaafa Qulqulluu fi amantiin aadaa yookiin himtee afaanii gidduutti geggeeffamu dha.WG 426.2

    Bakka buutotni lola kana keessatti tokkummaa uumanii dhugaa fi qajeelummaa irratti ka’uuf jiran yeroo amma kana dammaqina olaanatiin hojjechaa jiru. Sagalee Waaqayyoo isa qulqullaa’aa, isa rakkinaa fi dhangala’uu dhiiga namoota heedduu keessa darbee gatii olaanaatiin nu bira ga’ef gatiin kenname baay’ee muraasa. Har’a Macaafni Qulqulluun nama hundumaa harka jira, haa ta’u iyyuu malee qajeelfama jireenya isaanii godhanii kan isa fudhatan namoota muraasa qofa. Warra biyya lafaa gidduutti qofa osoo hin taane warra mana waldaa keessa jiran gidduutti illee gantummaa rifaasisaatu mo’ee jira. Namoonni baay’een utuboota amantii Kiristiyaanaa warra bebeekamoo ta’an gara ganuutti dhufaniiru. Dhugaan waa’ee uumamaa inni guddaan, waa’een kufaatii namaa, waa’een araarsuu, fi waa’een barabaraan jiraachuu seera waaqaa inni namoota Hafuura Qulqulluutiin geggeffamanii barreessaniin dhi’aatee ture, Kiristiyaanota addunyaa harka caalaa isaanii biratti, guutummaa guututti yookaan harki walakkaan isaa, bifa qabatamaa ta’een tuffatameera. Namoonni ogummaa fi birmadduummaa isaaniitiin kooran kumaatamni Macaafa Qulqulluu irratti amanannaa gaaffii tokko illee hin qabne qabaachuu akka ragaa dadhabinaatti lakkaa’u; heertuwwaan Macaafa Qulqulluu irratti qeeqa dhi’eessuu, akkasumas, hiikkaa Hafuuraa wanta inni of-keessaa qabu fakkeessanii dhugaa Macaafa Qulqulluu haqaaqanii dhi’eessuu akka beekumsaa fi dandeetti olaanaatti yaadu. tajaajiltoonni baay’een namoota isaanii, Piroofesaroonnii fi barsiisonnii hedduunis barattoota isaanii “seerri Waaqayyoo jijjirameera yookaan diigameera” jedhanii barsiisaa jiru; Seerri Waaqayyoo amma iyyuu kan gatii qabu ta’uu isaa, ulaagaa seerichi nama irra barbaadu hundinuus eegamuu kan qabu ta’uu isaa warra amanan hundumaaf ceephoo fi arrabsoon kan malu ta’uu isaa yaadu.WG 426.3

    Namoonni yeroo dhugaa morman, Waaqa Isa dhugicha kenne mormuu isaaniiti. Seera Waaqayyoo irra ejjechuun isaanii, aboo Waaqa Isa seericha kennee ganuu isaaniiti. Akkuma mukaa fi dhagaa irraa waaqa tolfamaa hojjetachuun salphaa ta’e, barsiisa fi tiyoorii sobaa irraa waaqa tolfamoo tolfachuun salphaa dha. Seexanni akka namoonni waa’ee amala Waaqayyoo ilaalchisee hubannaa sobaa qabaatan gochuuf jecha amala Waaqayyoo jal’isee namootatti agarsiisa. Waaqni jiraataan akka sagalee Isaa keessatti, jireenya Kiristosii fi hojii uumamaa keessatti mul’ifamee jirutti Isa kan Waaqessan namoota muraasa qofa ta’ee utuu jiruu, namoota hedduu biratti, falaasama waaqa tolfamaatu bakka Waaqayyoo teessoo qabatee jira. Namoonni kumaatamni uumamaaf sagadu, garuu Waaqa uumamaa immoo ni ganu. Yoo bifa garaagaraatiin ta’e illee, akkuma bara Eliyaas keessa saba Israa’el gidduu ture, har’as waaqa tolfamaa waaqessuun Kiristiyaanota adduunyaa gidduu jira. Waaqni tolfamaa namoota baay’ee warra nuyi ogeessota ofiin jedhanii, kan warra falaasamaa, kan warra walaloo barreessanii, kan warra xiinxaltoota siyaasaa, kan warra gaazexeessitootaa- waaqonni ammayyaa geengoo namoota baratan keessaa, kan kolleejjii fi Yunvarsitootaa, kan dhaabbilee qu’annoo amantii muraasaa - waaqa aduu warra Fiinqee isa ta’e, waaqa Ba’aal irra xiqqoo dhumaaf wayya.WG 427.1

    Barsiisa dogoggoraa Kiristiyaanota addunyaa biratti fudhatama argachaa jiru keessaa, kan akka isa seerri Waaayyoo namootaa irratti jabaatee hin jiru jedhuu fuulaa fi fuulatti aboo samii haleelu, yaada sammuu namaa kallatiin kan mormu, firiin isaa baay’ee balaafamaa kan ta’e, barsiisni hammayyaa keessaa kan akka isaa safisa olaanatiin fudhatama argachaa jiru hin jiru. Biyyi hundinuu seera mataa isaatii qaba, Seerichis isa kabajuu fi isaaf abbomamuu gaafata; mootummaan kam illee isa malee jiraachuu hin danda’u. Erga akkana ta’e, uumaan Waaqaa fi lafaa seera uumama isaa mara ittiin bulchu hin qabu jennee amanuun ni dandaa’amaa? Utuu tajaajiltoonni beekamoon, seerri ittiin bulmaata biyyattii fi seerri mirga lammiwwan biyyichaa kabajchiisu hawaasa biyyichaa irratti dirqama hin qabu jedhee — seerichi bilisummaa uummataa waan dangeessuuf eegamuu kan hin qabne ta’uu isaa barsisuuf ka’ee - silaa namni akkasii kun hammamiif waltajjii irratti obsaan qusatama? Haa ta’u iyyuu malee, seera Waaqayyoo isa bu’uura mootumoota hundumaa ta’e cabsuu caalaa seeraa biyyaa yookaan kan mootummaa cabsuutuu yakka olaanaa ta’ee?WG 427.2

    Waaqayyo Inni bulchaa guutummaa Yuunivarsii ta’e, seera Isaa diigee biyya lafaa kana madaallii- ittiin nama cubbamaatti faradu yookaan nama isa qajeelaa tolaa taasisu- malee hambisuu irra, biyyoonni addunyaa seera isaanii diiganii akka sabni akkaataa isa gammachiisetti jiraatuuf gad-dhiisuutu salphata. Firiin seera Waaqayyoo dhabamsiisuu maal akka ta’e beeknaa? Kanaan duraa yaaliin geggeeffamee ture. Bara falaasamni inni Waaqayyo hin jiru jedhu (Athesim) biyya Faransay keessatti aangoo biyya bulchuu qabatee ture keessa gochaan godhame suukanneessaa ture. Sanaan booda, addunyaa guutuun, dhorkaa Waaqayyo kaa’e diiguudhaan bulchiinsa abbaa hirree isa hundumaa caalaa gara jabeessa fudhachuu ta’uu isaa hubatte. Yeroo madaalliin qajeelummaa tuffatamee dhiifamu, bu’ureffamuu humna hammeenyaatiif dandiin banama.WG 427.3

    Yeroo seerri Waaqayyoo tuffatamu, cubbuun cubbuu ta’ee namatti mul’achuu dhiisa yookiis namoonnis qajeelummaa hin fedhan. Namoonni mootummaa Waaqayyootiif bitamuu didan hundinuu guutummaa guututti ofii isaanii seerrachuu hin dandaa’an. Karaa barsiisa isaanii isa xuraa’aa onnee mucoolii fi dargaggoota warra silummayyuu uumamaan of-to’achuu hin dandeenyee keessatti hafuurri abbomamuu diduu yookaan boqu —jabinaa bakka qabata. Kun immoo, akka hawaasni seera maleyyii fi naamusa hin qabne uumamu taasise. Namoonni hedduun, namoota abboommii Waaqayyoo eeguudhaan amantii isaaniitti jabaatanii jiranitti utuu qoosaani gowwomsaa seexanaa fedha isaaniitiin fudhatu. Isaan Luugama ittiin kaajellaa foon isaanii to’atan gad-dhiisanii cubbuu warra Waaqayyoon hin beekne of irratti ariifachiisu.WG 428.1

    Akka namoonni seera Waaqayyoo salphisanii ilaalaniif warri barsiisan hundinuu, abbomamuu diduu waan facaasaniif abbomamuu diduu haammatu. Mee dhorkaan seera Waaqayyoo keessa ka’aman guutummaa guutuutti haa diigaman, gaafas yeroo gabaabaa keessatti seeronni ilmaan namaan tumaman kabaja dhabu. Waaqayyo gocha amanamummaa of-keessaa hin qabne, hawwii, sobaa fi malaamaltummaa dhorkeera. Namoonni immoo akka wanta dhorkaan kun badhaadhummaa isaanii isa lafarraa isaan daangessutti abboommota Waaqayyoo kana cabsu. Haa ta’u iyyuu malee firiin seerota kana dhabamsiisuu hanga isaan tilmaamaniini oliidha. Namni seera eeguuf dirqama hin qabu yoo ta’e, maaliif namoonni seera irra daddarbuu sodaaturee? Seerri Waaqayyoo utuu hin jiru ta’ee, silaa nageenyi qabeenya namootaa hin amansiisu ture. Silaa namoonni qabeenya holloota isaanii humnaan fudhatu turan, kan sooromus warra humna qaban qofa ture. Jireenyumti ilmaan namootaa illee kabaja hin argattu. Kakuun gaa’elaa nageenya maatii eeguuf jecha daannoo qulqullaa’aa ta’ee itti hin fufu. Namni aangoo qabu, yoo isatti tole, haadha manaa hollaa isaa humnaan jalaa fudhata. Abboommiin shanaffaa abboommi afuraffaa wajjin dhiifama. Kajeellaa garaa isaanii isa xuraa’aa fiixaan kan isaaniif baasu ta’ee yoo argame, ijoollonni maatii isaanii ajjeesuu irraa duubatti hin deebi’an. Addunyaan qaroomte kunis bakka walitti qabama saamtotaa fi warra nama ajjeesanii taati; nagaa, boqonnaa fi gammachunis lafa kana irraa ni bada.WG 428.2

    Barsiisni namoonni dirqama abboommi Waaqayyo eeguu jalaa akka bilisoman barsiisu, humna dirqama seera safuu hawaasa keessa jiru dadhabsiisee addunyaa irratti lolaa hamminaaf balbala bane. Seera maleesummaan, afoolessummaan (qabeenya gar-malee bittimsuun) fi malaamaltummaan akka dha’aa galaanaa sodaachisaatti nurra dhangalaa’aa jira. Seexanni maatii keessatti hojii isaa hojjechaa jira. Maatii nuyi Kiristiyaanota ofiin jedhan keessatti illee alaaban isaan ol jedhee mul’achaa jira. Maatii gidduu hinaaffaan, yaadi jal’inaa, Koormaan, gargar ba’uun, morkiin, anatu caalaan, lolli, imaanaa qulqulluu hir’isuu fi kajeellaa hamaatu jira. Qajeelfamni fi barsiisni amantii inni silaa bu’uraa fi toora jireenya hawaasaa ijaaruun irra ture badiisa keessatti kufuuf jedhee raafamaa waan jiru fakkaata. Yeroo yakkamtootni hamoon sababa yakka isaaniif mana hidhaatti galfaman, akka nama hojii hawwisiisaa fi adda ta’e hojjete tokkotti si’aa baay’ee badhaasa fi galata argatu. Yakka hojjetanii fi amala gadhee argisiisan sanaaf beekamtii olaanatu kennama. Mannetiin maxxansaa gochaa fincilaa dalagamee gad-fageenyaan maxxansuudhaan namoota kan biroo gara hojii gowwomsaa, saamichaa fi ajjeechaatti kakaasaa jiru, Seexanni immoo sababa shirri Si’olummaa isaatii isaaf milkaa’eef jecha ni gammada. Fedhiin yakka dalaguu, lubbuu balleessuuf fedhi olaanaa mul’achaa jiru, karaa hundumaa iyyuu jal’innii fi of-qabuu dadhabuun haalaa hammaataa ta’een dabalaa jiru kun, akka namoonni Waaqayyoon sodaatan hundinuu “bubbee hammeenyaa kana dandamachuuf maal goonu” jedhanii gaafataniif isaan kakaasuu qaba.WG 428.3

    Mannii murtii haqaa xuraa’ummaadhaan manchaa’aniiru. Bulchitootni hawwii garaa isaanii isa faayidaa irratti hidhamee jiruu fi jaalala gammachuu fooniitiin kakaafamanii hojjetu. Of-qabuu dhiisanii gad-dhiisiitti jiraachuun sammuu namoota baay’ee dukkaneesseera. Kana irraan kan ka’e seexanni jireenya namoota danuu to’annaa isaa jala galfateera. Jurists (Ogeeyyiin seeraa) karaa qajeelaa irraa maqanii, warra matta’aa fudhatan, warra gowwomfamaniis ta’aniiru. Dhugaatii nama macheessuu dhuguu, revalery ayyaneffaannaa waci itti baay’ate, dheebuun waan hamaa, hinaffaan, amanamummaa dhabuun namoota dhimma bulchiisa seeraa irra hojjetan gidduutti argama. “Qajeelummaanii fi firdii qajeelaa kennuun nu irraa in fageeffame, dhugaan yaa’ii guddaa keessatti karaa irraa in jal’ifame, gara-qajeelinnis achi keessatti argamu in dadhabe.” Isa 59:14.WG 429.1

    Jal’innii fi dukkanaa’ummaan hafuuraa inni bara olaantummaa mootummaa Roomaa keessa mo’ee ture bu’aa Macaafa Qulqulluu irra ejjechuu isheeti. Haa ta’uu iyyuu malee, bara bilisummaan amantii bara ifni wangeelaa guutummaa guutuutti ifaa jiru kana keessa, babal’achuun amanti-maleyyummaa, seera Waaqayyoo tuffachuu fi malaammaltummaa maddi isaa eessa? Seexanni bara ammaa kana keessa Macaafa Qulqulluu ukkamsuudhaan namoota to’annaa isaa jala tursuu waan hin dandeenyeef, kaayyoodhuma isaa isa duraa sana galmaan ga’uuf jecha tooftaa kan biraa barbaada. Amantii namoonni Macaafa Qulqulluu irratti qaban balleessun, akkuma Macaafa Qulqulluu mataa isaa balleessuutti kaayyoo isaa fiixaan baasuuf gargaara. Inni amantii isa seerri Waaqayyoo namoota irratti jabaatee hin jiru jedhu dhi’eessee namoonni akka nama takkaa waa’ee seera Waaqayyoo dhaga’ee hin beekneetti akka isaan seera Waaqayyo cabsan godha. Akkuma baroota darban keessa godhe, har’as akeeka isaa fiixaan baasuuf jecha waldaatti maayii ba’ee hojii isaa hojjeta. Dhaabbileen amantii hedduun dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti bifa ifaa ta’ee kennamee garuu namoota biratti immoo beekamoo hin taane fudhachuu didanii, irratti lola geggeessanii hiikkaa mataa isaanii itti madaqsanii sanyii ceephaatotaan bal’inaan facaafame fudhachuuf ejjennaa isaanii godhataniiru. Dogoggora Phaaphaasii, isa lubbuun uumaman kan hin duunee ta’uu isaa fi namni erga du’ee booda kan of-beeku ta’uu isaa barsiisu duukaa bu’anii, dhugaa tokkicha isa gowwomsaa tolchaa (spiritualism) irraa isaan eegu gananiiru. Barsiisni waa’ee dhiphina barabaraa akka namoonni baay’een Macaafa Qulqulluutti hin amannee taasiseera. Yeroo waa’een dirqama abboommii afuraffaa namootatti himamuu fi namoonni sanbata Guyyaa Torbaffaa eeguudhaaf dirqamni kan isaan irra jiru ta’uu isaa yeroo ifni isaaniif kennamu, lallabdoonni bebbekamoo baay’een isaanii dirqama raawwachuu hin barbaadne kana jalaa ofii isaanii walaboomsuuf jecha, ilmaan namootaa seerra Waaqayyoo eeguudhaaf dirqama hin qaban jedhanii barsiisu. Isaan haala kanaan seera Waaqayyoo fi Sanbata wal-faana of duubatti gatu. Yeroo hojiin haara’umsa guyyaa Sanbataa babal’achaa adeemu, dirqama abboommiin afuraffaa nama gaafatu dhabamsiisuuf jecha seera Waaqayyootiin mormuun guutummaa addunyaa irratti gochaa beekamaa ta’aa adeema. Barsiisni geggeessitoota amantii gantummaaf, tolchaa (spiritualism), fi seera Waaqayyoo isa qulqulluu tuffachuuf balbala bane; Kanaaf iyyuu, jal’ina har’a addunyaa Kiristiyaanaa kana keessa jiru hundumaaf itti gaafatamni sodaachisaan geggeessitoota kana irra jira.WG 429.2

    Haa ta’u malee gareen kun babala’achuun xuraa’ummaa sababa “sanbanni Kiristiyaanaa” kabajamuu sababa dideef ta’uu isaa dubbatanii, kabaji guyyaa Jalqaba Torbanii (Dilbataa) humnaan hojii irra ooluun isaa safuu hawasaa bifa olaan ta’een kan fooyyessu ta’uu isaa heeru. Keessumatti immoo yaadni kun, biyya Ameerikaa ishee waa’een dhugaa Sanbataa bal’inaan keessatti lallabame keessatti dhagaa’ama. Biyya kana keessatti, hojiin mataa ofii to’achuu wajjin wal-qabatu, inni hoji haara’umsa safuu keessatti baay’ee beekamaa fi barbaachisaa ta’e, si’a baay’ee sochii guyyaa Jalqaba Torbanii wajjin walitti makamee dhi’aata. Deggeertootni guyyaa Jalqaba Torbanii fedha hawasaa isa olaanaa guutuudhaaf hojjechaa waan jiran fakkeessanii ofii isaanii mul’isu. Namoonni yaada isaanii wajjin walii hin galle immoo akka diina mataa ofii to’achuu fi diina haara’umsaatti balaaleffatamu. Garuu dogoggora hundeessuuf sochiin godhamu hojii gaarii wajjin walitti hidhamee dhi’aachuun isaa dogoggora sana deggeruuf mala gaarii miti. Tarii summii midhaanii wajjin walitti maknee akka inni midhaanicha keessa dhokatu gochuu ni dandeenya ta’a, garuu amala summichaa jijjiruu hin dandeenyu. Faallaa kanaa, summichii utuu hin beekamin fudhatamuu sababa danda’uuf isa duraa caalaa balaa hamaataa qaba. Sobni namoota biratti fudhatama akka inni argatu gochuuf jecha, seexanni sobuma hedduu sanatti dhugaa muraasa dabalee akka meeshaatti dhimma itti ba’a. Hoggantootni sochii guyyaa Dilbataa haara’umsa hawwasni fedhuu fi kan qajeelfama Macaafa Qulqulluu wajjin wal-simatu deggeruu ni danda’u ta’a; haa ta’u iyyuu malee, ulaagaa isaan baasaanii ittiin socho’an keessa wanti faallaa seera Waaqayyoo ta’e yoo jiraate, garboonni Waaqayyoo isaanii wajjin tokkummaa uumuu hin dandaa’an. Seera Waaqayyoo diiganii abboommi namaa bakka buusuu isaanii wanti qajeelaa taasisu tokko illee hin jiru.WG 430.1

    Karaa dogoggora gurguddaa lama — barsiisa lubbuun hin duutu jedhuu fi qulqullummaa guyyaan Jalqaba Torbanii (Dilbataa) Seexanni biyya lafaa guutummaa gowwomsaa isaa jala galfata. Inni jalqabaa tolchaaf (spiritualism) hundee kan kaa’u yeroo ta’u, inni lammaffaan immoo Roomaa wajjin hidhaan walitti dhufeenyaa akka uumamu taasisa. Pirootestaantonnii biyya Ameerikaa tolchaa (spiritualism) qabachuuf jecha hallayyaa irra harka qaxxamursu; akkasumas hallayyaa irra hiixatanii aangoo Roomaa wajjin harka wal-qabuu keessatti warra adda duree ta’u; Sanaan booda, karaa dhiibbaa humnoota gamtooman kana sadanii biyyattiin kun gochaa Roomaa faana bu’uudhaan bilisummaa sammuu irra ejjetti.WG 430.2

    Falfalli [(tolchi) spiritualism] haala baay’ee itti siqeenya qabuun Kiristiyaanummaa fakkeessaa bara har’a waan akkeessuuf, namoota gowwomsuu fi kiyyootti galchuudhaaf humna guddaa qaba. Seexanni haala yeroo fakkaachuuf jecha ni jijjiirama. Inni ergamaa ifaa fakkaate ni mul’ata. Karaa bakka buutota warra tolchatti (spiritualism) amananii dinqiwwan garaagaraa ni hojjetamu, dhukkubsatoonni ni fayyu, akkasumas malaallewwaan haalamuu hin dandeenye ni raawatamu. Hafuuronni kun Macaafa Qulqullutti kan amanan ta’uu isaanii ni dubbatu, dhaabbata waldaafis kabaja akka qaban ni mul’isu. Sababa kanaaf hojiin isaanii akka waan humni Waaqayyoo mul’ateetti fudhatama argata.WG 430.3

    Yeroo ammaa kana daangaa sararaa warra Waaqayyotti hin amanne fi namoota nuti Kiristiyaanota ofiin jedhan gargar baasu adda baasaanii hubachuun cimaa dha. Miseensonni waldaa baay’een isaanii wanta warri biyya lafaa jaallatan jaallatu. Isaanii wajjin wal makuufis qophaa’oodha. Seexanni qaama tokko jalatti isaaniin tokkummeessee hunduma isaanii gara tolchaatti (spiritualism) oofuudhaaf kaayyoo isaa jabeeffata, kana gochuudhaafis kutannoo olaanatiin ka’eera. Phaaphaasonni, warri dinqii yookaan malaallee akka mallattoo waldaa dhugaatti fudhatanii ittiin kooran hundinuu, salphaatti humna dinqii hojjetuun kanaan gowwomfamu; Pirotestaantonnis, gaachana dhugaa gatuu isaanii irraan kan ka’e ni gowwomfamu. Phaaphaasonni, Pirootestantoonii fi biyyi lafaa guutummaan, bifa Waqummaa isa humna Waaqayyoo of-keessaa hin qabne fudhatu, karaa tokkummaa kanaas sochii guddaan biyya lafaa jijjiruu fi bar-kumeen yeroo dheeraaf eeggatamaa turee kan jalqabamu fakkaatee isaanitti mul’ata.WG 430.4

    Seexanni karaa tolchaa (spiritualism) gargaaraa sanyii namoota fakkaatee mul’ata. Tooftaa kanatti fayyadamee dhukkuba namoota ni fayyisa, akka wanta amantii fooyya’aa fideettif ofii isaa ilmaan namootaatti dhi’eessa; garuu kana hundumaa gochaa barbadeessaa sanyii namootaa ta’ee hojii badiisa ilmaan namootaa hojjeta. Qormaatni isaa namoota heedduu gara badiisaatti geggeessaa jira. Of-qabuu dhiisaanii gad-dhiisiitti jiraachuun dandeetti yaaduu sammuu iddoodhaa balleessee kajeellaa foonii keessatti kufuu, lolaa fi dhiiga walii dhangalaasuu hordofsiiseera. Fedhii hamaa namaa keessaa waan kakaasuuf, utuu namoonni isa keessatti hirmaatan hundi hammeenya hojjechuu fi dhiiga dhangalaasutti qabamanii jiranii, gara xumura barabaraatti waan isaan haree sokkuuf Seexanni lolatti ni gammada. Biyyi tokko biyya kan biraa irratti lola akka kaasu gochuun kaayyoo seexanaati, akkasitti sammuu namootaa hojii qophaa’ummaa guyyaa firdii Waaqayyoof isaan dhaabbachiisu irraa jal’isa.WG 431.1

    Seexanni makara lubbuwwan hin qophoofnee sassaabbachuuf karaa wantootaa (elements) baay’isee hojjeta. Inni dhoksaa Laaboraatorii uumamaa (secrets of the laboratories of nature) sirritti qorateera, Wanta hundumaa hanga Waaqayyo isaaf heeyyametti to’annaa isaa jala galfachuudhaaf humna isaa guutuutti fayyadama. yeroo Iyoobiin dhiphisee, sariitii attamiitiin bushaayee fi sawwanii, garboota, mannetii fi ijoollonni isaa haxaa’amanii dhumanii? Yeroo gabaabaa keessatti rakkinni wal-irratti daddabalamee raawwatamaa ture. Gaachana ta’ee ijoollee isaa kan oolchu fi badiisa karaa humna seexanaa dhufuu kam irraayyuu kan isaan eeguu Waaqayyo qofa. Garuu Kiristiyaanonni addunyaa seera Waaqayyoo jibbaniiru; Sababa kanaaf jecha, Waaqayyoo Gooftaan immoo isa nan godha jedhee dubbate sana ni raawwata - dachee kana irraa eebbaa isaa ni fudhata, Warra seera Isaa fi barsiisaa Macaafa Qulqulluu irratti fincilan, akkasumas warra akka namoonni seera Waaqayoo cabsanif dirqisiisan hundumaa irraa kunuunsa eegumsa Isaa ni fudhata. Seexanni namoota dallaa eegumsa Waaqayyoo jala hin jirre hundumaa to’annaa isaa jala ni galfata. Kaayyoo isaa irra caalaatti fiixaan baafachuuf akka isaaf mijaatutti kaan kaan isaanitti jaalala agarsiisa, kaan kaan isaaniif immoo badhaadhummaa kenna. Namoota warra kaanitti immoo rakkina fidee, akka isaan “Waaqayyotu gidiraa kana hundumaa nutti fide” jedhanii amanan taasisa.WG 431.2

    Seexanni akka ogeessa fayyaa olaanaa isa dhukkuba hundumaattii isaan fayyisuu danda’u of-fakkeessee ilmaan namootaatti of-dhi’eessa, Karaa kan biraa immoo, hanga magaalonni lakkoofsa uummataa hedduu qaban barbadaa’anii onaa ta’anii hafanitti dhukkubaa fi balaa isaanitti fida. Inni ammuma illee hojiitti jira. Seexanni, iddoo hundumaa fi bifa kumaatamaan - balaa fi badiisa lafa kana fi galaana irratti uumamuun, karaa balaa ibiddaa, balaa cabbii fi qilleensa jabaa, karaa bubbee, lolaa bishaaniitiin, obomboleettidhaan, dha’aa galaanaa fi sochii lafaatiin humna isaatti dhimma ba’ee hojjechaa jira. Inni midhaan bilchaatee sassaabbii ga’e haxaa’ee balleessa. Sanatti fufee kan dhufu immoo beelaa fi gidiraa dha. Inni summii xuraa’aadhaan qilleessa faala, namoonni kumaatamnis dhukkubaan ni du’u. Wantootni kanaa fi kana fakkaatan kun badiisa jabaa kan qaqqabsiisanii fi ammaa ammaa irra deddeebi’anii raawwatamu. Badiisi ilmaan namootaa fi bineensota irratti ni dhufa. “Lafti gaddaan in coollaga, biyyi lafaa gogee in bada, gurguddoonni saba lafaa in mudhuku. Warri lafa irra jiraatan abboommii fi seerrata Waaqayyoo irra daddarbanii, kakuu bara baraas cabsuu isaaniitiin lafa in xureessan.” Isa 24:4, 5.WG 431.3

    Sanaan booda, gowwomsituu inni guddichi, akka wanta balaan kun hundinuu sababa warra Waaqayyoof hojjetanii uumametti namoota amansiisa. Abbomamuun warra seera Waaqayyoof abbomamanii warra seera Waaayyoo irraa daddarbaniif ifata dhaabbataa dha. Haa ta’u iyyuu malee, gartuu warri abbomamuu diduu isaaniitiin Waaqayyoon gaddisisaan, rakkoo isaaniitti dhufu hundumaaf garee warra Waaqayyoof abbomaman himatu. Namoonni sanbata isa guyyaa jalqaba torbanii (Dilbataa) cabsuudhaan Waaayyoon gaddisiisaa jiru. Cubbuun kun immoo badiisa guddaa isa hamma gaafa qulqullummaan guyyaa Jalqaba torbanii (Dilbataa) humnaan hojii irra oolfamuutti hin dhaabbanne qaqqabsiiseera jedhamee dubbatama. warri qulqullumma guyyaa jalqaba torbanii (Dilbataa) kabaja dhowwatanii dhugaa abboommii afuraffaa lallaban hundinuu, akka namoonni araara Waaqayyoo hin argannee fi badhaadhummaa yeroo hin horanneef gufuu ta’uudhaan akka rakkistoota sabaatti himatamu. Haala kanaan himati bara durii garbicha Waaqayyoo irratti dhi’aate ammas irra deebi’amee garboota Waaqayyoo irratti dhi’aata: “Ahaab yommuu Eliyaasin arge, ‘Edaa, sii inni Israa'elin rakkisu?’ jedheen. Eliyaas immoo deebiseefii, ‘Sii fi hortee abbaa keetiitu Ba'aal duukaa bu'ee abboommii Waaqayyoo dhiisuudhaan Israa'elitti rakkina fidde malee, ani rakkina itti hin fidne’ jedhee deebiseef. 1Moot 18:17, 18. Yeroo aariin uummataa karaa himata sobaa finiinu, namoonni akkuma Israa’el isheen gantuun bara durii Eliyaas irratti hojjette bakka buutota (Ambaasaddaroota) Waaqayyoo warra bara har’aa irratti hojjetu.WG 432.1

    Humni tolchaa (spiritualism) giddu-galeessa godhatee dinqii garaagaraa agarsiisu, namoota nama akka isaaniif abbomamuu caalaa Waaqayyoof abbomamuu filatan irratti dhiibbaa olaanaa qaqqabsiisa. Hafuuronni namoota guyyaa jalqaba torbanii (Dilbata) cabsan akka amansiisaniif Waaqayyo kan isaan erge ta’uu isaanii ni dubbatu, seerri biyyaas akka seera Waaqatti kabajamuu kan qabu ta’uu isaa ni raggaasisu. Isaan waa’ee xuraa’ummaa guddaa addunyaa irratti mo’ee jiruuf ni gaddu. Itti dabalees, isaan dhuga ba’umsa barsiisota amantii isa “kufaatiin hamilee sababa tuffatamuu guyyaa jalqaba torbaniitiif dhufe” jedhanii barsiisan ni deggeru. Dheekkamsi namoota dhuga ba’umsa isaanii hin fudhanne irratti dhufu baay’ee guddaa dha.WG 432.2

    Wallansoo xumuraa seexanaa fi saba Waaqayyoo gidduutti geggeefamuuf jiru keessatti, seexanni imaamata wal-fakkaataa isa gaaficha yeroo wallansoo inni guddichi samii keessatti jalqabame dhimma itti ba’e hojii irra oolcha. Yeroo sana, mootummaa Waaqayyoo irratti fonqolcha geggeessuuf jecha bifa dhokataa ta’een dhama’insa isaa mara maqsee hojjechaa, akka wanta jabina mootummaa Waaqayyootiif hojjechaa jiruutti fakkeessaadhaan deddeebi’aa ture. Hojii hamaa isa ofii isaatii galmaan ga’uuf hojjecha ture immoo ergamoota warra amanamoo irra kaa’e. Waldaan Roomaas imaamata gowwomsaa akkanaa hojii irra oolchuu ishee seenaan ni ibsa. Waldattiin bakka bu’aa samii ta’uu ishee waakkataa kan turte yeroo ta’u, faallaa kanaa immoo, seera Waaqayyoo diiguu fi ofii ishee Waaqa gararraatti ol of qabuuf dhama’aa turte. Bara mo’icha Roomaa keessa, namoonni amantii wangeelaatti cichuu isaanii irraan kan ka’e du’i itti murtaa’e hundinuu akka yakkamtootaatti lakkaa’aman; akka wanta seexanaa wajjin tokkummaa qabaniittis ni qeeqaman; namoota kan biroo biratti qofa osoo hin taane ijuma ofii isaanii duratti illee akka yakkamaa cimaatti ilaalamanii akka isaan ceephaa’aman taasisuuf jecha, yaaliin hundinuu ni godhame. Ammas akkuma kana ta’a. Seexanni namoota seera Waaqayyoo eegan balleessuudhaaf dhama’insa godhu keessatti, akka yakkamtootaatti akka isaan himatamanii fi akka namoota Waaayyoon kabaja dhowwatanii addunyaa kanatti firdii fidaniitti akka isaa himataman taasisa.WG 432.3

    Waaqayyoo fedha yookaan walabummaa sammuu namootaa humnan hin dirqamsiisu; Seexanni garuu namoota karaa gowwomsaa isaa to’annaa isaa jala oolfachuu dadhabe mara humna fi gara-jabinatti fayyadamee gama isaa oolfachuu barbaada. Inni dorsisaa yookaan humnatti fayyadamee sammuu namaa harka keessa galfachuu barbaada. Kaayyoo isaa kana fiixaan baasuuf immoo aboo amantii fi kan biyya lafaatti dhimma ba’ee akka isaan seeraa Waaqayyoo didanii seera namaa humnaan hojii irra oolchaniif isaan geggeessa.WG 433.1

    Warri Sanbata Macaafa Qulqulluuf kabaja kennan akka farra seeraa fi qajeelfamaatti, akka wanta hawaasaa keessatti kufaatii safuu fidaa jiraniitti, akka wanta jeequmsaa fi xuraa’ummaa uumaa jiraanii fi akka wanta biyya lafaa irratti dheekkamsa Waaqayyoo fidaa jiranitti ni hadheeffamu. Yaada sammuun isaanii itti amane duukaa gara kuteenyaan bu’un isaanii akka rincicummaa, diddummaa fi tuffii aangaawota biyyaatti lakkaa’ama. Isaan akka nama angoo biyyaatiif amanamuu dideetti lakkaa’amu. Tajaajiltoonni warri abboommii Waaqayyoo ganan hundinuu waltajjiitti ol-ba’anii muudamni aangawoota mootummaa Waaqa biraa ta’uu isaa yaadachisaa, seera aangawootni mootummaa baasaniif bitamuun dirqama ta’uu isaa ni barsiisu. Mana murtii yookaan waajjira haqaa keessatti warri Sanbata isa dhugaa eegan hundinuu gar-malee ilaalamanii murtii fudhatu. Dubbii isaan dubbatanitti hiikkaa sobaatu kennama. Kaka’umsa onnee isaaniittis hiikkaa baay’ee dogoggoora ta’etu kennama.WG 433.2

    Waldoonni Pirootestaantii seera Waaqayyoof faccisuuf falmii ifaa Macaafa Qulqulluu bu’ura godhatee kennamu fudhachuu yeroo didan, warra karaa Macaafa Qulqulluu amantii isaanii kuffisuu dadhaban mara cal-jechisiisuu hawwu. Dhugaa yookaan haqa jiru fudhachuu didanii ija isaanii yoo jaamsan illee, wanta Kiristiyaanonni addunyaa kan biroon gochaa jiran gochuu warra didan mara ari’achuutti deemsa isaan geggeessuu shaakalaa jiru, akkasumas, sanbata Phaaphaasiifis beekamtii kennuutti adeemaa jiru.WG 433.3

    Gurguddoonni biyyaa fi waldaa namoonni gita hunda irra jiran guyyaa Jalqaba Torbanii akka kabajan gochuuf mattaa’aa kennuu, amansiisuuf dhama’uu fi dirqisiisanii amansiisuuf tokkummaa uummatu. Labsiin cunqursaa kun aangoo Waaqayyoo hin qabu. Malaamaltummaan siyaasaa jalala haqaa gama dhugaatiin jiru balleessaa jira. Biyya Ameerikaa keessatti illee, bulchitootni biyyaa fi warri seera tuman, mootummaa birratti fudhatama argachuuf jecha, gaaffii namoota hedduu isa ta’ee seera kabaja guyyaa Jalqaba Torbanii humnaan dirqisiisu hojii irra oolchutti walii galu. Dhimmi walabummaa sammuu, inni aarsaa guddaa kafalchise kanaan booda kabaja hin argatu. Wallaansoo dhihootti dhufaa jiru keessatti, dubbiin raajichaa inni fakkeenyaa dubbatame bifa qabatamaa ta’een utuu mul’atu argina: “Yommus bineensichi akka jawwee sun dubartittii sanatti aaree, sanyii ishee warra kaanitti lola kaasuu dhaqe; isaanis warra abboommii Waaqayyoo eeganii fi isa Yesuus dhugaa ba’ettis jabaatanii dha.” Mul 12:17.WG 433.4

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents