Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First

    “Diinota keessan jaalladhaa.” Mat. 5:44.

    Barsiisi Yesuus inni, “Hamaadhaaf hamaa hin deebisin” jedhu, Yihuudota warra haaloo baafachuun guutamaniif ulfaataa ture; kana yeroo dhaga’an ni guunguman. Yesuus garuu, sana irra jabeessee labse:LGEI 73.1

    “Fira kee jaalladhu, diina kees jibbi! jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittin hima, diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa! Kana yoo gootan ijoollee Abbaa keessanii Isa samii irraa ni taatu.”LGEI 73.2

    Eertuu akkasii ture kan barsiisonni seeraa isaanii akka malee itti fayyadamaa turan. Isaan ofii isaanii namoota kan biroo irra akka wayyanitti of yaadu. Isiraa’el keessaa dhalachuu isaaniitiin Waaqayyo iddoo addaa akka isaaniif kennetti amanu; Yesuus garuu hafuurri dhiifamaa fi jaalalaa warra qaraxxootaa fi warra cubbamootaaf illee agarsiisuun isaanii mul’achuu akka qabu isaanitti agarsiise.LGEI 73.3

    Bulchaa samii fi ardii kanaa maqaa haaraa, “Abbaa Keenya” jedhuun isaanitti beeksise. Onneen Waaqayyoo ammam banaa ta’ee akka isaan eegaa jiru isaanitti himuuf yaale. Akka Waaqayyo lubbuu badde tokkoo tokkoo isheef dhimmu isaan barsiise. “Abbaan ijoollee isaatiif akka garaa laafu, Waaqayyo akkasuma warra Isa sodaataniif garaa ni laafa.” Far. 103:13. Waaqayyo akkasitti yaaduun Isaa amantii kamiin iyyuu biyya lafaatti hin himamne. Kitaaba Qulqulluu qofatu dhugaa ba’e. Amntiin tokko tokko inni uumama hundumaan ol waan ta’eef akka sodaachisaatti malee akka Waaqa jaalalaatti hin barsiisan; isaan akka waan Inni aarsaa isaan irraa barbaaduutti malee, akka abbaa jaalala isaa ijoollee isaa irratti dhangalaasuutti hin barsiisan. Sabni Israa’el illee jaamummaa isaanii irraa kan ka’e barsiisa raajotaa isa jaalala abbummaa Waaqayyoo mul’isu kana hubachuu waan dadhabaniif akka kennaa haaraa biyya lafaaf kennameetti ilaalame.LGEI 73.4

    Yihuudonni akka yaadanitti Waaqayyo warra isaaf hojjetan qofa jaallata, ....akka ilaalcha isaaniitti, warra barsiisa isaanii sana guutantu Waaqa biratti jaallatama, ...isaan irraa ala kan jiran hundinuu abaarsaa fi dheekkamsa Waaqayyoo jala jiru jedhanii yaadu. Yesuus garuu akkas miti jedhe, guutummaan biyya lafaa, gadhees ta’e gaarii, hundinuu biiftuu jaalala Waaqayyoo jala jiru. Jaalala kana uumama irraa iyyuu baruu dandeennya; “Waaqayyo aduu Isaa warra hamoofis ta’e warra gaariitiif wal qixa baasa, warra qajeelotaa fi warra jallootaafis rooba wal qixa kenna.”LGEI 74.1

    Humna dhaalaan argatteen miti kan lafti kun wagga waggaan aduutti naannoftu. Pilaanetoota kana hundumaa toora isaanii eeganii akka socho’an kan godhu harka Waaqayyooti. Karuma isaati kan gannaa fi bonni, yeroon facaasanii fi yeroon haaman, halkanii fi guyyaan sirnaan wal jijjiiran. Biqiloonni kan margan, baallis kan latu, abaaboonis kan ba’u dubbii isaatiin dha. Wanti gaariin nuti qabnu hundi, ifi aduu, roobni, nyaatni, jireenyi, hundinuu kennaa jaalalaati.LGEI 74.2

    Kan jaalala hin qabnee fi kan jaallatamuu hin qabne taanee utuma jirruu, “Kan jibbamnee fi kan wal jibbinu” taanee utuma jirruu, Waaqni keenya inni samii irraa araara nutti agarsiise. “Waaqayyo hojii nuti qajeelummaadhaan hojjenneef utuu hin taane, akka araara isaatti, dhiqannaa lammaffaa dhalachuutti, haaressuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise.” Tit 3:3-5. Jaalalli Isaa inni nuti fudhanne akkuma isaa warra nu gammachiisan qofa utuu hin taane, warra jibbamoo fi dogoggoroo ta’an illee akka jaallannu nu taasisa.LGEI 75.1

    Ijoolleen Waaqayyoo warra eenyummaa Isaa hirmaatani dha. Sadarkaa lafa irratti kennamu, dhaloota, beekamtii, ykn dhaabbaata amantii miti kan akka nuti miseensa maatii samii taanu nu taasisu; jaalala ilmaan namootaa hundumaaf qabnu dha. Hafuura Waaqayyoo qofatu isa jibbamaaf jaalala kenuu danda’a. Warra galata hin qabnee fi hamootatti gaarummaa agarsiisuun, naaf deebisa jedhanii utuu hin abdatin gaarii gochuun, amala samii waan ta’eef kan dhuguma ijoollee Waaqayyoo ta’an gochuuisaaniitiin ol’aantummaan isaanii mul’atu dha.LGEI 75.2