Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Maaliif huuba isa ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta?” Mat. 7:3.

    Himni “kan namatti faraddu atis waanuma inni hojjete hojjetta” jedhu ulfaatina hojii isa faraduu sana hin agarsiisu. Yesuus itti fufee akkas jedhe, “Maaliif huuba isa ija obboleessa kee keessa jiru ilaalta, utubaa isa ija kee keessa jiru hin hubattuu?”LGEI 121.3

    Dubbiin Isaa warra ija namaa keessa huuba barbaadan ilaallata. Yeroo namni tokko jireenya nama tokkoo keessatti mudaa argee sanatti muruuf kaka’u Yesuus immoo kana gochuuf ka’uun kee si keessatti hammeenyi jalqabuu isaa waan agarsiisuuf mudaa namni sun qabuu wajjin wal bira yeroo qabamu kana gochuun kee amma waan utubaan ija kee keessa jiruuti jedhe. Addunyaa kana kan addaan ciruutti geessu jaalalaa fi wal danda’uu dhabuu dha. Namootni jireenya isaanii guutummaatti Kiristoosiif kennuu shaakalanii hin beekne jaalalli Kiristoos onnee laaffisuu isaa gonkumaa arguu hin danda’an. Isaan akkasii warra hin amanin jiraniif Kiristoosiinis ta’e wangeela gar malee waan agarsiisaniif lubbuu Yesuus du’eefitti gufuu ta’u. Akka Yesuus ibsetti namni hafuura nama hadheessuu qabu, cubbuu wal fakkaatu yoo hojjete illee, sababa hafuura namatti muruu qabuuf jecha kan isaa kan isa inni hadheessuu irra ni caala.LGEI 122.1

    Safartuun amalaa dhugaan Kiristoos dha. Namni ofii isaa safartuu godhee dhiyeessu bakka Kiristoos of kaa’uu isaati. Erga abbaan “firdii hundumaa harka Ilma isaatti kennee” (Yoh. 5:22), namni murtii kennuuf yaalii godhu aangoo Ilma Waaqayyoo fudhachuuf yaaluu isaati. Kanaaf isaan kun faallaa kiristoos ta’u, “Inni bakkeetti baafamuuf jiru sun ol of qabuudhaan Waaqayyo kan jedhamu, waanuma namni itti sagaduunis ni morma. Ofuma isaatii Waaqayyo ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa taa’umsa ni dhaabbata.” 2 Tas. 2:4.LGEI 122.2

    Cubbuun frii nama gaddisiisu fidu, amala warra Fariisotaa isa ta’e, qabbana’aummaa, ceephoo fi hafuura dhiifana gochuu hin jaallanne dha. Yeroo shaakalli amantii jaalala of keessaa hin qabne, Yesuus achi keessa hin jiru; ifi aragama Isaatiis hin jiru. Hir’ina kana immoo baayyinni hojii ykn inaaffaan Kiristoosiin of keessaa hin qabne bakka buusuu hin danda’u. mudaa namoota biro arguudhaaf fedhii guddaan jiraachuu danda’a; Yesuus garuu akkas ittiin jedha, “of tuultotanana huuba ija obboleessa keessanii akka agartaniif duraan dursa utubaa ija keessan keessa jiru baasaa.” Namni dogoggoree beeku dogoggora shakkuuf isa jalqabaa ta’a. nama kan biraatti faraduu isaatiin kan cubbuu onnee isaa keessa jiru dhokfachuu barbaada. Namni kan jal’ina bare cubbuu hojjechuudhaan ture; akkuma cubbuu hojjetaniin turan hidhati gaa’elaa jalqabaa kan wal hadheessuu jalqaban. Ilmaan namaa hundinuu ayyaana Waaqayyootiin hin to’atamu taanaan akkasuma godha.LGEI 122.3

    Namootni hafuura hadheessaa qaban, mudaa obboleessa isaanii saaxiluu qofatti hin quufan. Yoo qaamni murtii kennu murtii isaan yaadan hin kennu ta’e ammas hadhaa walitti kuufatu. Humna isaanii keessa hanga sobni jirutti namoota biraa kakaasuudhaan yaada isaaniitti akka waliif galan godhu. Bara Yesuus lafa irra ture Yihuudonni akkas gochaa turan; waldaan Kiristaanaas yeroo ayyaanni Waaqayyoo irraa fagaatu hundumaatti akkasuma gooti. Jaalalalli keessaa dhumuudhaan, waraana jabaa biyyattiin qabdu bira ga’uudhaan, seeraa fi qajeelfama ishee akka isaan hojii irra oolchisaniif gooti. Icciti seerota dhaabbata amantii adda addaa kana dha, icciti ari’annaa bara Aabel irraa jalqabee amma bara keenyaatti jiruus kana dha.LGEI 123.1

    Waaqayyo namoota hin oofu, namoota ofitti harkisa. Kan inni of irraa dhiibu jaalala dhabuu qofa dha. Yeroo waldaan humna biyya lafaa biraa deggersa barbaaduu jalqabdu, humna Kiristoosiin of keessaa fixuu ishee agarsiisa—hir’ina jaalala Waaqummaa.LGEI 123.2

    Rakkinni kun rakkina amantoota waldaa ta’a, qorichi isaas himameera. Yesuus akka jedhetti hadheessituun jalqaba utuu warra kaan sirreessuu hin jalqabin utubaa ija isaa keessaa baasuu qaba, hafuura hadheessummaa sana keessaa ba’uu qaba, cubbuu ofii isaatii himachuu fi dhiisuu qaba. Sababiin isaa, “Mukti ba’eessi ija gadhee hin godhatu, akkasumas mukti gadheen ija ba’eessa hin godhatu.” Luq. 6:43. Hafuurri hadheessaan firii hamaa isa mukti isaa hamaa akka ta’e mul’isu dha. Kanaaf qajeelummaa ofii keetii tuullachuun gatii hin qabu. Wanti si barbaachisu jijjiirama onneeti. Warra kaan qajeelchuuf ga’aa akka taatuuf kana shaakaluu qabda; “waan garaa namaa keessa guute afaan dubbata.” Mat. 12:34.LGEI 124.1

    Yeroo nama rakkinni itti dhufe tokko gorsuudhaaf yaaltu dubbiin ati dubbattu kan ati jireenya kee keessaa argatte ta’uu qaba. Waan gaarii gochuu keetiin dura waan gaarii gochuu qabda. Utuu onneen kan kee ayyaana Kiristoosiin hin jijjiiramin lubbuu kan biraa jijjiiruu hin dandeessu. Yeroo jijjiiramni kun si keessatti bilchaatu, akkuma abaaboon foolii isaa kennu, wayiniin halluu isaa kennu waan gaarii gochuun siif amala kee ta’a.LGEI 124.2

    Yoo Kiristoos si keessatti “abdii ulfinaa ta’e,” ati dogoggora warra kaanii ilaaluudhaaf yeroo hin argattu. Kaayyoon kee hadheessuu ta’uun isaa hafee isaan gargaaruu, eebbisuu fi oolchuu ta’a. Yeroo warra dogoggore gargaaruuf yaaltutti “ofii keetiis akka hin qoramne” of eeggadhu. Gal. 6:1. Yeroo meeqa akka dogoggortee turtee fi karaa sirrii irraa badnaan itti deebi’uun ammam akka ulfaataa ta’e ni yaadatta. Kanaaf obboleessa kee gara dukkana isa caaluutti hin dhiibdu, garaa jaalalaatiin balaa isatti dhufaa jiru garuu itti himta.LGEI 124.3

    Namni fannoo Qaraaniyoo ilaalu, akka cubbuun isaa achi irratti fayyisaa isaa irra ka’ame kan yaadatu, cubbuu isaa kan nama kan biraa wajjin wal bira qabee hin madaalu. Nama kan biraatti faraduudhaaf utaalee barcuma firdii irra hin taa’u. namoota gaaddisa fannoo Qaraaniyoo jala deeman bira of tuluu fi hafuurri warra kaan hadheessuu hin jiraatu.LGEI 125.1

    Obboleessa kee dogoggore oolchuudhaaf amma ofii kee aarsaa gootutti dhiyaachuu utuu hin taane, utubaa ija kee keessa jiru baasuun kee isa gargaaruuf qophaa’uu kee agarsiisa. Sana booda isatti dhiyaattee onnee isaa tuquu dandeessa. Namootni arrabsoo fi ceephoodhaan deebi’an hin jiran; baayyonni qooda deebi’uu caalaatti Kiristoos irraa fagaatanii akka hin amanneef onnee isaanii chaapaadhaan cufu. Onneen jaalalaan guute garuu cubbuu dhoksuudhaan isa dogoggore ni oolcha. Kiristoos jireenya kee keessaan yoo mul’ate namoota ati wajjin hariiroo qabdu hundumaa ni harkisa. Kiristoos yeroo hundumaa isin keesaa haa mul’atu, isin keessaan sagaleen isaa akka hojjetu haa agarsiisu— lubbuu dogoggore irra deebi’ee fakkaattii Gooftaatti haa hojjetu.LGEI 125.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents