Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Yeroo kadhattan, Yaa Abbaa keenyaa jedhaa.” Luq. 11:2.

    Yesuus Abbaa Isaatiin Abbaa keenya akka jennu nu barsiise. Obbolaa koo jedhee nu waamuutti nutti hin qaanofne. Ibr. 2:11. Akka miseensa maatii Waaqayyootti nu simachuudhaaf fedhii guddaadhaan nu eega, kanaaf jechuma jalqabaatiin walitti dhufeenya waaqummaa wajjin qabnu nuuf mirkaneesse, “Abbaa keenya.”LGEI 101.2

    Dhugaa guddaan beeksifame kan nama gammachiisuu fi kan nama jajjabeessu dha. Innis, Waaqayyo akkuma Ilma Isaa jaallatutti nu jaallachuu isaati. Yesuus kadhannaa bartoota Isaaf kadhate keessatti akkas jedhe, “Akkuma na jaallatte isaaniin immoo jaallatte.” Yoh. 17:23.LGEI 101.3

    Biyya lafaa Seexanni hammeenyaa fi gara jabinaan geggeessu keessatti Ilmi Waaqayyoo jaalalaan marsee deebisee teessoo Waaqayyoo wajjin namoota baayyee walitti fiduuf milkaa’e. Yeroo mo’ichi kun argametti Kiruubelota dabalatee ergamoonni hin kufin hundinuu faarfannaa galataa Waaqayyoo fi Hoolichaaf faarfatan. Namoota kufaniif balballi fayyinaa banamuu isaatii fi biyyi lafaa abaarsa cubbuun dhufe irraa furamuu isheetiif gammachuu guddaatu itti dhaga’ame. Warri jaalala guddaa kana argatan immoo ammam caalchisanii haa gammadan!LGEI 101.4

    Akkamitti dha kan nuti akka waan abbaa hin qabneetti of yaadnee shakkiidhaan kan guutamnu? Yesuus namummaa kan uffateef bakka warra seera irra daddarbanii bu’uuf dha; nuti nagaa fi wabii bara baraa akka argannuuf Inni akka keenya ta’e. Nuti samii irraa abukaattoo qabna, namni Isa akka fayyisaa dhuunfaa isaatti amanee fudhate hundinuu ba’aa cubbuu ofii isaatii baachuudhaaf akka nama abbaa hin qabneetti hin dhiifamu.LGEI 102.1

    “Yaa michoota ko, nuti amma ijoollee Waaqayyooti.” “Nuyi ijoollee Waaqayyoo erga taanee, warra waan hundumaa argatan ni taana, waan kana hundumaas Waaqayyo biraa ni arganna. Kiristoosii wajjin erga dhiphannee, isaa wajjin ulfaachudhaaf, waan Kiristoos argatu hundumaas Isaa wajjin ni arganna.” “Isa booddee ammo maal akka ta’uuf jirru mul’ataa miti. Haa ta’u iyyuu malee, yemmuu Inni mul’atu, Inni akka Inni jirutti Isa arguuf waan jirruuf, aka Isaa akka taanu beekna.” 1 Yoh. 3:2; Rom. 8:17.LGEI 102.2

    Waaqayyotti dhiyaachuudhaaf tarkaanffiin jalqabaa jaalala Inni nuuf qabu beekuu fi amanuu dha (1 Yoh. 4:16); jaalala Isaatiin harkifamneeti kan nuti gara Isaa dhufnu.LGEI 102.3

    Jaalalli Waaqayyoo of jaallachuu balleessa. Waaqayyoon Abbaa keenya jennee waamuudhaan, ijoolleen Isaa hundinuu obboloota keenya ta’uu isaanii mirkaneessina. Nuti saba baayyee keessaa tokko yeroo taanu miseensa maatii tokkooti. Kadhannaa keenya keessatti ofii keenyas olla keenyas dabaluutu nurra jira. Namni ofuma isaatiif qofa eebba kadhatu sirrii miti.LGEI 102.4

    Waaqni bara baraa Abbaa jettanii akka itti dhiyaattaniif carraa isiniif kenneera jedhe. Waan kun agarsiisu hunda hubadhaa. Amma Waaqayyo namoota seera irra darbaniif obse maatiin lafa irraa kam iyyuu ilma isaanii badii dalageef obsanii hin beekan. Namoota keessaa kan nama yakkee qalbii hin jijjiirrannetti jaalala agarsiisuuf kan akkas duukaa deemee kadhate hin jiru. Waaqayyo mana hundumaa keessa jiraata; jecha dubbatamu hunda ni dhaga’a, kadhannaa kadhatamu hunda ni dhaggeeffata, gaddaa fi abdii kutannaa lubbuu hundumaa ni sakatta’a, wal’aansa abbaaf, haadhaaf, obboleettiif, obboleessaaf, ollaadhaaf godhamus ni caqasa. Waan nu barbaachisuuf nuuf yaada, waan nu barbaachisu nuuf guutuudhaaf jaalallii, araarrii fi ho’i Isaa yeroo hunda burqa.LGEI 103.1

    Waaqayyoon Abbaa keenya jettanii yeroo waamtan ijoollee Isaa ta’uu keessan mirkaneessitu, jaalalli Isaa kan hin jijjiiramne ta’uu beekuudhaan, ogummaa Isaatiin geggeeffamuuf, waan hundumaatti abboomamuuf heyyamaa jirtu. Karoora Inni jireenya keessaniif qabu ni fudhattu. Akka ijoollee Waaqayyootti, kabaja, amala, maatii, hojii Isaa hundumaa fedhii guddaadhaan ni baattu. Waaqayyo Abbaa keessanii fi miseensa maatii kamii wajjin iyyuu yeroo fudhachuutti ni gammaddu. Ammam illee gad of deebisuu yoo si gaafate, waan Waaqayyoof ulfina kennuu fi waan gaarummaa gochuu isin gaafatu hunda gochuutti ni gammaddu.LGEI 103.2

    “Waaqayyo keenya waaqa irra jira: waanuma Isatti tolus ni hojjeta.” Eegumsa Isaa keessatti “Yeroon sodaadhutti amanannaa koo sirra nan keewwadha” jechuudhaan Isa irra boqochuu dandeenya. Far. 115:3; 56:3.LGEI 103.3

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents