Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Harki kee mirgaa cubbuu yoo si hojjechiise, isa of irraa murii gati.” Mat. 5:30.

    Dhukkubni tokko dhaqna keessa faca’ee jireenya balleessuu isaa irra harka isaa mirgaa illee yoo ta’e dhabuu wayya. Wanta lubbuu balleessu irrattis kana caalaa aarsaa gochuu barbaachisa.LGEI 61.1

    Karaa Wangeelaa, lubbuun seexanaan gadi qabamanii fi cunqurfaman fayyanii bilisummaa Ilmi Waaqayyoo kennu hirmaachuuf jiru. Kaayyoon Waaqayyoo miidhama sababa cubbuutiif namootatti dhufe irraa oolchuu utuu hin taane cubbuu mataa isaa irraa fayyisuu dha. Lubbuun faalamtee fi boca ishee gad dhiifte, qullooftee jijjiiramuudhaan, “Miidhagina Waaqa keenyaa keessatti” akka uwwifamtu dha. Akkasumas, “Fakkaattii ilma Isaa akka ta’aniif” dha. “Waan Waaqayyo warra Isa jaallataniif qopheesse iji namaa hin argine, gurri namaa hin dhageenye, yaadni namaas bira hin geenye” Keessaa akka hirmaatani dha. Far. 90:17; Rom. 8:29; 1 Qor. 2:9. Ulfina namni gara Waaqayyoon fakkaachuutti deebi’uudhaan argachuuf jiru jireenya bara baraa qabaachuu qofti illee mul’isuu danda’a.LGEI 61.2

    Nuti sadarkaa guddaa kana irra ga’uudhaaf wanti aarsaa ta’uu qabu aarsaa ta’uu qaba. Cubbuun kan nu qabatu karaa fedha keenyaati. Fedhii keenya kennuun akka waan ija keenya of keessaa baafnee ykn harka keenya of irraa murreetti ilalama. Fedha keenya Waaqayyoof kennuun yeroo baayyee of miidhuu ykn okkolaa of taasisuu nutti fakkaata. Yesuus garuu, jireenyatti galuudhaaf madaa’uu, ykn qaama hir’uu ta’uudhaan kan danda’amu yoo ta’e isa wayya jedhe. Kan isin balaa dha jettanii yeroo baayyee yaaddantu bu’aa guddaadhaaf balbala ta’a.LGEI 61.3

    Hundeen jireenyaa Waaqayyo dha; kanaaf, kan nuti jireenya argachuu dandeenyu amma Isaa wajjin walitti dhufeenya qabaanne qofatti dha. Waaqayyottii adda baanee yeroo xinnoof ni turra ta’a, garuu jireenya hin qabnu. “Isheen qananiitti of gad dhiifte fayyatti utuma jirtuu iyyuu duutuu dha.” lXim.5:6. Fedhii keenya Waaqayyoof yoo kennine qofa dha kan Inni jireenya nuuf hiruu danda’u. Of kennuudhaan jireenya Isaa yoo fudhanne qofadha kan nuti cubbuu dhookataa kana irratti mo’icha argachuu dandeenyu. Ofii keessan keessa cubbuu owwaaltanii ija namaa duraa dhoksuu ni dandeessu, fuula Waaqayyoo dura garuu akkamitti dhaabachuu dandeessu?LGEI 62.1

    Yoo ofii kee jaallattee, fedha kee Waaqayyoof kennuu didde, du’a filachaa jirta. Eessatti iyyuu yoo argame cubbuudhaaf Waaqayyo abidda nyaatu dha. Cubbuu yoo filatte, isa irraas adda ba’uu yoo didde, Waaqayyo Inni ibidda cubbuu nyaatu ta’e siinis si nyaata.LGEI 62.2

    Ofii kee aarsaa gootee Waaqayyoof kennuu si gaafata; sun immoo isa xiqqaa isa guddaadhaaf, isa biyya lafaa isa Hafuuraatiif, isa badu isa hin badneef aarsaa gochuu dha. Waaqayyo fedhii keenya balleessuu hin barbaadu; karaa fedhii keenyaati kan nuti waan akka nuti hojjennuuf inni nu gaafatu raawwachuu kan dandeenyu. Kan qullaa’ee fi qajeele ta’ee, fedhii fi yaada Waaqayyoo wajjin kan walii galu ta’ee jaalala isaa fi humna isaa wajjin walitti hidhamee, deebifnee fudhachuu akka dandeenyuuf fedhiin keenya Isaaf bitamuu qaba. Fedhii ofii kana dabarsanii kennuun ammam kan miidhaa qabu fakkaatee onneetti yoo dhaga’ame illee, “Kan bu’aa siif qabu dha.”LGEI 62.3

    Yaaqob hanga dadhabee, mudhuqee, laphee ergamaa kakuu irratti of gatutti mo’ee maqaa ‘Waaqayyoo wajjin kan mo’e’ jedhamu argachuu isaa hin beeku ture. (Uum. 32:31) Akka duulli Eesa’uu fuula isaa dura jiruu fi Fari’oon eebba isaa fudhachuuf akka karaatti isa eegu hin beeku ture. Kanaaf geggeessaan keenya, “Dhiphinaan fiixaan baaseera” (Ibr. 2:10), ijoolleen amantiis “Dadhabbii keessaa jabina argatanii loltuu warra ormaas baqachiisaniiru” (Ibr. 11:34). Akkasumas, “Warri okkolan boojuu ni saammatu” (Isa. 33:23), Dadhaboonnis “Akka Daawwit,” fi “Sanyiin Daawwit akka ergamaa kootti isaan ni geggeessa” (Zak. 12:8).LGEI 63.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents