Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Wal’aansoo Isa Guddaa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 21—Akeekkachiisa Fudhatama Dhabe

    Barsiisa dhufaatii lammaffaa lallabuu ilaalchisee Miilerii fi warri isaa wajjin hojjetan namoota dadamaqsanii guyyaa firdiif qopheessuuf kaayyoo tokkoon dhama’an. Isaan abdii waldaa isa dhugaa fi shaakala kiristiyaanummaa isa gadi fagoof beektota amantii dadammaqsuu barbaadan; akkasumas, warri hin jijjiiramiin gara qalbii jijjiirannaa fi gara Waaqayyootti dafanii deebi’uuf akka dammaqaniif dhama’an. “Isaan gara dhaabbata amantiitti namoota jijjiiruuf dhamaasuu hin goone. Kanaaf, isaan dhaabbata yookiin qajeelfama amantii keessa utuu hin seeniin kutaa (dhaaba amantii) hundumaaf hojjetan.”WG 283.4

    “Hojii koo hundumaa keessatti” jedhe Miiler, “dhaabbata duraan jiru malee dhaabbata amantii kamiin illee dhaabuuf yookiin miidhama isa tokkootiin isa kaan fayyaduuf tasa raawwadhee yaadee hin beeku. Ani hundumaaf bu’aa buusuun yaade. Kiristiyaanonni dhufaatii Kiristositti gammadanii fi warri wanta ani arge arguu hin dandeenye warra barsiisa kana fudhatanii gaditti hin jaallatan utuu ta’ee, adda baasee wal ga’ii geggeessuun in barbaachisa jedhee hin yaaduun ture. Kaayyoon koo guutummaatti lubbuu gara Waaqayyootti deebisuu, waa’ee firdii dhufuu biyya lafaatti beeksisuu fi namoonni akka kootii immoo Waaqa isaanii nagaadhaan simachuu kan isaan dandeessisu qophaa’ummaa garaa akka qabaatan gochuudha. Dadhabbii kootiin kan jijjiiraman keessaa baay’een isaanii waldoota garagaraa jiranitti dabalamaniiru.” —Bliss, page 328.WG 283.5

    Hojiin isaa waldoota ijaaruu irratti kan xiyyeefate waan tureef yeroof jaallatameera. Garuu tajaajiltoonnii fi geggeesitoonni amantii barsiisa dhufaatii lammaffaa mormuuf yeroo murteessanii fi kaka’umsa mata duree kana irratti jiru ukkaamsuu yeroo barbaadan mormii isaanii iddoo aarsaa irratti dhageessisuu qofa utuu hin taane, miseensonni isaanii lallabbii dhufaatii lammaffaa akka hin dhaggeefanneef yookiin walga’ii waldaa keessatti waa’ee abdii isaanii akka hin dubbaneef mirga dhowwatan. Akkasitti amantoonni dhiphina guddaa fi bita galummaa keessatti mataa isaanii argan. Isaan waldaa isaanii waan jaallataniif ittii adda ba’uu hin barbaanne turan; garuu dhuga ba’umsi sagalee Waaqayyoo yeroo ukkaamamuu fi mirgi raajii qorachuu isaanii yeroo sarbamu amanamummaa isaan Waaqayyoof qaban tole jedhanii kana fudhachuu akka isaan dhowwu isaanitti dhaga’ame. Warri dhuga ba’umsa sagalee Waaqayyoo ukkaamsuu barbaadan waldaan Kiristos “utubaa fi hundee dhugaa” ta’uu isaa hubachuu hin dandeenye. Kanaaf hariiroo duraattii adda ba’uuf sababa ga’aa akka qaban isaanitti dhaga’ame. Ji’a bonaa bara 1844 keessa naannoo namoota kuma shantamaatu waldoota gadi dhiisee ba’e.WG 284.1

    Yeroo kana waldoota Yunaa’itid Isteet keessa jiraatan hundumaa keessatti jijjiirama mul’ataatu ta’e. Waggoota baay’eedhaaf suuta suuta qalbiidhaan hojii fi aadaa biyya lafaa wajjin walii galuu fi jireenyi hafuuraa inni dhugaan gad bu’aa adeemuutu babal’atee ture; waggoota sana keessa garuu waldoota biyya lafaa hundumaa keessatti kufaatiin akka tasaa fi ifaa ta’e jiraachuu isaa ragaa qabatamaatu mul’ate. Eenyu illee sababii taatee kana himuu kan hin dandeenye yoo ta’e illee, haalli kun dhugaa ta’uun isaa maxxansaa garagaraa fi lallaba iddoo aarsaatiin bal’inatti beekamee ceephaa’ameeras.WG 284.2

    Walga’ii maanguddootaa Filedelfiyaatti geggeefame irratti beekamaa kan ture, xiinxala wangeelaa (komentarii) bal’inaan hojii irra oole kan barreessee fi waldaa magaalaa Sanaa keessaa jirti jedhamtu tokkotti tajaajilaa kan ture Barnes akkas jedhe, “tajaajila keessa waggoota digdama akka ture ibsee, hamma kennaa irbaata qulqulluu isa xumuraatti, baay’een yookiin muraasis utuu hin fudhatiin sirna kana geggeessee hin beeku. Amma garuu dadammaqinni hin jiru, jijjiiraminis hin jiru, beektota birattis ayyaanatti guddachuun hin mul’atu, waa’ee fayyina lubbuu dubbachuuf gara qorannaa namni dhufu hin jiru. Baay’inni daldalaa, abdiin guddina daldalaa fi oomishatummaa dabalaa waan jiruuf biyyi lafummaan baay’aachaa jira.” —Congregational Journal, May 23, 1844.WG 284.3

    Waggaa dhuma sana ji’a Guraandhalaa keessa kolleejjii Oberliin keessatti barsiisaa kan ture profeeser Fineyi akkas jedhe: “walumaa galatti waldoonni protestaantii biyya keenya keessaa haara’umsa amilee bara kanaa irratti dhimma kan hin qabne yookiin jibba kan qaban akka ta’e yaadni keenya beeka. Kan keessatti hin hammatamne jiru, haa ta’u malee walii gala jechuu irraa kan hafe wanti dubbachuu danda’an kan biraan hin jiru. Dhugaa ragaadhaan deggerame kan biraas qabna: innis akka walii galaatti daddammaqinni waldaa keessaa dhibuu isaati. Waan hafuuraatiif dhimma dhabuun bakka hundatti babal’ateera, haala sodaachisaatiinis gadi fagaateera; kanaaf maxxansaan amantii guutummaa biyya lafaas kana dhugaa ba’a… miseensonni waldaa bal’inaan ammayyummaaf of kennanii jiru, -- warra Waaqayyoon hin beeknee wajjin harka wal qabatanii bakka bashannanaa, bakka sirbaa fi afeerraa dhangaa adeemu. Garuu hojii gaddisiisaa kana babal’isuu nu hin barbaachisu. Waldoonni kiristiyaanaa haala gaddisiisaatiin ulfina isaanii irraa gadi bu’aa adeemuu isaanii ragaan argisiisu ulfaataa ta’ee nu irra gangalachuun isaa qofaan ga’aadha. Isaan Waaqayyo irraa fagaatanii adeemaniiru, innis ofii isaa isaan irraa fageesseera.”WG 284.4

    Barruu Religiyees Teleskopii (Religious Telescope) jedhamu keessatti barreessaan tokko akkas jedhee dhugaa ba’e: “kufaatii amantii waliigalaa akka yeroo kanaa takkaa arginee hin beeknu. Dhugaadhumatti, waldaan dammaqxee sababii rakkoo kanaa qorachuu qabdi; Xiyooniin kan jaallatu hundumtuu rakkoo kana sakkata’uu qaba. Jijjiirama dhugaa kan fudhatan muraasachuu ilaalchisee, gara jabinaa fi gaabbii dhabuu cubbamootaa yeroo yaadnu utuu hin jaallatiin “Waaqayyo gaarummaa isaa in irraanfatee? Yookiin balballi araaraa in cufamee?” jennee gaafanna.WG 285.1

    Haalli kana fakkaatu waldaa kiristiyaanaa keessatti sababii malee hin ta’u. Biyyoota irratti, waldootaa fi namoota dhuunfaa irratti dukkanaa’ummaan hafuuraa kan inni dhufuuf Waaqayyo gama isaatiin ayyaana waaqaa waan dhowwateef utuu hin taane, namoonni gama isaaniitiin ifa waaqaa mormuu fi jibbuu irraa kan ka’eedha.WG 285.2

    Dhugaa kanaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u seenaa Yihudoota bara Kiristos keessa turan irratti mul’ateera. Biyya lafaatti of kennuu isaanii fi Waaqayyoo fi sagalee isaa irraanfachuu isaaniitiin hubannaan isaanii in dukkanaa’e, onneen isaanis biyya lafaa fi gammachuu miiraaf kan bitame ta’e. Akkasitti dhufaatii Masihii dagatan, oftuulummaa fi amanti dhabina isaaniitiinis fayyisaa fudhachuu didan. Kun ta’ee utuma jiruu Waaqayyo abbaa Yihudootaa eebba fayinaa beekuu fi itti hirmaachuu irraa hin daangessine. Garuu warri dhugaa jibban kennaa samii hundumaaf fedha dhaban. Hamma ifti isaan keessa jiru dukkanaa’uutti “dukkanaan ifa jedhanii, ifaan immoo dukkana jedhan.” Yoos dukkanichi hammam jabaa ture!WG 285.3

    Namoonni hafuura Waaqayyoon fakkaachuu dhabuudhaan bifa waaqessuu qofaa yeroo fudhatan qajeelfama Seexanaa wajjin kan waliigalu ta’a. Yihudoonni wangeela erga mormanii booda sirna isaanii isa durii inaaffaadhaan itti fufan, isaan gidduutti argamuu Waaqayyo wanti beeksisu hin jiru yoo ta’e illee, sabummaa isaanii isa kan biraa irraa adda isaan godhu jabeessanii qabatan. Raajiin Daani’eel dogoggora malee yeroo Masihiin itti dhufu argisiiseera, duuti isaas dursee dubbatameera, isaanis qorannaa isaa in dadhabsiisan, beektuun macaafaas warra yeroo raajii qorachuu yaalan irratti abaarsa dabarsan. Sabni Israa’el jaamummaa fi gaabbii dhabuu isaaniitiin bara dhufaa darbaa keessatti kennaa fayyinaa isa ayyaana qabeessa, eebba wangeelaa fi ifa samii mormuun balaa inni fidu ilaalchisee akeekkachiisa kabajamaa fi sodaachisaa isaaniif kennameef warra dhimma hin qabne ta’an.WG 285.4

    Bakka sababni akkasii itti argamu hundumaatti bu’aa kana fakkaatutu hordofee dhufa. Hojiin amantii fedha isaa wajjin waan walii hin galleef jecha utuu beekuu itti gaafatamummaa isaa kan baqatu xumuratti humna ittiin dhugaa fi dogoggora gargar baasu dhaba. Namni akkasii hubannaan isaa in dukkana’aa, sammuun isaa kan hin si’oofne, garaan isaa kan jabaatee fi lubbuun isaa Waaqayyoottii kan gargara ba’e ta’a. Ergaan samii inni dhugaan yeroo tuffatamu yookiin laayyootti yeroo ilaalamu waldaan dukkanaan marfamti; amantii fi jaalalli in qabbanaa’a, lolaa fi gargar ba’uutu uumama. Miseensonni waldaa fedhii fi humna isaanii waan biyya lafaa irra ka’aatu, cubbamoonnis akka hin gaabbineef garaa isaanii jabeessu.WG 285.5

    Ergaan ergamaa tokkoffaa Mul’ata 14 keessaa inni yeroo firdii Waaqayyoo labsuu fi isa sodaachuu fi waaqessuuf namootaaf waamicha godhu warra saba Waaqayyooti ofiin jedhan manca’iinsa lafaatti adda isaan baasuu fi boodatti deebi’uu fi haala biyya lafummaa keessa jiran isa sirrii akka arganiif isaan dammaqsuuf karoorfame. Ergaa kana keessatti Waaqayyo akeekkachiisa yoo fudhatameef cubbuu isa irraa isaan faggeessu sirreessuu danda’u waldaadhaaf kenne. Onnee isaanii gooftaa duratti gadi of deebisuu fi isa dura dhaabbachuuf qophaa’ummaa dhugaa barbaadudhaan ergaa samiidhaa dhufe fudhataniiru utuu ta’ee, hafuurrii fi humni Waaqayyoo isaan gidduutti in mul’ata ture. Waldaanis deebitee tokkummaa, amantii fi jaalala eebbifamaa bara ergamootaa ture isa yeroo amantoonni “warra garaa tokkoo fi yaada tokkoo turan” fi “dubbii Waaqayyoo ija jabummaadhaan dubbachaa turan,” isa yeroo “gooftaanis guyyaa guyyaatti warra fayyan amantootatti dabale” bira in geessi ture. H/Erg. 4:32, 33; 2:47.WG 285.6

    Utuu saba Waaqayyooti warri ofiin jedhan ifa sagalee isaa keessaa isaaniif ifu fudhatanii, tokkummaa isa Kiristos waa’ee isaatiif kadhate, isa ergamaan “Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhama'aa! Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko; gooftaan tokko, amantiin tokko, cuuphaan tokko” jedhee ibse bira in ga’u turan. Efee.4:3-5.WG 286.1

    Warri ergaa dhufaatii lammaffaa fudhatan firii eebbifamaa akkasii shaakalan. Isaan dhaabbata amantii garagaraa keessaa dhufan, to’annaan ittisa dhaabbata amantii hundumtuu in kufe; seerri amantii inni wal mormus in hunkutaa’e; Kiristos utuu hin dhufiin waggaa kuma tokko lafa kana irratti boqonnaatu ta’a kan jedhu abdiin in bade, dhufaatii lammaffaatiin wal qabatee ilaalchi dogoggoraa jiru in sirrate, oftuulummaa fi biyya lafaa wajjin walii galuun duguugamee bade; dogoggorri in sirreeffame; onneen tokkummaa obbolummaa isa minya’aa wajjin walii gale, jaalallii fi gammachuunis ni mo’e. Barsiisni kun namoota yertuu isa fudhataniif erga kana godhee, utuu hundumtuu fudhataniiru ta’ees waanuma wal fakkaatu godha ture.WG 286.2

    Garuu akka walii galaatti waldaan akeekkachiisa hin fudhanne. Tajaajiltoonni isaanii warri “eegduu mana Israa’el” jedhamanii milikkita dhufaatii Yesusiin adda baafachuuf warra jalqabaa ta’uu malan, dhuga ba’umsa raajii irraas ta’e yookiin milikitoota yeroo irraas dhugaa baruu hin dandeenye. Akkuma abdii fi kajeellaan biyya lafaa onnee keessa guutaa adeemeen, amantii fi Waaqayyoon jaallachuun diilalla’aa adeeme; barsiisni dhufaatii lammataa yeroo dhiyaates jibbaa fi amantii dhabina qofa kakaase. Irra caalaan ergaan kun karaa warra fedhaan hojjetanii waan lallabameef kun ofii isaatii deebi’ee mormiidhaaf meeshaa guddaa ta’e. Dhuga ba’umsa sagalee Waaqayyoo isa ifaa ta’e irratti akkuma bara durii gaaffii “geggeesitoota yookiin fariisota keessaa namni tokko amaneeraa? Jedhutu ka’e. Qabxiileen falmii yeroo raajii keessa jiran sirrii miti jedhanii mormuun hojii rakkisaa ta’uun isaa waan hubatameef, baay’een macaafni raajii cufamaadha, hubatamuus hin danda’u jedhanii barsiisuudhaan qorannaa raajii dadhabsiisan. Namoonni lakkoobsa hin qabne barsiisota isaanii amanuudhaan akeekkachiisa dhaga’uu didan; warri kaan immoo dhugaan yoo isaan amansiise illee “mana sagadaa keessaa akka hin baafamneef” jecha kana mul’isuuf ija hin jabaanne. Ergaan Waaqayyo waldaa ittiin qoruu fi qulleessuuf erge warri jaalala isaanii biyya lafaa kana irra godhatan warra jaalala isaanii Kiristos irra godhatan lakkoobsaan hammam akka caalan argisiise. Hidhaan lafatti isaan hidhe harkisa samii irra caalaa cimaadha. Isaan sagalee ogummaa biyya lafaa dhaga’uu filatanii ergaa dhugaa onnee qoru irraa duuba deebi’an.WG 286.3

    Isaan akeekkachiisa ergaa tokkoffaa mormuudhaan karaa samiin ittiin isaan haaressuuf erge tuffatan. Isaan cubbuu Waaqayyo irraa adda isaan baase ture sirreessuu kan danda’u ergamaa araaraa tuffatanii hinnaaffaa guddaatiin michummaa biyya lafaa barbaaduuf deebi’an. Bara 1844 keessa biyya lafummaa, duubatti deebi’uu fi du’a hafuuraa waldaa keessatti argameef sababa kan ta’e kana ture.WG 286.4

    Mul’ata 14 keessatti ergaan tokkoffaan labsii lammaffaa akkas jedhuun hordofamee ture: “Kufteetti Baabilon guddittiin, isheen sabni hundinuu daadhii wayinii dheekkamsaa isa halalummaa ishee irraa dhufu akka dhugan goote, kufteetti! jedhe.” Mul.14:8. Jechi “Baabilon” jedhu “baabel” isa jedhu irraa dhufe, innis bita galummaa argisiisa. Innis Macaafa Qulqulluu keessatti gantummaa yookiis amantii sabaa bifa garaagaraa argisiisuuf kaa’ame. Mul’ata 17 keessatti Baabilon dubartiitti fakkeefamte, kunis Macaafa Qulqulluu keessatti fakkeenya Waldaati, dubartiin gaariin waldaa qulqulluu bakka buuti, dubartiin hamtuun immoo waldaa gantuu bakka buuti.WG 287.1

    Macaafa Qulqulluu keessatti hariiroon qulqulla’aan Kiristosii fi waldaa gidduu jiru tokkummaa gaa’elaatti fakkeefameera. Gooftaan saba isaa kakuu kabajamaatiin ofii isaatti maxxanse, inni Waaqa isaanii ta’uuf abdachiise, isaan immoo isa qofaaf dhuunfaa ta’uuf kakuu galan. Inni akkas jedha: “Ani yeroo hundumaaf kan koo sin godhadha; qajeelina, dhugaa, jaalala, oo'as argisiisuudhaan kan koo sin godhadha.” Hose’a 2: 21. Itti dabalees “ani si fudhadheera” jedhee dubbata. Erm.3:14. Phaawulos kakuu haaraa keessatti, “Ani akka durba amanamtuutti Kristos abbaa manaa tokkichatti isin heerumsiifachuudhaaf, isin kaadhimachiisee waanan tureef, akkuma Waaqayyo inaafu, anis isiniif nan inaafa” jedhee yeroo dubbate fakkeenya kana fakkaatutti dhimma ba’e. 2 Qor. 11:2.WG 287.2

    Waldaan Kiristosiif amanamummaa dhabuudhaan jaalalli biyya lafaa lubbuu akka dhuunfatu eyyamtee jaalalaa fi amanannaa ishee isa irraa yeroo deebiftu, kun kakuu gaa’elaa cabsuutti lakkaa’ama. Cubbuun gooftaa irraa fagaachuu inni kan Israa’el fakkeenya akkas jedhuun dhiyaate; jaalalli Waaqayyoo inni isaan akkasitti tuffatan haala onnee namaa rukutuun akkasitti mul’ifame: “Ani si kaadhimadhee ati kan koo taatee sii wajjin kakuutti galeera’ jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.” “Ati akkasitti warqeedhaa fi meetiidhaan in miidhagde, uffanni ati uffattu quncee talbaa isa ba'eessaa fi haarriidhaan hojjetamee kuulaan in miidhagfame; qamadii isa ba'eessa, damma, dhadhaa ejersaas in nyaatte; baay'ee miidhagduu taate, mootuu ta'uudhaafis in kaate; simboon ani siif kenne miidhagummaa kee guutuu waan godheef ati saba lafa irraa gidduutti waa'ee miidhagummaa keetiif in beekamte’ jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.” … “Ati garuu miidhagummaa kee amanattee, beekamuu kee irraa kan ka'es ejjituu taate, namni karaa adeemu hundinuus sii wajjin akka ejjuuf of in kennite.” “Ati haadha manaa ejjituu dha! Abbaa manaa kee caalaas orma in jaallatta;” “Ati garuu yaa saba Israa'el, akkuma dubartiin hin amanamne dhirsa ishee dhiiftee adeemtu, atis ana dhiiftee in adeemte jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.” Hisq. 16:8, 13-15, 32; Erm. 3:20.WG 287.3

    Kakuu haaraa keessatti warra kiristiyaanota ofiin jedhanii jaalala Waaqayyoo irra caalaa michummaa biyya lafaa barbaadanitti jecha wal fakkaatuun dubbatame: “Isin namoota garagaggaltuu nana! Biyya lafaatti michoomuun diina Waaqayyoo akka nama godhu hin beektanii ree? Namni michuu biyya lafaa ta'uu barbaadu, diina Waaqayyoo of in godha.”WG 287.4

    Dubartiin (Baabilon) isheen Mul’ata 17 akkasitti ibsamte, “uffata dhiilgee, diimaa biluus uffattee, warqee, dhagaa fi callee gati-jabeeyyii naqattee, kubbayyaa warqee wanta ciiggaasisaadhaa fi xuraa'ummaa halalummaa isheetiin guute, harkatti qabattee turte', Maqaan dhokataan, Baabilon guddittii, haadha ejjitootaa fi wanta ciiggaasisaa biyya lafaa jedhu tokko immoo adda isheetti caafamee ture. Akkasumas dubartittiin dhiiga warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitiin, dhiiga warra Yesusiif dhugaa ba'uu isaaniitiif ajjeefamaniitiinis machooftee nan arge.” Baabilon itti dabalaan akkas jedhamtee ibsamte “mandara guddittii ishee mootota lafaa irratti mootummaa qabduu dha jedhe.” Mul.17: 4-6, 18. Jaarraa hedduutiif mootota kiristiyaanaa irratti aangoo abbaa irree argisiisaa kan ture sun Roomaa dha. Dhiilgee, diimaa biluus uffattee, warqee, dhagaa fi callee gati-jabeeyyiin teessoo olaantummaa Roomaa isa oftuulummaa moototaa isa ulfina qabeessa irra caaluu argisiisa. Akka waldaa gara jabinaan hordoftoota Kiristosiin ari’ateetti humni waa’een isaa “dhiiga warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitiin machoofte” jedhamee dubbatamuu danda’u hin jiru. Baabilon karaa seeraan alaa “mootota lafaa wajjin” hariiroo uumuu isheetiinis himatamteetti. Waldaan Yihudootaa gooftaa irraa fagaattee ormootaa wajjin walii galtee uumuudhaan eejjituu taate; Roomaanis deggersa humnoota lafaa barbaaduudhaan bifa wal fakkaatuun of xureesitee firdii kan fakkaatu fudhatti.WG 287.5

    Baabilon “haadha eejjitootaa” jedhamte. Ijoolleen durbaa ishee waldoota karaa seeraan alaa biyya lafaa wajjin tokkummaa uumuu barbaaduuf jecha barsiisaa fi aadaa isheetti qabamanii fi dhugaa fi beekamtii Waaqayyoo aarsaa godhanii fakkeenyummaa ishee hordofanitti fakkeeffamti. Ergaan mul’ata 14 inni kufaatii Baabiloniin labsu qaama amantii yeroo tokko qulqulluu turanii fi deebi’anii xuraa’uumaatti kufan ilaallata. Ergaan kun akeekkachiisa firdiitti aanee dhufa erga ta’ee yeroo xumuraa keessa kennamuu qaba; kanaaf waldaa Kaatolikii Roomaa qofa hin ilaallatu, sababni isaa waldaan kun jaarraa hedduutiif haala kufaatii keessa turte waan ta’eef. Itti dabalees, Mul’ata boqonnaa 18 keessatti sabni Waaqayyoo Baabilon keessaa akka ba’aniif waamamaniiru. Akka heertuu kanaatti sabni Waaqayyoo baay’een amma illee Baabilon keessa jiru. Hordoftoonni Kiristos garri caalaan isaanii qaama amantii isa kam keessa jiru? Waldoota amantii pirotestaantiitti waamaman keessa akka ta’e shakkii hin qabu. Waldoonni kun yeroo ka’umsa isaanii Waaqayyoo fi dhugaa isaaf dhaabbataniiru, eebbi isaas isaanii wajjin ture. Biyyi lafaa isheen hin amanne illee qajeelfama wangeelaa fudhachuun bu’aa eebbifamaa inni fidu amanuuf dirqamtee turte. Sagalee raajii Israa’eliif kenname akkas jedha: “simboon ani siif kenne miidhagummaa kee guutuu waan godheef ati saba lafa irraa gidduutti waa'ee miidhagummaa keetiif in beekamte’ jedhe; Waaqayyo gooftaan kana dubbateera.” Garuu fedhii wal fakkaataa Israa’elitti abaarsaa fi badiisa fide keessatti isaanis kufan — innis fedhii shaakala michummaa warra Waaqayyoon hin beeknee kakaasuu dha. “Ati garuu miidhagummaa kee amanattee, beekamuu kee irraa kan ka'es ejjituu taate, namni karaa adeemu hundinuus sii wajjin akka ejjuuf of in kennite.” Hisq.16: 14, 15.WG 288.1

    Waldoonni protestaantii baay’een isaanii (waldoonni mootummaa) “mootota lafaa wajjin” hariiroo haqa hin qabne isa kan Roomaa hordofuudhaan fakkeenya sana duukaa bu’aa jiru; dhaabbatoonni kan biroonis jaalala biyya lafaa barbaaduudhaan fakkeenyummaa sana hordofu. Kanaaf jechi “Baabilon” jedhu inni hiiki isaa bita galummaa jedhamu kallattiidhaan qaamota kana ilaallata, tiyoorii fi seera amantii wal mormuun dhaabbata lakkoobsa hin qabnetti kan hiraman yoo ta’an illee, hundumti isaanii barsiisa isaanii Macaafa Qulqulluu irraa akka fudhatanitti dubbatu.WG 288.2

    Waldoonni Roomaa irraa adda ba’an hariiroo cubbuudhaan guuteen biyya lafaa wajjin tokkummaa uumuutti dabaluudhaan amala ishee kan biraas in qabaatu.WG 288.3

    Hojiin Kaatolikii Roomaa falmii akkas jedhu dhi’eessa, “waldaan Roomaa dhimma qulqullootaa wajjin wal qabatuun waaqa tolfamaa waaqessite jedhamtee yoo yakki itti murame, waldaan Ingilizii, isheen intala ishee jedhamtee waamamtu, waldoota kudhan Maariyaamiif, waldaa tokko immoo Kiristosiif kan kennitee yakka wal fakkaatu keessa dhaabbatti.” --- Richard Challoner, The Catholic Christian Instructed, Preface, pages 21, 22.WG 288.4

    Dr. Hopikiinis “barreefama dheeraa waa’ee waggaa kumaa” irratti akkas jechuudhaan dubbata; “hafuuraa fi gochaa farra kiristiyaanummaa yeroo jedhamu har’a waldaa Roomaa ishee jedhamtu qofatti maxxansuuf sababni tokko illee hin jiru. Waldoonni protestaantii of keessatti farrummaa Kiristosiin baay’ee qabu, manca’iinsaa fi xuraa’ummaa irraa guutummaatti haara’uuf fagaatanii jiru.” — Samuel Hopkins, Works, vol. 2, p. 328.WG 289.1

    Waldaan presbiteeriyaanii Roomaa irraa adda ba’uu ishee ilaalachisee Dr. Gutiriin akkas jedhee barreesse: “waldaan keenya waggaa dhibba sadii fuula dura Macaafa Qulqulluu banamee fi dhaadanoo ‘Macaafa Qulqulluu qoraa’ jedhu alaabaa ishee irra kaa’attee kellaa Roomaa keessaa baate.” Kana booda gaaffii barbaachisaa akkas jedhu gaafata: “haa ta’u malee isaan dhuguma qulqullaa’anii Baabilon keessaa ba’anii?” —Thomas Guthrie, The Gospel in Ezekiel, page 237.WG 289.2

    Akkas jedha Ispargi’oon “waldaan Ingilizii hordoftoota sirna amantiitiin keessa keessaan waan nyaatame fakkaata; garuu safuu hawaasaa dhabuun falaasama amanamummaa dhabuu wajjin waan wal xaxe fakkaata. Warri nuyi waan gaariitti isaan yaadne tokko tokkoon hundee amantii irraa garagalaniiru. Onneen Ingilizii keessaan amanamummaa dhabiisi gadheen utuu jiruu dammaan dibamee mataa isaa kiristiyaana jedhee of waamuudhaan gara iddoo aarsaatti ol ba’uuf ija jabaata.”WG 289.3

    Maddi gantummaa guddaa kanaa maal ture? Waldaan jalqabatti attamittiin gad of deebisuu wangeelaa irraa fagaatte? Kiristiyaanummaan ormoota biratti akka fudhatamuuf haala mijeessuuf jecha shaakala warra Waaqayyoon hin beeknee wajjin walii galuudhaan. Ergamaan Phaawulos bara isaa keessa illee “Hamminni inni dhokataan sun kanumaan dura iyyuu hojii irra jira” jedhee dubbatee ture. 2 Tasa. 2:7. Bara ergamoonni jiran keessa waldaan qulqullummaadhaan dhaabatee turte. Garuu gara xumura jaarraa lammaffaa keessa waldoonni baay’een bifa haaraawaa fudhatan; gadi of deebisuun inni jalqabaa in bade, yeroo bartoonni warri dullooman awwaalcha isaanii keessa boqotan ijoolleen isaanii warra haaraa gara amantii dhufanii wajjin ta’uudhaan amantiin bifa biraa akka qabaatu taasisan.” —Robert Robinson, Ecclesiastical Researches, ch. 6, par. 17, p. 51. Warra gara amantii dhufan qabaachuuf jecha ulaagaan amantii kiristiyaanaa inni ol ka’aan gadi buufame, kana irraa kan ka’e “lolaan warra Waaqayyoon hin beeknee aadaa, shaakalaa fi waaqa tolfamaa isaa fudhatee gara waldaatti gale.” — Gavazzi, Lectures, page 278. Akkuma amantiin kiristiyaanaa jaalalaa fi deeggersa geggeessitoota lafaa barbaadeen baay’oota biratti fudhatama argate; garuu baay’een isaanii bifaan kiristiyaana fakkaatanii “keessi isaanii immoo waaqa kan hin beekne, addumaan dhoksaatti warra waaqa tolfamaa waaqessan ta’anii hafan.” -- Ibid., page 278.WG 289.4

    Waldaa mataa isaa protestaantii jedhee of waamu hundumaa keessatti adeemsi irra dedeebiidhaan ta’u waanuma kana fakkaatu mitii? Yeroo bu’ureessitoonni warri hafuura haara’umsa dhugaa qaban du’an, dhaloonni isaan irraa dhufan “dhimmicha bifa haarawaa” qabachiisan. Ijoolleen haaressitoota ija isaanii jaamsuudhaan seera amantii abboota isaaniitti goguudhaan dhugaa argan fudhachuu dadanii fakkeenya gadi of deebisuu, mataa ofii ganuu fi biyya lafaa dhiisuu isa kan abboota isaanii irraa fagaatan. “Gadi of deebisuun inni jalqabaa” akka kanatti bade. Lolaan biyya lafummaa “aadaa, shaakalaa fi waaqa tolfamaa isaa fudhatee” gara waldaatti yaa’e.WG 289.5

    Amma warra nuyi hordoftoota Kiristos ofiin jedhan biratti jaallatamee kan jiru michummaan biyya lafaa inni “diina Waaqayyoo ta’e” bal’atee yeroo argamu attam sodaachisaadha! Waldoonni beekamoon guutummaa addunyaa irra jiran ulaagaa Macaafa Qulqulluu, kan akka gadi of deebisuu, mataa ofii ganuu, gadi of qabuu fi Waaqayyoon fakkaachuu irraa hammam fagaatanii jiruu! Horii sirriitti itti fayyadamuu ilaalchisee Joon Wisiliin akkas jedhee dubbate: “uffata gati jabeessaan yookiin of kuuluu hin barbaachifneen kajeellaa ijaa gammachiisuuf jettanii kennaa gati jabeessa keessaa waan tokko illee akka malee hin balleesinaa. Mana jireenyaa keessan miidhagsuuf, meeshaa mana keessaa isa gati jabeessa qabaachuuf, fakkii gatii gurguddaa, haalluu dibuutti isa keessaa waan tokko illee hin balleesinaa…. Of tuulummaa jireenyaaf, namoota biratti dinqifatamuuf waan tokko illee hin baasinaa…. Akkuma isin waan gaarii hojjetaniin namoonni waa’ee keessan waan gaarii odeessu. Akkuma ati guyyaa guyyaatti uffata dhiilgee fi kan quncee muka talbaa uffatteen baay’een miidhagina kee akka dinqifatan, akka si kabajanii fi si keessumeessan shakkii hin qabu. Haa ta’u malee garuu dinqifannaa isaanii baay’ee hin jaallatiin. Irra guddaa ulfina Waaqayyo biraa dhufutti gammadi.” —Wesley, Works, Sermon 50, “The Use of Money.” Haa ta’u malee garuu barsiisni akkasii waldoota bara keenyaa biratti tuffatameera.WG 290.1

    Ani amantii qaba jedhanii of waamuun biyya lafaa keessatti beekamaa ta’eera. Geggeessitoonni, namoonni siyaasaa, abbootiin seeraa, dookteeroonni, daldaltoonni waldaatti makamuu akka waan ittiin hawaasa biratti kabajaa fi fudhatama argataniitti fedha isaanii isa biyya lafaa ittiin guuttachuuf jecha gara waldaa dhufan. Akkasitti hojii isaanii isa qajeelummaa hin qabne haguuggii maqaa kiristiyaanummaa jalatti geggeessu. Qaamoleen amantii garagaraa biyya lafummaa cuuphamee fi qabeenya lafaatiin dhiibamanii amma illee beekamtii fi dantaa mataa isaanii argachuuf carraaqu. Waldoonni gurguddoon horiin dheeraan itti ba’uudhaan miidhagfamanii daandii bebbeekamoo magaalota irratti ijaaramu. Waaqeffattoonnis uffatta gati jabeessaa fi faashinii ammayyaa’een of kuulu. Namoota ittiin harkisuu fi keessumeessuuf jecha tajaajila kennaa qabu miindaa guddaatiin qacaru. Lallabni isaa cubbuu hawaasaa isa beekamaa tuquu hin qabu, garuu gurra ammayyoometti (fashionable ears) kan toluu fi kan lallaafe ta’uu qaba. Akkasitti cubbuun ammayyaa’e galmee waldaa irratti galma’ee bifa waaqessuu jala dhokfama.WG 290.2

    Warri yeroo kana nuyi kiristiyaanota ofiin jedhan ilaalcha isaan biyya lafaatiif qaban ilaalchisee barruun biyya lafaa tokko yaada yeroo kennu akkas jedha: “waldaan itti dhaga’ama tokko malee hafuura bara kanaatti harka kenniteetti, bifa waaqessuu ishees fedhii ammayyaa wajjin wal simsiifteetti.” Wanta amantii hawwataa taasisuuf in gargaara jedhamu hundumaa waldaan yeroo ammaa akka meeshaatti itti gargaaramti.” Barreessaan tokko barruu isaa Niwu Yoorki Indipendenti jedhu keessatti amantii Meetodistii ilaalchisee akkas jedhe: “sararri waaqeffattootaa fi warra hin waaqessine gidduutti gargar baasu akka gaaddisaatti dimimmisee badeera, garee lachuu keessaa namoonni inaaffaa qaban gochaa isaanii gidduu garaagarummaa jiru dhabamsiisuuf dhama’u.” “Beekamuun amantii utuu ulaagaan amantii waan isaan gaafatu hin guutiin bu’aa irraa kan argatan baay’isuuf dhama’uu ta’e.”WG 290.3

    Howardi Kirosbayi akkas jedha: “waldaan Kiristos karoora gooftaa fiixaan baasuuf ga’umsa dhabuun ishee kan baay’ee itti nama yaachisuudha. Akkuma Yihudoonni durii mootummoota waaqa tolfamaa waaqessanii wajjin hariiroo uumuudhaan garaa isaanii Waaqayyo irraa fageessanii turan, … waldaan Yesusis amma biyya lafaa ishee amantii hin qabnee wajjin michummaa sobaa uumuudhaan ogummaa waaqaa isa jireenya ishee isa dhugaa madaalu dhiifteetti. Goolabbii mul’ataa Waaqayyootiin ala ta’e barsiisuu fi falmii akkasiitti fayyadamuudhaan amala hawaasaa isa Kiristosiin hin qabnee fi isa isaan miidhutti of kennanii guddina ayyaanaa hundumaatti diina ta’an.” —The Healthy Christian: An Appeal to the Church, pages 141, 142.WG 290.4

    Bubbee biyya lafummaa fi qannoo barbaaduu kana keessa maqaa Kiristosiif jedhanii of ganuu fi aarsaa of gochuun guutummaan guutuutti dhiifame. “Dhiironnii fi dubartoonni yeroo ammaa waldaa keenya keessatti dammaqinaan hojjechuu danda’an Kiristosiif waa kennuu yookiin dhimma baasuuf aarsaa kaffaluu ilaalchisee mucummaa isaaniitii kaasanii kan barataniidha.” Garuu amma yoo horiin barbaadame … namni kennuuf waamamu hin jiru. Lakki, hin jiru! Wanti saba gammachiisu bakka bashannanaa adeemuu, diraamaa, qoosaa, hafeerraa irbaataa yookiin waan nyaatan tokko qofaadha.”WG 291.1

    Bulchaa Wiskonsiin kan ta’e namichi Waashburni jedhamu tokko barreefama isaa waggaa waggaadhaan dhiyeessu keessatti, Amajji 9, 1873 akkas jedhe: “mana barumsaa darboo (qumaara) taphachuun keessatti baramu cabsuuf seera haaraa tumuun waan barbaachisu fakkaata. Kun bakka hunda jira. Yeroo tokko tokko waldaan illee utuu hin beekin (shakkii malee) hojii seexanaa utuu hojjetuu argamti. Kennaa qophii muuziqaa (concert), kennaa daldalaa fi lotoorii, deggersa amantii yookiin gochaa gaariif in godhamu, garuu lotoriin, badhaasi garaagaraaf kkf kaayyoo gatii hin qabneef yeroo qophaa’an, kun hundumtuu tooftaa ittiin horii argataniidha. Kan akka utuu hojii hin hojjetin horii yookiin qabeenya walitti qabachuu nama addumaan immoo dargaggoota macheessuu yookiin sona amilee kuffisuu hin jiru. Namoonni kabajamoon carraa daldalaa akkasii keessa galuu fi horiin Kanaan argame gara hojii gaarii irra oola jedhanii yaaduudhaan sammuu isaanii boqochiisuun, dargaggoonni amala taphaa araada nama qabsiisuuf balaa of keessaa qaban keessatti kufuun waan haaraa miti.”WG 291.2

    Hafuurri biyya lafaa wajjin walii galuu waldoota kiristiyaanaa hunda weraree jira. Rooberti Atikiinsi lallaba isaa Lobdonitti lallabe keessatti kufaatii hafuuraa biyya Ingiliziin qabate ilaalchisuudhaan dukkaneessee dhiyeesse: “Qajeelummaan dhugaan lafa irraa badeera, namni kana hubates hin jiru. Barsiisonni amantii bara har’aa waldaa hundumaa keessatti warra biyya lafaa jaallatan, biyya lafaa wajjin kan walii galan, warra qannoo jaallatanii fi kabaja kan barbaadan ta’aniiru. Isaan Kiristosii wajjin dhiphachuuf waamaman, garuu ifata jala illee dhaabbachuu hin dandeenye.... fuula waldaa hundumaa duratti gantummaa, gantummaa, gantummaa kan jedhutu barreefamee jira; isaan kana beeku, isaanittis in dhaga’ama, abdiin jira ta’a; garuu isaan akkas jedhanii dubbatu, ‘'nuyi sooressa, geessifaneerra, wanti nu barbaachisus hin jiru’ jedhu.”’—Second Advent Library, tract No. 39.WG 291.3

    Cubbuun guddaan Baabilon ittiin himatamte “sabni hundinuu daadhii wayinii dheekkamsaa isa halalummaa ishee irraa dhufu akka dhugan” gochuudha. Xoofoon ishee inni macheessaan inni isheen biyya lafaatiif dhiyeesitu barumsa sobaa isa isheen hariiroo seeraan alaa gurguddoota lafaa wajjin uumuudhaan argatte bakka bu’a. Michummaan biyya lafaa amantii ishee booresse (xureesse), isheenis qooda ishee barsiisa jecha Barreefama Qulqulla’aa mormu barsiisuudhaan biyya lafaatti dhiibbaa manca’iinsa (xuraa’ummaa) fidu geggeesite.WG 291.4

    Roomaan namoota duraa Macaafa Qulqulluu daangessuudhaan bakka isaa akka namoonni hundinuu barsiisa ishee fudhataniif gaafatte. Sagalee Waaqayyoo namootaaf bakkatti deebisuun hojii haara’umsaa ture; garuu waldoota bara keenyaa keessatti namoonni amantii isaanii Macaafa Qulqulluu irra godhachuu caalaa seeraa fi barsiisa waldaa isaanii irra akka ka’atan barsiifamaa jiraachuun isaanii dhugaa mitii? Charles Biicher waa’ee waldaa protestaantii yeroo dubbate akkas jedhe: Akkuma abboonni qulqulloonni waaqessuu qulqullootaa fi kitimamtootaa mormuu isaaniitiin sagalee addaggee isaan irratti dubbatamee ture jalaa baqatan, isaan kunis sagalee addaggee seera amantii irratti dubbatamu jalaa kan baqataniidha…. Dhaabbattoonni pirotestantii kan ofii isaanii dabalatee harka walii hidhaniiru, dabalata Macaafa Qulqulluutiin, kitaaba kan biraa tokko yoo fudhate malee isaan gidduutti namni lallabaa ta’uu danda’u hin jiru…. Gamnummaadhaan iyyuu haa ta’u malee akkuma Roomaan godhaa turte, jecha itti fakkeessaa tokko hin qabneen humni seera amantii macaafa Qulqulluu daangessuu jalqabee jira.” —Sermon on “The Bible a Sufficient Creed,” delivered at Fort Wayne, Indiana, Feb. 22, 1846.WG 291.5

    Yeroo warri amantii qaban sagalee Waaqayyoo mul’isan namoonni baratan, tajaajiltoonni Macaafa Qulqulluu in hubanna ofiin jedhan, barsiisa sagalee Waaqayyoo akka gantummaatti balaaleffatu, akkasittis dhugaa kan iyyaafatan dhugaa irraa duubatti deebisu. Utuu biyyi lafaa abdii malee daadhii wayinii Baabiloniin hin machoofne ta’e namoonni hedduun dhugaa sagalee Waaqayyoo muruu danda’uu fi isa ifaa ta’e fudhatanii ittiin in jijjiiramu turan. Garuu amantiin kiristiyaanaa kan walii hin gallee fi kan bita gale fakkaatee waan mul’ateef namoonni akka dhugaatti kan itti amanan wallaalaniiru. Cubbuun gaabbuu dhiisuu inni kan biyya lafaa balbala waldaa dura jira. Ergaan ergamaa lammaffaa inni Mul’ata 14 keessaa jalqaba kan inni lallabame bara 1844 ji’a bonaa keessa ture, yeroo sana ergaan kun waldoota Ameriikaa keessa jiran, bakka akeekkachisi firdii bal’inaan itti lallabamee fi walii galatti mormame, iddoo itti waldoonni ariitiidhaan kufaa jiran sana kallattiidhaan kan ilaallatu ture. Garuu ergaan ergamaa lammaffaa bara 1844 keessa guutummaatti hin raawwatamne ture. Yeroo sana waldaan ifa ergaa dhufaatii mormuu irraa kan ka’e kuufatii hamilee keessa galte; kufaatiin kun garuu xumura irra hin geenye ture. Akkuma ergaa addaa yeroo kanaaf kenname mormuu itti fufaniin kufaatii keessatti gadi bu’aa adeeman. Haa ta’u malee “Kufteetti Baabilon guddittiin, isheen sabni hundinuu daadhii wayinii dheekkamsaa isa halalummaa ishee irraa dhufu akka dhugan goote, kufteetti!” jechuuf amma illee hin danda’amne ture. Isheen yeroo sana akka sabni hundinuu kana godhan hin taasifne ture. Hafuurri biyya lafaatti michoomuu fi dhugaa bara keenyaa irraa dhimma dhabuu jira ture, waldaa amantii protestaantii biyyoota kiristiyaanaa keessa jiran hunda keessattis hundee jabeeffatee ture; waldaanis balaalefannaa ergaa lammaffaa isa kabajamaa fi murteessaa keessatti hammatamteetti. Garuu hojiin gantummaa amma illee xumura isaa irra hin geenye ture.WG 292.1

    Dhufaatii gooftaa fuula dura seexanni “hojii aangoo, milikkitootaa fi dinqii fakkaataniinis in dhufa;” fayyuudhaaf dhugaa jaallatanii fudhachuu waan didani” “wanta dhugaa hin ta'in akka amananiif gochaa nama wallaalchisu” akka fudhataniif in dhiifamu jedhee dubbata. 2 Tasa. 2:9-11. Hamma haalli kun sadarkaa kana irra ga’uu fi hamma gamtaan waldaa fi biyya lafaa guutummaa addunyaa kiristiyaanaa biratti xumura irra ga’utti kufaatiin Baabilon kan fiixaan ba’e hin ta’u. Jijjiiramni kun guddachaa kan adeemu yeroo ta’u raawwiin Mul’ata 14:8 amma illee fuula dura jira.WG 292.2

    Dukkanaa’ummaan hafuuraa fi Waaqayyo irraa fagaachuun waldoota akka Baabiloniin ta’an keessa yoo jiraate illee dhugaatti hordoftoota Kiristos kan ta’an amma illee walga’ii isaanii keessa jiru. Isaan keessaa baay’een isaanii dhugaa yeroo kanaa hin argine. Haala amma keessa jiranitti kan hin quufne, ifa caalaatti qulqullaa’e kan hawwan yertuu miti. Isaan akkasumaan bifa Yesusiin waldaa keessa jiran keessa barbaadu. Namoonni akkuma dhugaa irraa fagaachaa adeemanii fi biyya lafaa wajjin hariiroo qaban cimsaa adeemaniin garaagarummaan garee lamaan gidduu jiru bal’achaa adeema, bu’aan isaas gara xumuraatti gargar ba’uu fida. Warri waaqayyoon caalchisanii jaallatan warra “Waaqayyoon jaallachuu caalaa, waan isaan gammachiisu jaallatanii” wajjin firooma qaban kan itti dhaaban yeroo in dhufa.WG 292.3

    Mul’ati 18 akeekkachiisa sadan Mul’ata 14:6-12 tti kennaman waldaan fudhachuu diduudhaan haala ergaa ergamaa lammaffaatiin dubbatame irra guutummaatti yeroo geessuu fi sabni Waaqayyoo warri amma Baabilon keessa jiran hariiroo isheettii akka adda ba’aaniif yeroo itti waamaman argisiisa. Ergaan kun ergaa xumuraa biyya lafaatiif kennameedha, hojii isaas in xumura. Warra jal'inatti gammadanii dhugicha hin amanne” (2 Tasa. 2:12) gowwomsaa guddaa fi soba amanuutti yeroo gadi dhiifaman, ijoolleen gooftaa warri Baabilon keessa jiran sagalee waamichaa isa “Yaa saba ko! Kottaa, ishee keessaa ba'aa!” jedhu in dhaga’u. (Mul. 18:4).WG 293.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents