Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Balbala isa dhiphaadhaan ol galuudhaaf wal dorgomaa.” Luq. 13:24.

    Namni aduun itti dhiyee, utuu balballi hin cufamin achi ga’uuf ariifatu, waan calaqqisu ilaaluudhaaf booda isaa hin mil’atu. Xiyyeeffannaan isaa hundinuu kaayyoo tokkicha irratti dha, innis balbalichatti ol seenuu. Jireenya Kiristaanaa keessattis akkasuma ta’uu qaba jedhe Yesuus. Ulfina amala kootii isa ulfina mootummaa kootii ta’e isiniif baneera. Kun immoo mootummaa biyyaa lafaa kamiin iyyuuisin hin abdachiisu; haa ta’u malee fedhii keessan isa guddaa gaafata. Biyya lafaa irratti aangoo ol aanu qabachuuf akka wal’aansoo qabadaniif isin hin waamu, haa ta’u malee wal’aansoon hin jiru jettanii hin yaadinaa. Akka isin mootummaa koo isa kan Hafuuraatti seentaniifan isin waama.LGEI 136.1

    Jireenyi Kiristaanaa wal’aansoo dha. Mo’ichi garuu humna namummaatiin hin argamu. Dirreen waraanaa onnee namaati. Waraanni nuti waraannus—waraana guddaa namni waraanee hin beekne—fedha Waaqayyoof of kennuu dha, onneen gara ol’aantummaa jaalalaatti harkifamuu isheeti. Namummaa inni moofaan, innii dhiigaa fi fedha fooniitiin dhalate, mootummaa Waaqayyoo dhaaluu hin danda’u. Amalli duraanii hundinuu iddoo gad dhiisuu qabu.LGEI 136.2

    Namni mootummaa Hafuuraatti galuudhaaf adda of baase tokko humni fi kaka’umsi inni qabu humnoota mootummaa dukkanaa biraa danqaa akka argatu ni beeka. Koorrii fi ofittummaan akka isaan cubbuu isaanii hin agarre isaan godhu. Nuti ofii keenyaan fedhii jal’inaa mo’achuu hin dandeenyu. Diina jabaa qabaa isaa keessa nu galchate mo’uu hin dandeenyu. Ofii keenya, fedhii keenyaa fi karaa keenya irratti ofuma keenyaa gooftaa akka taanu barbaada. Haa ta’u malee yoo nuti yaada kennineef malee qofaa isaa hin hojjetu. Hafuurri Waaqayyoos karaa dandeettii namaaf kennamee hojii isaa hojjeta. Waaqayyoo wajjin hojjechuudhaaf annisaan keenya barbaachisaa dha.LGEI 136.3

    Utuu hin kadhatinii fi tarkaanfii keenya hunda keessatti gad of hin deebisin mo’icha argachuu hin dandeenyu. Waaqayyo nu hin dirqisiisu, fedhii keenyaan garuu isaa wajjin hojjechuu qabna. Hafuurri Waaqayyoo dachaa dhibba isin dirqisiisuudhaan kiristaana samiif malu isin gochuu hin danda’u. Jabinni Seexanaa sanaan hin cabu. Fedhiin keenya fedhii Waaqayyoo wajjin hiriiruu qaba. Ofii keetiin fedha kee fi kaayyoo kee gara Waaqayyootti fiduu hin dandeessu; yoo akka inni fedha isaa si keessatti raawwatuuf fedha yoo qabaatte hojicha isatu si keessatti raawwata. Isaan booda, “Waanuma Ogummaa Waaqayyoo gufachiisuudhaaf dura dhaabatu hundumaa diignee, yaada namootaa Kiristoosiif abboomsisuudhaaf ni boojina.” 2 Qor. 10:5. “Hojii fayyina keessanii wajjin waliif galu sodaadhaaf rom’aan itti fufaa hojjedhaa. Waaqayyo akka akeeka isaa isa gaariittii hojjechuudhaaf fedha akka qabaattaniif, akka hojjettaniifis isin gidduutti ni hojjeta.” Filip. 2:12, 13.LGEI 137.1

    Baayyonni miidhaginaa fi ulfina samiitiin harkifamanii ulaagaa kana guutuu dadhabuudhaan kan isaanii hin godhatin hafu. Namoota baayyeetu utuu itti hin gammadin karaa isa bal’aa sana irra adeema. Garbummaa cubbuu jalaa boqochuuf ni hawwu, haa ta’u malee sana jalaa ba’uuf shaakalaa fi tooftaa mataa isaanii qopheeffachuu yaalu. Karaa fi balbala dhiphaa sana ilaalu; ofittummaatti gammaduun, biyya lafaa jaallachuun, koori, inaaffaa hamaan, isaanii fi Fayyisaa keenya gidduutti danqaraa ta’e. Fedhii isaanii kana dhiisuun aarsaa baasuu waan isaan gaafatuuf dhiisanii deebi’u. “Namootni baayyeen kanaan ol galuudhaaf karaa barbaadu, garuu hin danda’an.” Luq. 13:24. Gaarii ni hawwu, gochuufis ni dhama’u; garuu isa hin filatan; gatii barbaachisu baasanii isa bira hin ga’an.LGEI 137.2

    Mo’ichaaf kan nuti abdii qabaachuu dandeenyu guyyaatii gara guyyaatti, yeroo dhaa gara yerootti fedha keenya fedha Waaqayyoo wajjin yoo wal simsiifne qofa dha. Anummaa keenya qabannee mootummaa Waaqayyootti galuu hin dandeenyu. Qulqullummaa kan nuti argachuu dandeenyu ofii keenya gannee sammuu Yesuusiin fudhachuudhaan dha. Koorrii fi of ga’aa ta’uun aarsaa ta’uu qaba. Gatii nurra barbaadamu baasuuf fedha qabnaa? Fedhiin keenya guutummaatti fedha Waaqayyoo wajjin akka wal simatu ni barbaadnaa? Amma nuti sanaaf fedha godhannutti Ayyaanni Waaqayyoo inni nama jijjiiru nurratti mul’achuu hin danda’u.LGEI 138.1

    Lolli nuti ittiin gatii argachuuf jirru “lola gaarii kan amantiiti.” “Jabina isaa isa humnaan ana keessaa hojjechaa jiruun, kana gochuuf itti nan dadhaba, wal’aansoon ittiin qabas,” jedhe Phaawulos. Qol. 1:29.LGEI 138.2

    Yaaqob yeroo gidiraa isaatii sana keessa gara kadhannaatti deebi’e. Kaayyoon isaa tokkicha ture—humna amala isaa jijjiiru barbaaduu. Haa ta’u malee utuu inni Waaqayyoon kadhataa jiruu diinni isaa akkuma amala isaatii wal’aansoo ittiin qabuu jalqabe. Haa ta’u malee sanaanis kayyoon isaa hin jijjiiramne. Yeroo humni isaa dhumuu ga’etti, Ergamaan Waaqayyoo humna isaa itti agarsiise; yeroo sana Yaaqob eenyuu wajjin akka wal’aansoo qabaa ture bare. Namni wal’aansoo diinaa wajjin godhe keessatti madaa’ee fi gargaarsa hin qabne kun laphee Waaqayyoo irratti kufee eebba kadhate. Inni utuu hin nuffinii fi hin dadhabin gaaffii isaa ittuma fufe; Kiristoosis akkuma Abdachiise isaaf ni godhe, “Anatti kooluu haa galan, anaa wajjinis nagaa haa buusan.” Isa. 27:5. Yaaqob adda baasuudhaan kadhate, “Na eebbiftu malee si hin gadhiisu.” Uum. 32:26. Kan mo’icha isaa kennee fi kan maqaa isaa Yaaqob irraa gara Isra’elitti jijjire Waaqayyo dha. Akkas ittiin jedhe, “Ati Waaqayyotti, namattis marmite gad dhiisuu diddee dhaabbachuu dandeesseetta.” Uum. 32:28. Yaaqob ofii isaatiin wal’aansoo kana kan qabe utuu hin taane guutummaatti Waaqayyotti of kennuudhaa fi amantii jabaadhaan ture. “Humni ittiin biyya lafaa mo’an kunis amantii keenya.” 1 Yoh. 5:4.LGEI 138.3

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents