Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Cubbuu keenyas nuuf dhiisi; nus immoo warra nu yakkan hundumaaf ni dhiifnaa.” Luq. 11:4.

    Yesuus kan inni barsiise, Waaqayyo biraa kan dhiifama argannu warra nu yakkaniif kan dhiifnu yoo taane qofa dha. Jaalala Waaqayyooti kan gara isaatti nu harkisu, jaalalli isaa immoo nuti jaalala obbolootaaf hin qabnu taanaan nu hin tuqu.LGEI 111.1

    Kadhata sana erga xumuree booda Yesuus akkas jedhe, “yoo yakka namootaa dhiiftaniif, Abbaan keessan inni samii irraa cubbuu keessan isiniif dhiisa: garuu yoo namootaaf cubbuu isaanii hin dhiiftan ta’e, abbaan keessan inni samii irraas cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.” Namni cubbuu namaaf hin dhiifne toora ittiin Waaqayyo biraa araara argatu addaan kuta. Warri nu yakkan sun amma isaan yakka isaanii amananii dhiifama nu gaafatanitti hin dhiifnuuf jechuu hin qabnu. Qalbii jijjiirrachuu fi cubbuu isaanii himachuun ga’ee isaanii akka ta’e shakkii hin qabu; isaan cubbuu isaanii himatanis dhiisanis nuti garuu garaa isaaniif dhiisu qabaachuu qabna. Ammam illee baayyinaan yoo nu madeessan, nuti dhiifama isaan dhowwachuu hin qabnu. Waaqayyo biraa araara abdachuudhaaf warra nu yakkan hundumaaf araara gochuu qabna.LGEI 111.2

    Dhiifamni garuu akka itti namootni yaadanii olitti hiikkaa guddaa qaba. Waaqayyo cubbuu keessan hunduama isiniifan dhiisa yeroo jedhu hiiki isaa kan nuti tilmaamuu dandeenyuun oli dha: “Yaadni koo akka yaada keessanii, karaan koos akka karaa keessanii miti; akkuma samiin lafa irraa ol fagaatu, akkanuma karaan koo karaa keessan irraa yaadni koos yaada keessan irraa ni fagaata.” Isa. 55:7-9. Cubbuu dhiisuun Waaqayyoo adabbii irraa walaba nu gochuu qofa miti. Cubbuuf dhiifama gochuu qofa utuu hin taane cubbuu keessaa baasuuf falmachuu dha. Jaalala fayyisuu danda’u sana dha kan onnee jijjiiruu danda’u. Daawwit yeroo kadhannaa itti aanu kana kadhate hiikkaa dhiifamaa isa dhugaa hubateeti, “garaa qulla’aa anaaf uumi, yaa Waaqayyo; hafuura dhaabbataas ana keessatti haaressi.” Far. 51:10. Irra deebi’ee akkas jedhe, “Ba’i biiftuu lixa biiftuuttii akka fagaatu, innis irra daddarbaa keenya nuttii ni fageessa.” Far. 103:12.LGEI 111.3

    Waaqayyo karaa Kiristoosiin cubbuu keenyaaf of kenne. Du’a gara jabeenya fannoo irratti fudhate, ba’aa yakkaa nuuf baate, “inni qajeelaan iddoo warra jallootaa,” kanas kan godhe jaalala isaa nutti agarsiisee gara ofii isaatti nu harkisuuf dha. Dabalee akkas jedhe, “Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; akkuma Waaqayyo karaa Kiristoos cubbuu keessan isiniif dhiise isinis akkasuma waliif dhiisaa.” Efe. 4:32. Kiristoos, inni jireenya ta’e, isin keessa bulee, karaa keessan lubbuu abdii kutattee fi cubbuudhaan miidhamtetti jaalala Samii haa agarsisu. Gara Waaqayyoo yeroo dhufnu, Gara Waaqayyoo dhufuudhaan araara warri arganne Ayyaana isaan warra kaanitti mul’isuu qabna.LGEI 112.1

    Araaraa fi jaalala Waaqayyoo fudhachuudhaaf wanti baayyee barbaachisu tokko jaalala inni nuuf qabutti amanuu dha. Yoh. 4:16. Seexanni akka nuti jaalala sana adda hin baafanneef waan danda’u hunda gochaa jira. Akka nuti cubbuun keenya guddaa waan ta’eef Waaqayyo kadhannaa keenya dhaga’ee nu eebbisuu hin fedhu jennee yaadnu godha. Ofii keenya keessatti wanti nuti arguu dandeenyu cubbuu keenya qofa dha, wanti akka nuti Waaqayyotti dhiyaannu nu godhu tokko hin jiru, kanaaf seexanni gatii akka hin qabne nutti hima; nuti ofii keenyaa rakkoo keenyaaf furmaata kennuu hin dandeenyu. Yeroo nuti Waaqayyootti dhiyaachuuf jennu, Seexanni nutti asaasee, kadhachuun kee gatii hin qabu; ati yakka sana hin hojjennee? Waaqayyo irratti cubbuu hin hojjennee? jedha. Haa ta’u malee diina keenyaan akkas jechuu dandeenya, “dhiigni Kiristoos cubbuu keenya hundumaa ni qulleessa.” 1 Yoh. 1:7. Yeroo cubbuu hojjenneerra waan ta’eef kadhachuu hin dandeenyu jennee yaadnutti, yeroon kadhachuu qabnu yeroo sana dha. Yeroo kadhachuu qaanofnu sanatti kadhachuu fi amanuu qabna. “Dubbiin Kiristoos Yesuus cubbamoota fayyisuudhaaf gara biyya lafaa dhufe jedhu amanamaa dha, guutummaatti fudhatamuunis ni ta’aaf. Warra cubbamootatti lakka’aman keessaa immoo ani isa duraati.” 1 Xim. 1:15. Waaqayyotti araaramuu fi dhiifama cubbuu kan nuti argannu hojii keenyaan ykn gaarummaa keenyaan miti, sun kennaa qajeelummaa Kiristoosiin nuuf kennamu dha.LGEI 112.2

    Cubbuu calluma jennee ilaaluudhaan miira cubbamaa ta’uu keenyaa hir’isuu hin qabnu. Waaqayyo cubbuu ammamitti akka inni tilmaamu ilaaluu qabna, innis ulfaataa ta’uu isaati. Ulfaatina cubbuu kan mul’isuu danda’u qaraaniyoo qofa dha. Cubbuu keenya nutu baata yoo ta’e nu cabsa. Haa ta’u malee isa cubbuu hin qabne sanatu iddoo keenya bu’e; kan baachuun isaaf hin malle, yakka keenya baate. “Cubbuu keenya yoo isatti himanne, inni amanamaa fi qajeelaa waan ta’eef, cubuu keenya nuuf ni dhiisa, jallina keenya hundumaattiis nu qulleessa. 1 Yoh. 1:9. Dhugaa ulfina qabeessa! - Isa qajeelaa ta’etu, warra Yesuusitti amanan hunda qajeelota godha. “Yaa Waaqayyo kan akka kee cubbuu namaaf dhiisu eenyuree? Ati dhuunfaa kee kan ta’an keessaa warra hafaniif balleessaa isaanii irra ni dabartaaf, ati gaarummaatti gammadda malee dheekkamsa keessa hin ooltu.” Miik. 7:18.LGEI 113.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents