Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    Boqonnaa 3 - Seerichi Seera Hafuuraa Ta’uu Isaa

    “Diiguudhaaf hin dhufne, raawwachuuf malee.” Mat. 5:17.

    I fa keessa ta’ee gaara Siina irratti kan seera lallabe Kiristoos ture. Ulfinni Waaqayyoo akka ibiddaatti yaa’ii sana irra yeroo qubatetti, argama Waaqayyootiin gaarri sun ni raafame. Sabni Israa’el garaadhaan gadi gombifamee soda guddaadhaan waa’ee seera Waaqayyoo isa qulqulla’aa ni dhaggeeffata ture. Gaara eebbaa kana irratti wanti ta’e kun ammam wal faallessa! Samii yeroo gannaa jalatti, kan callisa sana cabse faarfannaa simbirrootaa malee sagaleen tokko hin turre, Yesuus qajeelfamoota mootummaa Isaatii bakkeetti baase. Haa ta’u malee, kan gaafa sana sagalee jaalalaatiin isaanitti dubbate sun qajeelfamoota seeraa warra gaara Siinaa irratti kennaman isaanitti lallabe.LGEI 46.1

    Yeroo seerri kennametti, sabni Israa’el biyya Misir keessa garbummaadhaan yeroo turan qullaa’ummaa isaanii waan gad dhiisaniif, humna Waaqayyootiin jijjiiramuun isaan barbaachisa ture. Haa ta’u malee, inni jaalalaan isaanitti dhiyaate malee jaalala Waaqummaa isaa hin hir’ifne.LGEI 46.2

    “Inni Waaqayyo Siinaadhaa dhufe; Se’ir irra akka bariitti isaaniif ni ba’e; Gaara Phaaraan gubbaadhaas isaaniif ni ibse; qulqulloota kumaatamaa wajjinis ni ba’e; gara mirga Isaattis ibiddi seeraa isaaniif ni boba’e; dhuguma Inni saba Isaa ni jaallata; warri qulqulloonnis harka Isaa keessa jiru; isaan hundinuu miilla Isaa jalatti ni kufu; Isa biraas barsiisa ni argatu.”K.Deb.33:2, 3.LGEI 46.3

    Dubbiin dinqisiisaan dhaloota hundumaaf dhaala ta’e kun kan mul’ate Museetti ture: “Ani Waaqayyo Gooftichi, Waaqayyo Isa oo’a qabeessaa fi araara qabeessa, aariitti suuta jedhaadha, gaarummaan koof amanamummaan koo guddaa dha. Yakka, irra daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa.” Ba’uu 34:6, 7.LGEI 47.1

    Seerri Siinaa irratti kenname qajeelfama jaalalaa ti, seera samii kan lafatti mul’ise. Harka Kiristoosiin kan dibame ture; kan dubbatames karaa Isa humni Isaa onnee namootaa gara qajeelfamoota kanaa wajjin walii galuutti fiduu danda’u dha. Yeroo saba Israa’elitti dubbate kaayyoon seera kanaa maal akka ta’e itti himeera, “Isin namoota anaaf qulla’an ni taatu.” Ba’uu 22:31.LGEI 47.2

    Haa ta’u malee, sabni Israa’el serichi seera Hafuuraa ta’uu isaa waan hin hubanneef bakkeedhaan kan mul’atu sirna adda addaaf oolchan malee garaa isaanii ol’aantummaa jaalalaaf hin kennine. Yeroo Yesuus amalaanis ta’e hojiidhaan qullaa’ummaa, gaarummaa fi abbummaa Waaqayyoo agarsiisee, sirnoota bakkeedhaan mul’atan duwwaaf abboomamuun isaanii qofaa isaa waa’ee akka hin baafne isaanitti himaa ture geggeessitootni Yihuudotaa dubbii isaa hin fudhanne ykn hin hubanne. Barbaachisummaa fi ulaagaa seeraa akka waan inni baayyee hin baranneetti isa yaadan; yeroo Inni hojii isaanitti kenname ilaalchisee dhugaa jiru gadi fageenyaan dhiyeessu isaan garuu irra keessa qofaa ilaalaa waan turaniif isa balleessuudhaaf hadheessaa turan.LGEI 47.3

    Dubbiin Kiristoos inni suuta jedhamee dubbatame, humna guddaadhaan onnee namootaa sochoose. Dubbiin jireenya of keessaa hin qabne kan isaan barsiisota isaanii irraa irra deddeebi’anii dhaggeeffachaa turan akkasumaan ture. “Inni akka barsiisota seeraa warra kan isaanii utuu hin ta’in, akka nama aboo qabuutti isaan barsiisa ture.” Mat. 7:29. Fariisonnis barsiisa isaanii fi barsiisa Kiristoos gidduu garaa garummaa guddaan akka jiru hubatan. Jabinnii fi miidhaginni dhugaa Inni barsiisaa jiruu sammuu namoota baayyee keessaa iddoo guddaa akka fudhataa jiru hubatan. Jaalalli Fayyisaa keenyaa onnee namootaa gara isaatti harkise. Barsiisonni isaanii akka qajeelfamni isaan kennaa turan hundi barsiisa Isaatiin gatii dhabe argan. Inni keenyan adda addummaa kan of tuulmaa fi nu qofa jechuudhaan dhaabate diigaa jiraachuu Isaa argan; akkasumas yoo Isaaf heyyamame akka Inni namoota hundumaa isaan jalaa baasuu danda’u baranii sodaatan. Kanaaf jecha gaaf tokko dogoggorri saba sanaa wajjin walitti Isa buusee caaftotnni isaanii Isa himachuudhaan du’aaf Isa kennuu danda’u abdii jedhuun ittiin mormudhaaf duukaa deemu turan.LGEI 48.1

    Gaara irratti, basaastotnni Yesuusiin itti dhiyaatanii ilaalaniiru; yeroo Yesuus qajeelfama qajeelummaa dubbachuu jalqabetti fariisonni dubbiin kun seera isa Siinaa irratti kennamee wajjin wal faallessa jedhanii walitti asaasuu jalqaban. Yesuus waa’ee seera mana qulqullummaa keessatti raawwatuu isa Museedhaan kennamee homaa hin dubbanne; sababiin isaa ifni Waaqummaa geggeessaa Isiraa’elootaa kanaan gara saba kanaatti darbe hundinuu Kiristoos biraa kan kenname ture. Utuu namootni baayyeen Inni seera diiguudhaaf dhufe jedhanii yaadaa jiranii, yesuus jecha ifa ta’een seerii Siidaa Waaqayyoo ta’uu isaa jala muree dubbate. “Hin se’inaa,” jedhe “waan ani seeraa fi raajota diiguudhaaf dhufe.”LGEI 48.2

    Uumaa namootaa, Isa seericha kenne dha kan akka seerota diiguudhaaf hin dhufne dubbate. Wanti hundinuu, utubaa aduudhaa kaasee amma isa gadiitti kan jiru hundi seera jala jiru. Tokkummaa fi waliigalteen uumama hundumaa seera kanaaf abboomamuu irratti hirkatee jira. Kanaafuu namoota hundumaatiif qajeelfamni qajeelummaa kan jireenya to’atu waan jiruuf, nagummaan addunyaa kanaa qajeelfama kanaa wajjin walii galuu uumama kanaa irratti hirkattee jirti. Utuu biyyi lafaa hin uumamin dura seerri Waaqayyoo tureera. Ergamootni qajeelfamoota kanaan socho’u, lafti kunis samii wajjin akka walii galtee sochootutti namni seera kanneeniif abbomamuu qaba. Nama isa jannata keessa turetti Waaqayyo seera isaa beeksiseera. “Yeroo urjoonni ganamaa wal ta’anii faarfatanitti, ilmaan Waaqayyoos gammachuudhaan sagalee ni dhageessisu.” Iyyoob 38:7. Ergamni Kiristoos lafa kana irratti qabaate seericha balleessuu utuu hin taane Ayyaana Isaatiin nama gara abboomamuutti deebisuu dha.LGEI 49.1

    Bartuu jaallatamaan, inni dubbii Yesuusiin gaara sana irratti dhaga’e, yeroo dheeraa booda gargaarsa Hafuura Qulqulluutiin yeroo barreesse, seerri kan bara baraa ta’uu isaa dubbateera. Akkas jedhe, “Cubbuun seera irra daddarbuu dha” akkasumas, “Namni cubbuu hojjetu hundinuu seera irra daddarbuu isaati.” 1 Yoh. 3:4. Seerri inni waa’ee isaa dubbachaa jiru, “Abboommii moofaa isa dur durii jalqabee isin bira ture” ta’uu isaa ifa godheef. l Yoh.2:7. Kan inni dubbachaa jiru waa’ee seera isa yeroo uumamaa iyyuu jiruu fi isa gaara Siinaa irratti irra deebi’amee dubbatamee ti.LGEI 49.2

    Waa’ee Seeraa yeroo dubbatu Yesuus akkas jedhe, “Ani raawwachuuf malee diiguudhaaf hin dhufne.” Jechi Inni iddoo kanatti “raawwachuuf’ jedhee dubbate kun isa Yohaannis cuuphaadhaan kaayyoon isaa, “Qajeelummaa raawwachuu dha” jedhee wajjin tokko dha (Mat. 3:15); sunis, safartuu ulaagaa seerri gaafatu guutuu dha, fakkeenya fedha Waaqayyoo wajjin guutummaatti walii galuu kennuuf dha.LGEI 49.3

    Ergamni Isaa, “Seera ol qabuu fi akka inni kabajamu gochuu” dha. Isa. 42:21. Seerichi seera hafuuraa ta’uu isaa agarsiisuu barbaade, qajeelfama yeroo dheeraaf turuu fi dirqama bara baraa ta’uu isaa ibsuuf dha.LGEI 50.1

    Miidhaginni Waaqummaa amala Kiristoos, inni namoota hundumaa gidduutti baayyee beekamaa ture sun kan gar malee hubatame; isa Solomoon Hafuuraan guutamee waa’ee Isaa akkas jedhee barreesse Inni, “Angafa kumaati, . . . kan jaallatamu dha” (Weedduu weedduu caalu 5:10-16); kan Daawwit mul’ataan argee akkas jedhe, “Ilmaan namaa keessaa ati miidhaginaan hundumaa ni caalta” (Far. 45:2); Yesuus, Inni bifa Abbaa sirriitti agarsiisu, Inni ifa ulfina Isaatii ta’e; furiin ofii Isaa gane, lafa kana guutummaatti jaalala isaatiin kan beekamu; Inni bakka bu’aa jiraataa amala seera Waaqayyooti. Jireenya Isaa keessatti jaalalli samii mul’ateera, qajeelfamni Kiristoosiin fakkaachuu, seera qajeelummaa bara baraa kan mirkaneessani dha.LGEI 50.2

    “Hanga samii fi lafti darbanitti,” jedhe Yesuus, “Seerota keessaa amma hundinuu raawwatamanitti qubeen tokko illee hin darbu.” Ofii Isaatii seeraaf abboomamuu isaatiin, amala Isaa isa mudaa hin qabne dhugaa ba’ee karaa Ayyaana Isaatii mirkaneessuudhaan akka ilmaannii fi intalootni Addaam hundinuu guutummaatti seerichaaf abboomamuu qaban agarsiise. Gaara sana irra dhaabatee seerotni kun hundi amma raawwatamanitti isaan keessaa qubeen tokko illee akka hin dabarre labse. Wanti ilmaan namootaa ilaallatu hundinuu, karoora fayyinaa ilaallatu. Seerri cabuu akka qabu gonkumaa hin barsiifne, ija Isaa isa hundumaa ol jiru irra kaa’uudhaan amma sadarkaa kaa’ame sana bira ga’amutti seerichi aangoo qabaatee akka itti fufu mirkaneesse. Kana gochuu Isaatiin akka namni tokko illee kaayyoon lafa kana dhufuu Isaatii seericha balleessuu dha jedhee hin yaadne taasise. Amma laftii fi samiin jiranitti, seerii Waaqayyoo warri qulqullaa’oon ni jiraatu. Qajeelummaan Isaa, “Akka gaara guddaatii” (Far. 36:6), darbee ni jiraata, madda eebbaa burqituu Isaa ergee lafa ni haaressa.LGEI 50.3

    Seerri Waaqayyoo guutuu waan ta’eef, hin jijjiiramu, ilmaan namootaa warra cubbamootaaf safartuu seeraa kana bira ga’uun hin danda’amu. Kanaafidha kan Yesuus furii ta’ee dhufe. Kanaaf, ergamni Isaa akka namootni hirmaattota waaqayyummaa keessaa hirmaattuu ta’uudhaan qajeelfama seera samii wajjin walii galan gochuu dha. Yeroo cubbuu keenya gannee Kiristoosiin akka fayyisaa keenyaatti fudhannu, seerri ol qabama. Phaawulos akkas jedhee gaafata, “Amantiidhaan seera diigna jechuudhamooree? Waa’wuu kun raawwatee ta’uu hin danda’u.” Rom. 3:31LGEI 51.1

    Waadaan kakuu haaraa, “Seera koo garaa isaanii keessa nan kaa’a, yaada isaanii keessattis isaaniifan caafa” Kan jedhu dha. Ibr. 10:16. Sirnootni Kiristoos Isa Hoolaa Waaqayyoo ta’ee cubbuu biyya lafaa balleessu agarsiisan du’a Isaatiin yeroo darban, qajeelfamootni qajeelinaa kurnan sun garuu akkuma teessoo Waaqayyoo bara baraan jiraatu. Seerri tokkittiin illee hojiin ala hin ta’u, qubeen ykn mata dureen tokkittiin illee hin jijjiiramu. Qajeelfamootni warri Jannata keessatti beekaman sun lafa ishee haaraa keessattis iddootti deebi’u. Yeroo jannati deebitee lafa irra buufattu, seerri jaalala Waaqayyoo aduu jala kan jiran hundumaatiin ni eegama.LGEI 51.2

    “Dubbiin kee yaa Waaqayyo bara baraan bantiiwwan waaqaa keessatti jabaatee dhaabateera.” “Abbaoommiin Isaa hundinuus amansiisaa dha. Isaan amanamummaa fi qajeelummaadhaan hojjetaman.” “Isaan bara baraan akka jiraataniif dhaabuu kee ani duraan dursee seera siif dhugaa ba’u sanaan beekeera.” Far. 119:89; 111:7, 8; Far. 119:152.LGEI 52.1