Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Hundeen isaa dhagaa irra dhaabamee waan tureef hin jigne Mat. 7:25.

    Namoonni dubbii Yesuusiin eebbifamanii turan. Qajeelfamni dhugaa fi miidhaginni samii isaan harkise; akeekkachiisi gara isaanii dhufe Waaqayyo kan garaa qoree ilaalu ta’uu isaa itti mul’ise. Dubbiin inni barsiise yaadota duraan turan ni rukute; barsiisa isaaf abboomamuun amala, barsiisaa fi gocha isaanii jijjiiruu isaan gaafata. Barsiisota amantii isaanii wajjin walitti isaan buusa; sababiin isaas barsiisi kun kan barsiisonni isaanii barootaaf gochaa turan fonqolcha. Kanaaf jecha, dubbichi garaa namoota baayyee yoo rukute iyyuu, kan akka qajeelfama jireenyaatti isa fudhatan garuu muraasa turan.LGEI 141.2

    Yesuus lallaba gaara gubbaa kan xumure fakkeenya barbaachisummaa waan inni barsiise kana hojii irra oolchuu agarsiisu dubbachuudhaan ture. Namootni Yesuusitti marsanii dhaggeeffachaa turan baayyeen isaanii kan bara baayyee galaana Galiilaa bira jiraatani dha. Yeroo gaara sana irra ta’anii dhaggeeffatan burqituu gaara sana jalaa ya’anii galaanichatti dabalaman ni argu. Bona bona burqituun kun gogee iddoon isaa owwaara ta’a. Yeroo ganni dhufu garuu burqituun sun guutee lolaa namni ittisuu hin dandeenye uuma. Yeroo baayyee warri hojii humnaa hojjetee bulu qarqara burqituu sanaatti godoo ijaarratanii jiraatu. Gaara sana gubbaatti garuu mana dhagaadhaan ijaarametu jira. Manni tokko tokko guutummaatti dhagaadhaan waan ijaaramaniif umurii waggaa kuma tokkoofaa qabu. Manneen kun dadhabbii guddaadhaan ijaaramu. Iddoon isaan itti ijaaramanis salphaatti kan bira ga’amu miti. Haa ta’u malee dhagaa irratti waan ijaaramaniif, lolaa fi bubbeen akkasumaan itti naanna’anii yaalu malee jigsuu hin danda’an.LGEI 141.3

    Akkuma namoota dhagaa kana irratti manicha ijaaranii namootni dubbii koo kana fudhatanii itti jiraatan dhagicha irratti amala isaanii fi jireenya siaanii ijaaruu isaaniiti. Jaarraa hedduu dura raajichi Isaayyaas akkas jedhee ture, “Dubbiin Waaqayyoo bara baraan dhaabatee hafa.” (Isa. 40:8); Pheexirosis lallaba gaara kana booda yeroo barreesse kan Isaayyaas keessaa caqasee ture, “dubbiin kun isa misiraachoo isinitti himame dha” (1 Phe. 1:25). Wanti biyyi lafaa kun beektu keessaa kan dhaabatee hafu dubbii Waaqayyoo qofa dha. Inni hundee amanamaa dha. “Samiii fi lafti darbuuf jiru, dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.” Mat. 24:35.LGEI 142.1

    Qajeelfamni seeraa, inni amala Waaqayyoo ta’e, dubbii Kiristoos gaara gubbaatti dubbate keessatti hammatameera. Warri seerota sana irratti ijaaramaa jiran Kiristoos isa dhagaa barootaa ta’e irratti ijaaraman. Dubbii Isaa fudhachuu keenyaan Kiristoosiin fudhanna. Kanaaf warra dubbii Isaa fudhatan qofatu Isa irratti ijaarama. “Hundeen dur ka’ame sunis Yesuus Kiristoos dha.” 1 Qor. 3:11. “Fayyinni Yesuus Kiristoos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru.” HoE. 4:12. Kiristoos, Dubbichi, Waaqayyo kan ittiin mul’ate—amala Isaa, seera Isaa, jaalala Isaa, jireenya Isaa,—hundeen nuti irratti amala bara baraan jiraatu ijaaruu dandeenyu isa qofa.LGEI 142.2

    Kiristoos irratti kan ijaaramnu dubbii isaaf abboomamuudhaan dha. Kan qajeelummaatti gammadu utuu hin taane kan qajeelummaa raawwatutu qajeelaa dha. Qulla’ummaan butamuu miti; bu’aa waan hundumaa Waaqayyootti kennuuti; fedha Abbaa keenya isa samii irraa raawwachuu dha. Sabni Israa’el kana’anitti marsanii waa’ee ishee beekuu duwwaan ykn faarfannaa ishee ilaallatu faarfachuu qofti waa’ee hin basuuf. Kun qofti iddoo dhaabaa wayinii sanaa fi dhadhaan ejersaa jiru, lafa Waaqayyo eebbise sana harka isaanii keessa hin galchu. Kan isaanii kan godhachuu danda’an, qabiyyee sana to’annaa isaanii jala galchuu, ulaagaalee jiran guutuu, Waaqayyotti amantii jiraataa qabaachuu, waadaa inni seeneef kan ofii isaanii godhachuun, seera isaaf abboomamuudhaan dha.LGEI 143.1

    Amantiin dubbii Kiristoosiin raawwachuu dha; Waaqayyo biraa gargaarsa argachuuf miti; Waaqayyo garuu warra isatti amanataniif kennaa hundumaa caalu ni kenna. Kiristoos fayyina kan inni rarraase maqaa dhumaan itti waamamuutti utuu hin taane amantii isa hojii qajeelummaa raawwachuun mul’atu irratti dha. Duuka buutota Kiristoos irraa kan eegamu dubbachuu qofa utuu hin taane raawwachuu dha. Amalli kan bocamu hojiidhaani dha. “Warri Hafuura Waaqayyootiin geggeeffaman hundinu ilmaan Waaqayyooti.” Rom. 8:14. Ijoolleen Waaqayyoo warra Hafuurri Qulqulluun garaa isaanii rukutee fi warra humna qabaachuu isaatti amanan miti, warra Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamani dha.LGEI 143.2

    Duuka buutuu Kiristoos ta’uu barbaaddee akkamitti akka jalqaban wallaaltee jirtaa? Dukkana keessa jiraattee akka itti ifa barbaadan wallaaltee jirtaa? Ifa qabdu duukaa bu’i. Dubbii Waaqayyoo amma beektuuf abboomamuuf onnee kee qopheessi. Humni Isaa fi jireenyi Isaa dubbii Isaa keessa jira. Dubbii Isaa amantiidhaan yeroo ati fudhattu akka ati abboomamuu dandeessuuf humna siif kenna. Ifa xinnoo qabduuf yeroo ati amanamtu ifa guddaatu siif dhufa. Dubbii Waaqayyoo irratti ijaaramaa jirta, amalli kees akka amala Kiristoositti ijaaramaa adeema.LGEI 143.3

    Kiristoos, ini hundee dhugaa ta’e, dhagaa jiraataa dha; jireenyi isaa warra isa irratti ijaaraman hundumaaf kan hiramu dha. “Akka dhagoota jiraatootti ijaarsa mana isa Hafuuraa sanaaf ta’aa.” “Guutummaan ijaarsa sanaa isumaan walitti qabamee, mana qulqullummaa Waaqayyoo ta’uudhaaf gooftaatti ni guddata.” 1 Phe. 2:5.; Efe. 2:21. Dhagooti sun hundee sanaa wajjin tokko ta’u; hunda isaanii keessa jireenya tokkotu buufata. Dhagicha kan gara galchuu danda’u hin jiru; “Kan jireenya Waaqayyoo wajjin hirmaate waan hundumaa irraa hafee jiraata.”LGEI 144.1

    Ijaarsi dubbii Waaqayyootiin alatti hundee kan biraa irratti ijaarame hundinuu ni jiga. Namni, akka Yihuudota bara Yesuus keessa turanii, yaada dhuunfaa, barmaataa fi yaada ofii qopheessan, akkasumas ayyaana Waaqayyoon alatti hojii ofii raawwatan irratti kan ijaare cirracha irratti of ijaaruu isaati. Qorumsi yeroo itti dhufu cirrachichi waan diigamuuf manichi ni jiga.LGEI 144.2

    “Kanaafis Waaqayyo akkas jedha,. . . Ani firdii ulee itiin safaran, qajeelummaas madaallii ittiin miijanan nan godha: soba isa ittiin kooluu galtan sana cabbiin ni balleessa, da’oo isin jalatti baqattanis lolaan ni jigsa.” Isa. 28:16, 17.LGEI 144.3

    Har’a garuu oo’i Isaa cubbamoota waamaa jirti. “Ani jiraataa dha, namni jal’aan karaa isaattii akka deebi’uu fi akka jiraatu malee ani du’a nama jal’aatti hin gammadu; deebi’aa isin yaa mana Israa’el, maaliif duutu? Karaa keessan isa hamaattii deebi’aa.” Hiz. 33:11. Sagaleen har’a warra qalbii hin jijjiirratinitti dubbachaa jiru sagalee Kiristoos isa magaalaa sanaaf gaddee dubbate dha: “Yaa Yerusaalem, ati raajota kan ajjeeftu, sitti kan ergamanis dhagaadhaan kan rukuttu, si’a meeqan handaanqoon cuucota ishee qoochoo ishee jalatti akkuma walitti qabattutti ijoolee kee walitti qabuu barbaade, atii fi ijoolleen kee garuu hin barbaadne; ilaa manni keessan one ni hafa.” Luq. 13:34, 35. Yesuus Yerusaalem keessatti dubbii Isaatiin mormuu isaanii arge. Inni garaa dhalaatiin siif bo’aa jira. Yeroo Yesuus gaara sana irra dhaabatee imimmaan isaa lolaase illee isaan ijoollee isaanii wajjin qalbii hin jijjiirratin jiru. Kennaan Samiitii dhufe sun fudhachuu ishee eegaa jira. Kanaaf, ammasdhaga’I, Yesuus sagalee jaalalaatiin sitti dubbachaa jira: “Kunoo ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga’ee balbala yoo anaaf bane ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhiyaadha, innis anaa wajjin ni nyaata.” “Kunoo yeroon jaallatamee fudhatame amma. Kunoo guyyaan fayyinaa amma Mul. 3:20; 2 Qor. 6:2.LGEI 144.4

    Warri abdii keessan ofii keessan irratti godhattan cirracha irratti ijaaraa jirtu. Haa ta’u malee ammas badiisa jalaa baqachuuf baayyee isinitti hin guyyaane. Utuu yeroon hamaan sun hin dhufin gara hundee isa amanamaatti baqadhaa. “Kanaaf Waaqayyo gooftaan kunoo, ani dhagaa hundeedhaaf ta’u Tsiyoon keessa nan ka’a; inni dhagaa qoramee ilaalame isa gati jabeessa; dhagaa isa golee qajeelchu dha. Hundee amanamaadhas; namni isatti amanu hin raafamu.” “Isin warri andaara lafaa jirattan hundinuu gara kootti deebi’aatii fayyina argadhaa; ani Waaqayyodha; ana malees kan biraa hin jiru.” “ani si wajjin waanan jiruuf hin sodaatin; ani Waaqayyo keetii hin na’in; ani sin jabeessa sin gargaaras; irree qajeelummaa koo isa mirgaatiin ol sin qaba.” “ati bara baraan hin yeellaasifamtu; hin salphattus.” Isa. 28:16.; 45:22; 41:10; 45:17.LGEI 145.1

    *****

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents