Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Isin ifa biyya lafaati.” Mat. 5:14.

    Yesuus yeroo barsiisutti xiyyeeffannaa namootaa gara Isaatti harkisuudhaaf fakkeenyaan waa’ee isaanii isaanitti hima ture. Bariidhaan namootni gara Isaa dhufan. Aduun miidhagduun samii keessaa ol ba’aa dhuftee gaaddidduu warra Gaara jala jiran irra buufate ari’aa dhufe. Ulfinni samii gara bahaa irraan jiru amma iyyuu hin badin jira. Ifni aduu lafa uffise; galaanni achi jiran ifa warqee fakkaatu calaqqisiisee duumessa ganamaa of keessatti agarsiise. Abaaboon hundinuu fixeensa harcaafate. Biqilaan hundinuu eebba ganamaatti gammadan, simbirroonnis mukeetii keessaa ni faarfatan. Fayyisaan namoota Isa duratti walitti qabamnii fi ifa aduu baate ilaalaa bartoota isaatiin akkas jedhe, “Isin ifa biyya lafaati.” Akkuma aduun toora isaa eeggatee ol ba’aa adeemuudhaan dukkana ari’ee namoota dammaqsu, akkasuma duuka buutonni Kiristoos toora ergama isaanii irra adeemuudhaan ifa samii biyya lafaa cubbuu fi dogoggoraan dukkanoofte kana irratti ibsuu qabu.LGEI 39.1

    Ifa miidhagaa ganamaa sanaan magaalonnii fi mandarootni naannoo gaara sanaa jiran hundi sirriitti mul’achuudhaan miidhaginni isaanii argame. Gara isaaniitti quba qabee Yesuus akkas jedhe, “Magaalaan gaara gubbaatti ijaaramte dhookachuu hin dandeessu.” Itti dabalees “Eenyu illee ibsaa bobeessee qodaa jala hin kaa’u; garuu baattuu ibsaa irra kaa’a; ifi isaas namoota manicha keessa jiran hundumaaf ni ifa.” Namootni dubbii Yesuus dubbatu dhaggeeffachaa turan baayyeen isaanii dafqaan bulaa fi qurxummii qabdoota waan turaniif mana kutaa tokkitti keessa jiraatu; kanaaf ibsaa tokkittiitu baataa irra taa’ee mana isaanii guutummaa ibsaaf. Yesuus akkas jedhe, “Isaan hojii keessa isa gaarii arganii isa waaqa irraa Abbaa keessan akka galateeffatanitti, ifni keessan namoota duratti haa ifu.”LGEI 39.2

    Ilmaan namootaa kufe fayyisuudhaaf kanaan duras ta’e fuula duratti ifni ifa Yesuus irraa ba’een qixxaatu hin jiru. Ifni dukkana cubbuu biyyi lafaa keessa ciisaa jirtu kana ibsuu danda’u Yesuus fayyisaa malee kan biraan hin jiru. Kiristoosiin ilaalchisee akkas jedhamee ture, “Jireenyi Isa keessa ture; jireenyichis ifa namootaa ture.” Yoh. 1:4. Jireenya Isaa fudhachuudhaani dha kan bartootni Isaa baattota ibsaa ta’uu danda’an. Jireenyi Kiristoos inni lubbuu keessa jiruu fi jaalalli isaa inni amala isaanii keessaan mul’atu biyya lafaatiif ifa isaan gochuu danda’a.LGEI 40.1

    Namummaan ofii isaatii ifa tokko iyyuu hin qabu. Kiristoosiin malee nuti akka dungoo hin qabsiifamnee fi akka ji’a aduutti dugda gatteeti; nuti ifa gara biyya lafaa ishee dukkanooftuutti erginu tokko iyyuu hin qabnu. Gara aduu qajeelummaatti yeroo fuula deebifnu garuu, yeroo Yesuusii wajjin harka wal qabannu, lubbuun guutummaan ifa argamuu Waaqayyootiin guutamti.LGEI 40.2

    Duuka buutonni Kiristoos namoota gidduutti ifa irra caaluu qabu. Isaan ifa biyya lafaati. Kiristoos warra maqaa Isaatti waamaman hundumaan akkas jedha, ofii keessan anaaf kennitaniittu, ani immoo akka bakka buutota kootiitti biyya lafaaf isin kenneera. Akkuma Abbaan biyya lafaatti Isa erge, innis akkas jedheera, “Anis akkasuma gara biyya lafaatti isaan ergeera.” Yoh. 17:18. Akkuma Kiristoos Abbaa Isaa mul’isu, nutis Kiristoosiin kan mul’ifnu dha. Yaa kiristaanotaa, Yesuus madda ifa hundumaa yoo ta’e iyyuu namoota keessaan mul’achuu isaa hin dagatinaa. Eebbi Waaqayyoo kan inni caalaatti mul’atu karaa namootaati. Kiristoos iyyuu gara biyya lafaa kan dhufe akka ilma namaatti dha. Namummaan Waaqummaa wajjin wal qabate namoota tuquu qaba. Waldaan Kiristoos, duuka buutuun Gooftaa tokkoon tokkoon isaanii, kan samiin Waaqayyoon mul’isuudhaaf bakka isaan buuse dha. Lubbuu badiisaaf qopha’aniif ifa samii fi humna dabarsuudhaaf ergamootni ulfinaa siin eegaa jiru. Bakka bu’aan nama ta’e kun hojii haa raawwatuuf itti kenname raawwachuu dhiisuu qabaa? Ammuma sana biyyi lafaa kun abdii Hafuurri Qulqulluun kenneef sarbamtee jirti!LGEI 40.3

    Yesuus garuu, bartota Isaatiin, “Ifni keessan akka ifuuf yaalaa” hin jenne; “Ifni keessan haa ifu” jedhe. Yoo Kiristoos onnee keessa jiraate ifa argama Isaatii dhoksuun hin danda’amu. Namootni duuka buutota Kiristoosi dha jedhaman biyya lafaaf hin ibsan yoo ta’e, humni isaan dhiisee deemeera jechuu dha; ifa kennan hin qaban taanaan, madda ifaa wajjin wal hin qabanne jechuu dha.LGEI 41.1

    Baroota hundumaa keessatti, “Hafuurri Kiristoos inni isaan keessa ture” (1 Phe. 1:11) ijoolleen Waaqayyoo warri dhugaan akka isaan dhaloota yeroo isaanii keessa turaniif ibsan isaan taasiseera. Yoosef biyya Misir keessatti ibsaa ture. Qullaa’ummaa fi jaalala isatiin biyya waaqa tolfamaa duukaa bu’u keessatti Kiristoosiin bakka bu’ee ture. Yeroo sabni Israa’el biyya Misirii gara biyya abdii sanatti deebi’uuf karaa irra turan warri garaa dhugaa qaban saba naannoo isaanii turaniif ifa ta’aniiru. Karaa isaanii Waaqayyo biyya lafaatti mul’ateera. Karaa Daani’elii fi hiriyyoota isaa biyya Baabiloon keessatti, karaa Mardakiyoos biyya Faaris keessatti dhaddacha Moototaa dukkanaan guute irratti ifni guddaan ba’eera. Haaluma wal fakkaatuun, duuka buutotni Kiristoos karaa gara samiitti geessu gubbaatti ifa akka baataniif ka’aman; karaa isaanii biyya lafaa dukkanaan liqimfamtee Waaqayyoon wallaalteef araarrii fi gaarummaan Waaqayyo mul’ata. Hojii isaanii isa gaarii arguudhaan, warri kaan gara Abbaa isaanii Isa samii irra jiru galateeffachuutti ni dhufu; karaa isaanii Waaqayyo Inni teessoo irra jiru amalaa fi eenyummaa galateeffatamuu qabu akka inni qabu mul’ata. Jaalalli Waaqummaa onnee keessatti guddachaa deemu, tokkumaan Kiristoosiin fakkaachuu jireenya keessaa mul’atu, akka isaan dinqisiifataniif mil’uu samiin namoota biyya lafaa irra jiran mil’ate dha.LGEI 41.2

    Gara, “Jaalala Waaqayyo nuuf qabu” hubachuu fi amanuutti namootni ni geggeeffamu. l Yoh. 4:16. Kanaaf, onneen takkaa cubbamaa fi manca’aa ture qulqullaa’ee fi haareffamee yeroo dhiyaatu, “Mudaa malee gammachuudhaan ulfina isaa dura isin dhaabbachiisuu ni danda’a.” Yih. 24.LGEI 42.1

    Dubbiin fayyisaa, “Isin ifa biyya lafaati,” jedhu akka Inni hordoftoota Isaatti ergama biyya lafaa guutummaa ialaallatu Isaanitti dabarse agarsiisa. Bara Kiristoos lafa irra ture keessa, ofittummaa fi koormaan dallaa guddaa namoota seera Waaqayyoo eegsisuuf itti gaafatamummaa fudhatanii fi saba biyya lafaa gidduu jiru gidduutti uumee gargar baase. Haa ta’u malee, Fayyisaan isaan kana hunda jijjiiruuf dhufe. Dubbiin isaan Isa irraa dhaga’aa jiran kan gonkumaa lubootaa fi barsiisota isaanii irraa dhaga’anii hin beekne dha. Kirstoos keenyan garaa garummaa sana ni tarsaase, of jaallachuu, sanyiin adda wal qooduu, balleessee ilmaan namootaa hundumaa jaallachuu isaan barsiise. Namoota dhiphummaa ofittummaa irraa ijaarame keessaa baasee, sarara garaa garummaa fi sanyummaa isaan gidduu jiru balleesse. Olla fi orma, michuu fi diina gidduutti addaa addummaa tokko illee hin hambifne. Lubbuu gargaarsa barbaaddu hundumaa akka olla keenyaattii fi biyya lafaa ammo akka maasii keenyaatti akka ilaaluu qabnu nu barsiisa.LGEI 42.2

    Akkuma qarri aduu golee lafaa hundumaa keessa seenu, akkasuma Wangeelli lubbuu lafa irra jiru hundumaa bira akka ga’uu qabu Waaqayyo karoorse. Yoo waldaan kaayyoo Waaqayyoo kana bakkaan ga’uudhaaf hojjette, lubbuu lafa kana irraa dukkanaa fi gaaddisa du’aa keessa jiran hundumaaf ifni wangeelaa ni qaqqaba. Qooda walitti qabamanii dirqama fannoo baachuuf qaban wal harkatti didan, utuu kiristaanotni addaan faca’anii lafa hundumaa wal ga’anii, ifa Kiristoosiin bakka jiran hundatti ibsanii, akkuma Inni hojjete fayyina namootaatiif utuu hojjetanii silaa, “Wangeelli mootummaa” kun ariitiidhaan biyya lafaa wal ga’a ture.LGEI 43.1

    Kanaafuu, kaayyoon Waaqayyo bara Abirhaamiin waamee kaasee amma bara keenyaatti ijoollee Isaa waamuuf raawwiidhaan akka ga’aniif dha. Akkas jedhe, “Sin eebbisa, , . . . eebbas ni taata.” Uum. 12:2. Dubbiin Kiristoos karaa Wangeela raajii dubbatee lallaba gaara gubbaa irratti immoo irra deebi’e, ergaa nu warra bara dhumaa keessa jirruuf ta’u dha: “Ka’iitii ibsi, ibsaan kee siif dhufeeraa; ulfinni Waaqayyoos siif ifeeraa.” Isa. 60:1. Yoo hafuura kee irratti ulfinni Waaqayyoo ife, yoo miidhagina isa, “Angafa kumaa” fi “Isa jaallatamaa” argiteetta ta’e, yoo lubbuun kee aragamuu ulfina isaatti gammaddeeti ta’e, ergaan Gooftaa biraa ergame kun kan keeti. Gaara jijjiiramaa sana irra Kiristoosii wajjin dhaabatteettaa? Gaara sana jala seexanaan kan garboomfaman lubbuu baayyeetu jira; isaan dubbii amantii fi kadhannaa luba isaan baasu eeggachaa jiru.LGEI 43.2

    Nuti ulfina Kiristoosiin calaqqisiisuuf qofa miti kan waamamne, guddummaa Isaas dubbachuuf dha. Isaayyaas ulfina Kiristoosiin arguu qofa utuu hin taane waan arges dubbateera. Daawwit ibidda boba’u yeroo argetti; arraba isaanis ni dubbate. Yeroo waa’ee jaalala Waaqayyoo hubatetti cal jechuu hin dandeenye, waan argee fi waan itti dhaga’ame dubbate. Amantiidhaan karoora fayyinaa argee, ulfina ilma Waaqayyoo isa tokkicha ilaalee, kan hin dubbanne eenyu dha? Jaalala Isa dhuma hin qabne yeroo Kiristoos du’e fannoo Qaraaniyoo irratti argee, kan Inni akka nuti hin badneef jireenya bara baraa akka qabaannuuf raawwate argee jecha ittiin ulfina Fayyisaa keenyaa himu kan dhabu eenyu?LGEI 44.1

    “Mana qulqullummaa Isaa keessatti hundinuu hooqubaa ni dhiyeessu.” Far. 29:9. Faarfataan Israa’el inni beekamaan kiraaraan yeroo faarfate akkas jedhe, “Isaan waa’ee simboo ulfina kee, waa’ee surraakee, waa’ee hojii kee isa dinqisiisaas itti yaadanii ni dubbatu; isaan waa’ee aangoo hojii kee isa guddaa sodaachiisaa ni dubbatu; anis guddina kee nan hima.” Far. 145:5, 6.LGEI 44.2

    Fannoon Qaraaniyoo akka sammuu fi yaada namaa hundumaa hawwatutti ol kaafamuu qaba. Sana booda dhimmootni Hafuuraa hundinuu humna Waaqayyo biraa dhufuun ni jijjiirama. Sana booda Gooftaadhaaf hojjechuudhaaf humni hundinuu walitti kuufama. Hojjettootni biyya lafaa ibsuudhaaf akka ergamoota ifaati gara biyya lafaatti ni ergamu.LGEI 44.3

    Kiristoos ilmaan namootaa garaa guutuudhaan isaaf of kennan hunda gammachuu guddaadhaan simata. Inni namoota akkasii gara tokkummaa waaqummaatti fiduudhaan iccita jaalala Waaqa Isa foon uffatee ni hubachiisa. Isa dubbata, isa kadhata, isa faarfata; ergaa ulfina Isaatii kana labsaa, biyyoota biyya duuba jiran hundaa biraan ga’uuf itti fufa.LGEI 45.1

    Qorumsa obsaan baachuun, eebba fudhachuun, qorumsaan mormuun, gaarummaan, garraamummaan, araarri, fi jaalalli mul’atan ifa amala Kiristaanotaa isa faallaa dukkana onnee ofittummaa keessa jiruu fi kan ifi jaalalaa irratti ifee hin beekneeti.LGEI 45.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents