Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Warri yaadi garaa isaanii qullaa’oo haa gammadan, isaan Waaqayyoon ni argu.” Mat. 5:8.

    Warri Yihuudotaa seera qullaa’ummaa isaanii isa ulfaataa ta’e sanatti baayyee jaboo turan. Sammuun isaanii seeraa fi dhorka isaanii fi xuraa’ummaa bakkee isaanii sodaachuudhaan kan guute ture; xuraa’ummaa of ittuummaa fi jibbi lubbuu isaaniitti dibuuf garuu iddoo hin laanne.LGEI 24.2

    Yesuus iddoo tokkotti iyyuu barbaachisummaa seera qullaa’ummaa isa bakkee irraan mul’atuu kana akka waan ittiin mootummaa Waaqayyoo galaniitti maqaa hin dhoofne; qullaa’ummaa onnee irratti dubbate. Ogummaan isheen olii taate, “Jalqabatti qulqulluu dha.” Yaaqob 3:17. Magaalaa Waaqayyootti wanti xuraa’aan tokko iyyuu hin seenu. Warri achi jiraachuu qaban asitti onnee qulqulluu qabaachuu qabu. Nama Yesuus irraa barachaa jiru irraa, jibba inni jirerenya maal na dhibdee, jecha hin barbaachifne, fi yaada addagguummaaf qabutu guddachaa adeema. Yeroo Kiristoos onnee keessa buufatu, qulqullummaa fi qajeelummaa yaadaa fi amalaatu raawwata.LGEI 24.3

    Haa ta’u malee dubbiin Yesuus, “Warri onnee qullaa’aa qaban haa gammadan” jedhu hiika gad fagoo qaba. Qulqullummaa isa biyyi lafaa jedhu miti, koora irraa, ofittummaa irraa walaba ta’uu fi gad of deebisuu fi akka daa’imaa ta’uu dha.LGEI 25.1

    Kan jaallatutu jaalala jajjabeessa. Yoo jaalala isa anummaa aarsaa godhu, isa amala Waaqayyoo ta’e sana of keessaa hin qabaanne, Waaqayyoon beekuu hin dandeessu. Onneen seexanaan gowoommnfamte Waaqayyoon akka abbaa irree fi hamaatti ilaalti; amala namaa fi kan seexanaa isa ofittummaadhaan guute uumaa keenyatti maxxansina. Waaqayyo akkana jedha, “Akkuma ofii kee na seete” Far. 50:21. Kennaan isaa hammeenyatti lakkaa’ame. Kitaaba Qulqulluu isa ayyaana Isaatiin guute keessattis akkasuma. Ulfinni dhugaa Isaatii inni samii caalaa ol fagaatuu fi bara baraan jiraatu adda hin hubatamne. Namoota danuudhaaf Kiristoos sakka hidda lafa gogaa keessaa ba’ee ture, Isa keessatti miidhagina akka isaan isa fedhan godhu tokko illee hin argine. Isa. 53:2. Yeroo Yesuus namoota gidduu turetti, Waaqni nama keessatti mul’ate jechuu dha, caaftonnii fi fariisonni akkas ittiin jedhan, “Ati nama Samaariyaati, hafuurri hamaanis si keessa jira.” Yoh. 8:48. Bartootni Isaa iyyuu utuu hin hafin jaamummaa ofittummaatiin qabamanii waan turaniif hojii Inni jaalala Abbaa Isaa isaanitti mul’isuudhaaf dhufe hubachuutti suuta kan jedhan turan. Kanaafidha kan Yesuus lafa irratti qofa galeessa ta’e. Kan guutummaatti Isa hubachuu danda’e samii qofa ture.LGEI 25.2

    Yeroo Kiristoos ulfina Isaatiin dhufu cubbamootni Isa ilaaluu hin danda’an. Ifi aragama Isaatii warra Isa jaallataniif jireenya yeroo ta’u, warra Waaqa malee jiraataniif du’a ta’a. Dhufaatii Isaa eeguun isaaniif, “Firdiinii fi ibiddi hinaaffaa inni warra Waaqayyoon morman gubu garuu sodaadhaan eeggatamaa jira.” Ibr. 10:27. Yeroo Inni mil’atu, Isa isaan fayyisuudhaaf du’e jalaa dhookachuudhaaf kadhatu.LGEI 26.1

    Onnee Hafuurri Qulqulluu keessa buluudhaan qulleesseef garuu, wanti hundinuu jijjiiramaa dha. Onneen kun Waaqayyoon beekuu danda’a. Yeroo ulfinni Waaqayyoo isatti mul’ate Museen tarsa’aa dhagaa keessa dhookfame; nus yeroo Kiristoos keessa dhookannudha kan nuti jaalala Waaqayyoo arguu dandeenyu.LGEI 26.2

    “Namni yaadni garaa isaatii akka qullaa’u jaallatu, haasaan isaas gurra namaatti kan tolu fira mootii ni ta’a.” Fkn 22:11. Ammaa fi asitti amantiidhaan Isa ni argina. Waan inni nuuf godhu irraan guyyaatii gara guyyaatti gaarummaa fi oo’a Isaa ni argina. Amala Ilma Isaatii keessatti isa ni mirkaneeffanna. Hafuurri Qulqulluu dhugaa waa’ee Isaatii fi waa’ee Abbaa Isa Isa ergee ilaalchisee jiru gara hubannaa fi gara onneetti ni fida. Warri onneen isaanii qullaa’oo Waaqayyoon walitti dhufeenya haaraa keessatti ni argu; yeroo qullaa’ummaa fi amala Isaa isa jaalala ta’e arganitti amala Isaa calaqqisiisuudhaaf ni dharra’u. Akka abbaa ilma isaa isa qalbii jijjiirrate simatuutti Isa ilaalu, onneen isaaniis gammachuu himamuu hin danda’amnee fi ulfnaan guuta.LGEI 26.3

    Warri onneen isaanii qullaa’oo Waaqa isa waan hundumaa miidhegsee harka Isaatiin uume adda ni baafatu. Dubii Waaqayyoo isa barreeffamee jiru keessatti waa’ee araara, gaarummaa fi ayyaana Isaatii ifatti ni dubbisu. Dhugaan warra ogeessotaa fi beektota duraa dhookate wallaalotatti mul’ate. Miidhaginnii fi gati jabeessummaan dhugaa warra Ogummaa biyya lafaa qabu jalaa dhookate, wallaalota warra garaa amanu qaban, fedha Waaqayyoo beekuus akka daa’imaa warra qabanitti garuu ni mul’ate. Waaqummaa keessaa hirmaachuudhaan dhugaa adda baafanna.LGEI 26.4

    Warri onneen isaanii qullaa’oo biyya lafaa kana keessa amma Waaqayyo isaan kaa’etti akka waan Waaqayyoo qaamaan argameetti deddeebi’u. fuula durattis fuulaa fuulatti Isa ni argu, akka Addaam yeroo jannata keessa tureetti kan hinduunee fi kan Isaa wajjin deemanii fi haasa’an ni ta’u. “Nuyi amma akka nama of illaallee keessatti waa argee abaluu isaa hin hubatin hafeetti ni argina; yommus garuu fuula fuulaan ni argina. lQor. 13:12.LGEI 27.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents