Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Badhaadhuma ofii keessaniif lafa irratti walitti hin qabatinaa.” Mat. 6:19.

    Badhaadhummaan lafa irratti walitti qabamu bara baraan hin jiraatu; hattuun cabsanii hatu; hantuuti hurtee nyaatti; ibiddii fi lolaan ni balleessu. “Iddoo qabeenyaan keessan jiru, garaan keessan jira.” Qabeenyaan lafa irrati tuulamu sammuun isa samii akka hin yaadne taasisa.LGEI 87.2

    Bara Yihuudotaa keessa rakkinni guddaan ture jaalala horii (qarshii)ti. Biya lafummaan bakka Waaqayyoo fi bakka amantii fudhate. Bara kanas akkasuma. Tajaajilli Seexanaa of eeggannaadhaan kan guutedha, wal xaxaa, fi hojii dadhabsiisaa dha, qabeenyi tuulamus waqtii muraasaaf qofa dha.LGEI 87.3

    Yesuus akkas jedhe, “Qabeenyaa keessan, iddoo hantuutii fi dammeessa’uun hin jirre, iddoo hattuun cabsuu fi hatuu hin dandeenye, samii irratti walitti qabadhaa: iddoo qabeenyaan keessan jiru onneen keessan jira.”LGEI 87.4

    Qajeelfamni kenname “ofii keessan Samii irra keewwadhaa” kan jedhu dha. Badhaadhummaa samii irratti kan walitti qabannu ofuma keenyaaf dha. Isa isin samii irratti walitti qabdan qofatu dhugaadhumaan kan keessani dha. Qabeenyaan Samii irratti walitti qabame hin badu. Ibiddii fi lolaan isa balleessu hin jiru, hantuuti huruu fi dammeessa’uun hin jiru; inni eegumsa Waaqayyoo keessa jira.LGEI 88.1

    Qabeenyaan kun isa Kiristoos tilmaama hundumaa oli dha jedhe dha. Kun, “ulfina warri Waaqayyoof qulqulla’an itti darbanii argatan” dha. Efe. 1:18. Bartootni Yesuus, “Isaan akka dhagaa gati jabeessa isa gonfootti ka’amee ni calaqqisu.” “Namni warqee qulla’aa ira akka muraasatu, sanyii namaas warqee Ofiir akka yaratu nan godha. Zak. 9:16; Isa. 13:12. Kiristoos saba Isaa irratti qulqullummaa fi guutuu ta’uu yeroo argu, dhiphina, tuffatamuu, isa irra ga’eef akkasumas jaalala ijoollee Isaatiif qabu agarsiisuu Isaatiif akka badhaasaatti ilaala.LGEI 88.2

    Nus hojii fayyinaa keessatti akka hirmaannuuf, Isaa wajjin tokko akka taanuuf, badhaadhummaa samii isa du’a Isaatiin walitti qabames akka qooddannuuf nuuf eeyyamameera. Phaawulos amantoota Tasaloonqee keessa jiraniif yeroo barreesse akkas jedhe, “Abdiin keenya, gammachuun keenya, gonfoon nuyi dhufa Gooftaa keenya Yesuusitti ittiin Isa dura dhaabannee of jajannu isin malee maaliree? Isin dhuguma ulfina keenya, gammachuu keenyas.” 1 Tas. 2:19,20. Qabeenyaan akka nuti hojjennuuf Kiristoos itti nu waamu kana dha. Firii jireenya irraa haamamu keessaa inni guddaan amala. Dubbii fi gochi ayyaana Kiristoosiin qabsiifamee samii qaqqabu, amala Kiristoosiin fakkaachuu qabaachuuf yaaliin godhamu hundi, samii irratti qabeenyaa walitti qabachuu dha.LGEI 88.3

    Iddoo qabeenyaan keessan jiru garaan keessan jira. Namoota kan biraa fayyaduuf yaalii goonu hundumaa keessatti ofii keenya fayyadna. Namni yeroo isaa fi qabeenyaa isaa Wangeela waliin ga’uuf kennee lubbuu sanaan fayyuuf jiraniif kadhannaadhaan immoo deggeru, jaalalli isaa namoota kan biraa qaqqaba, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya guddaa qabaata, sana gochuu isaaniis gaarummaa godhamuu danda’u isa guddaa bira ga’a.LGEI 89.1

    Guyyaa dhumaattis, qabeenyaan lafaa yeroo badu, namni qabeenyaa isaa isa samii irratti walitti qabate jireenya keessatti kan argate hundumaa arguuf jira. Dubbii Kiristoosiif iddoo yoo kennine, yeroo Teessoo adii sanatti naannofnu, lubbuu karaa keenya fayyan ni argina, hojii keenyaan lubbuu baayyeetu gara boqonnaa samiitti dhufa, isaan gonfoo isaanii miilla Yesuus jala ka’anii, bara baraan Yesuusiin galateeffachuu isaanii ni argina. Warri hojii Kiristoosiin hojjetan, namoota fayyanii ulfina Yesuusiin hirmaatan arguudhaan akkam gammadu laata! Lubbuu fayyisuu keessatti warra hirmaataniif samiin ammam gati jabeessa dha laata!LGEI 89.2

    “Kiristoosii wajjin du’aa erga kaafamtanii, wanta waaqa keessa iddoo Kiristoos gara mirga Waaqayyoo taa’ee jiruutti barbaadaa.” Qol. 3:1.LGEI 89.3

    “Iji kee fayyaa guutuu yoo ta’e, dhaqni kee hundinuu ifa ni ta’a.” Mat. 6:22.LGEI 89.4

    Garaa guutuudhaan kaayyoo tokkichaaf Waaqayyotti dhiyaachuun barbaachisaa ta’uu isaati kan dubbiin Kiristoos agarsiisu. Kaayyoo dhugaadhaan dhugaa jiru utuu hin dhoksin yoo abboomamtan Waaqa biraa ifa ni argattu. Qulqullummaa dhugaan cubbuu wajjin walii galteen godhamu yeroo dhumu dha. Sana booda onneen kan dubbatu isa Phaawulos jedhe ta’a, “Waan tokko nan godha, wanta na booddeetti hafe yaaduu dhiisee wanta na dura jirutti nan hiixadha. Akeeka sana bira ga’ee gonfoo warra mo’anii argachuudhaaf nan kaadha. “Kiristoosiin bu’aa koo godhachuudhaaf kun hundinuu anaaf waan gatame ta’eera. Akka kosiittis isa lakkaa’eera.” Filip. 3:13, 14, 8.LGEI 90.1

    Yeroo iji of jaallachuudhaan jaamutti garuu, dukkana qofatu hafa. “Yoo iji keessan hammaate, qaamni keessan guutummaan ni dukkanaa’a.” dukkana sodaachisaa ta’e kana dha kan akka Yihuudonni ergamaa fi amala Isa isaan fayyisuu dhufee akka isaan hin hubanneef ija isaanii jaamse.LGEI 90.2

    Qorumsatti of gad-dhiisuun sammuu ofii qilleensaaf dhiisuu fi Waaqayyoof abboomamuu irraa fagaachaa deemuu fida. Yoo guutummaatti ofii keenya Waaqayyoof hin kenninu ta’e guutuu guutummaatti dukkana keessa jirra. Yoo waan hambifannu qabaanne seexanni qaawwa ittiin jireenya keenyatti seenee qorumsa nutti fidu argata. Yoo agartuu keenya jaamse, Waaqayyoon arguu waan hin dandeenyeef, cubbuu hojjechuuttii wantIi nu dhowwu akka hin jirre beeka.LGEI 90.3

    Irra deddeebiidhaan cubbuu hojjechuu filachuun lubbuun sun ammam akka manca’e agarsiisa. Cubbuun tokkoon tokkoon isaa jibba nuti Waaqayyoof qabnu jabeessaa adeema. Karaa Seexanni filate filachuudhaan, gaaddisa hammeenyaatiin marfamna, tarkaanfiin keenya sana booda jiru tokkoon tokkoon isaa dukkana jabaa fi jaamummaa onneetti geggeessa.LGEI 90.4

    Seerri Hafuuraa fi seerri uumamaa wal fakkaataa dha. Namni dukkana keessa turu dhuma irratti agartuu isaa dhaba. Namni dukkana halkan walakkaa fakkaatu keessatti itti cufame; nama akkasiif ifi guyyaa saafaa isa bira hin ga’u. Inni, “Dukkana keessa ni deddeebi’a; dukkanichi ija waan jaamseef gara itti adeemu hin beeku.” l Yoh. 2:11. Namni hamaa filachuu yoo itti fufe, jaalala Waaqayyoo jaallatee fudhachuu fedha isaatiin yoo dhiise, namni sun waan gaarii ta’ee jaalala dhaba, Waaqayyo irraa fedhii dhaba, dandeettii ifa samii aragachuu ni dhaba. Wamicha araaraa amma iyyuu jaalalaan guutuu dha, ifini lubbuu isaa irratti ba’u akkuma gaafa jalqabaa ifaa jira. Haa ta’u malee, sagaleen dhaga’amu gurra dhaga’uu hin dandeenye irra bu’a, ifichis ija arguu hin dandeenye irra buufata.LGEI 91.1

    Lubbuun Waaqayyo abdii kutatee gate hin jiru, kan abdiin fayyinaa duraa dhaabates hin jiru. “Namatu Waaqa irraa garagale malee, Waaqayyo nama irraa hin garagalle.” Abbaan keenya Inni Samii irraa, amma nuti carraa nuuf kenname hundumaa gatii dhabsiifnutti, nu duukaa deemee nu sossoba, nu akeekkachiisa, jaalala Isaas nutti agarsiisa. Itti gaafatamni Isaa nama isa cubbamaa irratti kufa. Har’a Hafuura Waaqayyootiin mormuun isaa, ifa humna guddaadhaan lammaffaa dhufu sana mormuudhaaf of qopheessuu dha. Mormiin isaa kun sadarkaa tokkoo gara sadarkaa itti aanuutti utuma ce’uu, amma ifa isa dhumaatti erga deemee booda, waamicha Hafuura Waaqayyoo jalaa dhaga’uu guutummaatti diduu bira ga’a. Yeroo sana dha, “Ifti si keessa jiru dukkanaa’eera” kan jedhamu. Dhugaan nuti beeknu hundinuu jaamummaa lubbuu keenyaa amma dabalutti ga’e.LGEI 91.2