Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Soora har’aa bor nu barbaachisu har’a nuuf kenni.” Mat. 6:11.

    Kadhannaan Yesuus barsiise garri walakkaa jalqabaa, waa’ee maqaa, Mootummaa fi fedha Waaqayyooti. Maqaan Isaa akka qulqullaa’u, mootummaan Isaa akka dhufu, fedhiin Isaa akka raawwatamu. Erga tajaajila Waaqayyoof dursa kennitee booda wanti si barbaachisu akka siif guutuuf ija jabinaan gaafachuu dandeessa. Yoo ofii kee gantee Kiristoosiif of laatte ati miseensa maatii Waaqayyooti, wanti mana Abbaa keetii keessa jiru hundi kan keeti. Biyya amma keessa jirtuttis ta’e biyya Isa dhufu keessatti qabeenyaan Waaqayyoo siif banama. Tajaajilli ergamootaa, kennaan Hafuura Qssulqulluu, tajaajilli hojjettoota Isaatii hundinuu siif godhama. Amma gaarummaa siif qabaatetti wanti biyya lafaa keessa jiru hundi kan kee ta’a. Diinummaan cubbamootaa illee siin samiif si qajeelchuudhaan eebba siif ta’a. “Ati kan Kiristoos yoo taate wanti hundinuu kan kee ti.” 1 Qor. 3:23,21.LGEI 108.1

    Ammaaf garuu ati akka mucaa dhaalli kee harka kee keessa hin geenyeeti. Qabeenyaa kee isa gati jabeessa sana akka Addaamii fi Hewaaniin gowoomsetti gowoomsee akka si harkaa hin baafnetti Waaqayyo harka kee keessa hin galchin jira. Kiristoostu iddoo Seexanni si duraa xureessuu hin dandeenyetti siif eegaa jira. Akka daa’imaatti, isa keessaa waan guyyaa guyyaatti si barbaachisuttu siif kennama. Guyyaa hundumaa “irbaata koo guyyaa guyyaaf na barbaachisu har’a naaf kenni” jettee kadhachuu qabda. Boriif waan ga’aa hin qabdu yoo ta’e yaadda’uu hin qabdu. Abdichaaf wabii qabdu, “laficha keessa ni jiraatta, inni si sooras.” Daawwit akkas jedha, “Dargaggummaa argeera, dulluma biras ga’eera; garuu namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas wanta nyaatan dhabanii utuu kadhatanii takkaa argee hin beeku.” Far. 37:3, 25. Waaqni inni Eliyaasiin karaa Qurruu soore, ijoollee isaa warra amanamootaa ta’anii fi aarsaa of godhan bira hin darbu. Isa qajeelummaadhaan adeemuuf akkas jechuudhaan barreeffameera: “Nyaati isaaf ni kennama; bishaan argachuun isaas amansiisaa dha” “bara gadheetti hin yeella’an: bara beelaattis ni quufu “Waaqayyo utuu ilma isaa hin maarsiifatin hunduma keenyaaf dabarsee erga kennee, waan hundumaas immoo ilma isaa wajjin tola nuuf hin kennuuree?” Isa. 33:16; Far. 37:19; Rom. 8:32. Inni ba’aa fi yaaddoo haadha hiyyeessaa Naazireet keessa jirtuu salphisee akka isheen waan ijoollee isheef kennitu qabaattu gargaare, har’as haadhota ijoollee isaanii waan nyaachisan dhabanii rakkatan bira hin darbu. Inni namoota baayyee “bututanii, gatamanii turan” (Mat. 9:36) sanaaf garaa laafe, ammas hiyyeessota rakkina irra jiraniif garaa ni laafa. Harki isaa eebba baatee gara isaaniitti ni diriira; kadhannaa sana keessattis hiyyeeessota akka yaadannu nu barsiisa.LGEI 108.2

    Yeroo “Soora keenya har’aa borii nuuf kenni” jennee kadhannu, akkuma ofii keenyaaf gaafannu warra kaaniifis ni gaafanna. Sana gochuu keenyaan wanti Waaqayyo nuuf kenne kan keenya qofa akka hin taane mirkaneessina. Waaqayyo warra beela’an akka soorruuf imaanaadhaan nutti kenne. Gaarummaa isaatiin hiyyeessotaaf qopheessa. Far. 68:10. akkasumas, “Irbaata ykn cidha yeroo godhattu, fira kee ykn obboloota kee ykn aantii kee ykn, sooressota olla keeti hin waamin. . . . Waamicha yeroo godhattu, waan nyaatan kan hin qabne, warra bu’aan dhaqna isaanii hir’ate, warra naafatan, warra jaaman waami: ayyaana ni argatta, isaan waan siif deebisan hin qaban, Waaqayyo garuu du’aa ka’uu warra qajeelotaatti siif ni deebisa” jedha. Luq. 14:12¬14.LGEI 109.1

    “Yeroo hundumaa waan isin barbaachisu hundumaa argattanii, karaa hundumaa of dandeessanii, hojii gaariif iyyuu, irraa kan isiniif hafu akka qabaattaniif Waaqayyo isa isin barbaachisu irra caalchisee isiniif kennuuf danda’aa dha.” “namni harka isaa utuu hin guutin facaasu harka utuu hin guutin galfata; namni harka guutee facaasu ammo harka guutee galfata.” 2 Qor. 9:8, 6.LGEI 110.1

    Kadhannaan guyyaa guyyaaf buddeena ga’u gaafatu buddeena foon jiraachisu qofa utuu hin taane buddeena hafuuraa isa lubbuu keenya soorus ni dabalata. Yesuus nu gaafata, “Nyaata baduuf hin dhama’inaa, nyaata jireenya bara baraatiif argamuuuf dhama’aa malee.” Yoh. 6:27. Dabalees, “Ani buddeenicha jiraataa isa Waaqa keessaa gadi bu’e dha: eenyu illee buddeena kanattii yoo nyaate, bara baraan jiraata. Lakk. 51. Fayyisaan keenya buddeen jireenyaati, buddeen samiidhaa dhufe kan kan nuti soorannu, jaalala isaa ilaaluudhaan, lubbuu keenya keessattis fudhachuudhaan qofa.LGEI 110.2

    Kiristoosiin kan fudhannuu karaa dubbii isaatiiti, Hafuurri qulqulluus dubbii Waaqayyoo kana akka hubannuuf gara sammuu keenyaatti fida, dhugaa jiranis gara onnee keenyaatti galcha. Guyyaa guyyaatti kadhachaa dubbii isaa yeroo dubbifnu, Waaqayyo Hafuura isaa erguudhaan dhugaa ittiin lubbuun keenya guyyaa sanatti ittiin jabaattu nuuf ibsa.LGEI 110.3

    Waan nu barbaachisu guyyaa guyyaan akka gaafannu nu barsiisuu isaa keessatti—eebba yeroo fi eebba Hafuuraa— Waaqayyo gaarummaaf waan nuuf raawwachuu barbaadu qaba. Kunuunsa inni nuuf godhu irratti hirkachuu keenya mirkaneeffachuu barbaada, sana gochuudhaan hariiroo nuuf isa gidduu jiru jabeessuu barbaada. Kadhannaa fi Dubbii isaa isa dhugaa gati jabeessa ta’e yeroo hunda dubbisuu dhaan hariiroon nuti Kiristoosii wajjin qabnu akka nama beela’ee nyaata argateetti nu quubsa; akka nama dheeboteetti burqaa bishaan jireenyaa sana irraa dheebuu baana.LGEI 110.4