Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Isin soogidda biyya lafaati.” Mat. 5:13.

    Soogiddi kan jaallatamu waa utuu hin badin tursuu waan danda’uuf dha; Waaqayyos ijoollee Isaatiin soogidda jedhee yeroo waamu, karaa ayyaana Isaatii akka isaan fayyina warra kaaniif hojjettota ta’aniif isaan barsiisuuf dha. Kaayyoon Waaqayyoo ijoollee Isaa godhee isaan guddifachuu qofaaf utuu hin taane karaa isaanii biyyi lafaa ayyaana isa nama fayyisuu danda’u akka fudhatan gochuuf dha. Tit 2:11. Waaqayyo Abirhaamiin yeroo filate, akka inni michuu addaa Waaqayyoof ta’uuf qofa miti; qooda gaarii Waaqayyo saba sanaaf kennuu barbaaduuf giddu galeessa akka ta’uuf dha. Yesuus fannifamuu Isaatiin dura kadhannaa isa dhumaa bartoota isaa wajjin kadhate keessatti akkas jedhe, “Isaan immoo dhugaatti kan qulqulla’an akka ta’aniif ani isaaniif jedhee of nan qulleessa.” Yoh. 17:19. Haaluma wal fakkaatuun kiristaanotni warri dhugaadhaan qullaa’an humna manca’ina irraa biyya lafaa eeguu danda’u of keessaa qabu.LGEI 36.1

    Soogiddi waan itti naqame sanaa wajjin wal fudhachuu qaba; utuu hin manca’in tursuudhaaf keessa seenuu qaba. Akkasuma kana namootni Wangeela fudhatanii fayyuu danda’an isaanii wajjin walitti dhufeenya uumuudhaanidha. Gareedhaan utuu hin taane dhuunfaadhaan fayyu. Dhuunfaatti dhiibbaa gochuun humna qaba. Namoota gargaaruu barbaannutti haa dhiyaannu.LGEI 36.2

    Minyaawuun soogiddaa barbaachisummaa humna kiristaanotaa bakka bu’a. Sunis jaalala Yesuus isa onnee keessa jiruu fi qajeelummaa Kiristoos isa jireenya kennu dha. Jaalalli Kiristoos humna guddaadhaan kan nama keessa seenu dha. Yoo nu keessa bule, warra kaanittis ni lola’a. Amma onneen isaanii ho’a jaalala ofittumaa hin qabne isa nuti itti agarsiifnuun ho’utti itti dhiyaachuu qabna. Kiristaanotni dhugaan annisa maddisiisu. Sun immoo lubbuu isaan dadhabaafii jiran keessa cabsee seena. Kun humna namichaa miti, humna Hafuura qulqulluu isa hojii nama jijjiiruu hojjetu dha.LGEI 36.3

    Yesuus akeekkachiisa akkas jedhu itti dabale: “Soogiddi minyaawummaa isaa yoo dhabe, soogiddi maaliin minyawaree? Sana booda waa’ee hin baasu, ni gatama, miillaanis irra ni ejjetama.”LGEI 37.1

    Sabni sun utuma dubbii kiristoosiin dhaggeeffachaa jiranii, yaada isaaniitti soogidda adii sababii waa’ee hin baafneef gadi baafamee gatame ilaalaa turan. Sun immoo haala Fariisotaa fi dhiibbaa amantiin isaanii hawwaasa irraan ga’aa jiru sirriitti bakka bu’a ture. Fakkeenyi kun namoota ayyaana Waaqayyoo irraa fagaatanii qabbanaa’oo fi Kiristoosiin kan of keessaa hin qabne hunda bakka bu’a. Ogummaa kamiin iyyuu yoo qabaate namni akkasii namootas ta’e ergamoota duratti akka dadhabaatti ilaalama. Nama akkasiitiin dha kan Kiristoos akkas jedhe: “Ati garuu bu’aa dha; diilalla’aa ykn bulluqaa waan hin ta’iniif akka nama bishaan bu’a’aa afaan isaa keessaa tufuutti anis si tufuufan jira.” Mul. 3:15, 16.LGEI 37.2

    Amantii jiraataa ta’e Kiristoositti hin qabnu taanaan biyya lafaa hin amanne kana irraan dhiibaa tokko iyyuu ga’uu hin dandeenyu. Waan ofii keenyaaf hin qabne nama biraaf kennuu hin dandeenyu. Ammuma dhuunfaatti kadhannuu fi Kiristoosii wajjin walitti dhufeenya uumnu dha kan nuti ilmaan namootaaf eebbaa fi guddina taanu. Yoo tajaajilli dhugaan hin jiru ta’e, jaalalli dhugaan hin jiru, muuxannoo qabatamaan hin jiru, humni ittiin gargaaran hin jiru, samii wajjin walitti dhufeenyi hin jiru, minyaan Kiristoos jireenya keessa hin jiru. Yoo Hafuurri qulqulluun nutti dhimma ba’uudhaan dhugaa Yesuus keessa jiru biyya lafaatti dabarsuu hin danda’u ta’e, nuti akkuma soogidda minyaa isaa dhabee gatamuu waan taanuuf waa’ee hin baafnu. Ayyaanni Kiristoos nutti hir’achuu isaatiin akka dhugaan nuti lallabnu humna hin qabne biyya lafaatti himaa jirra; kanaafidha kan amma ammaatti dubbiin Waaqayyoo nu keessatti hin hojjetin jiru. “Afaan namaan ykn afaan ergamoonni Waaqayyoo dubbataniin dubbadhee jaalala yoon qabaachuudhaa baadhe, ani akka sibiila kililchuu ykn dibbee kosh kosh jedhuun ta’e. Raajii dubbachuudhaaf kennaa qabaadhee, dhoksaa jiru hundumaa beekee, beekumsa hundumaa qabaadhee, gaara iddoo isaatii hamman bututti amantii guutuus qabaadhee jaalala yoon qabaachuudhaa baadhe garuu, ani homaa miti. Wantan qabu hundumaa warra dhabaniif hiree ittiin of jajuudhaafis jaalala yoon qabaachuudhaa baadhe garuu, homaa waa’ee anaaf hin baasu.” 1 Qor. 13:1-3.LGEI 37.3

    Jaalalli yeroo onnee keessa guutu gara warra kaaniitti lola’a. Kunis kan ta’u, isaan irraa waan gaarii waan arganneef utuu hin taane jaalalli qajeelfama hojiin agarsiisuu waan ta’eef dha. Jaalalli amala ni qajeelcha, rukuttaa onnee ni to’ata, diinummaa ni balleessa, wal jaallachuu ol qaba. Jaalalli kun akkuma addunyaa kanaa bal’aa dha, hojii ergamoota hojii irra jiranii wajjinis wal sima. Onneen jaalala qabu, jireenya guutummaa kan minyawaa taasisuu fi naannoo isaatti eebba kan dhangalaasu dha. Isa kanaa fi kana qofatu biyya lafaaf soogidda nu gochuu danda’a.LGEI 38.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents