Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Hin kakatin.” Mat. 5:34.

    Abboommiin kun maaliif akka kennames ibsameera: samiidhaan kakachuu hin qabnu, “Iddoo teessoo Waaqayyooti;” lafaan kakachuu hin qabnu, “Inni ejjeta miilla Isaati”; Yerusaalemiin kakachu hinqabnu, “Magaalaa Mooticha Isa guddaati.” Mataa dhaan kakachuu hin qabnu, “Rifeensa tokkittii illee adii ykn gurraacha gochuu hin dandeenyu.”LGEI 66.1

    Wanti hundinuu Waaqayyo biraa dhufa. Waan hin fudhatin tokko illee hin qabnu; kana caalaatti immoo, dhiiga Kiristoosiin wanti nuuf hin bitamin tokko illee hin jiru. Wanti nuti harka keenya keessaa qabnu hundinuu dhiiga gati jabeessa isa jireenya Waaqayyoo ta’ee fi isa tilmaama hin qabneen waan bitameef fannoodhaan chaappeffamee gara keenya dhufa. Kanaafuu, akka waan kan keenya ta’eetti ittiin raawwachuf jecha waan qabsiisa laannu tokko illee hin qabnu.LGEI 66.2

    Yihuudonni abboommii sadaffaa isa maqaa Waaqayyo Waaqa keetii akkasumaan hin dha’in jedhu ni hubatu; Waan kan biraatiin kakachuuf garuu akka waan mirga qabaniitti of yaadu; kakachuun isaan gidduutti seera dha. Museen sobaan akka isaan hin kakanneef isaan dhowwwee ture, karaa ittiin dirqama kakaadhaan itti dhufe of irraa kaasan baayyee qabu. Waan kakatan sana diiguuf homaa hin sodaatan, ykn immoo amma seerri isa diigu jirutti waan kakatame sana gadi buusuu hin sodaatan.LGEI 66.3

    Yesuus shaakala isaanii ceepha’e, barmaatni kakaa isin qabdan seera Waaqayyoo cabsuudha ittiin jedhe. Haa ta’u malee, Gooftaan keenya, kakaa mana murtiitti kennamu hin dhowwine, kan Waaqayyo waanti jedhame dhugaadhaa fi dhugaa ta’uu isaa akka raga baanuuf itti nu waame. Yesuus ofii Isaatii yeroo warra murtii kennan duratti dhiyaate, kakachuudhaan hin mormine. Angafni lubaa akkas ittiin jedhe, “Adaraa Waaqayyo Isa jiraataatti, Masihicha Ilma Waaqayyoo yoo taate nutti himi.” Yesuus immoo deebisee, “Atumtuu jetteka.” Mat. 26:63, 64. Yesuus utuu kakaa mana Murtiitti kennamuun ni morma ta’eetii silaa kaka angafa lubaa sanaan mormuudhaan, bu’aa bartoota isaatiif jecha barsiisa haaraa isaan barsiisa ture.LGEI 67.1

    Namootni namoota akka isaanii gowoomsuu hin sodaanne baayyeetu jiru. Haa ta’u malee, yeroo baayyee barsiifamaniiru, Hafuurri Waaqayyoos isaanitti himeera, Uumaa isaanii sobuun waan baayyee sodaachisaa akka ta’e barataniiru. Yeroo kakatanitti nama duratti qofa utuu hin taane Waaqayyoon durattis dhugaa ba’aa akka jiranitti itti dhaga’ama. Kanaaf, yoo sobaan raga ba’an, Isadha kan onnee isaanii dubbisee dhugaaf soba isaa adda baasuu danda’u. Murtiin kanaan isaanitti dhufu jiraachuu isaa beekuun isaanii dhiibbaa isaan ittisu isaan irratti qaba.LGEI 67.2

    Namni dubbii isaa utuu hin jallisin kakachuu danda’u Kiristaana dha. Wanti nuti yaadnuu fi goonu hundinuu fuula Isaa duratti dhookataa akka hin taane bekuudhaan itti jireenya dhugaa jiraata; kanaaf haala seera qabeessa ta’een sana akka goonuuf yeroo gaafatamnu, wanti inni dubbachaa jiru kun dhugaa fi kan soba hin qabne ta’uu isaa Waaqayyootti himuun qajeelaa dha.LGEI 67.3

    Yesuus wantota Kakatamuun irra hin jirreef tarreesse. Dhugaa inni sirriin seera dubbannaa akka ta’e barsiise. “Dubbiin keessan eeyyee, ykn waawuu haa ta’u wanti kana irra caalu yoo jiraate sun hamaa dha.”LGEI 67.4

    Dubbiin kun gaaleewwan hiikkaa hin qabne ceepha’ee maqaa Waaqayyoo akkanumaan waamuutti daangaa godha. Jechoota gowoomsaa ni ceepha’u, dhugaa ukkaamsuu, sobaan gamamchiisuu, irra tuuluu, fi kan kana fakkaatan rakkoo har’a hawwaasa keessa jiran hunda ni ceepha’a. Namni tokko waan hin ta’in ta’ee yoo dhiyaate, ykn dubbiin isaa waan onnee isaa keessa jiru wajjin adda adda yoo ta’e, dhugaa dha jechuun hin danda’amu.LGEI 68.1

    Utuu dubbii Yesuusiif iddoo kennan ta’ee, jechoota ceephoo fi gaarii hin taane adda baafatu turan; hojii namni biraa hojjete irratti yaada kan kennu ammam dhugaa sirrii ta’e dubbata laata? Yeroo baayyee koorri, inaaffaa fi aariin dhuunfaa barumsa barsiifame halluu diba. Mil’annaan, jechi, sagaleen dhagaa’amu illee sobaa wajjin waan murteessaa ta’uu danda’a. Waanumti dhugaan illee akka sobaatti dhiyaachuu danda’a. kanaaf, “Wanti dhugaadhaan olitti himamu hundinuus kan isa hamaa sana dha.”LGEI 68.2

    Wanti Kiristaanotni hojjetan hundinuu akka ifa aduu iftoominaan ta’uu qaba. Dhugaan kan Waaqayyooti; Sobni bifa kamiin iyyuu yoo ta’e kan Seexanaati. Kanaaf, namni haala kamiin iyyuu toora dhugaa irraa adda ba’e ofii isaa ganee tarree isa cubbamaa sanaa iriiruu isaati. Haa ta’u malee, dhugaa dubbachuun salphaa miti. Utuu dhugaa hin beekin dhugaa dubbachuu hin dandeenyu; yeroo baayyee yaadni dursanii sammuu keenya qabatan, gar tokko qofa ilaaluun, beekumsi mudaa qabu, murtiin dogoggoraa, dhimmoota akka itti hubachuu qabnutti akka hin hubanne taasisu. Sammuun keenya Waaqa Isa dhugaa sanaan yoo hin geggeeffamne dhugaa dubbachuu hin dandeenyu.LGEI 68.3

    Karaa bartuu Phaawulos, Kiristoos nu gaafata, “Haasofni keessan yeroo hunda gurratti kan tolu haa ta’u.” “Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga’uufis ayyaana kan kennu malee dubbii hamaan afaan keessan keessaa hin ba’in.” Qol. 4:6; Efe. 4:29. Ifa eertuwwan kanaan yoo ilaalle Kiristoos dubbii gowoomsaa, dubbii waa’ee hin baafnee fi dubbii qulqulluu hin taaneen mormaa jira. Dubbiin keenya dhugaa qofa utuu hin taane qulqulluu ta’uu qabu.LGEI 69.1

    Warri fedhii Kiristoosiin baratan, “Hojii dukkanaa isa wanti dhimma baasu keessaa hin baane, bakkeetti baasu malee itti hin hirmaatan.” Efe. 5:11. Dubbiidhaan, jireenyaan, kan itti dhiyaachuuf hin ulfaanne, kallattiidhaan kan dubbatanii fi dhugaa kan dubbatani dha; sababiin isaa isaan warra afaanni isaanii, “Mudaa hin qabne dha” jedhamanii wajjin tokkummaatti hirmaachuuf deemu. Mul. 14:5.LGEI 69.2

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents