Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ari’ataman haa gammadan, mootummaan Waaqaa kan isaaniiti.” Mat. 5:1D.

    Yesuus duuka buutota Isaa ulfinaa fi badhaadhina biyya lafaa hin abdachiifne, qorumsis isinitti hin dhufu hin jenne, biyyi lafaa waan isaan hin beekneef Gooftaa isaanii duukaa bu’anii of ganuu fi hadheeffamuun bu’aa akkamii akka qabu isaanitti hime.LGEI 29.1

    Inni warra badan fayyisuudhaaf dhufe diinota Waaqayyoo fi namaa biraa mormiin Isa mudate. Hammeenyaan tokko ta’uudhaan, namootnii hamoo fi ergamootni hamoon angafa nagaa irratti duulan. Ammam illee hojiin Isaa fi dubbiin Isaa hundinuu gaarummaa Waaqummaa Isaatii kan qilleensa’u yoo ta’e, biyya lafaa jibbuun isaa jibba hadha’aa kakaase. Jalina uumamaan nu keessa jiru akka fayyadamnuuf waan nuuf hin heyyamneef mormii fi diinummaa jabaatu Isa mudate. Kun immoo warra Kiristoositti jiraatan hundumaas kan eeggatu dha. Qajeelummaa fi cubbuu, jaalalaa fi jibba, dhugaa fi soba gidduu wal’aansoo hin dhaamnetu jira. Namni tokko yeroo jaalala Kiristoosii fi miidhagina qullaa’ummaa dhiyeessu, mootummaa Seexanaa keessaa harkisaa waan jiruuf, angafa jal’inaa kan ta’e isa mormuuf ni ka’a. Ari’atamnii fi hadheefamuun warra Hafuura Kiristoos fudhate hundumaatti ni dhufa. Amalli ari’atama dhufuu yeroo wajjin ni jijjiirama. Haa ta’u malee, qajeelfamni hafuura kana raawwatuu isuma yeroo Aabelii jalqabee warra Gooftaadhaaf fo’aman gorra’e (qale) dha.LGEI 29.2

    Yeroo namootni Waaqayyoo wajjin gara walii galuutti dhufan, yakki fannoo irratti raawwatame sun amma iyyuu akka hin badne ni hubatu. Humnootni hammeenyaa hundinuu wal ta’anii namoota seera samiif abboomamuu filatan hundumaa irratti ka’u. Kanaafuu, duuka buutotni Kiristoos Gooftaa isaanii faana dha’uu isaanii waan beekaniif, ari’atamuun qooda isaan gaddisiisuu gammachuu isaaniif fiduu qaba.LGEI 29.3

    Waaqayyo qorumsi akka itti hin dhufne yoo waadaa hin seenneef ta’ee iyyuu waan sana irra baayyee caalu waadaa seeneeraaf. Akkas jedheera, “Jabinni isaa bara isaa wajjin wal haa qixxaatu.” “Ayyaanni koo si ga’a, humni koo dadhabaa keessaan akeeka isaa ni raawwata.” K.Deb. 33:25; 2 Qor. 12:9. Maqaa Isaaf jettanii ibidda boba’u keessa illee yoo dabartan Yesuus akkuma dargaggoota amanamoo biyya Baabiloon turanii sana isin bira ni dhaabata. Warri Fayyisaa isaanii jaallatan Isaa wajjin ceepha’amuu fi hadheeffamuu keessaa hirmaachuuf carraa argachuu isaaniitti ni gammadu. Jaalalli isaan Gooftaadhaaf qaban dhiphinichi akka minyaawu isaan taasisa.LGEI 30.1

    Baroota hundumaa keessatti Seexanni saba Waaqayyoo ari’achaa ture. Isaan dhiphisee, isaan ajjeeseera. Haa ta’u malee, du’a isaaniitiin injifannoo argataniiru. Amantii isaanii jabeessanii qabachuudhaan Inni isaan amanan Seexna caalaa jabaa ta’uu Isaa agarsiisan. Seexanni qaama dhiphisuu fi ajjeesuu danda’a. Haa ta’u malee, jirenya isaanii isa karaa Kiristoosiin Waaqayyo keessa dhookate tuquu hin danda’u. Mana hidhaa keessatti cinqaaruu danda’a, hafuura isaanii garuu hidhuu hin danda’u. Duumessa garasitti ulfina arguu danda’u, akkas jedhu, “Dhiphinni keenya si’anaa kun, ulfina isa nuuf mul’ifamuuf jiruu wajjin wal bira qabamee, ilaalamuu akka hin dandeenyetti nan lakkaa’a.” Rakkinni salphaan inni nuti yeroodhaaf baannu kun, ulfina bara baraa isa safara malee guddatu sana baachuudhaaf nu qopheessa.” Rom. 8:18; 2 Qor. 4:17.LGEI 30.2

    Qorumsaa fi ari’atama keessatti, ulfinni amala Waaqayyoo ijoollee Isaa warra fo’aman keessaa mul’ata. Waldaan Waaqayyoo, biyya lafaatiin jibbamtee kan ari’atamtu, mana barumasaa Kiristoos keessatti kan baratanii fi sirreeffamani dha. Biyya lafaa keessatti daandii dhiphoo keessa deemu; ibidda qorumsaatiinis ni qullaa’u. Wal’aansoo jabaa keessatti Kiristoos duukaa bu’u; of ganuu fi abdii kutannaa hadha’aa keessa darbu; haa ta’u malee, qorumsi fi dhukkubbiin isaan mudatu hundinuu rakkina cubbuun fide isaan barsiisa, ija jibbaatiinis isa ilaalu. Dhiphina Kiristoos keessaa waan hirmaataniif ulfina Isaa keessaas hirmaachuuf kan adda baafamani dha. Mul’ata qulqulla’aa keessatti raajiin Waaqayyoo gammachuu saba Waaqayyoo arge. Sana booda akkas jedhe, “Ani wanta akka galaana dhoqqee of illallee ibiddaan makaa irraa hojjetame tokko nan arge, akkasumas warri bineensicha, bifa fakkeenya bineensichaa, lakkoofsa maqaa isaatiif dhaabatu irrattis mo’icha argatan, kiraara isa kan Waaqayyoo harka isaaniitti qabatanii wanta akka galaana dhoqqee of ilaallee sana bira dhaabatanii nan arge. Isaan faarfannaa Musee garbicha Waaqayyoo, faarfannaa Hoolichaas ni faarfatu. ‘Yaa Waaqayyo Gooftaa hundumaa dandeessuu, hojiin kee guddaa dha, dinqisiisaadhas, Ati yaa Mootii saba hundumaa, karaan kee hundinuu qajeelaa dha, dhugaadhas.” “Isaan kun warra rakkina guddaa keessaa ba’anii dhufani dha; uffata isaanii dhiiga Hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru. Kanaaf, isaan teessoo Waaqayyoo duratti argamanii halkanii fi guyyaa mana qulqullummaa Isaa keessatti Isaaf ni hojjetu. Inni teessoo irra taa’us godoo Isaa diriirsee isaan irra ni jiraata.” Mul. 15:2, 3; 7:14, 15.LGEI 31.1

    “Anaaf jedhanii namoonni yommuu isin arrabsan ykn yommuu isin ari’atan ykn sobaan waan hundumaa yommuu isin irratti dubbatanis gammadaa.” Mat. 5:11.LGEI 31.2

    Erga kufee kaasee Seexanni hojii gowoomsuu isaatii addaan hin kunne. Akuma Waaqayyoon gar malee akka hubataniif dhiyeesse, akkasuma ijoollee Waaqayyoos garmalee akka hubataman taasise. Fayyisaan keenya akkas jedhe, “Arrabsoon ittiin si arrabsanis ana irra bu’e.” Far. 69:9. Haaluma wal fakkaatuun bartoota irras bu’e.LGEI 32.1

    Biyya lafaa irra namoota jiraatanii darban keessaa kan akka Yesuus arrabsame hin turre. Seera Waaqayyoo isa qulqulluu ta’eef abboomamuu isaatiif arrabsamee, itti qoofame. Sababa malee Isa jibbaniiru. Haa ta’u malee, Inni obsaan diinota Isaa dura dhaabatee, arrabsamuun kan Kiristaanota hundumaatti darbu ta’uu isaa dubbachuudhaan, ari’atamuu isaanitti dhufu keessatti, xiyyee isaanitti darbatamu sodaatanii of wallaaluu akka hin qabne bartoota Isaa gorse.LGEI 32.2

    Arrabsituun maqaa gaarii ati qabdu yoo gurraachesse iyyuu, amala keetti dhoqqee dibuu hin danda’u. Sun eegumsa Waaqayyoo keessa jira. Amma nuti cubbuutti qabamnee hin jirretti humni namaas ta’e humni Seexanaa lubbuutti dhoqqee dibuu danda’u tokko illee hin jiru. Namni onneen isaa Waaqayyoo wajjin ture, qorumsaa fi abdii kutannaa cimaa keessatti illee akkuma yeroo badhaadhummaatti jiraatuu fi akkuma yeroo ifi Waaqayyoo waan isaa wajjin jiru isatti fakkaatuu, isumaa wajjin tura. Dubbiin isaa, yaadni isaa, gochi isaa, gar malee dhiyaatee soba fakkaateera ta’a; haa ta’u malee, inni fedha guddaa waan qabuuf sanatti gurra hin kennu. Akkuma Museen, “Isa ijatti hin mul’anne arge” (Ibr. 11:27); “Nuyi gara wanta ijaan hin argamnee ilaalla malee, gara wanta ijaan argamuu hin ilaallu.” (2 Qor. 4:18).LGEI 32.3

    Kiristoos warra namoota biratti gar malee hubatamanii wajjin ta’a. ijoolleen Isaa ammam yoo ari’ataman illee fuula Kiristoos duratti obsaan dhaabachuu fi Isa eeguu qabu. Wanti iccitatti qabamee utuu bakkeetti hin ba’in hafu waan hin jirreef, warri Waaqayyoof ulfina kennan namootaa fi ergamoota duratti ulfina ni argatu.LGEI 33.1

    “Waa’ee waan hundumaa isa namatti dhufu baachuu fi waa’ee obsaan danda’uu immoo obboloota ko, fakkeenya raajota warra maqaa Gooftaatiin dubbatanii fudhadhaa!” Yaaqob 5:10. Abeel inni ilmaan Addaam keessaa Kiristaana jalqabaa ture du’a goototaa du’e. Henook Waaqayyoo wajjin adeeme, biyyi lafaas isa hin beekne. Henookitti ni qoosame. “Warri kaan ga’oof ta’an, ni reebaman, funyoo sibiilaatiin iyyuu hidhamanii mana hidhaatti ni galfaman.” “Warri kaanis jireenya isa wayyuuf du’aa akka ka’aniif gad dhiifamuu didanii harka warra isaan dhiphisaniitti dhiphatanii du’an.” Ibr. 11:36, 35.LGEI 33.2

    Baroota hundumaa keessatti warri Waaqayyoof ergaa deeman arrabsamaa fi ari’atamaa turaniiru. Haa a’u malee, ari’atamuu isaanii keessaan Waaqayyoon beekuun biyya lafaa keessa faca’eera. Duuka buutuun Kiristoos hundinuu sadarkaa kana keessa darbuudhaan hojii wal fakkaataa hojjechuu qaba. Akka diinotni isaa dhugaaf waa gochuu malee dhugaa waa gochuu hin dandeenye beekuu qaba. Utuma jibbamuu iyyuu Waaqayyo akka dhugaan achii as ba’ee qoratamuu fi irratti dubbatamu ni taasisa. Sammuun namootaa jeeqamuu qaba; wal’aansoon, arrabsoon, biliisummaa dhowwachuun hundinuu karaa ittiin Waaqayyo sammuu namootaa isaan malee dammaquu hin dandeenye dammaqsu dha.LGEI 33.3

    Bu’aan kun seenaa namoota Waaqayyoof ergaa deemanii keessatti yeroo baayyee raawwateera! Yeroo Isxifaanos namni beekamaa fi cimaa ture sun bakka namootni hundinuu fi yaa’iin hundinuu jiranitti dhagaadhaan rukutamee du’e wangeelli hin bu’aa malee hin taane. Ifni samii inni fuula isaa ulfinaan guute, oo’i Waaqummaa kadhata nama du’aa jiru keessaa dhagaa’ame, xiyyee qara qabeessa amansiisuu danda’u ta’ee barsiisaa seeraa tokkoo fi Phaawulos faarisicha isa ari’ataa ture amansiisee akka isaan warra ormootaa, moototaa fi ijoollee Israa’el duratti Kiristoosiin dhugaa ba’aniif qodaa qulqulla’aa taasiseera. Yeroo dheraa booda Phaawulos gara dulluma isaa jala mana hidhaa biyya Roomaa jiru keessa taa’ee akkas jedhee barreesse: “Jarri tokko inaaffaa irraa anaan morkachuu irraas kan ka’e Kiristoosiin ni lallabu; warri kaan immoo fedha gaarii irraa kan ka’e Kiristoosiin ni lallabu. . . . warri akeeka ofii isaanii duukaa bu’anii yaada jal’aadhaan Kiristoosiin lallaban garuu, hidhamuu koo irratti rakkina kaasuu ni yaadu . . . fakkeessuudhaanis haa ta’uu, dhugaadhaanis haa ta’uu, akkuma fedhe ta’ee, karaa fedhe iyyuu Kiristoos haa lallabamu duwwaa!” Filip. 1:15-18. Hidhamuu Phaawulos keessatis Wangeelli biyya baayyeetti faca’e, lubbuu baayyeetu bakka teessumma Qeesaaritti Yesuusiif booji’ame. Inni seexanni balleessuudhaaf yaalii godhu dubbii Waaqayyoo isa baduu hin dandeenyeef deggersa ta’ee onnee namootaa keessa faca’e(l Phe. 1:23); ari’atamuu fi arrabsamuu ijoollee Waaqayyoo keessaan maqaan Kiristoos ol kaafamee lubbuu baayyeen fayyina argate.LGEI 34.1

    Gatiin warra Kiristoosiif dhugaa ba’uu keessatti ari’atamanii fi arrabsamanii samii irratti guddaa dha. Yeroo namootni qabeenya lafa irraa barbaadanitti, Yesuus immoo badhaasa isa samii irra jiru itti agarsiise. Haa ta’u malee, hunduma isaa fuula duraaf qofa hin keenye; asumatti jalqaba. Waaqayyo dulluma keessa Abiraamitti mul’atee, “Ani gaachana keeti, gatiin kee baayyee guddaa ni ta’a” Uum. 15:1. Kun gatii warra Kiristoosiin hordofan hundaati. Waaqayyo keessa, “Badhaadhummaan Ogummaaf beekumsaa hundinuu isa keessa dhokfamee jira” “guutummaan Waaqayyummaa Kiristoos keessa ni jiraata” (Qol. 2:3, 9)—yeroo onneen Isa fudhachuudhaaf, Isaa wajjin tokko ta’uuf, Isa beekuuf, Isa qabaachuuf, banamaa adeemutti; “Dhoksaan Ogummaa Isaa ammam akka bal’atu, ammam akka dheeratu, ammam akka ol fagaatu, ammam akka gadi fagaatu, hubachuu akka dandeessaniif; jaalala Kiristoos isa safara beekumsa namaa bira darbus beektanii guutummaa Waaqayyoo bira hamma geessanitti akka guutamtaniif nan kadhadha.” (Efe. 3:18, 19) ” ......kun wanta garboonni koo ana biraa argatanidha, isa ani isaaniif dhugaa baasudhas jedhee Waaqayyo kana dubbateera.” Isa. 54:17.LGEI 34.2

    Kana ture kan mana hidhaa Filiphisiyuus keessatti akka Phaawuloosii fi Siilaas gammadanii Waaqayyoon galateeffatan kan godhe. Kiristoos isaan bira ture, ifi argama isaatiis dukkana jiru duraa saaqee ulfina dhadacha samii irra jiru itti mul’ise. Phaawuloos hidhaa sibiilaa harka isaatti jiruuf utuu dhimma hin godhatin faca’uu Wangeelaa yeroo arge biyya Roomaa keessa taa’ee akkas jedhee barreesse, “Ani kanatti nan gammada, si’achis itti nan gammada” Filip. 1:18. Dubbiin Kiristoos dursee dubbate ergaa Phaawuloos ari’atamuu waldaa Filiphisiyuus keessa jirtu ilaalchisee barreesse keessatti deebi’ee caqasame, “Yeroo hundumaa Gooftaatti gammadaa, ammas irra deebi’ee nan jedhaa gammadaa.” Filip. 4:4.LGEI 35.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents