Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Warri garraamiin haa gammadan.” Mat. 5:5.

    Eebbota kanneen keessa toora ol aanaa muuxannoo kiristaanotaatu jira. Warri Kiristoosiin barbaadan, warri waa’ee cubbuu isaaniif gaddan, warri Kiristoosii wajjin mana barumsaa dhiphinaa keessa ta’an, barsiisaa Waaqa ta’e kana irraa garraamummaas ni baratu.LGEI 14.1

    Obsii fi jabinni rakkina keessatti argamu amala warra Yihuudotaa biratti gatii qabu hin turre. Dubiin Museen Hafuura Qulqulluudhaan geggeeffamee dubbate, Inni namoota lafa irra jiran hundumaa caalaa garraamii ta’uu Isaa kan mirkaneesse, namoota bara isaa keessa turan biratti fudhatama hin arganne; qooda isaa ni jibbame ykn ni tuffatame. Haa ta’u malee, Yesuus mootummaa Isaa dhaaluudhaaf garraamummaa akka ulaagaa isa duraatti kaa’e. jireenya ofii Isaatii keessattis miidhaginnii fi amalli waaqummaa ulfina qabeessa ta’e kun mul’ateera.LGEI 14.2

    Yesuus, Inni ifa ulfina Abbaa Isaatii ta’e, “Inni ulfina sana gad dhiisee akka waan tokkotti hin galle of godhe, bifa garbummaas fudhate. ” Filip. 2:6, 7. Jireenya gad deebi’aa keessa darbuuf filate hundumaa keessatti, ilmaan namootaa gidduu yeroo deddeebi’e, akka mootiitti ulfina hin barbaadne, akka nama ergama namoota biroo tajaajiluu qabuutti ture. Xuraa’ummaan wal caalchisuu garaa Isaa keessa hin turre. Fayyisaan biyya lafaa, uumama ergamootaa ol kan ta’e, Inni humna Waaqummaa dabalatu kan namoota hundumaa gara Isaatti harkise garraamummaa fi gad of deebisuu Isaa ture.LGEI 14.3

    Yesuus ofii Isaa duwwaa waan godheef, waan Inni hojjete hunda keessatti, anummaan hin mul’anne. Waan hundumaa fedha Abbaa Isaatii jala galche. Yeroo tajaajila Isaa lafa irraa xumuruu jala ga’etti, “Ani lafa irratti ulfina siif kenneera: hojii akkan hojjedhuuf ati anaaf laattes raawwadheera” jechuu danda’e (Yoh. 17:4). Nuunis, “Ana irraa baraa, anoo garraamii fi kanan gad of deebisedhaa” jedhee nu gaafata. (Mat. 11:29; 16:24); Anumaan gatamee olaantummaan inni lubbuu irratti agarsiisu haa dhaabatu.LGEI 14.4

    Namni of ganuu fi gad of deebisuu Kiristoosiin arge akkuma Daani’el, “Miidhaginni koo illee amma iddoodhaa badutti ni gedderame” jedha (Dan. 10:8). Ofitti hirkattummaa fi ol aantummaan nuti ittiin ulfina ofiif laannu akka seexana tajaajiluutti ilaalama. Uumamni namaa of himuu fi dorgommiidhaaf kan qophaa’e dha; haa ta’u malee, namni Yesuus irraa bare kooraa fi ol aantummaa jaallachuu irraa duwwaa of godhee, lubbuun isaa gabiidhaan jiraata. Anummaan Hafuura Qulqulluu jala galuu qaba. Sana booda iddoo ol aanaa qabachuuf hin dharraanu. Namootatti of mul’isuuf hin barbaadnu; garuu iddoon ol aanaan nuti qabachuu qabnu miilla Fayyisaa keenyaa jala akka ta’etu nutti dhaga’ama. Akka nu geggeessuuf harka Isaa eeggachaa fi sagalee Isaa dhaggeeffachaa gara Yesuus ilaalla. Phaawuloos muuxannoo kana waan qabaateef akkas jedhe, “Egaa si’achi Kiristoos Isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, Ilma Waaqayyoo Isa na jaallate, ofii Isaa dabarsee Isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha.” Gal. 2:20.LGEI 15.1

    Yeroo Kiristoosiin lubbuu keenya keessa akka jiraatuuf akka keessumaatti simannu, nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaatiin ol ta’e onnee keenyaa fi sammuu keenya karaa Yesuus Kiristoos ni eega. Jireenyi Fayyisaan keenya biyya lafaa wal’aansoon guutte kana keessa jiraachaa ture jireenya nagaa ture. Yeroo diinotnii aaran isa ari’achaa turanittis akkas jedhe, “Inni ana erge anaa wajjin jira; ani yeroo hundumaa kan Isa gammachiisu waanan hojjedhuuf, Inni qofaatti ana hin dhiifne.” Yoh. 8:29. Nagaa amansiisaa Waaqayyoo wajjin qaban dheekkamsi namaas ta’e kan seexanaa jeequu hin danda’u. Kanaaf, nuunis akkana nuun jedha, “Nagaa koo isniif nan kenna, nagaa koo isin biratti nan dhiisa.” Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baraa; anoo garraamiidhaa fi kan gad of deebise dhaa: lubbuu keessaniifis boqonnaa ni argattu.” Yoh. 14:27; Mat. 11:29. Anaa wajjin waanjoo Waaqayyoof ulfina kennuu fi namoota gargaaruu yoo baattan waanjoon koo salphaa fi kan hin ulfaanne ta’uu isaa ni argitu.LGEI 15.2

    Nagaa keenya kan booressu of jaallachuudha. Yeroo anummaan jiraatutti gad deebi’uu fi arrabsamuu irraa jabaannee eegna; garuu yeroo anummaan keenya du’ee jireenyi keenya Kiristoosii wajjin Waaqayyo keessa dhookatu, dagatamuu fi tuffatamuu keenyatti iddoo hin laannu. Ceephoodhaaf duudaa taana. Tuffii fi arrabsoofis jaamaa taana. “Jaalalli danda’aa dha, gaarummaas ni agarsiisa; jaalalli hin hinaafu, of hin jaju, of hin bokoksus; jaalalli lafa salphinaa hin ijaajju, waan isatti tolu duwwaas hin barbaadu, hin dallanu, waan hamaas nama irratti hin lakkaa’u. Jaalalli qajeelina dhugaatti gammada malee, jal’inatti hin gammadu. Jaalalli karaa tokko illee nama hin lafafu, hunduma isaa ni amana, hunduma isaa abdata, hunduma isaas obsa. Jaalalli yoom iyyuu hin badu.” 1 Qor. 13:4-8.LGEI 16.1

    Gammachuun lafa kana irraa argamu haala duukaa kan jijjiiramu dha; nagaa Kiristoos garuu nagaa jiraataa fi dhaabbataa dha. Haala jireenyaa kam irratti iyyuu kan hundaa’u miti; baayyina qabeenyaa lafa irraa ykn baayyina hiriyyaa irratti hin hundaa’u. Yesuus burqaa bishaan jireenyaati, gammachuun Isa irraa maddus takkaa hin badu.LGEI 16.2

    Garraamummaan Kiristoos yeroo mana keessatti mul’atu warra manicha keessa jiraatan ni gammachiisa; lola hin kakaasu, deebii aariidhaan guutes hin deebisu, aarii qabbanneessee namoota achi keessa jiran hunda tasgabbeessa. Iddoo fudhatama argatu hundatti, maatii lafa irra jiran qaama maatii guddaa samii irra jiruu taasisa.LGEI 17.1

    Diinota keenya dhiphisuudhaan ijaa baafachuu irra ofii keenyaa sobaan hadheeffamuutu baayyee nuuf wayya. Jibbii fi ijaa baafachuun kan madde seexana biraa waan ta’eef namoota kana gochuu filataniif hammeenya isaaniif buusa. Gad of deebisuu fi gaarummaan inni Kiristoos keessa jiraachuudhaan argamu iccita eebbaati. “Warra gad deebi’aniifis mo’icha kennuudhaan ulfina ni argachiisa.” Far. 149:4.LGEI 17.2

    Warri garraamonni, “Lafa ni dhaalu.” Ol-of qabuudhaan ture kan cubbuun biyya lafaatti gale. Sababa kanaaf maatiin keenya warri jalqabaa biyya lafaa kana bulchuudhaaf aangoo qaban ni dhaban. Gad-of deebisuudhaan ture kan Kiristoos ammo warra bade kan fayyise. Kanaaf, akkuma Isaa akka injifannuuf nutti hima. Mul. 3:21. Yeroo, “Garraamonni lafa dhaalanitti” nus of kennuu fi gad of-deebisuudhaan Isaa wajjin dhaaluuf jirra. Far. 37:11.LGEI 17.3

    Lafti garraamota abdachiifamte lafa ishee gaaddisa du’aa fi abaarsaatiin dukkanoofte kana miti. “Nuyi garuu akka abdii Inni nuuf kenneetti, bantiiwwan Waaqaa haaraa, lafa haaraas warra qajeelummaan keessa buufatu ni eegganna.” “Wanti abaaramaan mandarattii keessatti hin argamu; teessoon Waaqayyoo fi Hoolichaa ishee keessa jira, hojjettootni Isaas Isaaf ni hojjetu.” 2 Phe. 3:13; Mul. 22:3.LGEI 17.4

    Abdii kutannaan, gaddi, cubbuun, namni dhukkuba himatu tokko hin jiru; awwaalchi, nama du’eef gadduun, du’i, adda ba’uun, cabin onnee hin jiru; garuu Yeuus jira, nagaan jira. Achitti “Ani Waaqayyo kanan isaaniif ho’u isaan nan geggeessa; gara burqaa bishaaniittis isaan nan geessa; isaan hin beela’an, hin dheebotanis, saafaan akka abiddaa boba’uu fi ho’i aduu isaan hin miidhu.” Isa. 49:10.LGEI 18.1

    “Warri waan qajeelaa akka midhaanii beela’anii fi akka bishaanii dheebotan haa gammadan; isaan geessifachuuf jiru.” Mat. 5:6.LGEI 18.2

    Qajeelummaan qulqullummaa dha, Waaqayyoon fakkaachuu, Waaqayyo ammo jaalala. l Yoh. 4:16. Seera Waaqayyoo hunduma isaa wajjin walii galuu dha, “Abboommiin kee hundinuu qajeelaa dha” (Far. 119:172), akkasumas “Nama jaallachuun seera raawwachuu dha” (Rom. 13:10). Qajeelummaan jaalala, jaalalli ammo ifaa fi jireenya Waaqayyooti. Qajeelummaan Waaqayyoo Kiristoos keessa buufate. Isa fudhachuudhaan qajeelummaa fudhanna.LGEI 18.3

    Qajeelummaan wal’aansoo miidhama qabuun, hojii ulfaataadhaan, kennaa kennuudhaan ykn aarsaa dhiyeessuudhaan hin argamu; nama fudhachuudhaaf beela’uu fi dheebotuuf tola kennama. “Isin warri dheebottan hundinuu gara bishaanii kottaa! Utuu horii hin baasin bitadhaa, nyaadhaa!” “Qajeelummaan isaanii ana biraati, jedha Waaqayyo.” “Maqaan isaas Waaqayyo qajeelummaa keenya ni jedhama.” Isa. 55:1; 54:17; Erm. 23:6.LGEI 18.4

    Namni kam iyyuu beelaa fi dheebuu lubbuu kamiin iyyuu guutuufii hin danda’u. Yesuus garuu, “Kunoo ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga’ee balbala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhiyaadha, innis anaa wajjin ni nyaata.” “Ana buddeenni jireenyaa, gara koo kan dhufu hin beela’u, kan anatti amanus matumaa hin dheebotu” jedhe. Mul. 3:20; Yoh. 6:35.LGEI 18.5

    Akkuma jabina qaama keenyaatiif nyaatni nu barbaachisu, Kiristoos, Buddeena Waaqa irraa gadi bu’e, jireenya hafuuraa keenya tursuudhaa fi jabina ittiin hojii Waaqayyoo hojjennu nuuf kennuuf nu barbaachisa. Nyaata jireenyaa fi humna tursuu danda’u walitti fufiinsaan akkuma nyaannu, akkasuma lubbuun walitti fufiinsaan Kiristoosii wajjin walitti dhufeenya qabaachuu, Isaaf of kennuu fi guutummaatti Isa irratti hirkachuu qabdi.LGEI 19.1

    Akkuma imaltuun gammoojjii keessa adeemuudhaan dadhabe bishaan barbaadee yeroo argatu dhugee ittiin dheebuu isaa kutu kiristaanotnis akkasuma bishaan jireenyaa isa Kiristoos irraa maddu argachuu qabu.LGEI 19.2

    Yeroo amala fayyisaa keenyaa isa mudaa hin qabne adda baafannutti guutuummaan guutuutti jijjiiramuu fi haara’uudhaan qulqullummaa Isaatti Isa fakkaachuuf dharra’uu qabna. Waaqayyoon caalaatti yeroo beekaa deemnu, amalli keenya ol ka’aa fi fedhiin nuti Isa fakkaachuf qabnu dabalaa deema. Yeroo lubbuun Waaqayyoon bira geessu Waaqummaan namummaatti dabalama. Yeroo sana lubbuun Isa yaaddu akkas jetti: “Lubbuun koo gab jettee Waaqayyoon duwwaa ni eeggatti, abdii koo Isa irra nan kaa’adha.” Far. 62:5.LGEI 19.3

    Lubbuun kee Isa kan barbaaddu yoo taate, qajeelummaa yoo beeloftee fi dheebotte, kun akka Yesuus onnee kee qajeelche mul’isa. Kun immoo, waan ati ofii keetii raawwachuu hin dandeenye karaa Hafuura Qulqulluu akka siif raawwatuuf heyyamuu kee agarsiisa. Dheebuu keenya burqituu gadi fageenya hin qabneen guutuuf yaaluu hin qabnu; amantiidhaan karaa ol ka’aa irra yoo adeemne Burqituu guddaan nu gararraa waan jiruuf bishaan baayyee tola dhuguu dandeenyu ni arganna.LGEI 19.4

    Dubbiin Waaqayyoo burqaa jireenyaati. Burqaa jireenyaa kana yeroo barbaaddan, karaa Hafuura Qulqulluu, Kiristoosii wajjin gara tokkummaatti dhuftu. Dhugaan kana dura beektu bifa haaraadhaan gara sammuu keetti dhufa, heertuun Kitaaba Qulqulluu hiikkaa haaraadhaan akka ifaatti si keessatti ifa, dhugoota warra kaan hojii fayyinaa wajjin walitti fiddee ilaalta, akka Kiristoos si geggeessaa jiru ni barta, barsiisaan Waaqa ta’e si bira akka jiru ni barta.LGEI 20.1

    Yesuus akkas jedhe, “Bishaan isa ani kennuufiif jiru irraa namni dhugu garuu, bara baraan hin dheebotu; bishan inni ani kennuufiif jiru isa keessatti burqaaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu ni ta’a.” Yoh. 4:14. Yeroo Hafuurri Qulqulluun dhugaa kana siif ibsu muuxannoo gati jabeessa ta’e argatta. Sana booda wanta nama jajjabeessu kan sitti mul’ate kana warra kaanitti dubbachuudhaaf ni hawwita. Yeroo isaanii wajjin walitti makamtu amala hojii Kiristoosii wajjin wal qabsiiftee yeroo hunda barumsa ho’aa ta’e isaaniif dhiyeessita. Mul’ata jaalala Isaatii isa warra Isa jaallatuu fi warra Isa hin jaallanneef Inni kennu ni qabaatta.LGEI 20.2

    “Kennaa, isiniif ni kennamaa” (Luq. 6:38); Dubbiin Waaqayyoo, “Akka burqaa iddoo dhaabaa jiruu fi boolla bishaan taliilli keessaa yaa’uu, akka bishaan Libaanonii gad yaa’uuti” (Weedduu Weedduu Caalu 4:15). Onneen jaalala Kiristoosiin dhandhamte, caalaatti argachuudhaaf itti fufiinsaan iyyiti. Isattii yeroo hirmaattu baayyinaa fi safartuu guddaadhaan dabaltee fudhachaa adeemta. Mul’atni Waaqayyoo hundinuu dandeettii lubbuun beekuudhaa fi jaallachuuf qabdu dabalaafii deema. Iyyi onnee itti fufiinsa qabu “ammam caalaatti” yeroo jedhu Hafuurri immoo “Baayyee baayyee” jedhee deebisa. Rom. 5:9, 10. Waaqni keenya “Wanta nuyi kadhannuu fi wanta nuyi yaaduu dandeenyu hundumaa irra safara malee caalchisee gochuu ni danda’a. Efe. 3:20. Yesuus, Isa fayyina ilmaan namootaa warra badaniif jedhee duwwaa of godheef, Hafuurri Qulqulluu safara malee Isaaf kenname. Akkasuma immoo hordoftoota Kiristoos warra guutuu guutummaatti akka Inni keessa jiraatuuf jireenya isaanii Yesuusiif kennaniif safara malee ni kennama. Gooftaan keenya ajaja kennee jira, “Hafuuraan guutamaa” (Efe. 5:18), ajajni kunis raawwii abdii kennameeti. Waaqayyo Abbaan, “Kiristoos keessa guutummaatti buufachuutti” gammadeera. Akkasumas, “Kara Isaa guutuu taataniittu.”Qol. 1:19, 2:10.LGEI 20.3

    Waaqayyo jaalala Isaa utuu hin qusatin akka bokkaa lafa jiisuutti dhangalaase. Akaks jedhe, “Bantiiwwan waaqaa haa banaman, duumessootni qajeelummaa gad haa roobsan, lafti banamee fayyina haa biqilchu, qajeelummaanis isaa wajjin biqilee haa guddatu!” “Yommuu warri rakkatoo fi gadadamoon bishaan barbaadanii dhaban, yommuu arrabni isaanii dheebuudhaan gogu, ani Waaqayyo kadhata isaanii nan dhaga’aaf; ani Waaqayyo Inni kan Israa’el isaan hin gatu; ani iddoo gogaa fi ol ka’aa dhoosee isaan keessaa bishaan nan yaasa, dacha keessaa burqoota nan baasa, lafa onaa iddoo ciisa bishaanii nan godha, lafa gogaa keessas bishaan nan lolaasa.” Isa. 45:8; 41:17, 18. “Guutummaa ayyaana Isaa keessaa hundumti keenya ayyaana irratti ayyaana fudhanneerra.” Yoh. 1:16. “Warri namaaf oo’an haa gammadan, isaan oo’a ni argatuu.”LGEI 21.1

    Onneen namaa uumamumaan qabbana’aa, dukkana’aa fi kan jaalala hin qabne dha; namni tokko yeroo araaraa fi dhiifama agarsiisu, ofii isaa irraa utuu hin taane, Hafuura Qulqulluutu onnee isaa keessatti hojjechaa jira. “Inni duraan dursee waan nu jaallateef, Nuyi Isa jaallanna.” 1 Yoh. 4:19.LGEI 22.1

    Maddi araaraa Waaqayyo dha. Maqaan isaas, “Oo’a qabeessaa fi araara qabeessa.” Seera Ba’uu 34:6. Akka gammoojjummaa keenyaatti nutti hin deebisu. Inni jaalala Isaa argachuuf kan mallu ta’uu keenya nu hin gaafatu, jaalala Isaa nu irratti dhangalaasuudhaan warra Isaaf malan nu taasisa. Inni hamaa miti. Adabuu utuu hin taane fayyisuu barbaada. Gara jabinni Inni al tokko tokko agarsiisu illee karaa fayyinaa irra buusuuf dha. Boo’icha namootaaf furmaata kennuu fi madaa namootaatti dibata gochuudhaaf fedha guddaa qaba. Waaqayyo, “Isa yakkaa utuu hin adabin hin dhiisu” (Seera Ba’uu 34:7), haa ta’u malee, irra daddarbaa hundumaa ni balleessa.LGEI 22.2

    Oo’a qabeessotni, “Amala waaqummaa hirmaatu” isaan keessaan jaalalli Waaqayyoo inni o’aan guute sun ni mul’ata. Warri onneen isaanii jaalala Waaqayyoo isa dhuma hin qabnee wajjin walii galu argachuuf gaafatu hin ceepha’an. Kiristoos Inni lubbuu keessa buufatu burqaa hin gogne dha. Bakka Inni jiru, eebba guutee dhangala’utu jira.LGEI 22.3

    Warra dogoggoran, warra qoraman, warra cubbuudhaan miidhameen, kiristaanni tokko, “Jarri kun kanaaf ni maluu?” jedhee gaafachuu hin qabu. Qooda kanaa, “Akkamittan jara kana gargaaruu danda’a?” jechuu qaba. Warra miidhamee fi cubbuudhaan faalame keessatti, kiristaanni tokko, Kiristoos Isa fayyisuuf du’uu Isaa fi tajaajila walitti araarsuu isa Waaqayyo ijoollee isaa keessa kaa’e ilaala.LGEI 22.4

    Oo’a qabeessotni warra hiyyeessota, miidhamtootaa fi warra gadi qabamanitti kan oo’a agarsiisani dha. Iyyoob akkas jedhe, “Ani hiyyeessa iyyatu, isa abbaan irra hin jirre, gargaarsa hin qabnes fureera’o. Namni du’uuf jedhe na eebbiseera, dubartii abbaan manaa irraa du’es akka ililchitu godheera. Ani qajeelummaa akka uffataatti nan uffadhe, innis anatti uffifame; firdiinis akka qoloo fi akka marata mataa ture. Ani warra jaamotaaf ija, warra naafaafis miillan ture; ani isa deegaadhaaf abbaan ture, dhimma nama ani hin beeknees duukaa bu’ee nan baasaafan ture;” Iyyoob 29:12¬16.LGEI 23.1

    Namootni jireenyi wal’aansoo dhukkubbii qabu itti ta’e baayyeetu jira. Hir’inni isaanii waan itti dhaga’amuuf jeeqamoo fi kan hin amanne dha; waan itti galateeffachuu qaban tokko iyyuu akka hin qabnetti of yaadu. Dubbiin gaariin, dhiyaannaa gaariin, jajjabeessuun, kan namootni qofaa isaanii wal’aansoo keessa jiraatan akka bishaaniitti dheebotani dha. Dubbiin gara laafinaa, gochaan gaarummaa, ba’aa warra dadhabootaa irra jiru irraa kaasuu danda’a. ilmaan namootaa badaniif dubbii fi gochaan gaarummaa ofittummaa hin qabne irraa maddu kan jaalala Kiristoosiin isaanitti mul’isu dha.LGEI 23.2

    Araara qabeessi, “Araara ni argata.” “Namni arjaan ni lalisa; namni dheebuu nama baasus dheebuu ni baafama.” Fkn 11:25. Tajaajila of-dagachuutiin namoota biroof gaarii gochuu keessa, hafuura oo’a qabu keessa, nagaa minyaa’uu fi gammachu eebbifamaa ta’etu jira. Hafuurri Qulqulluun Inni lubbuu keessa buufatee jireenya mul’isu garaa isa akka dhagaa jabaatu laaffisee oo’a qabeessa taasisa. Waan facaaftan haamtu. “Namni isa dadhabaadhaaf yaadu haa gammadu! Waaqayyo guyyaa hamaatti isa ni oolcha; Waaqayyo isa ni eega, jireenyas ni kennaaf; biyya keessattis ‘Isa gammade’ ni jedhama, Waaqayyo siree dhukkubaa irratti ol isa ni qaba, fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa.” Far. 41:1-3.LGEI 23.3

    Tajaajila ijoollee Isaatiif Waaqayyo kenneef jireenya isaa namni kenne Isa qabeenya guutummaa biyya lafaa keessa jiru irratti ajajuu danda’uu wajjin walitti dhufeenya uume. Jireenyi isaa fuuncaa abdii Waaqayyoo isa duubatti hin deebinee fi warqee irraa hojjetame sanaan Waaqayyotti hidhame. Waaqayyo yeroo dhabaa fi rakkinaatti isa hin gatu. “Waaqayyo koos akka badhaadhummaa isaa isa dinqisiisaatti karaa Kiristoos Yesuus isiniif guutuuf jira.” Filip. 4:19. Yeroo rakkinaa isa dhumaatti inni oo’a qabeessa ta’e fayyisaa isa ho’a qabeessaa fi araara qabeessa ta’e keessatti da’oo ni argata; mana isaa isa bara baraattis ni fudhatama.LGEI 24.1