Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    Boqonnaa 6 - Murteessuu Utuu Hin Taane, Hojjechuu

    “Waaqayyo akka isinitti hin faradnetti isin namatti hin faradinaa.” Mat. 7:1.

    Hojii ofiitiin fayyina argachuuf yaaluun akka namootni dallaa cubbuu ijaaran godha. Sana ilaaludhaan seera eeguu dadhabu, sana booda seerota mataa isaanii tumachuu jalqabu. Kun immoo sammuu namaa Waaqayyo irra gara ofii isaaniitti deebisa. Jaalalli Waaqayyoo onnee isaanii keessatti du’a, jaalalli inni namootaaf qabus ni bada. Qilleensi ofittummaa fi ceephoon dhiphummaa akka nomootni ofii isaanii giddu galeessa godhanii warra kaanitti muruu jalqaban fi basaastuu ta’an isaan godha.LGEI 120.1

    Fariisotni isaan kana keessaa tokko turan. Isaan tajaajilaaf yeroo dhufanitti cubbuu fi dadhabina isaaniitiif kan gad of qaban hin turre, carraa Waaqayyo isaaaniif kenneefis hin galateeffatan turan. Isaan koora hafuuraa kooru, mata dureen isaanii “ofii koo, fedhii koo, beekumsa koo, karaa koo” kan jedhu ture. Sadarkaan beekumsaa isaan irra ga’an safartuu ittiin nama kan biraatti faradan ta’e. Uffata ittiin uf kabajan uffachuudhaan, teessuma murtii irra kan ba’an ceepha’uu fi hadheessuuf dha.LGEI 120.2

    Saba sana keessaa irra caalaan ilaalchuma sana qaba ture, dhimmoota lubbuu sanaa fi Waaqayyo gidduu jiru irratti ceephoo fi murtii walitti kennu. Kanaaf dha kan Yesuus “Akka isinitti hin faradamneef hin faradinaa” jedhe. Sana jechuun ofii kee muka safaraa hin godhin jechuu dha. Ilaalcha kee, hojii kee, akka itti Kitaaba Qulqulluu hiikkattu, warra kaan ittiin ceepha’uu fi garaa keetti isaanitti murteessuuf hin oolchin. Warra kaan hin ceepha’in, kaka’umsa isaanii hin hadheessin.LGEI 120.3

    “Kanaafis yeroon utuu hin ga’in, gooftaan utuu hin dhufin isin hin faradinaa! Innoo waan dukkana keessa dhookatee jiru ifatti, yaada garaa namaas bakkeetti ni baasa.” 1 Qor. 4:5. Onnee dubbisuu hin dandeenyu. Nuti iyyuu cubbamoota waan taaneef teessuma murtii irra taa’uuf ga’umsa hin qabnu. Namoni bakkee ilaalee murteessa. Waaqayyo qofa dha kan waan gochaan bakkeedhaan mul’atu irraa burqe fi waan onnee keenya keessa jiru kan beeku.LGEI 121.1

    “Kanaafis ati yaa isa nama biraatti faradduu, waan itti qabattu hin qabdu! Ati inni namatti faraddu, isuma namichi sun hojjete waan hojjettuuf, firdii isatti faraddeen ofitti ni faradda.” Rom. 2:1. Warra kaanitti faraduudhaan, ofii isaanii irratti murtii dabarsaa jiru, Waaqayyo immoo murtii isaan ofitti murteessaniin qajeelaa dha jedha.LGEI 121.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents