Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Wal’aansoo Isa Guddaa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 10—Guddina Haara’umsaa Biyya Jarman Keessatti

    Dhoksaatti dhabamuun Luuter Jarman guutummaa keessatti naasuu guddaa fide. Eessa akka inni jiru beekuuf gaaffiin dhi’aatu bakka hundatti dhaga’ame. Oduun qabatamaa hin taane faca’ee waan tureef, namoonni baay’een ajjeefameera jedhanii amanan. Michoota amantii biratti qofaa utuu hin taane haareffama keessatti ifatti ejjennoo kan hin fudhatiin namoota kumaatama biratti, gadda guddaa ta’e. Baay’een du’a isaa ijaa ba’uuf ofitti kakatanii turan.WG 161.3

    Geggeesitoonni Roomaa miira wacaa isaan irratti ka’e sodaadhaan ilaalan. Jalqabatti oduu da’a Luuteriin kan gammadan yoo ta’an illee, utuu hin turiin dheekkamsa sabaa jalaa dhokachuu hawwan. Diinonni isaa gochaa ija jabinaa inni godheen hamma isa yeroo inni isaan gidduudhaa dhibamee hin jeeqamne. Warri aariidhaan kakaafamanii haaressaa ija jabeessa sana dhabamsiisuu barbaadaa turan, amma yeroo inni booji’amaa humna hin qabne ta’ee jiru immoo sodaadhaan guutaman. Tokko akkas jedhee dubbatee ture:- “mataa keenya oolchuuf wanti nu hafee jiru guca qabsiifnee Luuteriin guutuummaa biyya lafaa keessa barbaaduudhaan namoota isa waamaa jiraniif isa deebisuudha.” -- D’Aubigne, b. 9, ch. 1. Labsiin mootii humna kan hin qabne fakkaate. Hamma isa Luuter irra ga’ee Xiyyeefannoo namootaa harkisuun waan dadhabeef, bakka buutonni phaaphaasii dheekkamsaan guutaman.WG 161.4

    Yoo hidhame illee, oduun lubbuudhaan jiraachuu isaatii waan dhaga’ameef, sodaa namootaa in tasgabeesse, amma illee garuu hinnaaffaa jaalala isaaf qabanii itti dabalee kakaase. Barreeffamoonni isaa isa yeroo kamii irra caalaa fedhii guddaadhaan dubbifame. Lakkoobsi namoota kaayyoo namicha goota yeroo sodaachisaa akkasii keessa sagalee Waaqayyoof falmuuf dhaabbate deggeran in baay’aate. Haara’umsi utuu walirraa hin kutin jabaachaa adeeme. Sanyiin Luuter facaase ture bakka hundatti biqile. Dhabamuun isaa hojii inni yeroo jiru hojjechuu dadhabe raawwate. Amma yeroo geggeessan isaanii inni guddaan dhabame hojjetoonni warra kaanitti itti gaafatamummaa haaraatu dhaga’ame. Hojiin kabajamaan jalqabamee ture akka hin dhaabbanneef hamma humni isaanii danda’e kutannoo fi amantii haaraadhaan fuula duratti dhiiban.WG 162.1

    Seexanni garuu hin dhiboofne. Waanuma sochii haara’umsaa kam keessatti yaalaa ture ammas yaaluu jalqabe; innis bakka hojii isa dhugaa hojii fakkeessaa buusuudhaan namoota gowwomsuu fi balleessuuf yaale. Akkuma jaarraa tokkoffaa keessa masihoonni sobduun waldaa kiristiyaanaa keessa turan, jaarraa kudha ja’aaffaa keessa immoo raajota sobduutu ture.WG 162.2

    Namoonni muraasi miirri isaanii amantiidhaan gadi fageenyaan tuqame mul’ata addaa Waaqayyo biraa arganne jedhanii yaaduudhaan, akkasumas haara’umsa isa karaa Luuteriin haala dadhabbiitiin jalqabamee ture fuula duratti adeemsisfnee xumuruuf, waaqa biraa ergama fudhanneerra jedhanii dubbatan. Dhugaadhumatti garuu isaan hojii isa Luuter xumure kan diigan turan. Isaan bu’uura haara’umsaa isa ta’e, sagaleen Waaqayyoo geggeessaa amantii fi shaakalaa ga’umsa qabu ta’uu isaa kan ibsu, qajeelfama guddaa sana in balaaleffatan; akkasumas miiraa fi yaada isaanii isa dhaabbataa hin taane, isa hin mirkanoofne ulaagaa taasisanii akka qajeelfama hin dogoggorreetti bakka buusan. Isa guddicha dogoggoraa fi soba sakkatta’ee bakkeetti baasu kana of duubatti gatuudhaan akka isatti tolutti sammuu namootaa to’achuuf seexanaaf karaan in baname.WG 162.3

    Raajota kana keessaa inni tokko akka waan ergamaa Gabri’eel isa abboomeetti dubbate. Barataan nama kanaa wajjin wal quunname tokko barumsaa isaa dhiisee Waaqayyo sagalee isaa akkan bal’isuuf ogummaa naaf kenneera jechuudhaan dubbatee ture. Namoonni uumamaan gara leelistummaatti luuca’an kan bironiis isaanitti makamanii turan. Wanti waroota siyaa’ina qaban Kanaan hojjetame kaka’umsi inni godhe yertuu hin turre. Lallabni Luuter bakka hundumaatti barbaachisummaa haara’umsaa namootatti dhageesisee ture, amma garuu namoonni amanamoon muraasi fakkeessaa raajota haaraa Kanaan bita galanii turan.WG 162.4

    Geggeesitoonni sochii kanaa gara Witenbergi adeemuudhaan, Melaankitonii fi warra isaa wajjin hojjetan irratti dhiibbaa geggeessan. Akkas jedhanis:- “nuyi saba barsiisuuf Waaqayyo biraa ergamne. Gooftaa wajjin dhi’eenyatti dubbanneerra; nuyi wanta ta’u in beekna; nuyi ergamoota, raajotas, Dr. Luuteriinis in kadhanna.” —Ibid., b. 9, ch. 7.WG 162.5

    Haaresitoonni in dinqifatan, in joonja’anis. Wanti kun kana dura isaan mudatee waan hin beekneef, maal gochuu akka qaban hin beekan turan. Melaankiton akkas jedhe: “namoota kana keessa hafuura addaatu jira; garuu hafuura attamiiti? Karaa tokko Hafuura Waaqayyoo akka hin dhaamsineef, karaa biraan immoo, hafuura seexanaan akka hin gowwomfamneef of haa eeggannu.” --- Ibid., b. 9, ch. 7.WG 162.6

    Firiin barsiisa haaraa kanaa dafee mul’ate. Sabni Macaafa Qulqulluu balfuu, yookiin guutummaa isaa of duubatti gatuu jalqabe. Manneetiin barumsaa bita galummaa keessa galan. Barattoonni to’annaan ala ta’anii barumsa dhiisuudhaan Yunivarsitii gadi dhiisanii ba’an. Namoonni hojii haara’umsaa daddammaqsuu fi to’achuuf ga’umsa qabna jedhanii of yaadan, hojicha qarqara badisaatti geessuudhaan milkaa’an. Warri Roomaa ofitti amanuu isa dhabanii turan deebisanii argachuudhaan “wal’aansoo xumuraa tokkoo kana booda, wanti hunduu kan keenya ta’a” jechuudhaan of tuulummaan dubbatan. —Ibid., b. 9, ch. 7.WG 162.7

    Luuter Wartiburgi taa’ee waan ta’aa jiru kana hundumaa dhaga’uudhaan xiyyeefannaa gadi fagoodhaan akkas jedhe: “akka seexanni balaa akkasii nutti ergu yeroo hunda eeggachaan ture.” —Ibid., b. 9, ch. 7. Amala raajota sobduu hubachuudhaan balaa dhugaa mudatu ilaalee ture. Mormiin phaaphaasotaa fi moototaa dhiphinaafi bita galummaa guddaa sanyii isa amma isa mudatee jiru isatti fidee hin beeku ture. Karaa warra nuyi michoota haara’umsaati ofiin jedhanii diinni baay’ee hamaa ta’e argame. Dhugaan inni gammachuu guddaa fi jajjabina isaaf fidee ture, waldaa keessatti lolaa fi bita galummaa kaasuuf hojii irra oole.WG 163.1

    Hojii haara’umsaa keessatti Luuter Hafuura Waaqayyootiin geggeeffame, amma yaadee ture gararraas adeemee ture. Eejjennoo akkasii kana fudhachuuf kaayyoo isaa hin turre, yookiin jijjiirama bu’uuraa kana fiduu hin yaadne. Inni garuu harka isa Humna qabeessaa keessatti meeshaa ture. Haa ta’u malee, firii hojii isaatii irratti sodaatee raafame. Yeroo tokko akkas jedhee dubbate: “barsiifni koo nama tokko hagam gad-deebi’aa fi dhokataa yoo ta’e illee miidhuu isaa beekeera utuun ta’ee, inni wangeela waan ta’eef kana gochuu iyyuu hin danda’uuf malee, isa jijjiiruu irra caalaa si’a kudhan du’uu naaf wayya.” —Ibid., b. 9, ch. 7.WG 163.2

    Yeroo kana Witenbergi inni wiirtuu haara’umsaa ta’e mataan isaa dafee humna mankaraarsitootaa fi seera maleessummaa jalatti kufe. Haalli rakkisaan akkasii bu’aa barsiisa Luuter hin turre; garuu guutummaa Jarman keessatti diinonni isaa gochaa kanaaf isa hammeessan. Yeroo jireenyi itti hadhaa’etti akkas jedhee gaafate: “xumurri hojii haara’umsa guddaa kanaa akkas ta’uu in danda’a?” —Ibid., b. 9, ch. 7. Yeroo inni kadhannaadhaan Waaqayyoo wajjin ture nagaan onnee isaa keessatti dhangala’e. “Hojiin kun kan keeti malee kan koo miti” jedhe; “tolchaa fi mankaraarsummaadhaan akka manca’uuf hin dhiiftu.” Garuu rakkina akkasii keessatti mormii keessaa ala turuun isaa kan hin deggeramne ta’ee argame. Innis gara Witenbergitti deebi’uuf murteesse.WG 163.3

    Utuu hin turin adeemsa isaa isa rakkisaa eegale. Inni dhorkaa mootummaa jala ture. Diinonni lubbuu isaa dhabamsiisuuf biliisummaa kan argatan yeroo ta’u michoonni isaa immoo akka isa hin gargaarreef yookiin da’oo akka isaaf hin taaneef dhorkaman. Mootummaan deggertoota isaa irratti tarkaanfii cimaa fudhate. Haa ta’u malee. hojiin wangeelaa miidhamuu isaa argee maqaa Gooftaatiin dhugaadhaaf loluuf soda malee ba’e.WG 163.4

    Wartiburgiin kaayyoo maaliif gadi dhiisuu akka barbaade erga ibsee booda, qondaaltichaaf xalayyaa yeroo barreesse akkas jedhe: “ani garuu eegumsa moototaa fi qondaaltoota irra kan caalu jala ta’uudhaan gara Witenbergi adeemaa akkan jiru guddummaa keessan duratti haa beekamu. Ani guddummaa keessan biraa deggersaa fi eegumsa keessan yaadee miti, irra caalaa ani utuun isin eegee nan barbaada. Guddummaan keessan na eeguu akka danda’u yookiin akka na eegu utuun beeka ta’ee walumaa galatti gara Witenbergi hin adeemuun ture. Billaan kaayyoo kana fuula duratti adeemsiisuu danda’u hin jiru. Waaqayyo gargaarsaa fi waliigaltee nama tokkoo malee hundumaa gochuu qaba. Inni amanamaan guddichi eegumsa hunda irra caalu gochuu in danda’a.” —Ibid., b. 9, ch. 8.WG 163.5

    Xalayyaa utuu Witenbergi adeemaa jiruu lammaffaan barreesse keessatti Luuter itti dabalee akkas jedhe: “Ani mufannaa guddummaa keetii fi dheekkamsa guutummaa biyya lafaa baachuuf qophaa’aadha. Warri Witenbergi hoolota koo mitii? Waaqayyo isaaniin anatti hin kennine? Yoo in barbaachisa ta’e isaaniif jedhee du’aaf mataa koo saaxiluun naaf in ta’uu? Itti dabales, dhekkamsa ittiin biyya keenya adabu Waaqayyo Jarmanitti fiduu isaa arguu nan sodaadha.” —Ibid., b. 9, ch. 7.WG 164.1

    Murtoo fi jabina isaa qabatee of eeggannoo guddaa fi gad of deebisuudhaan hojii isaatti gale. Akkas jedhe, “waan jal’inaan dhaabame sagalee isaatiin jigsuu fi balleessuu qabna. Warra tolchatti amananii fi warra amantii hin qabneef jedhee humnatti hin fayyadamu…Namni kam illee dirqisiifamuu hin qabu. Biliisummaan bu’uura amantiiti.” -- Ibid., b. 9, ch. 8.WG 164.2

    Witenbergi keessatti dhi’ootti Luuter deebi’ee akka lallabu in odeeffame. Sabni kallattii hundumaan yaa’ee waldaan namootaan guute. Iddoo aarsaatti ol ba’uudhaan ogummaa guddaa fi tasgabbiidhaan in barsiise, in jajjabeesse, in ifates. Warra tuutaan (mass) balleessuuf tarkaanfii fudhatan ilaalchisee akkas jedhe:WG 164.3

    “Sirni waaqefannaan waan badaadha; Waaqayyo isaan in morma; inni balleeffamuu qaba; biyya lafaa guutummaa keessatti inni lallabbii wangeelaatiin bakka buufamuu qaba. Garuu eenyu illee kana humnaan hin godhin. Dhimma kana harka Waaqayyoo keessatti dhiisuu qabna. Nuyi utuu hin taane sagaleen isaa hojjechuu qaba. Maaliif akkas ta’a? jettanii in gaafattu ta’a. Sababni isaa akka supheen harka suphe dhooftuu keessa jirutti ani garaa namootaa harka koo keessa godhachuuf dandeettii hin qabu. Nuyi dubbachuuf mirga qabna; gochuuf garuu mirga hin qabnu. Haa lallabnu; inni hafe garuu kan Waaqayyooti. Yoo ani humnatti fayyadame bu’aa maaliin argadha? Fuula gurraachessuu, fakkeessuu, sirna amantii, seera namootaa fi oftuulummaa…. Garuu onneen dhugaan, amantii fi garraamummaan hin jiru. Bakka isaan kun sadan hin jirre wanti hunduu hin jiru, anis bu’aa akkasiif gatii hin kennu….Anii fi isin, akkasumas guutummaan addunyaa tokko taanee humna keenyaan isa nuyi hojjennu irra caalaa Waaqayyo sagalee isaatiin hojjeta. Waaqayyo onnee namootaa qabata; onneen qabamnaan hundumtuu mo’ameera….WG 164.4

    “Ani nan lallaba, nan mariisisa, nan barreessas; garuu eenyuun illee hin dirqisiisu, sababni isaa amanitin waan fedhiidhaan godhamu waan ta’eef. Waan ani godhe ilaalaa. Phaaphaasii, gurgurtaa dhiifama cubbuu fi sirna phaaphaasiitiin mormee dhaabadheen ture, garuu jeequmsa yookiin burjaajii maleen godhe. Sagalee Waaqayyoo nan dhi’eesse; nan lallabe, nan barreesses — kun hundumtuu waan ani godheedha. Haa ta’u malee, utuu ani rafee jiruu sagaleen ani lallabe phaaphaasii garagalche, kanaaf qondaalaan yookiin mootiin kam illee miidhaa hammanaa kan isa irraan ga’u hin jiru. Haa ta’u malee, kana keessaa ani homaa hin hojjenne; sagalichi qofaa isaa waan hunda hojjete. Utuun humnatti dhimma ba’uu barbaadee guutummaan Jarman dhiigaan boorofti ture. Garuu bu’aan isaa maal ta’a? Lubbuunis ta’e fooniin badiisaa fi onuu fida. Kanaaf ani nan callise, akka sagalichi qofaa isaa biyya lafaa keessa naanna’uufan dhiise.” —Ibid., b. 9, ch. 8.WG 164.5

    Luuter torban guutuu, guyyaa dha gara guyyaatti saba fedhii qabanitti lallabuu itti fufe. Sagaleen Waaqayyoos kiyyoo miira mankaraarsummaa in cabse. Humni wangeelaas saba karaa irraa dogoggore gara karaa dhugaatti deebise.WG 164.6

    Luuter mankaraarsitoota bu’aan hojii isaanii hammina guddaa fide Sanaa wajjin walitti bu’iinsa uumuuf fedha hin qabu ture. Inni akka isaan murtii madaalamaa fi fedhii hin to’atamne qaban, warra samiidha ifa addaa arganeerra jedhanii mormii xiqqoo ishee dura dhaabbachuu hin dandeenye yookiin ifata yookiin gorsa fudhachuu hin barbaanne ta’uu isaanii in beeka ture. Oftuulummaadhaan aangoo olaanaa ofii isaaniitiif kennuudhaan namni hundinuu waan isaan jedhan gaaffii tokko malee akka fudhatu barbaadu. Garuu yeroo isaan Luuterii wajjin haasaa gochuuf isa gaafatan inni isaaniin quunnamuuf itti walii gale; itti fakkeessuu isaanii saaxiluu keessattis in milkaa’e, itti fakkeesitoonni sunis si’a tokkotti Witenbergiin gadi dhiisanii ba’an.WG 164.7

    Yeroodhaaf mankaraarsummaan daangeffamee ture; garuu waggoota dheeraa booda hammina guddaa fi haala jibbisiisaatiin deebi’ee ka’e. Luuter geggeesitoota sochii kanaa ilaalchisee akkas jedhee dubbate: “Isaaniif Macaafni Qulqulluun xalayyaa du’aa dha, hundumti isaanis ‘hafuura!’ ‘hafuura!’ jedhanii iyyuu jalqaban. Garuu gara hafuurri isaanii itti isaan oofetti akka ani hin adeemne mirkaneeffadheera. Waldaa qolquloota qofa malee kan biraan keessa hin jirre irraa Waaqayyo araara isaatiin na haa eegu. Ani warra gadi of deebisan, warra dadhaboota, kan dhukkubsatan, warra cubbuun isaanii isaanitti dhaga’amuu fi warra jajjabinaa fi deggersa argachuuf utuu gargar hin kutin onnee isaanii guutuudhaan gara Waaqayyootti boo’anii fi aadan gidduu jiraachuun barbaada.” —Ibid., b. 10, ch. 10.WG 165.1

    Mankaraarsitoota keessaa dammaqinaan hunda irra kan caaluu Toomas Munzeer kan jedhamu utuu kallattii sirrii qabatee waan gaarii gochuu kan danda’u nama dandeettii cimaa qabu ture; haa ta’u malee qajeelfama amantii dhugaa isa jalqabaa hin baranne. “Inni biyya lafaa haaressuuf fedha qaba ture, garuu akkuma hinaaftota warra kaanii haarefamni mataa isaa irraa akka jalqabu in dagate.” —Ibid., b. 9, ch. 8. Inni aangoo fi dhageettii argachuuf fedha guddaa qaba ture, kan biraan hafee itti aanaa Luuter ta’uuf illee fedha hin qabu ture. Haaressitoonni; Macaafa Qulqulluu bakka phaaphaasii yeroo buusan, sirna phaaphaasummaa kan biraa hundeessuu isaaniiti jedhee dubbate. Inni haareffama dhugaa geggeessuuf Waaqayyotu na erge jedhee dubbate. “Hafuura kana kan qabu, yoo jireenya isaa keessatti Macaafa Qulqulluu hin argine ta’e illee, amantii dhugaa qaba” jedhe Munzeer. —Ibid., b. 10, ch. 10.WG 165.2

    Barsiisonni finxaalummaa (mankaraarsummaa) yaadaa fi miira hundumaa akka sagalee Waaqayyootti ilaaluudhaan mataa isaanii miiraaaf bitamsiisan; kana irraa kan ka’e gara mankaraarsummaa caalutti adeeman. Muraasi isaanii “caafatti nama ajjeessa, hafuurri garuu nama jiraachisa” jechuudhaan Macaafa Qulqulluu isaanii guban. Barsiisni Munzeer yaadaa fi ilaalcha namaa sagalee Waqayyoo gararraa kaa’uudhaan namaaf ulfina waan kenneef, fedha namaatti kan tolu ta’ee argame. Barsiisi isaa kumaatama biratti fudhatama argate. Utuu hin turin sirna waaqefannaa sabaa hunda balaaleffate, akkasumas moototaaf abboomamuun Waaqayyoo fi seexanaaf yeroo tokkotto abboomamuuf yaaluudha jedhe.WG 165.3

    Sammuun namootaa inni waanjoo phaaphaasii ofirraa darbachuu jalqabe, ittisa aangoo lafaa jala jiraachuufis obsa dhabee ture. Barsiisi warraaqsaa Munzeer inni ajaja Waaqayyoo qaba jedhame, to’annaa hundumaa of irraa cabsuutti isaan geesse, akkasumas daangaa hundumaa keessaa ba’anii akka miirri isaanii isaan ajajetti jiraachuuf karaa baneef. Kunis, namoonni baay’ee hamoo ta’an mootummaa irratti akka fincilanii fi rakkina akka kaasan godhe, biyyi Jarmanis dhiigaan dhoqqoofte.WG 165.4

    Lubbuun Luuter, yeroo inni Erfurti keessa ture dhiphataa turte sun, haalli mamkaraarsummaan haara’umsa irratti geggeessaa jiru yeroo ilaalu, dhiphina isaa dacha taasise. Isa deggertoota phaaphaasii ‘fincilli kun bu’aa barsiisa Luuteri’ jedhanii dubbatan, baay’een isaanii gara amanuutti dhufanii turan. Hammeessuun kun hundee kan hin qabne yoo ta’e illee, haaressaa kana gaddisiisuu kan danda’u qofa ta’ee hin hafne. Dhugaan sadarkaa mamkaraarsummaatti gad bu’ee ilaalamuun isaa waan Luuter obsuu hin dandeenye ta’ee itti argame. Karaa tokko geggeessitoonni fincila Sanaa Luuteriin kan isaan jibbaniif barsiisa isaanii waan inni mormee fi isa isaan Waaqayyo biraa ergamne jedhan waan inni ganeef qofa utuu hin taane, aangoo lafaa irratti fincila geggeessuu isaanii sababa inni balaaleffateefi. Kana ijaa ba’uuf jecha, isaan immoo sobduu (fakkeessituu) ittiin jedhan. Yeroo sana diinummaa angafootaa fi kan sabaa waan ofitti fide isatti fakkaatee ture.WG 165.5

    Warri Roomaa ariitiidhaan kufuu hojii haara’umsaa arguuf gammadanii turan; isa inni dogoggora isaanii sirreessuuf hojjeteef deebi’anii isa hammeessan. Gareen mankaraarsitootaa warri sobanii miidhamneerra jedhanii iyyatan deggersa namoota baay’ee argatan, akkuma yeroo baay’ee warri daandii dogoggoraa irra dhaabbatan milkaa’an, isaan kunis akka kitimamtootaatti (wareegamtootaatti) lakka’aman. Akka kanatti warri humna isaanii guutuudhaan mormii haara’umsaaf hojjetan akka waan harka gar jabootaa fi cunqursitootaa keessatti kufaniitti ilaalamani, namoonni isaaniif gaddani, in jajamanis. Kun immoo hojii seexanaa isa hafuura akkasiitiin samii keessatti fincila kaase ture.WG 166.1

    Seexanni utuu walirraa hin kutin akka cubbuudhaan qajeelummaa jedhanii, qajeelummaa immoo cubbuu jedhanii waamaniif namoota gpwwomsuu in fedha. Hojiin isaas hammam milkaa’efi! Garboonni Waaqayyoo dhugaaf falmuuf jedhanii soda malee dhaabachuu isaanii irraa kan ka’e, hammam ceephoon isaan irra ga’e! Yeroo warri Waaqayyoof amanamuu isaaniitiin kabajamuu fi deggeramuu qaban ija shakkiitiin ilaalamuudhaan qofaa isaanii akka dhaabbataniif dhiifaman, namoonni bakka bu’oota seexanaa ta’an in jajamanis, in badhaafamanis, hamma kitimamtoota (wareegamtoota) jedhamanitti illee in kabajaman.WG 166.2

    Qullaa’ummaan fakkeessaan, qulqullummaan sobaa amma illee hojii gowwomsuu isaa hojjechaa jira. Seera Waaqayyootiif bitamuu irra caalaa akka namoonni yaadaa fi miira isaaniitiin geggeeffamaniif, sammuu isaanii Macaafa Qulqulluu irraa deebisuudhaan akkuma bara Luuteriin gochaa ture, bifa garagaraatiin hafuura wal fakkaatu mul’isaa jira. Kun qulqullummaa fi dhugaa irratti ceephoo isaa gatuuf mala seexanaa isa hundumaa caaluudha.WG 166.3

    Luuter haleellaa kallattii hundumaan wangeela irratti darbatame soda malee falmeera. Sagaleen Waaqayyoo lola hundumaa keessatti meeshaa jabaa ta’uu isaa ofiidhuma isaatii mirkaneesse. Sagalichaan karaa tokko mankaraarsummaa isa haara’umsatti of fakkeessee dhi’aate duratti akka dhagaa jabaatee kan dhaabate yeroo ta’u, karaa biraan immoo aangoo phaaphaasii isa seeraan ala fudhatamee fi qu’annoo falaasama hayyootaa wajjin wal lolaa ture.WG 166.4

    Mormitoonni kun hundinuu warra Macaafa Qulqulluu of duubatti gatanii ogummaa namaa akka madda amantii dhugaa fi beekumsaatti ol qaban turan. Qo’annoon namaa inni yaada namaa waaqa tolfamaa godhatu, qo’annoo kana ulaagaa amantii godhee dhi’eessa. Phaaphaasonni aangoon phaaphaasummaa bifa gargar hin cinneen ergamoota irraa darbaa dhufee nu bira kan ga’ee fi bara hundumaa kan hin jijjiiramneedha jedhanii himachaa, ergama ergamootaa isa qulqullu jala dhokatanii afoleessummaa (gar malee horii qisaasuu) fi manca’iinsa sanyii namaa hundumaaf carraa kennan. Inni, Munzeerii fi warri isaa wajjin hojjetan nutti mul’ifameera jedhan, yaada namaa aangoo hundumaa, kan namaas ta’ee yookiin kan waaqaas mormu irraa kan burqeedha malee maddi isaa kan olii miti. Kiristiyaanummaan dhugaan sagalee Waaqayyoo akka kuusaa qabeenya guddaa fi akka madaallii wantoota hafuuraan kakaafamanii hundaatti fudhata.WG 166.5

    Luuter Warteburgii yeroo deebi’e, hiikkaa Kakuu Haaraa xumuree ture, sana booda wangeelli saba biyya Jarman keessa jiruuf afaan isaaniitiin kenname. Hiikkaan kun namoota dhugaa jaallatan biratti gammachuu guddaadhaan fudhatame; garuu namoota aadaa fi barsiisa namaa filatan biratti guddaa tuffatame.WG 167.1

    Sabni sadarkaa gadii irra jiran sagalee Waaqayyoo isaanii wajjin dubbachuu danda’uu isaa fi Kanaan immoo doofummaan isaanii waan saaxilamuuf luboonni na’anii turan. Meeshaan yaada foonii inni kan isaanii billaa hafuuraa duratti humna kan hin qabne ta’e. Roomaan tatamsa’uu Macaafa Qulqulluu daangessuuf aangoo qabdu hundaan irratti hojjette, garuu labsiin, abaarsii fi dhiphisuun hundumtuu akkasumaan ta’e. Murtii fi dhorkaan Macaafa Qulqulluu irratti kennamu qixa inni dabalaa adeemeen, waan inni barsiisu beekuuf fedhiin sabni qabu dabalaa adeeme. Dubbisuu kan danda’an hundinuu ofii isaaniitiin sagalee Waaqayyoo qorachuuf fedhii guddaatu isaan keessa bule. Bakka adeemanitti isa of duukaa fuudhanii adeemuudhaan irra deddeebi’anii dubbisan, kutaa isaa keessaa gara caalu sammuutti hamma qabatanitti quufuu dadhaban. Luuter Kakuun Haaraan hammam akka jaallatame yeroo arge, battalumatti kakuu Moofaa hiikuu jalqabee, kutaa kutaadhaan hamma fixuu danda’e maxxansaa adeeme.WG 167.2

    Barreeffamoonni Luuter magaalotaa fi mandaroota keessatti bifa wal fakkaatuun simataman. “Waan Luuterii fi michoonni isaa qopheessan warri kaan immoo in tamsaasan. Dirqamni gadaamii seeraan ala akka ta’e kan amanan, dhibaa’ummaa umurii dheeraa dammaqanii hojjeechuudhaan bakka buusuu kan hawwan, garuu sagalee Waaqayyoo lallabuuf wallaalummaa kan qaban moloksoonni godinaalee keessa naanna’uudhaan godoo fi mandaroota keessatti kitaabota Luuterii fi michoota isaatii gurguraa turan. Biyyi Jarman battalatti ija jaboota mul’inatti kitaaba gurguran Kanaan guutamte.” —Ibid., b. 9, ch. 11.WG 167.3

    Barreeffamoonni kun warra sooressaa fi hiyyeessaan, warra baratanii fi wallaalotaan fedhii guddaadhaan qo’atame. Barsiisonni mana barumsaa mandaroota keessa jiranii, garee xixiqqoo halkan naannoo ibiddaatti walitti qabamaniif sagalee ol kaasanii dubbisaa turan. Dhamaasuu kana hundumaan lubbuun muraasi dhugaa amananii sagalicha gammachuudhaan erga fudhatanii booda, dabaree isaanii warra kaanitti oduu gammachiisaa kana himaa turan.WG 167.4

    Sagaleen inni geggeessaa hafuuraatiin barreefame inni “Saaqamuun dubbii keetii ifa in kenna, wallaalota iyyuu in hubachiisa” (Faar. 119:130) jedhu in mirkaneeffame. Qorannaan Macaafa Qulqulluu sammuu fi onnee namootaa irratti jijjiirama guddaa fide. Seerri phaaphaasii waanjoo sibiilaa doofummaa fi salphina keessatti isaan hidhu warra isaaf bitaman irra kaa’ee ture. Tolchatti amanuun inni bifa waaqessuu ta’e akkuma jirutti kan eegame ture; garuu onnee fi sammuun tajaajila isaanii keessatti ga’ee xiqqoo qaba ture. Lallabni Luuter inni dhugaa sagalee Waaqayyoo ibsee kaa’uu fi sagalichi inni harka sabaa keessa kaa’ame mataan isaa jireenya hafuura isaanii qulleessuu fi jabeessuu qofaadhaan utuu hin taane, dandeettii isaaniif humnaa fi jabina haaraa kennuudhaan humna isaanii isa laamsha’e dadammaqse.WG 167.5

    Namoonni gita hunda irra jiran Macaafa Qulqulluu harka isaaniitti qabatanii barsiisa haara’umsaaf utuu falmanii argaman. Phaaphaasonni warri qorannaa Macaafa Qulqulluu lubootaa fi moloksoota harkatti dhiisanii turan, akka isaan gara fuula duraa dhufanii barsiisa haaraa Kanaan soba jedhaniif waamicha isaaniif godhan. Haa ta’u malee, luboonnii fi moloksoonni akkuma isaanii warra Macaafa Qulqulluu fi humna Waaqayyoo hin beekne waan ta’aniif, warra wallaalotaa fi gantoota ittiin jedhanii balaaleffataniin guutummaatti injifataman. Kana ilaalchisee barreessaan Kaatolikii tokko akkas jedhe, “nama gaddisiisa, Luuter hordoftoonni isaa Macaafa Qulqulluu malee barreeffama kan biraa kamiin illee akka isaan hin amanne godhe.” —D’Aubigne, b. 9, ch. 11. Sabni danuun dhugaa namoota barumsa xiqqoo qabaniin kennamu dhageeffachuuf walitti qabamaa turan, akkasumas namoota baratanii fi hayyuu qo’annoo amantii dubbachuu danda’anii wajjin mari’atan. Namoonni gurguddoon barsiisa sagalee Waaqayyoo isa namoota hin baratiniin dhi’aatu Kanaan yeroo falman, leeyyoon doofummaa isaanii bakkeetti baafame. Hojjetoonni, loltoonni, dubartoonnii fi mucooliin illee utuu hin hafin lubootaa fi dokteroota baratan irra caalaa Macaafa Qulqulluu wajjin kan wal baran turan.WG 168.1

    Bartoota wangeelaa fi tolchatti amanuu phaaphaasotaa warra deggeran gidduu garaagarummaan jiru inni sabni sadarkaa gadii hubatani isa beektonni hubataniin gadi miti. “Dargaggoonni sammuu qaban warri caasaa olaanaa durii morman, qu’annoo afaanii fi ogbarruu kan dhiisan…Macaafa Qulqulluu argatanii isa qu’achuudhaaf of kennan, akkasumas barreefamoota durii wajjin ofii isaanii wal barsiisan. Dargaggoonni kun sammuu dammaqaa, lubbuu kabajamaa fi onnee hin sodaanne qabaachuudhaan utuu hin turin beekumsa yeroo dheeraaf namni kam ittiin dorgomuu hin dandeenye bira ga’an….Akkasitti dargaggoonni haara’umsaaf falman kun dokterota Roomaa wajjin yeroo wal quunnaman bifa tasgabbaa’ee fi ofitti amanuudhaan waan isaaniin mormaniif, namoonni doofonni kun mamanii leeyya’uudhaan ija hundumaa duratti tuffiidhaan ilaalamu turan.” —Ibid., b. 9, ch. 11.WG 168.2

    Luboonni Roomaa walitti qabamni saba isaanii xiqqachaa adeemuu isaa yeroo hubatan, dhageeffatoota isaanii gara ofii isaanitti deebisuuf deggersa warra aangoo irra jiranii gaafachuudhaan humna danda’amu hundumaan yaalii godhan. Sabni garuu waan fedhii lubbuu isaanii guutu barumsa isa haaraa keessatti waan argataniif, warra yeroo dheeraaf qola sirna tolchaa isa gatii hin qabne isaan nyaachisaa turan irraa baqatan.WG 168.3

    Barsiisota dhugaa irratti ari’annaan yeroo ka’e sagalee KIristosiin qalbifatan: “Mandara tokko keessaa yoo isin ari'atan, gara isa kaaniitti baqadhaa!” Maat.10:23. Ifti bakka hundumaa seene. Warri baqatan bakka tokkotti balabala banamee isaan simatu ni argatu turan, achi turanii Kiristosiin itti lallabu, yeroo tokko tokko waldaatti dubbachuuf yoo carraa dhaban mana dhuunfaa keessatti yookiin bakkeetti dubbatu. Bakki isaan dhageeffatoota itti argachuu danda’an hundi mana qulqullummaa isaaniif ta’e. Dhugaan hamma humni isaan mormuu danda’u hin argamnetti humnaa fi amantii akkasiitiin lallabame.WG 168.4

    Luboonnii fi aanga’oonni lafaa gantoota dhabamsiisuuf kadhatamuun isaanii bilaasha ta’e. Hidhaan, dhiphinni, ibiddii fi billaan akkasumaan ta’e. Amantoonni kumaatamatti lakkaa’aman amantii isaanii dhiigaan chaaphessan, haa ta’u malee hojichi itti fufee adeeme. Ari’annaan dhugaan akka bal’atu godhe, mankaraarsummaan inni seexanni dhugaa wajjin waliin makuuf yaalii godhes, garaagarummaa hojii seexanaa fi hojii Waaqayyoo gidduu jiru adda baasee argisiise.WG 168.5

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents