Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Wal’aansoo Isa Guddaa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 19—Ifni Dukkana Keessatti

    Hojiin Waaqayyo lafa irratti barootaa gara barootaatti haara’umsa guddaa fi sochii amantii hundumaa keessatti dhi’eessu wal fakkaachuun ifatti mul’ata. Qajeelfamni Waaqayyo namootaa wajjin ittiin hojjetu illee yeroo hunda wal fakkaata. Sochiin barbaachisaan yeroo ammaa isa bara darbee wajjin wal fakkii qabu, shaakkalli waldaa bara darbees yeroo keenyaaf barumsa gatii guddaa of keessaa qabu kenna.WG 264.1

    Waaqayyo karaa Hafuura Qulqulluu hojjattoota isaa warra lafa irra jiraniin hojii fayyinaa fuula duratti adeemsisuuf isa inni isaan geggeesse irra caalaa dhugaan Macaafa Qulqulluu keessatti barsiifame kan biraan hin jiru. Namoonni kaayyoo ayyaanaa fi araara isaa bakkaan ga’uuf kan hojjetan meeshaa harka isaa keessaati. Hundumtuu ga’ee hojjetu qaba; hojii Waaqayyo itti kenne hundumaa raawwachuu kan dandeesisu dhugaa madaalamaa yeroof barbaachisutu hundumaaf kenname. Garuu hammam illee samii biratti yoo kabajame eenyu illee karoora fayyinaa isa guddaa guutummaatti kan hubate hin jiru, yookiin hojii yeroo isaatii keessatti kaayyoo Waaqayyootti gammaduu hin danda’u. Hojii akka isaan hojjetaniif isaanitti kenname keessatti namoonni waan Waaqayyoo hojjetu guutummaatti hin hubatan; ergaa maqaa isaatiin dubbatanis hin hubatan.WG 264.2

    “Gad fageenya dhoksaa Waaqayyoo qortee bira ga'uu dandeessaa ree? Daarii yaada isa hundumaa danda'uu qortee bira ga'uu dandeessaa ree?” “Waaqayyo, Yaadni koo akka yaada keessanii, karaan koos akka karaa keessanii miti; akkuma waaqni lafa irraa ol fagaatu, akkasuma karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa in fagaata.” “Wanta dur ture yaadadhaa; ani Waaqayyoo dha, ana malee Waaqayyo kan biraa hin jiru, kan akka kootiis hin jiru; ani wanta booddee dhufuuf jiru duraan dursee himeera, durii durii jalqabees wanta amma iyyuu hin ta'in jiru dubbadheera; akeeki koo dhaabbataa in ta'a, wantan yaades nan raawwadha.” Iyoob 11:7; Isaa.55:8, 9; 46:9, 10.WG 264.3

    Raajonni warri ifti hafuuraa addaan isaaniif kenname illee mul’ata isaaniif kenname guutummaatti hin hubanne. Yeroo namoonni Waaqayyoo barsiisa isa keessatti hammatamee jiru barbaadan hiikkaan isaa barootaa gara barootaatti mul’ifamaa adeema.WG 265.1

    Pheexros waa’ee fayyina karaa wangeelaa isaaf ife ilaalchisee yeroo barreessu akkas jedha: “Raajonni warri waa'ee ayyaana isiniif kennamuuf ture sanaa raajii dubbatan, fayyina kana barbaadanii waa'ee isaa qoratan. Isaan waa'ee dhiphina Kristosin argatuu, waa'ee ulfina booddeedhaan isaaf dhufuuf jiruu, duraan dursanii yeroo dubbatan, hafuurri Kiristos inni isaan keessa ture, gara nama attamii yookiis yeroo attamii akka inni argisiisaa ture in qoratan. Wanti isaan hojjechaa turanis mataa isaaniif utuu hin ta'in, isiniif akka ture mul'ifameera. Kunis hafuura qulqulluu isa waaqa irraa ergameen, amma karaa warra wangeela lallabanii isinitti himame; kana immoo ergamoonni Waaqayyoo iyyuu keessa lixanii ilaaluu in hawwu turan.” 1Phex.1:10-12.WG 265.2

    Raajonni waan isaanitti mul’ate guutuummaatti hin hubanne yoo ta’an illee, ifa akkanni mul’atuuf Waaqayyo barbaade hundumaa argachuuf onnee isaanii guutuudhaan barbaadan. Isaan “hafuurri Kristos inni isaan keessa ture, gara nama attamii yookiis yeroo attamii akka inni argisiisaa ture” “barbaadanii waa'ee isaa qoratan.” Raajiin karaa garboota isaatii kennaman kun bu’aa eenyuuf akka ta’e kun saba Waaqayyoo bara kiristiyaanummaa keessa jiraniif barumsa attamiiti! “Wanti isaan hojjechaa turanis mataa isaaniif utuu hin ta'in, isiniif akka ture mul'ifameera.” Namoonni qulqulloota Waaqayyoo ta’an kun dhaloota hin dhalatiin jiruuf mul’ati yeroo isaaniif kenname “barbaadanii waa'ee isaa qoratan.” Hinaaffaan isaanii inni qulqulla’aan akkaataa dhalooti booddee kennaa samii kana itti ilaaluu wajjin wal bira qabamee yeroo ilaalamu baay’ee waliin faallaadha. Raajiin kunniin hubatamuu hin danda’u jedhee dubbachuutti kan quufu hafuura maal na dhibe jedhee biyya lafaa fi qananii jaallatuuf kun ifata attamiiti!WG 265.3

    Sammuun namaa inni daangeffamaan gorsa waaqaa isa dandeetiin isaa daangaa hin qabnee keessa seenuuf yookiin kaayyoo hojii isaatii guutuummaatti hubachuuf ga’umsa kan hin qabne yoo ta’e illee, yeroo baay’ee ergaa samii bifa dimimmisaa’een kan isaan hubataniif sababa dogoggora yookiin dagannaa mataa isaanii irraa kan ka’eedha.WG 265.4

    Sammuun namootaa, fi kan garboota Waaqayyoo illee dabalatee yaada namootaatiin, aadaa fi barsiisa sobaa namootaatiin jaamee wantoota gurguddaa sagalee isaa keessatti mul’ifame keessaa kutaa gar tokkee qofa yeroo isaan hubatan xiqqoo miti. Bartoonni Kiristos fayyisaa wajjin qaamaan adeemaa yeroo turan kun isaan irratti mul’ateera. Sammuun isaanii yaada beekamaa isa Masihiin mootii ta’ee Israa’eliin ol qabuudhaan mootummaa addunyaa taasisa jedhuun liqimfame, kanaaf isaan hiikkaa sagalee isaatii isa waa’ee dhiphinaa fi du’a isaa dursee dubbate hubachuu hin dandeenye.WG 265.5

    Kiristos mataan isaa ergaa akkas jedhuu wajjin isaan ergee ture: “Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhiyaateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa!” jedhe Maar.1:15. Ergaan kun raajii Daani’eel boqonnaa 9 irratti kan hundaa’edha. Akka ergamaan kun dubbatetti torbanni jaatamii sagal amma “Masihii mootichaatti” kan turuudha, kanaaf bartoonni isa Masihiin guutummaa biyya lafaa bituuf Yerusaalem keessatti mootummaa isaa hundeessu abdii fi gammachuudhaan eegaa turan.WG 266.1

    Ergaa Kiristos isaanitti kenne hiikkaa isaa yoo hubachuu baataan illee lallabaniiru. Lallabni isaanii Daani’eel 9:25 irratti kan hundaa’e yoo ta’e illee, waa’ee muramuu (fannifamuu) Masihii isa boqonnaadhuma kana keessaatti heertuu kanatti aanee dhufu isaan hin argine. Guyyaa dhalatanii jalqabanii onneen isaanii ulfina mootummaa lafaatti rarra’ee jira, kunis akka isaan raajii fi sagalee Kiristosiin addaan baasanii hin hubanneef ija isaanii jaamse.WG 266.2

    Isaan waamicha araaraa saba Yihudaatiif dhi’eessanii hojii isaanii raawwataniiru, sana booda yeroo gooftaan isaanii teessoo Daawiititti ol ba’ee arguuf abdatanitti akka yakkamaatti qabamee reebamee, madaa’ee, itti ga’ifamuudhaan Qaraaniyootti fannifamuudhaaf itti murtaa’uusaa argan. Gooftaan isaanii guyyoota inni boolla awwaalchaa keessa galee ciise sana onnee bartoota kanaa keessa dhiphinaa fi abdii kutannaa attamiitu ture!WG 266.3

    Kiristos yeroo sirrii fi akkaataa raajiidhaan dursee dubbatametti dhufe. Tajaajila isaa hundumaa keessatti dhuga ba’umsi Macaafa Qulqulluu guutummaatti raawwatameera. Inni ergaa fayyinaa “sagalee humna qabuun” lallabeera. Inni samiidhaa akka dhufe garaa dhaggeeffattoota isaatti dhugaa ba’eeraaf. Sagalee fi hafuurri Waaqayyoo ergama ilma Waaqayyoo akka inni fudhate dhugaa ba’aniiru.WG 266.4

    Bartoonni amma illee jaalala gooftaa isaanii isa hin badnetti qabamanii jiru. Sammuun isaanii garuu waan hin mirkanaa’inii fi shakkiidhaan haguugamee jira. Gadda isaanii kana irraa kan ka’e sagalee Kiristos isa inni waa’ee dhiphinaa fi du’a isaa dursee dubbate yaadachuu hin dandeenye. Yesus namni Naazireet utuu Masihii dhugaa ta’ee dhiphinaa fi abdii kutannaa kana keessatti in liqimfamuu? Yeroo fayyisaan du’ee amma yeroo du’aa ka’uu isaatii gidduu kan ture guyyaa sanbataa inni awwaalcha keessa ture yeroo abdii kutannaa sana gaaffiin sammuu bartootaa dhiphise kana ture.WG 266.5

    Halkanni gaddaa sun hordoftoota Yesusiin dukkanaan yoo marse illee isaan hin irraanfatamne turan. Raajichi akkas jedha: “dukkana keessa nan jiraadha; Waaqayyo garuu ifa koo ti…inni gara ifaatti na baasa, ani immoo qajeelina isaa argee nan gammada.” “Dukkanni iyyuu si duratti hin dukkanaa'u, halkan akkuma guyyaa in ifa; dukkanni immoo akkuma ifaa in ta'a.” Waaqayyo akkas jedhee dubbateera “warra gara-qajeelotaaf ifni dukkana keessatti in ba'aaf.” “Warra jaamota garuu karaa isaan hin beekne irra, daandii dur irra ba'anii hin beekne irras isaan nan geessa; dukkana ifatti isaaniif nan diddiira, iddoo jajal'aas wal nan qixxeessaaf; ani kana isaaniif nan godha, deebi'ees isaan hin gatu.” Miiky. 7:8,9; Faar.139:12; 112:4; Isaa.42:16.WG 266.6

    Lallabni inni bartoonni maqaa Gooftaatiin godhan karaa hundumaan sirrii ture, taateen isaan argisiisan illee raawwatamaa turan. “Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhiyaateera” kan jedhu ergaa isaanii ture. “Barichi” — torban jaatamii sagal inni Daani’eel 9 keessaa inni hamma Masihii “isa dibameetti” dheeratu sun yeroo xumurame Kiristos cuuphaa isaa isa Yohannis Yordaanos keessatti isa cuuphe booda dibata Hafuura Qulqulluu fudhate. “Mootummaan Waaqayyoo” dhiyaateera jedhanii inni isaan lallaban du’a Kiristosiin hundeefame. Mootummaan kun akka isaan yaadan sanatti mootummaa biyya lafaa hin turre. Yookiis mootummaa hin badne isa fuula duratti “Mootummaan, mo'uun, guddinni mootummoota guutummaa bantii waaqaa jala jiranii, saba warra isa hundumaa gararraa jiruuf qulqullaa'aniif in kennama; mootummaan isa hundumaa gararraa jiruu, mootummaa bara baraa ti; warri mo'an hundinuus isa in waaqessu, isaafis in abboomamu” (Daan. 7:27) jedhamee isa dubbatame sana miti. Jechi Macaafa Qulqulluu keessatti “mootummaa Waaqayyoo” jedhamee dhimma itti ba’ame mootummaa ayyaanaa fi mootummaa ulfinaa argisiisa. Mootummaan ayyaanaa ergaa Phaawulos gara warra Ibrootaatti erge keessatti mul’ifameera. Gara Kiristos isa araarsaa o’a qabeessa isa “dadhabbiin keenya garaa isaa rukutu” erga argisiisee booda ergamaan kun akkas jedha: “kottaa ija-jabinaan gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti in dhi'aannaa.” Ibr. 4:15,16. Teessoon ayyaanaa mootummaa ayyaanaa bakka bu’a; sababni isaa teessoon jiraachuun mootummaan jiraachuu argisiisa waan ta’eef. Kiristos fakkeenyasaa baay’ee keessatti jecha “mootummaa Waaqayyoo” jedhu hojii ayyaanni Waaqayyoo onnee namootaa irratti hojjetu argisiisuudhaan dhimma itti ba’e.WG 266.7

    Kanaaf teessoon ulfinaa mootummaa ulfinaa bakka bu’a; mootummaan kunis jecha Kiristos keessatti ibsameera: “Ilmi namaa ulfina isaatiin, ergamoonni Waaqayyoos hundinuu isaa wajjin in dhufu; yommus inni teessoo ulfina isaatii irra in taa'a. Yommus namoonni biyya lafaa hundinuu fuula isaa duratti walitti in qabamu.” Maat.25:31,32. Mootummaan kun amma illee fuula dura jira. Hamma dhufaatii Yesus isa lammaffaatti hin hundeeffamu.WG 267.1

    Mootummaan ayyaanaa erga namni kufee booda yeroo sanyii namaa yakke furuuf karoorri ka’aame battalumatti hundeeffame. Kan inni hundeeffames karooraa fi abdii Waaqayyootiin; namoonnis karaa amantii lammii isaa ta’uu danda’u. Haa ta’u malee amma du’a Kiristositti sirriitti hin hundoofne. Fayyisaan erga tajaajila isaa isa lafa irraatti seene booda illee gara jabinaa fi galata dhabina namootaa ilaalee obsa fixachuudhaan aarsaa Qaraaniyyoo irraa duubatti deebi’uu in danda’a ture. Getesemaaneetti xoofoon dhiphinaa sun harka isaa keessaa raafame. Inni yeroo sana dafqa dhiigaa sana adda isaa irraa haxaa’atee sanyiin namaa cubbuu hojjete yakka isaatiin akka baduuf dhiisuu in danda’a ture. Garuu yeroo fayyisaan hafuura isaa isa dhumaa baafatee lubbuu isaa kenne sagalee guddaadhaan iyyee “Fiixaan ba'eera” jedhe, kana booda xumuramuun karoora fayyinaa in mirkanaa’e. Abdiin fayyinaa inni Eeden keessatti cubbamoota lamaaniif kenname in raggaasifame. Mootummaan ayyaanaa inni duraan abdii Waaqayyootiin kennamee ture amma in hundeeffame.WG 267.2

    Akkasitti duuti Kiristos inni bartoonni akka xumura abdii isaaniitti ilaalan ayyaanni kan barabaraa ta’uu isaa mirkaneesse. Gara abdii kutannaa hamaatti kan isaan fide yoo ta’e illee amantiin isaanii sirrii ta’uu isaatiif mirkaneeffannoo isa xumuraa ture. Taateen boo’ichaa fi gaddaan isaan guute kun ijoollee Addaam hundumaaf balbala abdii isa warra baroota hundumaa keessa Waaqayyoof amanamaniif gammachuu barabaraa fi jireenya fuula duraaf wiirtuu ta’e bane.WG 267.3

    Kaayyoon araara isa daangaa hin qabnee karaa bartoota abdii kutatanii illee gara raawwataatti dhufaa jira. Utuma onneen isaanii ayyaana Waaqayyoo fi humna barsiisa isaa isa “namni takkaa akkasitti dubbatee hin beekneen” mo’amee jiruu garuu jaalalli Yesus inni akka warqee qullaa’aa fi oftuulummaan biyya lafaa fi fedhiin ofittummaa inni akka sibiilaa isaan keessatti wal makee ture. Ayyaana Faasikaa irratti, yeroo murteessaa isa barsiisaan isaanii gara dhiphina Geteseemaneetti seenaa jiru sana illee “nu keessaa eenyutu caala jechuu irraa kan ka'e ergamoota isaa gidduutti morkiin ka'ee ture.” Luq. 22:24. Qaanii fi gaddi iddoo dhaabaa Sanaa, manni murtii, fannoon Qaraaniyyoo fuula isaanii dura utuu jiruu mul’ati isaanii waa’ee teessoo, waa’ee gonfoo fi ulfinaa irra ture. Barsiisa sobaa bara isaaniitti qabamanii sagalee fayyisaa isa amala mootummaa isaa isa dhugaa fi gaddaa fi du’a isaa isa fuula duraa isaanitti argisiisuu utuu hin hubatin akka hafan kan isaan godhe oftuulummaa garaa isaanii fi dheebuu ulfina lafaa ture. Dogoggorri kun qorumsaaf isaan qopheesse, isaaniin qaruuf barbaachisaa waan ta’eef isaaniin sirreessuuf heyyamame. Bartoonni hiikkaa ergaa isaanii kan hin hubannee fi inni isaan eeggatan yoo isaanii raawwatamuudhaa baate illee akeekkachiisa Waaqayyoon biraa isaanitti kenname lallabaniiru, kanaaf gooftaan gatii amantii isaanii in kennaaf, abboomamuu isaaniis ni kabaja. Saba hundumaatti wangeela ulfinaa waa’ee du’aa ka’uu gooftaa misiraachoo himuun isaanitti kennamee ture. Muuxannoon isaaniif abdii kutannaa fakkaate kun kan inni heyyamameef hojii kanaaf isaan qopheessuuf ture.WG 267.4

    Du’aa ka’usaa booda Yesus karaa Emaahus irratti bartoota isaatti mul’atee “macaafa Musee fi macaafota raajotaa hundumaa keessatti iddoo itti waa'ee isaatiif dubbatu hundumaa isaaniif hiike.” Luq 24:2. Onneen bartootaas in raafame. Amantiinis isaan keessatti qabsiifame. Isaan utuu Yesus isaanitti of hin mul’isin illee “abdii jaallatamaa sana keessatti deebi’anii argaman.” Hubannaa isaanii banuu fi amantii isaanii “sagalee raajii isa hin sochoone” irratti jabeessuun kaayyoo isaa ture. Inni akka dhugaan sammuu isaanii keessatti hundee jabaa godhatu barbaada ture, sababni isaa waan inni dhuga baatii dhuunfaa isaatiin deggerameef qofa utuu hin taane, sababa karaa fakkeenyaa fi gaddiidduu saaraa fi raajii kakuu moofaa ragaa wal nama hin gaafachiifne dhiyaateefi. Hordoftoonni Kiristos mataa isaaniif qofa utuu hin taane beekumsa Kiristosiin addunyaa biraan ga’uuf beekumsa amantii qabaachuun isaan barbaachisa. Beekumsa kana hiruu keessatti sadarkaa tokkoffaa irratti Yesus bartoota gara “Musee fi macaafota raajotaatti” isaan qajeelche. Fayyisaan inni du’aa ka’e bu’aa fi barbaachisummaa macaafota kakuu moofaa akkasitti dhugaa ba’e.WG 268.1

    Yeroo isaan irra deebi’anii si’a tokko fuula gooftaa isaanii isa jaallatamaa ilaalan onnee bartootaa keessatti jijjiirama attamiitu dhufe! Luqaas 24:32. Isaan isa yeroo kam irra caalaa inni “Museen seera keessatti, raajonnis waa’ee isaa barreessan isa akka ta’e” guutuummaa fi gadi fageenyaan hubatan. Shakkiin, dhiphinnii fi abdii kuttannaan amantii hin dimmimifneef iddoo gadi dhiise. Gara waaqaatti ol ba’uu isaa booda “mana qulqullummaa keessatti maqaa Waaqayyoo galateeffachaa” yeroo isaan turan dinqifannaa attamiitu ta’e! Namoonni du’a jibbisiisaa fayyisaan du’e waan beekaniif fuula isaanii irratti milikkita gaddaa, kan bita galummaa fi mo’amuu arguu barbaadanii gara isaanii ilaalan, garuu fuula isaanii irraatti mo’ichaa fi gammachuu argan. Bartoonni kun hojii fuula isaanii dura jiruuf qophaa’ina attamii qabuu! Isaan shaakaluun kan isaaniif danda’amu qorumsa gadi fagoo keessa darbaniiru, waan ilaalcha namaatiin badiisa fakkatu keessatti Waaqayyo attamitti mo’ichaan akka xumures arganiiru. Kana booda wanti amantii isaanii dadhabsiisu yookiis jaalala isaanii qabbaneessu maaltu jira? Gadda isaanii isa guddaa keessatti “jajjabina cimaa” fi “abdii amanamaadhaa fi cimaa lubbuun qabatee dhaabatu” qabu turan. Ibr.6:18,19. Isaan dhuga baatota ogummaa fi humna Waaqayyoo turan, kanaaf akkas jedhan: “Duuni, jireenyi, ergamoonni waaqa irraa, warri bantii waaqaa keessatti aboo qabu jedhamanii sodaataman, wanti amma jiru, wanti dhufuuf jirus hundinuu, wanti humna argisiisuu danda'us, jaalala Waaqayyoottii gargar akka nu hin baafne ani beeka. Wanti ol ka'ee jiru, wanti gad fagaatee jirus, uumama keessaa wanti biraas, jaalala Waaqayyoo isa karaa gooftaa keenyaa Kristos Yesus nuuf dhufettii danda'ee gargar nu hin baasu. Waan nu irra ga'e hundumaatti garuu, karaa isa nu jaallatee mo'icha guddaa arganna. Room.8:38, 39, 37. “Dubbiin gooftichaa garuu, hafee bara baraan in jiraata.” 1 phex.1:25. “Eenyutu itti farada ree? Erga Kristos Yesus du'ee kaafamee immoo gara mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatee, kan itti faradu hin jiru.” Room.8:34.WG 268.2

    Gooftaan akkas jedha: “Isin sabni koo si'achi deebitanii hin yeellaasifamtan.” Yo’el 2:26. “Galgala boo'ichi yoo namatti dhufe, ganama immoo ililleen in ta'a.” Faar. 30:5. Bartoonni yeroo guyyaa du’aa ka’uu sana fayyisaa arganii sagalee isaas dhaga’uudhaan garaan isaanii isaan keessatti gubate; yeroo mataa isaa, harkaa fi miilla isaa isa isaaniif madaa’e ilaalan; yeroo Yesus ol butamuu isaa dura gara Biitaniyyaatti isaan geggeessaa turee fi harka isaa ol fuudhee isaan eebbisuudhaan “gara biyya lafaa hundumaa dhaqaa! Uumama hundumaattis wangeela lallabaa! Kunoo, ani immoo hamma dhuma baraatti guyyaa hundumaa isinii wajjin nan jira” (Maar.16:15; Maat.28:20) isaaniin jedhe sana; yeroo guyyaa pheenxaaqosxee sana abdiin isaanii inni isaan jabbeessu bu’ee fi humni olii kennamee lubbuun amantootaa isaan gidduutti argamuu gooftaa isa ol ba’ee hubachuudhaan gammadan karaan isaanii akkuma kan isaatii gara aarsaa fi du’aatti kan geessu yoo ta’e illee teessoo ulfinaa isa biyya lafaa duraan abdii bartummaa isaanii ture sana tajaajila wangeela ayyaanaatiin gara “gonfoo tolaa” isa yeroo dhufa isaa fudhachuuf jiranitti in jijjiiru ta’aa? Inni humna isaa isa nu keessatti hojjetuun wanta nuyi kadhannuuf wanta nuyi yaaduu dandeenyu hundumaa irra safara malee caalchisee gochuu” danda’u, hirmaattuu dhiphina isaa, warra gammachuu isaa irraa qooda fudhatan isaan gochuudhaan gammachuu isa “ijoollota baayee” gara “ulfina barabaraa” isa hin dubbatamnetti geessu isa Phaawulos “rakkinni salphaan inni nuyi yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddaa sana baachuudhaaf nu qopheessa” jedhetti isaan geessa.WG 269.1

    Muuxannoon bartootaa inni yeroo dhufaatii Kiristos isa jalqabaa “mootummaa Waaqayyo” lallabanii fi muuxannoon warra ergaa dhufaatii lammaffaa labsanii wal fakkaata. Akkuma bartoonni “Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhiyaateera” jedhanii lallaban, Miilerii fi hiriyoonni isaa raajii yeroo dheeraa fi xumuraa inni Macaafa Qulqulluu keessa kaa’ame xumuratti akka dhufe, yeroon firdiis akka ga’ee fi mootummaan barabaraas akka dhiyaate labsan. Lallabni bartootaa inni yeroo wajjin wal qabatu waa’ee torban torbaatamaa isa Daani’eel 9 keessa jiru irratti kan hundaa’eedha. Ergaan Miilerii fi hiriyoota isaatiin kenname immoo guyyoonni 2300 inni isa keessaa torban torbaatamni kutaa isaa ta’e, inni Daani’eel 8:14 irra jiru xumuramuu isaa labsa. Lallabni lamaan isaa raawwii raajii yeroo isa guddaa kutaa garagaraa qabu irratti kan hundaa’edha.WG 269.2

    Akkuma bartoota warra jalqabaa, Wiiliyaam Miilerii fi hiriyoonni isaa ergaa barsiisan guutummaatti hin hubanne. Dogoggorri yeroo dheeraaf waldaa keessa ture akka isaan qabxii barbaachisaa raajii keessa jirutti hiikkaa sirrii hin kennine isaan daangesseera. Ergaa biyya lafaatiif kennamuu qabu isa Waaqayyo isaanitti kenne yoo lallaban illee hiikkaa isaa hubachuu dhabuu isaanii irraa kan ka’e abdii kutannaa keessa galaniiru.WG 269.3

    Isa Daan.8:14 irratti “Hamma ganamaa fi galgala kuma lamaa fi dhibba sadiitti in tura; kana booddee iddoon qulqullaa'aan sun qajeeltootti in deebifama” jedhu ibsuu keessatti, Miiler, akkuma jedhame, yaada walii galaa isa biyyi lafaa mana qulqullummaati jedhu fudhate, kanaaf mana qulqullummaa qulqulleessuun isa biyyi lafaa yeroo dhufa gooftaa ibiddaan qullooftu bakka bu’a jedhee amane. Kanaaf, xumura guyyaa 2300 isa duraan dubbatamee ture yeroo argate kun yeroo dhufaatii lammaffaa argisiisa jedhee goolabe. Dogoggorri isaa maalummaa mana qulqullummaa irratti ilaalcha sabaa isa beekamaa fudhachuu irraa dhufe.WG 269.4

    Sirna aarsaa isa aarsaa fi lubbummaa Kiristoosiif gaaddidduu ta’e keessatti mana qulqullummaa qulqulleessuun tajaajila waggaatti angafni lubaa godhu keessaa isa xumuraati. Inni xumura hojii araaraati — isa cubbuun Israa’e keessaa ittiin fageeffamuudha. Inni xumura hojii tajaajila angafa lubaa keenya isa waaqa irraa, isa inni cubbuun saba isaatii isa galmee samiitti caafame haquuf hojjetu argisiisa. Tajaajilli kun hojii sakatta’umsaa fi hojii murtii of keessatti qabata; innis duumessa waaqaatiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu Kiristosiin dura ta’a; yeroo inni dhufu wanti hundinuu dursee murtaa’era waan ta’eef. Yesus akkas jedha: “Kunoo, ani dafee nan dhufa, gatii isa ani adduma addaan akka hojii isaatiitti namaaf kennus fidee nan dhufa.” Mul.22:12. Dhufaatii lammaffaan dura ergaa ergamaa tokkoffaa isa Mul’ata 14: 7 irratti “Yeroon firdii isaa waan ga'eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf” jedhamee kan labsamu hojii firdii kanaadha.WG 270.1

    Akeekkachiisa kana warri labsan yeroo sirriitti ergaa sirrii kennuu isaaniiti. Garuu akkuma bartoonni du’a Masihii isa heertuu kana keessatti dubbatame utuu hin qalbifatiin “Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhiyaateera” jedhanii raajii Daani’eel 9 irratti hundaa’uudhaan lallaban, Miilerii fi warri isaa wajjin hojjetanis ergaa biraa Mul’ata 14 keessa jiru, isa dhufaatii Kiristosiin dura lallabamuu qabu utuu hin hubatin ergaa isa Daani’eel 8:14 fi Mul’ata 14:7 irra jiru lallaban. Akkuma bartoonni mootummaa isa xumura torban torbaatamaatti hundeeffamuu irratti dogoggoran, Warri deebi’uu lammataa eegan (Miileroonni) taatee xumura guyyaa 2300 irratti wanta raawwatamu ilaalchisee dogoggoraniiru. Haala lamaanuu keessatti dogoggorri sabaa isa beekamaa deggeruun dhugaa akka hin hubanneef sammuu akka dukkaneessu fudhachuun barbaachisaa ture. Gareen lamaanuu ergaa akka kennamuuf Waaqayyo barbaadu kennuu isaaniitiin fedha Waaqayyoo guutaniiru, lamaanuu immoo ergaatti hiikkaa dogoggoraa kan mataa isaanii itti kennuudhaan abdii kutatanii turan.WG 270.2

    Haa ta’u malee garuu Waaqayyo akeekkachiisi guyyaa firdii akka jirutti kennamuu isaa heyyamuu isaatiin kaayyoo isaa isa gaarii fiixaan baasera. Guyyaan guddaan dhiyaatera, kanaaf gaarummaa isaa irraa kan ka’e wanta onnee isaanii keessa jiru isaanitti mul’isuuf jecha namoonni gara yeroo qormaataa adda ba’eetti akka dhufan godhe. Ergaan kun waldaa qoruu fi qulleessuuf karoorfame. Namoonni jaalalli isaanii waan biyya lafaa irra yookiin Kiristosii fi samii irra ta’uu isaa arguutti geggeeffaman. Isaan fayyisaa jaallanna jechaa turan, amma immoo jaalala isaanii mirkaneessuu qabu. Isaan kajeellaa fi abdii biyya lafaa dhiisanii dhufaatii gooftaa isaanii gammachuun simachuuf qophaa’aniiruu? Ergichi haala jireenya hafuuraa isaanii isa dhugaa sakkata’uu akka isaan danda’aniif yaadame; inni qalbii jijjiirannaa fi gad of deebisuudhaan gooftaa barbaaduuf akka kakaafamaniif araara isaatiin ergame.WG 270.3

    Abdii kutannaan isaanii ergaa utuu ofii isaaniitii hin hubatin kennan irraa kan itti dhufe yoo ta’e illee gaarummaatti jijjiirame. Inni onnee warra akeekkachiisa in fudhanna jedhanii kan qorudha. Abdii kutannaa isaanii keessatti dafanii shaakala isaanii dhiisuudhaan sagalee Waaqayyoo amanachuu ni gatu ta’aa? Yookiin kadhannaa fi gad of deebisuudhaan hiikkaa raajii hubachuu dadhaban adda baafachuu in barbaadu ta’aa?WG 270.4

    Sodaa yookiin miira gammachuutiin kakaafamanii kan socho’an meeqatu jira? Garaa guutuun kan hin adeemiin yookiin amantii dhabinaan kan adeeman meeqatu jira? Baay’een dhufaatii gooftaa in jaallanna jedhanii dubbataniiru. Qoosaa fi ceephoo biyya lafaa isaan irra ga’u akka obsanii fi qormaata dafee dhufuu diduu fi abdii kutannaa obsaan danda’anii qormaata isaa akka fudhataniif yeroo gaafataman amantii isaanii in dhiisu ta’aa? Waan Waaqayyo isaanii wajjin hojjetu battalatti hubachuu waan hin dandeenyeef dhugaa karaa dhuga ba’umsa sagalee isaatii ifatti kenname of duubatti ni gatu ta’aa?WG 271.1

    Qorumsi kun warra amantii dhugaatiin wanti isaan amanan barsiisa sagalichaa fi kan Hafuura Waaqayyoo ta’uu isaa hubachuudhaan abboomaman jabina isaanii argisiisa. Kun Macaafni Qulqulluun ofii isaa kan hiiku qooda gochuu tiyoorii fi hiikkaa namaa fudhachuun balaa inni fidu isaan barsiisa. Bita galummaa fi gaddi dogoggora isaanii irraa dhufu ijoollee Waaqayyoof sirreeffama barbaachisaa gochuu isaan gaafata. Isaan gara itti siqeenya qorannoo raajiitti geggeefamuu qabu. Isaan hundee amantii isaanii of eeggannoodhaan qoruu fi waan kiristiyaanota addunyaa biratti bal’inaan fudhatamee garuu dhugaa Macaafa Qulqulluu irratti hin hundoofne kamiin illee dhiisuu baruu qabu.WG 271.2

    Akkuma kan bartoota warra jalqabaa, amantoota kanaaf wanti yeroo qoramaa keessa hubannaa isaaniitti dukkana fakkaatee argame hundumtuu booda isaaniif ife. Yeroo isaan “xumura gooftaa” arguuf malanitti qorumsi sababa dogoggora isaaniitiin dhufe yoo jiraate illee, gooftaan kaayyoo jaalalaa isaan irraa qabu in raawwata. Inni “oo’a qabeessaa fi araara qabeessa” karaan isaas “warra kakuu isaa fi abboommii isaa eeganiif araaraa fi dhugaa” ta’uu isaa muuxannoo eebbifamaa irraa baratu.WG 271.3

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents