Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Raajota sobduu irraa of eeggadhaa.” Mat. 7:15.

    Barsiisonni sobduun karicha isa dhiphaa irraa isan kaachisuuf ni ka’u. Isaan irraa of eeggadhaa; Isaan raroo hoolaa yoo uffatan iyyuu keessi isaanii Yeeyyii butatani dha. Yesuus waan ittiin raajota dhugaa fi sobaa qorani ilaalan kenne, “ija isaaniitiin isaan ni beektu, ija wayinii balaan waraanteettii, arbuus kosorruuttii ciruu dandeessuuree?”LGEI 139.1

    Kan nuti isaan qorru waan namatti tolu dubbachuu isaaniitiin miti. Dubbii Waaqayyootiin isaanitti faradama. “Warra akka abboommii kanaa fi akka dhugaa kanaatti hin dubbanneef, lafti hin bari’u.” “Yaa ilma koo gorsa dubbii beekumsaa irraa si kaachisu dhaggeeffachu dhiisi.” Isa. 8:20; Fkn 19:27. Barsiisonni kun ergaa akkamii fidu? Gara Waaqayyoon sodaachuu fi kabajuutti isin geessaa? Seera isaaf abboomamuudhaan ulfina isaaf kennuutti isin geggeessaa? Yoo namootni barbaachisummaa seeraatti hin amanan ta’e; yoo yaada Waaqayyoo ni salphisu ta’e; abboommii isaa keessaa isa xiqqaadha jedhamu tokko ni cabsu yoo ta’e, akkasittis namoota ni barsiisu yoo ta’e, Waaqayyo biratti hundee hin qabaatan. Waanti isaan godhan hundee kan hin qabne ta’uu isaa ni beekna. Isaan hojii mootii dukkanaa fi diina Waaqayyoo isa ta’e sanaa hojjechaa jiru.LGEI 139.2

    Namootni maqaadhaan itti waamaman hundi kan Kiristoos miti. Warri maqaa kootiin barsiisan baayyeen dhuma irratti hir’atanii ni argamu jedhe Yesuus. “Baayyonni yeroos, Yaa gooftaa, yaa gooftaa maqaa keetiin raajii dubbanneerra mitiiree? Maqaa keetiin hafuurota hamaa baafneerra mitiiree? Maqaa keetiin hojii dinqisiisaa baayyee hojjenneerra mitiiree? Ni jedhu, Ani garuu ani isin hin beeku; isin hamootanana anattii fagaadhaa! Isaaniinan jedha.”LGEI 140.1

    Namootni dogoggoroo ta’anii utuma jiranii sirrii of se’an baayyeetu jiru. Baayyonni nuti kan Kiristoos jechaa maqaa Isaatiin hojii gurguddaa utuma hojjetanii hojjettoota jal’inaa ta’u. “Afaan isaaniitiin waa’ee jaalalaa baayyee ni dubbatu; garaan isaanii garuu bu’aa jal’inaa duukaa ni bu’a. Ati isaan biratti akka nama sagalee miidhagaadhaan weedduu jaalalaa weeddisuu fi akka nama mi’a faarfannaatiin ba’eessa godhee sagalee dhageessisuuti. Isaan dubbii kee ni dhaga’u, garuu hojii irra hin oolchan” Hiz. 33:31, 32.LGEI 140.2

    Maqaadhaan qofa bartuu ta’uun gatii hin qabu. Amantiin Kiristoos inni nama fayyisu akka baayyonni itti dhiyeessan miti. “Amani! Amani! Seera eeguun si hin barbaachisu” jedhu. Haa ta’u malee amantiin abbomamuutti hin geessine amantii sobaati. Yohaannis bartuun akkas jedha, “namni ani isa beeka jedhee abboommii isaa immoo hin eegne sobduu dha. Dhugaanis isa keessa hin jiru. 1 Yoh. 2:4. Namni kam iyyuu dubbii guddisuu ykn dinqii mul’isuu akka waan ittiin dhugaa mirkaneessanitti hin ilaalin. Yeroo namootni dubbii Waaqayyoo salphisanii dubbachuudhaan miira ofii isaanii mul’isan akka ifni Waaqayyoo isaan keessa hin jirre sanaan beekna.LGEI 140.3

    Bartuu ta’uun kan ittiin qoramu abboomamuudhaan dha. Abboommii eeguudhaan jaalala dhugaa qabnu mul’ifha. Yeroo barsiisi barsiifamne cubbuu nu keessatti ajjeesee, lubbuu keenya xuriittii qulleessee, ija qullaa’ummaa naqatu dubbiin sun dubbii dhugaa isa kan Waaqayyoo ta’uu isaa ni beekna. Yeroo jaalalli, gaarummaan, ho’i, gara laafummaan jireenya keenya keessaa mul’atu; waan qajeelaa gochuutti yeroo onneen keenya gammadu; yeroo anummaa utuu hin taane Kiristoosiin ol qabnu; amantiin keenya sirrii ta’uu isaa ni mirkaneeffanna. “Abboommii isaa eeguudhaan isa beekuu keenya ni hubanna.” 1 Yoh. 2:3.LGEI 141.1

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents