Loading...
Larger font
Smaller font
Copy
Print
Contents
Lallaba Gaara Eebbaa Irraa - Contents
  • Results
  • Related
  • Featured
No results found for: "".
  • Weighted Relevancy
  • Content Sequence
  • Relevancy
  • Earliest First
  • Latest First
    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents

    “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale, garaa isaatti isheetti ejjeera.” Mat. 5:28.

    Warri Yihuudotaa seera eeguu isaaniitiin warra kaan biratti ija sodaatiin ilaalamu. Bulchitootni Room warri karaa geggeessaa biyyattii gara Filisxeemitti fide yakka wal irraa hin cinne saba sana irratti fide, namootni biyya biraatii dhufan kun barmaata badaa ta’e, hawwa, fi gowoomsaa fidanii dhufan. Dhaggeefatootni kan isaan Yesuus irraa eegaa turan jarri kun baduu qabu kan jedhu ture; haa ta’u malee, dubbiin isaan dhaggeeffachaa turan hammeenya onnee isaanii keessa jiru qullaatti hambise.LGEI 60.2

    Yesuus akka jedhetti, yeroo yaadni cubbuu jaallatamee facaafamu, ammam illee dhookataa yoo ta’e cubbuun onnee sana irratti mo’uu isaa agarsiisa. Lubbuun sun amma iyyuu manii hadhaa’umaa fi garbummaa cubbuu keessa jirti. Namni yaadni qulqulluu hin taane keessa isaa buluutti gammadu, yaada hamaas kan facaasu, iji hawwaa, cubbuu bakkeetti mul’atu akka qaanii guddaatti ija aariidhaan ilaaluu danda’a ta’a. Cubbuu inni guddaan garuu, hammeenya inni onnee isaa keessa dhoksee dha. Waqtiin qorumsaa, kan tarii namni tokko cubbuu guddaatti kufu, yerooma sana kan uumame utuu hin taane, yeroo dheeraadhaaf gola onnee isaa keessa kan dhookatetu bakkeetti ba’uu isaati. Namni “Garaa isaatti akka of yaadu,inni akkasuma” wanti jireenyaaf barbaachisu, “Yaada garaa keessaa ba’a.” Fkn 23:7; 4:23.LGEI 60.3

    Larger font
    Smaller font
    Copy
    Print
    Contents